jump to navigation

Motummaan Ce’umsaa Oromiyaa Hatattamaan Ijaarramuu Qaba! October 7, 2020

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
1 comment so far

Motummaan Ce’umsaa Oromiyaa Hatattamaan Ijaarramuu Qaba!

Dr. Tsegaye R Ararssa tiin

Motummaan Itiyoophiyaa Abiy Ahmadin hogganamu guyyaa kaleessaa (October 5, 2020) irraa jalqabee haangoo seera qabeessa kan biyyattii ittin bulchu dhabeet jira. Motummaan bulchiinsa Naannoo Oromiyaa kan harka Bilxiginnaa keessa tures, kaleessa irraa kaasee Oromiyaa bulchuuf haangoo seera-qabeessa ta’e hin qabu. Kanaaf, Oromiyaan motummaa ce’umsaa gad dhaabuu dhaan hanga filannoon godhamee bulchiinsi dimokraatawaa ta’e ijaarramutti, naannicha shiftoota Bilxiginnaa jalaa oolchuu dhaaf, nagaa fi tasgabbii uumuu dhaan, saba keenya bulchuu, lammilee keenya balaa irraa hambisuu, qabdi.

1. Motummaa ce’uumsaa kana eenyutu ijaaruu qaba? Eenyutu itti hirmaata?

Motummaa ce’umsaa ijaaruun walgayii haanga’oota hundaa walitti fidee kallattii motummaan ce’umsaa ittin ijaarramuun fi haala hojii isaa ittin raaw’atu irratti waliigaltee uumuu barbaada. Walgayiin kun qaamota adda addaatin waamamuu mala. Garuu Abbootin Gadaa Oromiyaa qaama siyaasaa kamuu dursanii, dhiimma kanarratti utuu mari’atanii, qaamota birootif waamicha godhaan gaarii natti fakkaata.

Qaamonni walgayii kana irratti hirmaachuu qaban:

a) Abbootii Gadaa

b) Jarmiyaalee siyaasaa Oromiyaa hunda (Bilxiginnaa hin dabalatu)

c) Qeerroo fi Qarree Oromoo

d) Qaamota miti motummaa Oromoo (NGOs)

e) Waldaawwan ogeessotaa oogummaa adda addaa fi waldaale hawaasaa adda addaa

f) Hogganoota waldaalee amantaa Naannoo Oromiyaa

g) kkf.

Qaamni siyaasaa hundi (Bilxiginnaan ala) akka itti hirmaatu godhuun barbaachisaa dha. (Bilxiginnaan paartii yakkaamtootaa waan ta’eef dhaabichi akka dhaabaatitti diiggamuu qaba. Miseensonnii isaanii akkuma gayee isaanititti seeratti dhiyaatanii itti gaafatamuu qabu. Rakkoo siyaasaa amma itti jiru kan uume isaan waan ta’anif, motummaa ce’umsaa rakkoo keenyaaf furmaata fida jedhamee ijaarramuuf deemu keessaa shoora qabaachuu hin danda’ani.

2) Motummaan Ce’uumsaa Maal dalaga? Hojiin isaa maali?Hojiin isaa…

a) nagaa fi tasgabbii uumuu;

b) hidhamtoota siyaasaa hunda hiiksisuu/hiikuu;

c) Oromiyaa fi Oromoota baraaruu [(securing Oromia)– daangaa kabachiisuu; saba keenyaa naannoo ollaa keessatti rakkatanii jiraatan (Fakk.Walloo, Wambaraa, kkf) deeggaruu dhaan diina jalaa baraaruu; lammiilee magaaloota adda addaa keessa jiraatan hiraarsa diinaa jalaa oolchuu; lammiilee Oromoo Finfinnee fi naannoo ishee jiranif eegumsa barbaachisu godhuu; kkf.]

d) tajaajilli adda addaa sivil servisii fi qaama adda addaa motummaatin keenamaan akka hin dhaabbanne, ykn haalan akka itti fufan, godhuu;

e) karoora ce’uumsaa lafa kaa’uu dhaan, yeeroo fi haala filannoon ittin gaggeeffamun baafachuu fi kanas raawwachuu; fi

f) kkf

…dabalata.

Abbotiin Gadaa qaama ce’umsaa uumamu kana keessaa, isaanuma wajjin mari’atanii, nama (ykn garee) hojii raawwachiisaa ta’ee dirqama fudhatu utuu muudani gaari natti fakkaata.

Oromoo fi Oromiyaa baraaruun akka danda’amu, Motummaan Ce’uumsaa Oromiya, Poolisii Oromiyaa, Humna Addaa Oromiyaa, qaama tikaa naannoo Oromiyaa, Milishaa Naannoo Oromiyaa, Qarree fi Qeerroo naannoo Oromiyaa guutuu, Foollee Oromoo, miseensota WBO, fi Oromoota Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) keessa jiran hundaa wajjin walitti dhiyeenya fi qindoominaan yoo hojjate qofa dha.

3. Motummaan ce’umsaa kun hojii isaa seera akkamiitin raawwata?

Karoorri ce’umsaa motummaa kanaa kan ittin raawwatamu waliigaltee qaamooni mootummaa kana ijaaran gidduuti uumamuun ta’a. Walii galteen isaan lafa kaawwatan kan akka chaartaraa fakkaatu jiraachuu qaba. Walii galteen kun, hojii fi dirqama isaan gidduu jiru hirachuu irratti, seera haala adeemsaa isaanii ittin bulfatan, fi karoora filannoo dhufuuf lafa kaawwatan irratti kan xiyyeeffatu ta’a.

Hojiin jabaan motummaa ce’umsaa kanaa inni cimaan Oromiyaa diigumsa irraa fi oromoota balaa irraa baraaruu dha. Kanaaf seerri motummaan ce’umsaa haalan kabachiisuu qabu seera heera Naannoo Oromiyaa fi Seera heera federaalati.

Hojiin biraa motummaan ce’umsaa kun hojjatu tajaajila sivil servisii itti fufsiisuu waan ta’eef kanaaf ammoo seerri heera motummaa fi seeronni adda addaa tajaajila motummaa adda addaa irratti bahani lafa jiran hordofamuu qabu. Nagaa fi tasgabbii uumuu dhaafis seera idilee biyyattii fi naannoo Oromiyaa keessatti hojii irra jiran fayyadamuun barbaachisaa ta’a.

Motummaan Ce’umsaa kun akka milkaayee, Oromiyaa gara sirna dimokraasii dhugaatitti tarkaanfachiisu Oromoon hundi bakka jirutti dirqama lammummaa isaa bahuu qaba.

Na ofkalchaa!

(Barreffamni kun bal’inaan kan itti fufu ta’a).

Related article:

OGF Statement and Appeal to The International Community Requesting they support the Establishment of Oromia Transitional Caretaker Government

Top ten factors that have been hastening the collapse of Ethiopia’s Abiy Ahmed’s government October 7, 2020

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
add a comment

Top ten factors that have been hastening the collapse of Abiy Ahmed’s government.

by Bontu Geda

➡️10) Failure to understand how to deal with Habeshas (Both Amhara and Tigre).

➡️ 9) Fear and lack of clue for negotiated power sharing (Both within and outside his own party).

➡️ 8) Zealous obsession with project implementation rather than strategic long-term decisions.

➡️ 7)Overestimation of the stupid Habesha project: ኢትዮጲያዊነት, which is falling apart at a speed of light.

6) Trying to please everyone.

➡️ 5) Obsession with lies, even when not forced by situations.

➡️ 4) Trying to use #Gandummaa as a means of divide-and-rule among Oromos. The faltering Oromo unity is only a temporary event. Oromos, are generally tolerant to act harsh. It is only the matter of time for that diamond-grade unity to come to become operational. That will be the end of the beginning for this man!

➡️ 3) His Illusion about the nonexistent glorious Ethiopian history. The country has been #Jaanjoo since ever its formation! Most people, including the Habeshas who forcefully promote it, know this simple fact. He should have known as well!

➡️ 2) Not understanding and addressing the ‘Oromo Question’. Everyone knows and recently started to acknowledge that this country is what it is because of Oromos. Ignoring the Oromo concerns will be the cause for the true demise of the rotten empire!

!➡️ 1) Endless ambition to forge a strong, unitarist central government. If there is only one chance left to save the crumbling empire, it is the multinational federation. This implies an ever weakening central government and burgeoning autonomy for Ethnic states. No force (Worldly or Heavenly) can maintain this country by overlooking the autonomy of multinational states!

PS: Namni dhagahu yoo jiraate, kuni gorsas ni ta’a. Namni dhagahu dhabamnaan, ‘himan didduun du’a hin diddu’, jennee dhiifna! #Kanuma.

Geneva Press Club – An Authoritarian Turn in Ethiopia: A Return to Autocracy? October 7, 2020

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
add a comment

Oromia: Waamicha Qeerroo Marsaa 5ffaa #OromoProtests October 7, 2020

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
add a comment