jump to navigation

Oromoo Lafa Abba Isaatirraa Buqqisuun Balaa Dhalicha August 8, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
add a comment

???????????

Oromia Tiyya

Misoomni, akkuma biyyoota guddatan keessatti argamutti barbaachisumman isaa wali nama waan gaafachiisu natti hin fakkattu. Misoomni biyyoota guddatan keessatti gaggeeffamu kan ummata mar’achiisuu fi dur-duubee (sustainability) akka qabaatutti karoorfama. Misoomni fedhii fi ilaalicha ummataa hubanna keessa hin galichine,umriin isaa gabaabadha. Armaan dura biyya Itoophiyaa keessatti mootummaan Darguu humnaan Oromoo fi ummatoota Itoophiyaa biraa fedhii isaanii malee lafa irraa buqqisuudhaan misooma adda adda gaggeessa akka ture yaadannoo yeroo dhihooti. Haa ta’uu malee, misoomni sun hundi gaafa Darguun kufu, ummatnumma itti bahuudhaa qabeenya san mancaase. Kun kan agarsiisu, gaafa misoomni sunniin karoorfaman, fedhii fi yaadni ummata akka hubanna keessa hin gallee namatti mul’isa. Ummatni, tajaajila adda addaa kan akka woldaalee misooma (Farmers’ Cooperative Associations), woldaalee tajaajila kennan (Service institutions), kkf hunda qabeenya isaan kan dhaabbattaa dabalatee ummatni mancaasutti ka’e. Kanaaf ragaan ummatuma, mootumman Woyyanees haala beeka. Asirraa maal baruun danda’ama?

  1. Misoomni fedhii fi yaada hawaasa naannoo hubanna keessa hin galichine, dur-duubni isaa…

View original post 390 more words