jump to navigation

Manii Marii Ministeroota Itoophiyaa faaydaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu jedhee irratti wixinee baasee labse. Master Plan (Master Killer) 2.0 July 1, 2017

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests.
Tags: , , , , , , ,
trackback

 

 

(VOA Afaan Oromoo,Waxabajjii 28, 2017):  Akkuma kanattiFinfinneen Oromiyaatti akkuma durii Finfinnee jedhaniin. Sadarakaa addunyaatti,ardiittii,akka biyyoolessaatti,akka mootummaa federaalaatii fi bulchiinsa magaalaatti ammoo Addis Ababa jedhanii yaaman.

Fifinneetti Afaan Oromoo afaan hujii tahanii hojjatan.Labsii manii marii laaluuf deemu tana nama hedduutti irratti mari’achuuf taa’a.

Yaadii ammaa bahe kun waan seera bulmaata mootummaa Federaala Itoophiyaa bara 1987 bahe keessa jiru.

Seerii gaafasii lakkoofsa 49 keeyyata 5 keessatti faaydaa addaa Oromiyaan Fifninnee keessaa qabdu eeganifii keessaa keessoo isii ammoo seeraan mirkansaniif jedha.

Seera wixinee kana baasuuf marroo hedduu carraaqanii hojjachaa bahan jedha gabaasii misnisteooraa mootummaa kun.

Faaydaan Oromiyaan Finfinnee keessaa qabdu kun faaydaa ummataa dhibii,Oromoo hin tahin Fifninnee keessa jiraatu gama tokkolleenuu jalaa hin tuquu.

Isumaa karaa qajeelaan akka waliin jiraatanii faaydaa waliin qabanillee jabeeffatan tolchaaf jedha gabaasii kun.

Faaydaa addaa Oromiyaan Finfinnee keessaa argatti jedhan keessaa tokko bulchiinsii Fifninnee maatii ijoolleen isaanii afaan Oromootiin afaan baqaffataniif, Finfinnee keessatti mana barumsaa Afaan Oromoo barsiifachuu fedhan mana barumsa sadarkaa tokkeessoo qopheessaaf.

Akka Oromoon afaan ufiitiin tajaajila aadaa,aartii fi tajaajila gara garaa argatu tolchuuf afaan Oromoo Finfinneetti afaan hujii tahan.

Wantii eennummaa Oromoo mullisaa Finfinnee keessa dhadhaabuulleen waan wixinee labsan keessatti bahe keessaa tokko.

Akkuma kanaan waan seenaa fi eennummaa Oromoo keessatti beekan Finfinnee keesssatti dhaabuuf deeman.

Karaa,waljajjii,ollootaa fi maqaa fulaa hedduu akkuma durii Oromoon yaammatuunitti jijjiiramuu qaban jedha Wixinee kun.

Maqaan Finfinnee jedhuu fi Addisa Ababa jedhu seera duratti walqixxee ulfinna qaba.

Bulchiinsii Finfinnee bajetuma ufiitiina qonnaan bulaa Oromootii fi hawaasa qabayaa seera qabdu dhaabeefii akka faaydaa irraa argatan tolchaa jedha.

Qonnaa bulaa Oromoo qahee isaa irraa buqqahellee akka innii mirga handhuraa ufii ka dhabe argatu tolchuuf waajjira dhimmi sun laaluufitti jaarama.

Warra duraan buqqa’ee waan isaaf male hin argatanillee qoratee waan qajeelachanifitti jiraa jedha wixinineen kun.

Marii seera wixinee hedduu baafte tana keesatti paartii OPDO,bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa,bulchiinsa naannoo Finfinneetii fi bulchoota mootummaa federaalaa hedduutti qooda keessaa qaba.

Wixinee tana irratti mari’atanii seeratti jijjiiruuf ammoo nama heddutti irratti mari’achuuf deema.

Mootummaan Federalaa rakkoolee naannoo Oromiyaatii fi Amaaraa hiriira nama baafate faluuf jedhee rakkoo isa keessa jirtu falee,gaafii ummataa deebisaa jedhee hojjachaa bahee jedha.

Taatullee labsiin wixinee amma baate tun waan hiriira kanaatiif bahuu fi dhibaachuu isii wantii gabaasii koree ministerooraa kun jedhe hin jirtu.


 

OPRIDEHere is a direct (word-to-word) translation of those “particulars” that the  Council of Ministers referred to the House of People’s Representatives for ratification. As written, the Amharic language draft, which is being denounced as master plan 2.0, is devoid of substance, vague and otherwise misleading. Click here to read more..

ODF: For over two years, across the width and length of Oromia massive protests were staged against the Addis Ababa Master Plan. Thousands were killed and tens of thousands herded into various detention centers for peacefully petitioning the government to respect and abide by the very laws it promulgated. Having brought the country under a state of emergency decree, the regime is relaunching the same Master Plan rejected by the Oromo populace under the guise of expansion of transportation and health services, rapid economic development, and proper compensation. Click here to read more..


Hayyuu Seeraa: Waa’ee Faayidaa Addaa Oromiyaan Finfinnee Irraa Qabuu Seerri Bahe Jedhamu Gaaffiilee Ijoo Uummata Oromoo Gaafate Hin Deebisne


Dr Tsegaye regassa Ararsa

Dr Tsegaye regassa Ararsa

 


https://www.facebook.com/OromiaMedia/videos/1950676215145236/

https://www.facebook.com/OromiaMedia/videos/1951204065092451/

 

 

OPDOn ammas Finfinne gurgurattee jirti. Wixinee manni marii ministirootaa qopheesse keessa mirgi gurguddaan Oromiyaan qabaachuu maltu hin jiru
– Dhimmi bulchiinsa waloo ( shared administration) hin jiru
– Galii magaalattii qooddachuun ( revenue sharing) hin jiru
– Bishaan magaalattiin Oromiyaa irraa argattuuf kaffaltiin hin jirtu. ( Finfinneen gandoota bishaan keessaa bahuuf boolla bishaanii jaarti jedha)
– Waa’ee Finfinneetti daangaa tolchuu hin jiru
– Kan biraa dhiisaati maqaan Addis Ababa jedhuuyyuu sadarkaa aaddunyaafi federaalaatti akkuma jiruun itti fufa. Finfinneen ‘beekkamti seeraa’ kennamaaf golgaa jedhuun jala darbame.

Kuni gonkumaa fudhatama hin qabu. Wixineen kun Oromiyaaf waan tokko osoo hin kennin magaalattiin kan amma duraa daran akka babal’attee Oromoo lafaa buqqiftu kan godhuudha. Kuni salphina. Hasharbashar wixineen kun qabate facebook Addis Araggaa dubbihimaa OPDO jalaa argattu. Jawar Mohammed

‘Mirga addaa Oromiyaa jedhamee kan dhihaate keessaa tokko “gabaa qonnaan bultoonni Oromoo midhaanfi kudraa itti gurguratan magaalattiin qopheessuu qabdi” jedha. Qonnaan bulaan Oromoo callaa isaa Finfinnee geessuun, isa caalaa magaalattii fayyada. Kan duraa ummanni magaalattii waan nyaatu kallattiin ( fresh) harka qonnaan bulaatii akka shamatatu haala mijeessa. Lammaffaa qaraxa silaa Oromiyaan Sulultaafi Sabbatatti guurrachuu malu bulchiinsi Finfinnee argate. Kanaafii bar labsiin kun dantaa Finfinneefi warri isii dhuunfate Oromiyaa irratti diriirsa kan jennuuf.’ Shamshadin Taha

The Proclamation of special interest should address: 
___________________________________________________

In a country where federalism is opted, a given legal policy matter may be percieved by all states, or by group of states or by one state. Accordingly, one can divide states’ interest into three; universal, categorical, and special [particularistic] interest. Space will not allow a full flegde analysis of the first two types. I focus only on special [particularistic] interest.

In special state interest, legislation affects a single state only or same legislation may have differential effects on states. It is percieved either by a single state or by different states in different ways. A single state percieves an interest vis-a-vis the federal government that it shares with no other state[s].

The concept of special interest entered the Ethiopian legal regime in 1992, in Transitional peroid. A Proclamation enacted to establish fourtheen National Regional Self-governments, proclamation number 7/1992, Article 3(4) reads:

The special interests and political rights of the Oromo over Region Thirteen [Harari] and Region Fourtheen [Addis Ababa] are reserved. These Regions shall be accountable to the Central Transitional Government and the relations of these Self-governments with the Central Transitional Government shall be prescribed in detail by special law.

Article 49(5) of the FDRE Constitution articulates:

The special interest of the State of Oromia in Addis Ababa, regarding provision of social services or utilization of natural resources and other similar matters, as well as joint administrative matters arising from the location of Addis Ababa within the State of Oromia, shall be respected. Particulars shall be determined by law.

Pursuant to the second proviso of the same Article, the coming [law] proclamation should address the followings:

⃣. Provision of social services፡

Access to housing, education, health, water, transport, other matters needed for achieving adequate living standards constitute social services.

⃣. Utilization of natural resources፡

Water, forest, mineras, stones, and everything else natural are natural resources. However, one may note that there is hardly any natural resources that the City offers to Oromia. The City itself is dependent on the natural resources of Oromia, out of the City.

⃣. Joint administrative matters፡

Administration is a practical management and direction of the executive department and its agencies. In effect, it involves and starts from representation in the Council and Administration of the City. The word ‘joint’ is important as it impresses fifty fifty per adminstration.

⃣. Other similar matters፡

The phrase, ‘other similar matters’ have no objectivity. Two lines of interpretations can be accorded.
The narrow line of interpretation argues other similar matters is meant to show matters that are immediate to those expressly mentioned. Accordingly, it includes land administration, free access to infrastructures, buildings, halls, industry, naming of the City and sub cities, security matters, participation on policy matters concerning matters affecting interests, and the like.
The second line of argument is broad. It includes automatic representation without election or permanent allocation of a percentage of seats of Addis Ababa City Council, addition of Afaan Oromo as working language of the City, levy and collect revenues and taxes, and the like.

⃣. Addis Ababa as part of Oromia vs independent City:

During the Transitional Period, as established by ‘proclamation’ {not proclamation in strict sense} number 1/1991, Addis Ababa was a City State, proclamation number 7/1992, Article 3(1). This proclamation is repealed by the Federal Constitution, proclamation number 1/1995, by which Addis Ababa is omitted to be City State, by default of Article 47(1).

The Constitution spells out that Residents of Addis Ababa have full measure of self government, and shall be represented in the House of Peoples’ Representative, Article 49(2 and 4). These two Sub-articles give an impression that Addis Ababa is an independent City. It is by the same impression the Charters of the City are proclaimed, establishing the City as independent Chartered City Administration, proclamations number 87/1997 and 361/2003.

Further, Article 49(3) of the Constitution renders the Administration of the City responsible to the Federal Government. The Federal Government, hence, has interest over the City in this regard.

The same Constitution emphasizes the location of Addis Ababa is [with] in Oromia. In line with this scenario, Article 2(1) of the Revised Constitution of Oromia, proclamation number 46/2001, defines Oromia as an ‘… uninterrupted territory…’ The quoted phrase is intended to convey Oromia as landmass, the territory of which is connected from one point to the next without being interrupted. It, in effect, claims Addis Ababa as part and parcel of the State or City within the State.

The proclamation is expected to entertain and harmonize the status of the City as self government City while determining the special interest of Oromia as the location of the City is within the State.

⃣. Intergovernmental relations:

Federalism inevitably implies intergovernmental relations. Leave alone the existence of the interests of Federal Government and Oromia, which are two different governments in the Ethiopian Federation, over Addis Ababa, the recognition of special interest of Oromia in the City Administration, joint administration in particular, necessitates the existence of intergovernmental relations.

The recognition of special interest of Oromia despite the City has full measure of self government and the responsibility of the City to the Federal Government entails the tripartite interrelations, Article 49(2,3 and 5).

The proclamation should ascertain this trinity and establish a channeling institution among them.

⃣. Spillover effects:

Spill over effects are externalities those are not directly evolved in something. In one way or another, the recognition of special interest is a due acknowledgement of the existence of [negative] spill over effect.

Among different studies, a study conducted by Action Professionals Association for the People, aka APAP, indicated downstream users of rivers flowing out of Addis Ababa face health problems, environmental pollution and other human suffering due to the pollution by liquid and solid products of industries and garbages of dwellers of the City, APAP, press release, 20/12/2005. Hence, it seems, the Constitution is trying to disseminate the message that the spillover effect can only be redressed if and only if the special interest is recognized.

The proclamation, while determining the special interest, should address the scheme of redressing the spillover effects in particular.

The Constitution is general in general and Article 49(5) is general in particular. As the Constitution has these things to accomplish, the determining proclamation should address the same in detail. Failing in short of these, the proclamation does not fully and duly serve the purpose of the Constitution.


‘Bu’aa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu: Qurrammi Oromoo Dargi finqilche waan biraa waliin hobbaatii heera saa aango 45/5 keessatt dabales argamsiisee jira. Suniyyuu naannaa waggaa 25f Mormii Oromoo lafa sossoosaa fi wareegama yeros baafameef malee awwaalamee ture. Amma TPLF wuxinee seeraa qabattee sana laalu irratt ifsa baasee jira. Sunis wuxinee seeraa kan dursee ambaaf dhimise ture. Yaa’a tumaa keessa maal fakkaatee akka bahu ta’innaan malee hin beekamu. Mootummaan TPLF ang’aa isa duraa ari’ee Finfinnee kan qabate akka boojuutt malee Oromoon yk ummati biraa fedheef miti. Kanaaf Finfinnee irratt angoo fi mirga, akkasumas abbaawummaa biyya Finfinnee marsee jiru irratt ejjennoo seeraa haa tahu safuu hin qabu. Akka ifsichi jedhutt Finfinneen laaqii Oromiyaa gidduutt argamtu utuu hin tahin qaama saatii. Haalli danuu seenaa, mooraa lolataa koloneeffataa taasiseen jijjiiramuu kan dandahu yoo Oromiyaan kolonummaa baate qofa. Koloneeffataa fi kanneen biroo waliin hariiroo ummachuun kan dandahamu yoo Oromiyaan kolonummaa baate qofa. Yoo haalli sun jijjiiramee Oromiyaan jara kaan waliin federeeshina uumuu barbaadde, finnooti federaawan hundi haala maaliin Finfinnee akka magaalaa muummitii federeeshinaatt dhimma bahan yk magaalaa biraa bu’uursuuf dhoofsisuu qabu. Itt gaafatammi bulcha magaalaa Finfinnee fi magaalota Oromiyaa hundaa federaalaaf utuu hin tahin finnaa Oromiyaaf taha. Seerri ittiin bulan dhimma federaalaa utuu hin tahin kan Oromiyaatii. Haasaan waa’ee bu’aa Oromiyaan Finfinnee irraa qabduu si’ana walmaraa jiru waa’ee mirgaaf utuu hin tahin gara dabarsuu fi malaammaltummaaf kan karoorfame.’ Ibsaa Guutamaa

KFO: Finfinneen Akkuma Magaalaalee Oromiyaa Biroo Mootummaa Oromiyaa Jalatti Buluu Qabdi

(VOA Afaan Oromoo,  Wxabajjii 29 bara 2017): Faayidaa addaa Oromiyaan magaalaa Finfinnee irraa Argattu ilaalchisee, Manni Marii Ministeerotaa Itiyoophiyaa walgahii gaafa Kibxata dabre geggeesseen dhimmoota seera ta’anii tumamuu qaban – jedhe irratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’uota Uummataaf ibsa baaseen beeksisee jira. Dhimmi kun Mana Maree Bakka Bu’uota Uummataan seera ta’ee bahuu isaa dura, qaamota dhimmi ilaaluun akka mariin irratti geggeessamu dubbata.

Gama biraatiin, Miidiyaa hawaasummaa dabalee, sabaa-himaalee adda addaa irratti qeeqawwanii fi mormiileen wixinee seeraa yaadame kana irratti dhihaataa jira. Paartiin mormituu – Koongiresni Federaalawa Oromoo, waa’ee qabiyyee ibsa bahe sanaa maal jedha? Namoon itti-aanaa prezidaantii paartichaa – Obbo Mulaatuu Gammachuu haasofsiisee jira.

Gabaasaa guuutuu dhaggeeffadhaa

 


COMMENTARY: THE INTEREST THAT IS NOT SO SPECIAL: ADDIS ABEBA, OROMIA, AND ETHIOPIA


TPLF’s baby candy for Oromia: Is it the question of Freedom or Question of Addis Ababa

 


Lakkii yaa Shaggar
Lakkii yaa Finfinnee
Haqa sirraa dhabnee
Kanaaf si jibbinee
Jibbaa keessi sobaa
Lakkii nuy dhiiftee
Hin jiraatiin qofaa
Cabni kee kan keenyaa
Ookkolli keenyaas keetii
Osoo Warqee sirraa qabnuu
Maaf nuuf laattaa Meetii
Lakkii yaa Shaggar
Lakkii yaa Finfinnee
Diddu si abaarraa
Haandhuura kee dhiifnee
Moggaarra marmaarraa
Jilbaan jilbeeffannee
Waan abaarsaa hundaa
Seeraan qixeeffannee
Kan si saamuuf deemuun
Haa hankaaku jennee
Sagaleetu huursee
Iyyee-mankararaa
Kan Qomoof lammiitii
Kanaaf wal-mararaa
Burqaan imimmaanii
Gullalleerraa madda
Daalattitti wal-kuuseet
Aqaaqitti darba.
Finfinnee si gaaf’uu
Deebii naa deebistaa
Imimmaan Oromoo
Dhugde akka Illeensaa
Lakkii yaa Finfinnee
Hin bahiin nu keessaa

Meeqa manaa baaftee
Achumaan hambiftee?
Reeffa kichuuf hayyuu
Qurxummistee nyaattee
Awwaalcha dhorkitee
Kaanis dhidhimsitee
Kaanis Allaattiif laattee.
Qondaalticha nanaa
Qondaala Finfinnee
Ati diina Oromoot
Obboleessa Lilmee.
Amma osoo ka’ani
Abboonnikoo durii
Tufaa inni Gullallee
Abbaankoo Galaanii
Osoo sitti dhufanii
Abbichuus waamanii
Silaa maal deebiftaa
Ni himtare xuurii?
Dhugaa waaqaa-lafaa
Kumni eessa seenee?
Harka kee keessatti
Meeqatu maseenee?

Hin dhageessuu laata sagalee Oromoo
Boo’icha mararroon haadhashee waammattu
Iyya haadha hiyyeessaa imimmaan haayyoolee
Mudhiishee hidhattee ilmoosheef watwaattu
Boo’ichi lammiikoo wal-kuusee-wal-kuusee
Waraabessi Finfinneerraan caccaraanee yuusee
Iyyee mamardhatee gungumee gadoodee
Imimmaan coccosee ija harmee guusee
Lakkii gantuun ta’iin
Hin yaadiin yoomillee
Si jaalannaa malee si jibbina hin jennee
Si sossobuu malee sitti iyyina hin jeennee
Lakkii garaa laafii si feenaa yoomillee

Copha Sammuurraa!
Of-beekuun injifannoo injifannoo caaluudha!
Margaa Angaasuu Amanaa
June 28, 2017


Ten Preliminary Measures Oromia MayTake on Addis Ababa Until the Prodigal City will Submit to the Jurisdiction of Oromia
***********************************************************************

Until the full ownership and territorial integrity of Oromia is fully and completely restored on Addis Ababa as an Oromia city, the Oromia Regional State and the Oromo people should start taking the following preliminary measures to force the submission of the prodigal city of Addis Ababa to the full legislative, executive and judicial power of Oromia National Regional Government, with immediate effect.

1. Oromia National Regional State should immediately and unilaterally delimit and demarcate the boundary between this prodigal city and Oromia National Regional State based on the 1991 border of this city, and ban this city from collecting any form of tax outside its borders and jurisdiction.

2. Oromia National Regional State should immediately adopt Afaan Oromo as the working language for all official and business communications with this prodigal city.

3. Oromia National Regional State should stop using Addis Ababa as the market hub for all Oromia business, and relocate to Oromia cities. All Oromia markets including but not limited to grain markets, vegetable and fruit markets, meat and live animal markets, coffee markets, hid and skin markets and all other resources of Oromia should be relocated to Oromia cities. Oromia should license Oromia based exporters for all Oromia resources and products; and ban Addis Ababa-based exporters from exporting Oromia commodities, goods, and products.

4. Oromia National Regional State should immediately stop using Addis Ababa general distributors and wholesalers, and start licensing Oromia general distributors and wholesalers to distribute imported goods and services throughout Oromia. Oromia National Regional State should immediately license Oromia importers of all goods and services sold in Oromia markets.

5. Oromia National Regional State should immediately issue laws that will impose tariff, taxes and sale price on water and electricity supplies Oromia provides to Addis Ababa, and start rebuilding Oromia from these proceeds.

6. Oromia National Regional State should immediately impose a toll on all Addis Ababa licensed cars including private and commercial cars, taxis, trains and buses that use Oromia roads. The proceeds collected from these road tolls will be used to rebuild Oromia infrastructures and maintain Oromia roads.

7. Oromia National Regional State should immediately issue laws that will impose dry port service fees for all imports and exports passing through the inland dry port at Mojo to Addis Ababa.

8. Oromia National Regional State should start charging lease and real estate taxes on all Addis Ababa owned properties located in Oromia including factories, businesses, and other facilities.

9. All Addis Ababa waste disposal facilities in Oromia should be closed until the health effect and environmental sustainability of those facilities are studied and Oromia determines the appropriate cost and fees Addis Ababa should pay to continue using these facilities, if at all.

10. Oromia National Regional State should issue laws that will totally ban Addis Ababa from getting any land either in the form of a lease or sale from private or government entities in Oromia except through limited term rent!


Comments»

1. OSA: Statement on the Draft Law on Oromia’s Special Interest in Addis Ababa | OromianEconomist - July 1, 2017

[…] Manii Marii Ministeroota Itoophiyaa faaydaa addaa Oromiyaan Finfinnee irraa argattu jedhee irratti w… […]


Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: