Advertisements
jump to navigation

OSA 33rd Annual Conference Held in Oromia, Finfinne #OSAinOromia July 27, 2019

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , ,
trackback

Yaa’iin Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) waggoota 33 booda Finfinneetti eegale #OSAinOromia

Yaa’iin Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) waggoota 33 booda Finfinneetti eegale

BBC Afaan Oromoo, 26 Adooleessa 2019

Pirezidantii Itti - aanaa Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa kana irratti argamaniiru

Yaa’iin Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) 33ffaa Magaalaa Finfinneetti bakka hayyuulee fi qondaaltoonni motummaa olaanoo argamanitti Yunivarsiitii Rifti Vaaliitti eegale.

Dhaabbanni seenaa fi aadaa Oromoo qorachuuf hundaa’e kuni magaalaa Finfinneetti yaa’ii yeroo taa’u waggoota 33 keessatti kun kan duraati.

Yaa’ii kana irratti haasaa baninsaa kan taasisan pirezidantiin waldichaa Aadde Kuulanii Jaalataa ammaan dura seenaa dogoggoraa namoonni seenaa Itoophiyaa barreessaa fi himaa turan sirreessuu keessatti OSA qooda guddaa baheera jedhaniiru.

Dabalataanis, seenaafi aadaa Oromoo qofa osoo hin taane waldaan kuni addunyaan seenaa saboota kaan kan akka Hadiyyaa, Walaayittaafi kk akka hubatu gargaareera jedhan.

Pireezidantiin Itti – aanaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa kana irratti kan argaman yoo ta’u hojii dhabbati OSA’n hojjataa tureef galata argachuu qaba jedhaniiru.

Haala siyaasaa Itoophiyaa keessa tureen dirqamee biyya alaatii hojii qorannoofi barnootaa kan hojjetaa ture OSA fi michoonni isaa injifataniiru jedhaniiru.

Ummata Oromoo maraan baga ijoolleen keessan biyyatti isiniif galan jedhan jechuunis Oromoo harka fuudhan.

”Osooma mortuun mortuu hortuun horti, iniifannoon Oromoo itti fufa!” kan jedhan Obbo Shimallis, dhaloonni amma jiru duudhaa sirna gadaa abbootii isaa cimsatee akka deemuuf qo’annoo fi qorannoo taasisu cimsuu akka qabu dhaamaniiru.

Obbo Shimallis itti dabaluunis, keessummaa tajaajilli lammummaa amma mootummaan naannoo Oromiyaa eegalee akka hojiirra oolu gochuuf akka deeggaran hirmaattota gaafataniiru.

Aaddee Kuulanii Jaalata pirezidaantiin waldichaa gama isaanitiin, OSA seenaa fi aadaa deebiisanii dagaagsuu qofa osoo hintaane dirqama ‘roadmap’ dhalootatti agarsiisuu qaba jedhan.

Hayyoonni fi beektonni Oromoo injifannoo Oromoo fi ummanni Itoophiyaa argate akka itti fufu gochuu keessatti gahee guddaa bahuu qabna jedhaniiru.

Yaa’ii guyyoota sadiif gaggeeffamu kana irratti hayyoonni Oromoo fi Prof Asmaroom Laggasaa dabalatee qorattoonni seenaa Oromoo fi jaallattoonni Oromoo hedduun biyya keessaa fi biyya alaa irraa hirmaataniiru.


Qorannoo akkamiitu dhihaate?

Pirofeesar Baqalaa Guutamaa waraqaa qu’annoo mata dure ‘Federalism and Identity’ jedhu jalatti dhiyeessaniin, ‘Itoophiyaan yeroo ammaatti sirrni federaalaa akka hojjatu taasisuun alatti fala biraa hinqabdu’ jedhaniiru.

Mootummaan yeroo ammaa biyya Itoophiyaa bulchaa jiru sirna Federaalizimii bu’uuressullee ofumaan naannolee olaantummaadhaan bulchaa waan tureef federaalizimii dirqamaan saboota walitti fide jedhamee komatama.

Biyya akka Itoophiyaa sab-daneessa taate kana keessatti Federaalizimiin saboota walitti fidu dirqama ta’uu kan dubbatan Pirofeesar Baqqaleen namoonni sirni federaalizimii qoodiinsa uuma, biyya diiga jedhan sirrii akka hin taane dubbatan.

Federaalizimii sabdaneessaa dhugaadhaan bu’uuressuuf sirni dimokiraasii jiraachuun dirqama kan jedhan hayyuun kuni paartii fi mootummaan adda ba’anii hojiisaanii hojjechuu dhabuun rakkoo hamaaf sirna kana saaxiluu dubbatan.

Federaalizimii dhugaan garuu aadaa fi seenaan akkasumas duudhaan naannolee hundaa yoo beekamee fi kabajamedha.

Sirna Federaalizimii sab-daneessaa hin hordoftu taanaan Itoophiyaan baay’inaa fi garaagarummaa Saboota keessa jiru hooggantee deemuun hin yaadamus jedhan.

Mirga dhuunfaa kabajuu fi mirga gareef beekamtii kennuun utubaa sirna federaalizimii ta’uu qabas jedhan.

Eenyummaa ofii qabatanii Itoophiyaa ta’anii jiraachuun utuu danda’amuu sabummaa kee gatii Itoophiyaa ta’i yaadi jedhu balaa sirna federaalizimiiti jedhan.

Furmaata rakkoo keetii anatu siif beekaa osoo hin taane hirmaachisuudhaan namni hunduu rakkoo isaaf qaama furmaataa akka ta’u haala mijeessuutu nu baasas jedhan.

Gama biraatiin mata duree ‘Aangoo Diinagdee fi Siyaasaa mootummaa giddu galeessaan qabame’ jedhurratti waraqaa qoranno kan dhiyeessan Dr. Ammayyuu Godessoo Itoophiyaa keessatti rakkoo guddaa kan ta’e mootummaan federaalaa aangoo mootummaa naannolee keessa seenuun sarbuu isaati jedhan.

Mootummoota naannoleef aangoo qooduu dhabuu, saboota hundaaf beekamtii kennuu dhabuu fi qoqqoodanii bulchuuf yaaluun sirna federaalizimii biyyattiirraan dhiibbaa ga’eera jedhan.

Haala jiruu fi jireenya hawaasa daangaa Oromiyaa fi Beenishaangul Gumuz irratti waraqaa qorannoo digirii sadaffaa(PhD) isaanii kan hojjetan Dr.Ammayyuun waldhabdee saboota gidduutti yeroo sana uumamaa tureef Ministira Dhimmoota Federaalaa yeroo sanaa komatan.

Ammas taanaan sirna hunda walqixa tajaajiluu fi ummata Itoophiyaa hundaaf ta’u fiduuf Paartileen Siyaasaa waliin mari’achuu akka qaban dhaamaniiru.

Hayyoonni lameen erga waraqaa qoranno dhiyeessanii booda gaaffilee ka’aniif deebii kennaniiru.

Gaaffilee ka’an keessaa mootummaan Itoophiyaa amma bulchaa jiru akkaataan dhufiinsa isaa gama humna waraanaatiini, akkamiin sirna dimokiraasii mariirratti hundaa’e bu’uuressuu danda’a jedhuuf paartileen siyaasaa Oromoo kanarratti dirqama akka qabantu himame.

Gaaffii walitti dhufanii sirna federaalizimii uumuun haala Itoophiyaan amma keessa jirtuun dhuguma furmaata ta’aa jedhuuf waldanda’uun dhimma ijoo ta’uutu himame.

”Lammiileen Itoophiyaa hunduu aadaa fi duudhaa, eenyummaa isaanii qabatanii walitti dhufanii waldanda’uudhaan waliin jiraachuu danda’u, yoo tokko balleesse, inni kaan danda’aa, akkasiin waliin jiraachuutu furmaata ta’a” jedhan Pirofeesar Baqqaleen.

more at #OSAinOromia

Advertisements

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: