jump to navigation

Jawar Mohammed: Dr Birhanemeskel Abebe Segni itti gaafatamummaa konsulaa Los Angeles irraa kaafamuun ijoo marii guyyaa kaleessaa turte . Dubbii isaa irratti qabxii muraasa jedheen bal’ootti dabra. April 21, 2020

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags:
trackback

Dr Birhanemeskel Abebe Segni itti gaafatamummaa konsulaa Los Angeles irraa kaafamuun ijoo marii guyyaa kaleessaa turte . Dubbii isaa irratti qabxii muraasa jedheen bal’ootti dabra.

1) Dr Brehanemeskel mootummaatti dabalamuun sirrii ture. Warri bifa garagaraan qabsootti hirmaachaa turre ‘mootummaa cehuumsaa’ kana waan dandeenyu hundaan gargaaruu qabnaan ejjannoo hedduu keenyaa ture.

2) Ramaddiin isatti kennamte kan isaaf maltu hin turre. Namni hedduun waan beeku hin se’u malee namni kun diplomaatii ol’aanaa ogummaa yeroo dheeraa qabuudha. Filannoo bara 2005/1997 booda ajjeechaa Mallasaan ummata irratti geggeesse mormuun hamma gadi lakkisutti Ethiopian Mission @UN kan New York keessatti argamutti doplmaatii olaanaa ture. Erga mormii dhiisee bahee ammoo barnoota seeraa isaa itti fufuun JD( (Doctor of Jurisprudence)isaa Minnesotaatti fudhate. Abukaatoo seeraa ta’ee yeroo hojjatu qabsoo geggeeffamaa ture keessatti gahee inni taphachaa ture namuutu beeka natti fakkaata. Kana wanniin tarreesseef isa faarsuufi miti. Durumaa, itti gaafatamummaa isaan hin malle fudhachuun tuffatamuu fiduu hin oolle jechuufi. Embaasilee Itoophiyaa kan kaadreen guutamte keessa namoonni hamma isaa barnootaafii muuxannoo qaban hagoodha. Isa garuu ambaasaadaraawuu quudhuufi dhabaniit konsular godhan.Sa’a abbaan gaafa cabse …

3) Erga hojii san eegalee booda mootummaa kana defend gochuuf jecha gochoonnif jechoonni faallaa qabsoo Oromoo inni fayyadamaa ture gaarii miti. Kana innis warri hafanis irraa baratu jedheen abdadha. Bararaa ooli allaatti duuti lafa. Aangoo feene argannuus booddeen teenya Oromoofi Oromiyaadha.

4) Namni kun kan ari’ame sababa lammummaa isaatiin jedhan. Soba. Gaafa muudamus lammummaa biyya alaa akka qabu ni beekan; akka beekan ammoo warra muude waliin yeroo sanitti haasoyne waan turreef dubbiin tunis kaatee rakkoo hin qabu jedhameet godhame. Har’a sababa ittiin ari’an argachuuf gadi baasan ( lammummaan tun Oromootuma laallatti fakkaata malee masaraa kan guutee jiru warra passport biyya alaa baadhatee jiru bar).

5) Barruu isaa keessatti akka waan ormi shiraan isa ariisisee qofatti kaaye. Ormi isa dabalatee Oromoota biraa jibbuun dhoksaa miti. Garuu ormi nama hamma isaa beekkamtii qabu mariifi hayyama muummichaatiin alatti ni taasisuun hin fakkaatu. Murtiin isa muuduutuu ministeera haajaa alaatiin akka hin turin nan yaadadha. Har’as ministeera haajaa alaatu qofaatti godheen hin fakkaatu.

Amma dubbii waliigalaatti haa deebinu. Ari’amuun Birhaanasqalis ta’ee nama biraa nu ajaa’ibuu hin qabu. Yoo waggaa dabre kana gara mootummaan kun itti deemaa jiru xiyyeeffannoon hin hordofin malee. Warra alaa itti makame dhiisii kan core ta’aniiyyuu haxaayamanii jiran. Lammaa Magarasaa, Warqinaa Gabayyoo, Warquu Gaachanaa, Birhaanuu Xaggaayee, Xayyibaa Hasan, Milkeessaa Miidhagaa, Baacaa Ginaa kkf heddu tarreessuun ni danda’ama. Damee waraanaafi tikaa keessaa dhibbaatamaan itti gaafatamummaa irraa mulqamaa jira. Warra dhiibamaa jiru kanaaf tokko tokkoon sababa adda addaa tarreeffamaa ture. Garuu walitti qabanii patern jiru xiinxalan malee hiikkaa guutuu ( full picture) argachuun hin danda’amu.

Akka kiyyatti, kaayyoofi tarsiimoon Bilxiginnaa ilaalcha, dantaafi eenyummaa Oromootiin fundamentally waan wal falleessuuf, namonni xiqqoma miira Oromummaa qaban, saba kanaaf naatoo qaban, himata seenaa Oromoo ( narrative) amanan, oolee bula malee sirna kana keessa hin turan. Takkaa ni ari’amu ykn ofiif keessaa bahu. Akeekni Bilxiginnaa utubalee ( pillars) lama qaba. Kan duraa unitary state ijaaruudha. Kan lammataa sirna diinaggee neoliberal uumuudha. Bilxiginnaan sirna federaalaafi parliamentary kana diiguun sirna unitary kan presidential ta’e jaaruu akka kaayyafatte yeroo himnu namni heddu hin amanne ture. Amma ifa ta’e natti fakkaata. Sirna federaalaa diiganii sirna unitary ta’een bakka buusuun olaantummaa hawaasummaa, aadaafi eenyummaa garee duraanuu sirnicha harkaa qabu jabeessa. Hiree saboonni akka Oromoo walqixxummaa horachuuf qaban cufa. Kanaafuu yaaliin sirna federaalaa diiguu ( jecha biraan Oromiyaa diiguu) Oromoota, kan miseensa paartiifi ilaalcha kamiiyyuu qaban biratti fudhatama hin argatu.

Akeekni lammataa Bilxiginnaa, sirna diinaggee neoliberal ta’e jaaruudha. Sirni diinaggee kun motorri guddina diinaggee dureeyyota jedheet ka’a. Shoorri mootummaa isaan jajjabeessudha.( Haasaa MM Abiy gaafa paartii isaaniitif galii walitti qabuuf galma barkumeetti qophaaye irratti dubbatan dhaggeeffadhaa). Adaduma dureeyyonni daran qabeenya horatan, galiin isaanirraa harca’u ( trickle down) hiyyeessaafis hiree bana jedha. Sirna diinaggee kun gartuulee dursanii qabeenya harkaa qaban daran yennaa duroomsu, gartuulee adeemsa seenaa keessatti hirmaannaa diinaggee irraa dhiibaman daran hiyyoomsa. Oromoon biyya kana keessatti hirmaannaa diinaggee keessaa dhiibamee turuu isaa waan waakkatamuu miti. Sirna diinnaggee neoliberal kana keessatti Oromoon daran hiyyooma. Fakkeenyaaf akeeka imaammata diinaggee neoliberal kana keessaa hangafti privatization dha. Privatization yeroo jennu, kampaaniilee harka mootummaatti hafan gurguruu qofa miti. Lafti, albuudni, kan biraa dhiisi tajaajilli mootummaatuu gara dhuunfaatti naanneeffama.

Qabeenya ummataafi mootummaa gurgurtaan dhuunfatti dabran kana eenyutu bitachuu danda’a? Gartuulee dursee qabeenya ( capital) harkaa qabuufi waahillaan biyya alaa qabuudha. Biyya kana miliyeenaroota 2,300 ta’antu jira jedhama. kana keessaa Oromoonni dhibbeentaa 5% dha. Kana jechuun gaafa qabeenyi ummataafi mootummaa gurguramu harka eenyu akka seenu tilmaamuun ifa. Qabeenyi harka Oromootti hafe tokkichi lafa. Ammatti sodaatanii afaan keessa haa qabatan malee, imaammanni neoliberal Bilxiginnaan hordoftu lafti akka gurguramtu kaaya. San jechuun lafa cicciramtee harka qonnaan bulaa Oromootti hafes abbootii qabeenyaaf dabarfama. Akeeka kana namni Oromoo xiqqoma of beeku akka dhuunfaafi walootti ( saba) fudhachuu hin danda’u.

Waliigalatti, kaayyoofi akeekni Bilxiginnaa lamaan, unitary state fi neoliberal economic policy, dantaa waloofi dhuunfaa Oromootaa kallaattiidhaan kan faalleessuudha. Abiy fi warreen yaada kanaan deeman dura Oromoo sobnee sossobnee kaayyoo kana hojitti hiikna jedhanii abdachaa turan. Garuu, dursa mormiin keessumaan itti dhooye. Warreen keessoon dura dhaabbate dhiibanii caldhisuu yaalan. Hin milkoofne. Dubbiin ummata walgeessee paartiin sun osoo lafa hin qabatanin samirratti rarraatee hafuu hubatan. Yeroo ammaa kaayyoon isaanii fudhatama ummataa ( popular legitimacy) argachuu akka hin dandeenye jala muranii abdii kutaniiru. Kanaaf aangorra turuufi akeeka isaanii hojitti hiikuuf gartuu lamatti fayyadamuu barbaadu; gareen tokko warra akeekni unitary state fi neoliberal economy fayyaduu danda’uudha. Gareen lammataa Oromoota yakka amma dura ummata irratti hojjataniin sabaan tufamanii jirani. Waggaa dabre kana namoota OPDO duraanii Wayyaanee waliin ummata keenya akka malee midhaa turanii haaromsaan harca’an gandaa hamma federaalaatti wanni ol dachaasaniif kanaafi.

Gama Oromooti amma tooftaa sobuufi sossubuu san akka hin hojjanne hubatanii tooftaa bituufi dhiituutti ( cooptation and coercion) cehaa jiru. Commercialization and Militarization akka tooftaatti baafataniiru. Kanaaf ammoo namoota amamansiisuu waan hin dandeenyeef maallaqa paartii, kan mootummaafi garagaarsa alaatiin bitatanii hiriirfachuu barbaadu. Warra didee mormu ammoo humna waraanaan cabsanii afaan qabsiisuun tooftaa lammataati.

Waliigalatti kaayyoon Bilxiginnaafi dantaan dhuunfaafi sabaa Oromoo ( individual and collective interest) waliif faallaadha. Waliin deemuu hin danda’an. Paartii Bilxiginnaa kan fayyadus kan irraa fayyadamus gartuulee unitary state fi neoliberal economic policy irraa fayyadamuu danda’an qofaadha. Kunnin ammoo warra Itoophiyaa dullattii keessatti faayidaa siyaasaa, hawaasummaafi diinaggee argatee kuufateedha. kan kuufatan san daran guddifachuuf imaammanni Bilxiginnaa isaan fayyada. Gareeleen seenaa keessatti saamamaa, dhiibamaa, hiyyoomfamaa as gahan daran balbalti itti cufama.

Oromoofi saboota kaayyoon Bilxiginnaa miidhu kana mallaqaan bituufi humnaan butuchuun yeroof hojjachuu mala. Garuu bu’aan ( consequences) kaayyoo isaanii walfaalleessuu ( contradiction) biyya kanaa daran kan bal’suufi, paartii Bilxiginnaa tanas ummata Oromoofi saboota cunqurfamoon daran kan adda fageessuudha. Adaduma walduradhaabbannaan Oromoofi mootummaa/ paartii biyya bulchuu hammaataa deemuun Oromoonni bitamaniis ta’ee butuchamanii sirnicha keessatti hafan dhiibbaa gamalamee hamaa keessa galu. Ummanni akka gantuutti farrajee dhiibbaa hawaasummaa irraan gaha. Warri aangoo harkaa qabu ammoo ija shakkiin laala. Turee-bulee takkaa ofiif keessaa bahu, takkaahuu ni darbatamu jechuudha.

Dhumarratti, gorsi namoota mooraa qabsoo Oromoo keessaa sirna kanatti makamaniif ani qabu; kaleessa makamuun keessan sirrii ture. Namuu ilmaan Abbaa Gadaatu aangotti dhufee waan taheef haa gargagaarru jedhamaa ture. Har’as abdii yoo hin kutatiniifi mala biraa dhabdanii keessuma turuu barbaadan nan hubadha. Garuu hanga sirnicha kana keessa jirtanitti Oromoo hin miidhinaa, faallaa dantaa saba kanaa hin dhaabbatinaa. Ajjeechaa ilmaan Oromoo keessatti hin hirmaatinaa. Dantaa yeroof jettanii adeemsa saba kana qoqqooduu keessatti hin hirmaatinaa. Hanga guyyaan gahee keessaa baatanii ykn ari’amtanii of eeggannoon hojii ogummaa keessanii hojjadhaa.

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: