jump to navigation

OROMIA: IYYANNOO BARATTOOTA OROMOO YUUNIBARSIITII HARAMMAYAA December 2, 2015

Posted by OromianEconomist in Genocidal Master plan of Ethiopia, No to the Addis Ababa Master Plan, NO to the Evictions of Oromo Nationals from Finfinnee (Central Oromia), Oromia wide Oromo Universtiy students Protested Addis Ababa Expansion Master Plan, Oromian Voices, Oromians Protests, Oromo and the call for justice and freedom, Oromo students protests, Oromo University students and their national demands, Uncategorized.
Tags: , , , ,
1 comment so far

???????????Oromo student protest at Haromaya University, Oromia, on 30 November 2015. The peaceful protesters ruthlessly attacked by TPLF (Agazi) fascist Ethiopian regime forces.Say no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo peopleOromo students, voices of the voiceless

 

 

IYYANNOO BARATTOOTA OROMOO YUUNIBARSIITII HARAMMAYAA
=====================================================

Bulchiinsa Yuunibarsiitii Harammayyaaf

Harargee

Nuti dargaggootni barattootni Oromoo yuunibarsiitii Harammayyaa DUULA cunqursaa fi Gidiraa Maqaa Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa Federaala jala galchuuf Caffeen Oromiyaa raggasisee jiru wayita dhageenyetti gadda guddaatu nutti dhagaa’ame. Uummatni keenya Oromiyaa badhaatuu keessa utuu jiruu mootummaa isa misoomsuu fi mootummaa wabii uummataa dhaabbatu dhabuun balaa beelaan lafarraa duguugame dhumaa jiruu yeroo aginuutti obsinee tenyee ilaaluuf boqonnaa dhabnee waan jirruuf iyyachuuf dirqamnee jirra. Bara 2014 Karoora master plan Finfinnee hin fudhannu jennee gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaan waan gaafanneef mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO jedhaman humna waraanaa of harka qabu nurratti bobbaasuun ilmaan Oromoo dhobbootaan lakkaa’aman daa’imman ganna 8 hanga manguddoo ganna 80tti kanneen umriin isaanii keessatti argamu dabalatee ilmaan Oroomoo guyyaa saafa loltoota mootummaan ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatamummaa fudhachuu diduun dhiiga ilmaan Oromoo irra ejjechuun karoora master plan Finfinnee fi Karooraa Magaalota Oromomiyaa Federaalaa jala galchuuf dabballoota mootummichaa kan maqaaf ‘ Caffee Mootummaa naannoo Oromiyaa’ ofiin jedhan karoora master plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa federaala jala galchuuf karoorfame kan raggasisuun gadda gadda caaluu nutti ta’ee jira.

1. Caaffeen Mootummaa naannoo Oromiyaa OPDO’n Karoora Master Pilaanii Finfinnee kan mootummaan EPRDF/TPLF Oromiyaa ittin diiguuf qopheeffate hojii irra olchuuf tooftaa haaraa labsii Magaalaalee Oromiyaa jedhu itti dabaluun akaakee Master pilaanii Finfinnee kan jabeessuu fi saffisaan karooricha hojii irra olchuuf kan oluu Caffeen Oromiyaa murtii dabaa kan duula labsii duguuginsa sanyii (genocide)n wal gitu uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti raggasisuun yakka uummata qe’ee irraa buqqisu, kan aadaa Oromoo fi Afaan Oromoo balleessuu fi teessuma Maappii Oromiyaa cicciruu biyyarratti labsuun yakka duguugaa sanyiin wal madaaluu labiin mirkaneessuun yakka guddaa uummata Oromoo irratti raawwataniru waan ta’eef seeraatti dhiyaachuun itti gaafatamuu qabu, Labsiin Magaalota Oromiyaa fi Master Pilaaniin Finfinnee gaaffii tokko malee akka haqamu gadi jabeessuun gaafanna!!

2. Balaa Beelaa Uummata Oromoo irra qaqqabee jiruu fi Uummata keenyaa balaa beelaan akka baalaa harcafamee waan nyaatu dhabee dhumaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa EPRDF/TPLF Oromiyaa saamaa jiruu fi OPDO uummata Oromoo saamsisaa jirtu ta’uu ni hubachiifna. Oromiyaan badhaatuudha dhimmi uummatni Oromoo balaa beelaan dhumaa jiruuf mootummaa aantummaa uummataa Oromoo qabuu fi wabii uummataaf dhaabbatu dhabuu fi uummata keenyaa misoomsuu dhabamuu irra uummatni keenyaa balaa beelaan gaaga’amaa jiraatuuf iyyachuuf dirqamnee jirra. Dhaabbileen gargaarsa Addunyaa uummata keenyaa balaa beelaan dhumaa jiruuf akka dirmannaan atattamaa itti fufinsaan godhamuuf jabeessinee uummataa keenyaaf iyyannoo dhiyeesina.

3. Bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaan barreeffamaan dhiyeeffaneef aangawootni sirna EPRDF/TPLF/OPDO’n yakka ajjeechaa duguuginsa sanyii (genocide)n wal gitu uummata Oromoo irratti labsuun uummata karaa nagaa sirna abbaa irreen mormaa jiru jumlaan ajjeessan, hidhatti guuran, barnoota irraa ari’atan, manguddoo ganna 80 hanga daa’ima ganna 7tti utuu bira hin darbiin guyyaa saafaa yakka gara jabeenyaan guutameen dhukaasanii ajjeessaniif to’annoo jala oolfamanii hatattamaan seeraatti akka dhiyaatan irra deebi’uun gaafanna!!

4. Yaaliin magaalawwan gurguddoo Oromiyaa naannawaa Finfinnee kanneen akka:Bushooftuu, Dukam, Aqaaqii Qaallittii, Sandaa faa, Laga-Xaafoo Laga-Daadhii, Sulultaa, Buraayyuu, Hoolotaa fi Sabbataa bulchiinsa Finfinnee jala galchuu fi magaalaawwan Oromiyaa kanneen akka Adaamaa, Shaashamannee, Walisoo,Jimmaa,Mattuu, Naqamtee fi Amboo illee to’annaa mootummaa Federaalaa fi bulchiisa magaalaa Finfinnee jala galchuuf shirri guddaan Oromiyaa irratti raawwatamaa waan jiruuf, mootummaan ‘EPRDF’ akeeka kana akka hatattamaan nurraa dhaabuu gaafanna!!

5. Gurgurtaan lafaa maqaa Investimeentii fi Liizii jedhuun mootummaa amma aangoo irra jiruun Oromiyaa keessatti babal’chuun Uummata keenya qe’ee fi qabeenya dhabsiisuun abbaa biyyummaa fi qe’ee uummata Oromoo sarbaa waan jiruuf, keessattuu, naannawa Finfinneetti uummanni keenya qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun jiruu fi jireenyaan dararamaa waan jiraniif, akeekni kun uummata keenya irraa akka dhaabbatu gaafanna. Kanneen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniifis beenyaa guddaan kanfalameefii qe’ee isaanii fi lafa isaaniitti akka deebi’an gadi jabeessuun gaafanna!!

6. Mirgi dimookiraasii fi namummaa uummata keenyaaf akka kabajamuu jala murree akeekkachiifna!!

7. Yakka shororkeessummaa fi Maqaa Siyaasaan Ummanni Oromoo yeroo irraa gara yerootti jumlaan hidhaatti guurame manneen hidhaa biyyattii keessatti dararamaa jiru haalduree tokko malee akka hiikaman ni gaafatna!! Yakka sobaan Oromoo hidhuu fi murtii sobaa irratti dabarsuun uummata shorokeessuun uummata keenya irraa dhaabbachuu qaba jenna!!

8. Uummanni Oromoo akka baay’ina isaatti, akka qabeenyaa isaa fi bal’ina lafa isaatti gama siyaasaan qoodannaan aangoo sirna ‘EPRDF’ keessatti qabu xiqqaa fi qaanfachiisaa waan ta’eef, bulchiinsii sirna dimookiraasii dhugaan dhaabbatee, uummata keenyaaf qoodannaan aangoo siyaasaa madaalawaan kennamuufii akka qabu beeksifna. Mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuu qaba.Uummanni Oromoo gita bittaa kamiyyu jalaa ba’ee ofiin of bulchuu qaba. Mirgi qe’ee fi abbaan qabeenyummaa isaa mirkanaa’uu qaba jennee jabeessinee gaafanna!!

9. Biyya dimookiraasiin hin jirreefi mirgi namoommaa ukkanfamuun afaan qawwee qofaan bultu keessatti filmaata haqa qabeessaa fi dimookiraatawaa ta’e gaggeessuun hin danda’amu waan ta’eef maqaa filannoo waliin dha’insaa fi sobaan mootummaan EPRDF, jecha dimookiraasii fayyadamuu malee gochaan isaa faallaa dimookiraasii waanta’eef adeemsii filannoo sobaa daheeffachuun Addunyaa biyya lafaa gowwomsuun umrii bittaa abbaa irrummaa dheereffachuuf yaaliin EPRDF gaggeessa jiru Addunyaa dimookiraasii fi mirga ilma namaa kabajjuuf kallatti hundaan saaxilamee, Filannoo sobaan daldaluun dhaabbachuu qaba. Gama addunyaan deeggarsii Filannoo sobaaf godhamu dhaabbachuu qaba. Biyyattii keessatti yoo nagaa fi Dimookiraasiin barbaachisee Mootummaan Ce’umsaa hundeeffamee bu’uurri dimookiraasii dhugaan hundeeffamee Filannoon dhaabbilee siyaasaa biyyatti hundaa kan bilisummaa sabaa isaanii fi walabummaa biyyaaf dhaabbatan,kan kabajamuu mirga dimokiraasii fi mirga namoommaaf falman kan hirmaachisuu filannoo dhugaadhaaf haalli akka mijeeffamu gadi-jabeessinee gaafanna!!

10. Humnootni tikaa,waraanaa fi milishootni mootummaa EPRDF’n hundeeffamanii bu’aa mootummaa Wayyaanee qofa tiksuu qofaaf dhaabbatan hatattamaan akka diigaman jabeessinee gaafachuun; humnootni tikaa fi qaamoleen nageenya sabaa fi sablamoota biyyatti eegan
gartuu/leellistummaa kam irraa iyyuu bilisa ta’an hundeeffamuun nageenya uummataa fi biyyaaf akka dhaabbatan ta’ee gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa, dimookiraasii, fi namummaa akka tiksan akka godhamu jabeessinee gaafatna!!

11. Lafti kan qotee bulaa ta’uu qaba.Uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoon sabaa fi sablamootni biyyattii lafa qabeenyaa isaanii irraa haala fedheen iyyuu dirqisifamanii buqqifamuu hin qaban. Dhiibbaan mootummaan EPRDF bifa kamiinuu irratti godhuu akka dhaabbatu gaafatna. Kanaafuu, nuti dargaggoonni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa qabxiileen jajjaboon armaan olitti tarrifaman akka mootummaa gabroomfataa saba keenya hacuucaa jiru kanaan akka hojiitti hiikamaniif jecha, wareegama fedheyyu baafnee qabsoo hadhaawaa gochuuf waan murteeffanneef, jarmiyaaleen siyaasaa fi waldaaleen hawaasa Oromoo hundii fi jarmiyaaleen siyaasaa fi waldaaleen sabaa fi sablammoota cunqurfamoo biyyatti hundi nu cina dhaabbaachuun akka falmattan jabeessinee gaafatna. Dhabbileen mirgoota namummaa addunyaa fi mootummootni gamtoomanii kanneen sirna giloobalayizeshiinii keessatti hirmannaa guddaa qabdanii fi bulchiinsa dimookiraasii babaldhisa jirra jettan akka nu cinaa dhaabbachuun mootummaa abbaa irree EPRDF irra qoqqobbii siyaasaa fi dinagdee kaayuudhaan dhiibbaa feesisu akka gootanii fi uummata keenya balaa beelaan dhumaa jiruuf dirmannaa itti fufinsa qabu akka gootan jabeessinee gaafachuun gaaffiiwwan keenya kana hubachuu fi qaama dhimmi isaa ilaalu qooda fudhachuun deebii sirriin akka nuuf kennamu barbaadna jechuun iyyaannoo keenya kabajaandhiyeeffanneera!!

Barattoota Oromoo Yuunbarsiitii Harammayyaa

Garagalcha:
Uummata Oromoo Hundaaf
Jaarmiyaalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo Hundaaf
(Dhaabbolee mormitoota Mootummaa ERDF)
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif
Koomishinii Poolisii Oromiya fi Dhimmoota Nageenyaa Oromiyaaf
Bulchiinsa Godina Harargee Bahaa fi Komishinii Poolisii Godina Harargee Bahaaf,
Dhaabbilee Mirga Namummaa Biyyattiif, Afrikaa fi Addunyaaf
Dhaabbilee Gargaarsaa Idil Addunyaa Hundaaf
__________

iyyannoo-barattoota-oromoo-dhaabbilee-barnoota-olaanoo-hunda-irra-22

Maddii: –