Oromia: Iyya Koyyee March 6, 2019
Posted by OromianEconomist in #SidamaProtests.Tags: Iyya Koyyee, Justice to Oromo Farmers, SAY NO
add a comment
Lafa Oromoo saamanii qaama Finfinnee godhuuf murteen har’a dabre ergaa guddaa dabarseera. Hurrii duraan nutti maraa bahan nuu saaqee qulqulleesseera. Akkuma kaleessa jenne gara itti deemaa jirru nuu akeekeera. Murteen kun hayyama MNO ala godhame jechuuf ragaan hin jiru. Taakkalaan ODP dha. Finfinnee isatu bulcha. Ixaa kanas isatu baasise. Kanaafuu ODPiitu lafa Oromoo lubbuun gootota qaqqaalii 5000 itti gabbarame dabarsee kenne. Dantaa Oromoo dabarsanii kennuun waadaa kaleessa ”Gooftaa keenya ummata keenya” jedhan san ganbuu dha. Gantuuf ammoo gatii barbaachisu ummanni keenya ni beeka. Salphoo soqolatte soqolaa gargaaruu itti beeyna.
Qeerroo!!
Qabsoo kee dhiiga kumootaa itti wareegdee asiin geesse. OPDOn sabatti deebiteetti jechuun amanattee imaanaa kee itti kennattee nu ceesisi jetteen. Amma jarri imaanaa kee ormatti gurgurataa jirti. Kanaafuu bakka jirtuu ganiinsa kanaaf deebii malu kennuuf of qopheessi. Rakkoo sababa kanaan dhalachuu malu kamiifuu kan itti gaafatamu qaama imaanaa ummataa gane qofa dha. Guyyaa har’aa irraa qabee tasgabbii dhabiisa dhalatu kamiifuu kan itti gaafatamu qaama Mootummaa ofiin jedhuu dha. Qabbanaahu harka, gubu fal’aana!
Dhimmi finfinnee ijjannoo ifa ta’een qabsa’uu qabna.
1ffaa bulchiinsi finfinnee guutummaa guututti Oromiyaa jala galuu qabdi. Akkuma magaalaan oromiyaa keessa jiraatan daangaa magaalaaf malu Mootummaan oromiyaa tolchuu qaba.
2ffaa Eenyummaan oromoo waggaa 100 oli finfinnee keessaa haqame bakkatti deebi’uu qaba.
3ffaa seerri wayyaaneen fayidaa addaa jettee dhimma finfinnee tumte guutummaatti haqamuu qaba.
4ffaa hixxaan amma bahe kun guutummaatti haqamuu qaba.
Kondominiyeemii. Koyyee Faccee, Galaan, Tullu Diimtuu fi Galaan bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa gala jiru. Finfinneen seeraan ala ijaarte. Tarkaanfiin sirrii manneen kana godina addaaf dabarsanii akka godinni raabsu gochuu qofa. Raabsaan amma Finfinneen goote seeraan ala. Namni Finfinneen kenniteef tokkos itti galuu hin danda’u.
You must be logged in to post a comment.