Oromia: Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Malkaa bara 2017 ilaalchisee ibsaafi qajeelfama September 21, 2017
Posted by OromianEconomist in Irreecha, Uncategorized.Tags: Africa, Irreecha (Irreesa) Oromoo, Irreecha (Oromo Thanksgiving), Irreecha 2017, Oromia, Oromo, UNESCO world Heritage
trackback
Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Malkaa Hora Harsaditti bara /2017 ilaalchisee ibsaafi qajeelfama
Tumaa Caffee Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromiyaa kan Fulbaana 06, 2010 teessuma Odaa Bultumitti dhimma Irreechaa ilaalchise baase irratti erga mari’annee booda fudhannee jirra. Abbootiin Gadaatis dhimma kana sirriitti gadi fageessanii erga mari’atanii booda murtii bilchaataafi ejjannoo cimaan gadi bahuu isaaniitiif ni galatoomfanna. Haaluma kanaan ayyaana bara kanaa Qeerroon godinaalee hundaa erga mari’annee booda akkaataa kabaja ayyaana Irreechaa irratti ibsaafi qajeelfama armaan gadii baafnee jirra.
Akkuma nu hundi gaddaan yaadannu irreecha bara dabree irratti yakka seenaan hin irraanfanne nurratti hojjatamee obboleeyyan keenya dhibbaatamaan wareegamanii jiran. Ayyaanni baranaa kan yakka san itti yaadannuudha. Kanaaf waamicha Gumii Abbootii Gadaa fudhachuudhaan;
1) Ayyaanni baranaa kan obboleeyyan keenya bara dabre harka diinaatiin wareegaman itti yaadannu ta’a.
2) Ayyaanni kun nagayaan akka raawwatamuuf waamicha Gumuu Abbootii Gadaa fudhachuun Qeerroon tumsa irraa barbaadamu hunda akka goonu waadaa galla.
3) Ayyaanni kun akkuma aadaan ajajutti abbummaan Gumii Abbootii Gadaa Oromiyaatiin geggeeffamuu qaba.
4) Waltajjiin ayyaanichaa hooggansa Abbootii Gadaa jalatti dargaggoota saba biratti jaal’atamoo ta’aniin geggeeffama. Sagantaan ayyanichaa dursee waliigalteedhaan kan qophaa’u ta’a
5) Yakka bara dabre hojjatameef mootummaan hanga ammaa yakkamaa tokkos adda baasee hin adabne. Haala kana keessatti waltajjii irreechaa irratti qondaalli mootummaa kamiyyuu argamuun miira hirmaattotaa jeequun rakkoo uumuu waan maluuf akka hin argamne cimsinee akeekkachiifna.
6) Poolisiin Oromiyaa, hidhannaa maalee, nagaa fi tasgabbii uummata keenyaa eeguuf, hojii tikaa fi tasgabeessuu seeraan irraa eegamuu dhiibbaa tokko malee gochuutu irraa eegama. Hojii sakatta’iinsaa poolisiin Oromiyaafi namoonni Gumiin Abbootii Gadaa dursee filee leenjisuun geggeeffama. Namoonni kunis mallattoo addaa ittin beekaman laatamuufi qaba.
7) Akkaataan wareegamtoota bara dabree ittiin yaadannu
– Jala bultii ayyaanchiaa irratti sangataan doongoo obsuu mooraa Gumii Abbootii Gadaatti geggeeffama.
– Hirmaattonni wareegamtoota yaadachuudhaaf muraa sabbataa ykn huccuu adii harka mirgaattii hidhatu
– Kaayyoo qabsoo isaan irratti wareegaman bakkaan gahuuf murannoo fi waadaa haaromsuuf sabbata ykn muraa huccuu diimaa mataatti hidhatu
– Waltajjiin yeroo banametti daqiiqaa lamaaf caldhisuudhaan wareegamtoota erga yaadannee booda manguddoon warra wareegameef kadhannaa godhu. Walaloon yaadannoo gootota wareegaman yaadachiisuuf ta’u kan dursee Gumii Abbootii Gadaatiin raggaasifme ni dubbifama.
Haaluma kanaan Qeerroofi uummanni keenya akkuma durii baay’inaan Irreecha baranaa irratti hirmaachuun, gootota bara dabre nu biraa kufan kabajaan yaadachaa, haala Oromiyaafi Oromoo yeroo ammaa mari’achaa, ayyaana qabsoo hadhaawaan as gahe kana daran miira Oromummaatiin akka miidhagsinu waamicha isiniif dhiheessina.
Qeerroo Oromiyaa
[…] Oromia: Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Malkaa bara 2017 ilaalchisee ibsaafi qajeelfama […]