Wanti barbaachisaan maqaa Itophiyaa utuu hin tahin, akka ilmaan namaatti fedhan waliin jiraachuuf maqaa fedhe jalatti walii galte hawaasomaa uumuu dha. Obbo Ibsaa Guutamaa irra February 15, 2019
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Decolonizing Development, Ethiopia, Ibsaa Guutamaa, Oromia, Self determination, Social Change
trackback
What is important is not the name Ethiopia, but the will to enter into a social contract to live together in peace as human beings under any name.
Kanneen bara Minilik duudan ammallee Oromiyaa biyyoota mootii xixiqqoo isaan bulchoota muudaniifitt ciruu abjootu. Qaabannoo gabaabachuun, dargaggoon Oromo kaleessuma biyya ofii irra darbanii isaanuu bulcha abbaa hirree hamaa, TPLF jalaa bilisa baasuu saanii irraanfatanii jiru. Ummati Oromo fi dargagoon saas hardhas tokkummaa biyya ofii irraa hamaa ittisuuf caalaa dammaqanii eeguu cimsaa jiru. Finfinneen keenya jechuun “Humnoota tokkummaa”, akeeki saanii sana utuu hin tahin, Oromiyaa gargar kutuu akka tahe beeku. Kun waan haaraa utuu hin tahin bara Qinijjitii kaasee kan karoorfatanii. Wacabbarii saanii gidduu kanaa sanumaaf ture. Oromo bilisaa fi walabummaa hameessa saanii waggaa dhibbaa olii, biyya Oromoo, Oromoo biyaa (Oromiyaa) jibbu. Kallachi mormii Oromoo, dargaggoon Oromoo fi demokratoti biraa empayera keessa jiran TPLFiin kan buqqisan goblaa mirgaa kan tahe abdattuun sirna Nafxanyaa bakka buufachuuf miti. Sirni imperial dullachii sadarkaa kabeebsuun hin dandahamett babbaqaqee jira. Gaaffiin ama jiru Itophiyaa dullattii akkamitt dhinsinaa utuu hin tahin, mirkanii lafa jiru, moo’ummaa ummatootaa fudhachuu dha. Yoosi, kan tokkee haaraa fedha ummatootaa irratt hundaawe ijaaruun kan dandahamuu. Akeeki sochii bilisummaa Oromoo qabaa Itophiyaa jalaa Oromiyaa walaboomsuu dha. Sana bakkaan gahuuf waan teekinikaa xixinnootu isa hafee ture. Kanaaf akka ta’iisi sun xifa hin jirreett fudhachuun waldiddaa caalaatt hammeessuu dandaha. Kaayyoo ummata Oromoo ABOn akka ganama dhihaatett tuffiin ilaaluun ayyaamii saba sanaa waldhaaluu taha. ABOn fardaa, yoo dulloome Kaayyoo, ayyaana sabaa utuu hin tahin farda biraatu bakka bu’a. Kan tahuu qabu golooti nagaa jaallatan hundi, yaayyoo karaa mormii ummata booda jijjiirama demokraatawaaf yayyabame hanga xumuraatt hordofuu dha. Danuun seenaa bulcha cehumsaa Garee Lammaa Dr. Abiyyiin hogganamu uumee jiraa. Yero ammaa filmaati wayyaan jiru isaanuma. Deggersi keenya qeeqaa tahuu dandaha, garuu ifaajjee jijjiiramaa barbaachisu fiduuf akka dandeessisutt ijaaraa tahuu barbaachisa. Bu’aa ciicannoo kennaafiin wal amantee uumaa; mucuci asii fi achii, miiddhaan dhaqabsiisu yoo jiraate bu’aa yaa’icha keessa argamu hin caaluu. Waggoota dhibba tokkoof sammuu dhiqaaan jiraatuyyuu Itophiyaa tahuu kan hin fudhatin jiru. Kanaaf, ta’innaan, godinicha tokkeessuuf tattaaffiin godhamu mirkanii jiru kanaan wal gitchisiisuun barbaachisaa dha. Jalqaba, rakkinoota waggoota dhibbaa fi shantama as haanan keessatt kahan erga ilaallee kan waggoota kumaatt dabarra. Mirga saba hiree ofii ofiin murteeffachuu kan walabummaa dabalatu beekuun wal amantee sabootaa fi sabaawota akka walqixxeett waliin mari’achuu mijjeessu uumuu dandaha. Tokkumaan olii gad gonfamu, si’achi fudhatama hin qabaatu. Uumaa empayerii irratt qayyabannoo waloo qabaachuu yaaluun wal nokkora hedduu hambisuu dandaha. Qabeen saa, namoota daaya, gootota, alaabaa, afaan, aadaa fi seenaa tokko hin qabne, biyya ofii qaban kan tahee dha. Barri imperiyaalism jara akkasii humnaan bulcha tokko jalati fide. Hariiroon haala sana jalatt gaggeeffamaa ture hariiroo ashkarii fi goftaa giddu jiru ture. Booji’amootaa fi bitamtee hojjettuun Oromoo, Empayera Itophiyaaf dirree hedduutt gumaachanii. Dirree lola gurguddaatt jabduu agarsiisanii jiru; makiinaa afaan Amaaraa barressu (type writer) uumaniiruuf; dirree hogbarruu fi ooginaa afaan Amaaraa fi sportiitt kkf Itophiyaatt kan isaan gitu hin turre. Tajaajilli akkasii addatt kan Itophiyaa qofaatt beekame miti. Gumaachi Pushkin, Ruusiyaaf galmeeffame malee biyya tarii keessaa maddee Iroobiif miti. Gumaachi garbooti gurraachi qarooma addunyaaf tolchan Afrikaaf utuu hin tahin biyyoota gooftolii saaniif galmaawan. Biyya tokko keessatt tajaajiltummaan qooda fudhachuu fi bilisummaan hojjechuun adda addaa. Kanaaf “Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha” kan jedhamu yaadataa, qabattee mirgoota ilmaan namaatt of haa daangessinu. Gumaacha ashkarootii fi booji’amtooti isaan keessaa maddan tolchan Oromoo gowwoomsee gaafii bilisummaaf qaban irraa isaan hin maqsuu. Akka daagaagicha Afrikaa fi ummata aadaan riqata qabuutt Oromoon waan tokkummaa Afrikaaf gumaachuu dandahan hedduu qabu. Garuu dura duubbee cimaa, Oromiyaa barbaadu. Gidiraa jiraatus, waliin jiraachuun jaarraa tokko olii, anjaa kennuun gara jijjiiramaa demokraatawaatt atoomaan waliin hojjennee ummati akka bilisummaan hiree saanii murteeffatan humneessuu ni dandeenyaa. Eenyuu maqaa Itophiyaa jala da’atee, sirna dullacha deebisee fiduu akka hin dandeenye gochuu dha. Fakkeenyi sirna dullacha, namichi ergaramaan tokko, ofii bututtuu uffatee kophee malee, ijoollee saa qullaa of jala yaasee harreett midhaan, dammaa fi dhadhaa fe’ee, qoraan gateettii baatee, tumaalessa ijoollee saa harkisiisuun warra abbaa lafaa gabbatoo takkaa hin daarre, afaan saa hin beekneef fida ture. Sun deebi’uu hin qabu. Ijoolleen Oromoo utuu hin quufinn, utuu daara hin bahin, utuu barumsa hin qabaatin, ummati Oromo jeejee,i dhukkubaa fi bulcha badaatt saaxilamaa qabeeenya Oromoo eenyuu saamee ittiin gabbachuu hin qabu. Wanti barbaachisaan maqaa Itophiyaa utuu hin tahin, akka ilmaan namaatt fedhan waliin jiraachuuf maqaa fedhe jalatt walii galte hawaasomaa uumuu dha. “Lammafata bishaan gaanii” jette hantuuti, jedhu Oromon. Bishaan gaanii keessa cubuluqxee akka tasaa dhangalaafnaan baraaramtee. Oromiyaan haa jiraattu!
What is important is not the name Ethiopia, but the will to enter into a social contract to live together in peace as human beings under any name.
Those deafened during the time of Minilik still dream of partitioning Oromiyaa into small kingdoms whose rulers will be ordained by them. Their memory being short, they have already forgotten that it was only yesterday that Oromo youth freed not only own country but also theirs from tyrannical rule of the TPLF. Oromoo people and their youth are still today standing guard vigilantly to protect integrity of their country. That the real objective of “Forces of unity” claiming Finfinnee is not in itself but aimed at dividing Oromiyaa is well known to them. This is only a plan that started during the time of Qinijjit. That was what all their hullabaloo of these days about. They hate to see free Oromo and independent Oromo country, Oromo biyyaa (Oromiyaa) their milk cow for over hundred years. It should not be expected that Oromo youth, the vanguard of people’s protest and all democratic youth in the empire that helped in removing the tyrannical rule of TPLF to tolerate another right wing Nafxanyaa system hopefuls to replace it. The old imperial system has cracked beyond repair. The demand now is not how to mend old Ethiopia but recognizing reality on the ground and taking each people as sovereign. That is when reconstructing a new union based on the will of the peoples becomes possible. Oromo liberation movement aimed at liberating Oromiyaa from Ethiopian occupation. It has almost done it except for some technicalities. Therefore, to talk as if that phenomenon never existed is inviting the conflict to escalate. Undermining the Oromo national Kaayyoo as originally articulated by the OLF is failing to understand the psychological makeup of that nation. OLF is only a horse; if it ages another horse will be replaced not the Kaayyoo, spirit of the nation. What should be done is that all peace-loving parties cooperate in following to the end the road map for democratic change that is drawn as a result of people’s protest. Historical accident has created a transitional administration led by Team Lammaa chaired by Dr. Abiy. Right now, they are the best alternative available. Our support can be critical but constructive so as to help them in their effort to bring about the required change. Give them benefit of the doubt; probable damages from slips here and there will not be greater than the benefit one gets from the process. Despite the over one and half century brain washing not everyone accepts being Ethiopians. So, assumptions made to unite the region should be adjusted to this reality. Let us first deal with problems created in the recent hundred fifty years and later we shall deal with those of the thousand years. Recognizing the right of nations to national self-determination up to and including independence creates trust that will enable all nations and nationalities to confer as equals. Super imposed union is no more acceptable. Common understanding of nature of the empire could save us unproductive controversy. It is composed of peoples that have no common vision, no common heroes/heroines, no common flag, common language, culture and history and have own territory. The era of imperialism had brought all this under one rule by force. All relation under that condition were done in servant, master relations. Oromo captives and merceneries have contribute much for the Ethiopian empire in so many fields. They have fought courageously in many known war fields. The have created Amharic type writer; No one excelled them in the field of Amharic literature and arts and Ethiopian sports etc. Such service of slaves is not peculiar to Ethiopia. Pushkin’s contribution is registered for Russia not for Iroob from where he might have originated. Contribution of black slaves to world civilization was not registered for Africa but to their masters’ countries. To take part in a country’s business while in servitude and working as a free person are two different things. Therefore, not forgetting the saying “Trying to fool a smart one is to beg for hatred”, let us stick to the issue of human rights. Praising Oromo nation for contribution of servants and captives originating from it will not fool and distract Oromo from their demand for freedom. As one of the giants of Africa and having the essential cultural inclinations, Oromo have lots to contribute to Pan Africanism. But first they need strong rear, Oromiyaa. Using our living together for over a century, we can turn our past misfortunes into greater advantage of working in harmony towards democratic change, empowering peoples to freely determine on their fate. No one should be allowed to hide under the name Ethiopia and bring back the old order. Example of old order is, a dilapidated man wearing tattered clothes and having no shoes, being followed by his naked children, with donkeys loaded with cereals, honey and butter, and carrying fire wood on his shoulder and his children drawing a ram for well-fed well clothed family of his land lord that do not speak his language. That should not be repeated. Sun deebi’uu hin qabu. When Oromo offsprings do not have enough to eat, enough to cloth, have no education opportunity and when Oromo people are exposed to hunger, decease and bad governance, no one should plunder Oromo resources and enrich oneself. What is important is not the name Ethiopia, but the will to enter into a social contract to live together in peace as human beings under any name. As an Oromo saying goes, “Never again tank water said the mouse” when water in the tank she was drowning in was accidentally poured out and she survived. Oromiyaan haa jiraattu!
Leave a Reply Cancel reply
This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.
Comments»
No comments yet — be the first.