Oromia (WBO): Humni Addaa WBO Magaalaa Naqamtee Keessatti Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhate. February 27, 2016
Posted by OromianEconomist in Oromia.Tags: Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Falmaa Godhu Jabeessee Itti Fufuun Diina Irraan Kasaaraa Guddaa Geessisaa, Oromia, Oromia (WBO): Humni Addaa WBO Magaalaa Naqamtee Keessatti Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhate., Oromo, WBO
2 comments



(SBO/VOL – Gurraandhala 26,2016) Gurraandhala 19,2016 Humni Addaa WBO Magaalaa Naqamtee Keessatti Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhateen kasaaraa irraan gahee jira.
Gurraandhala 19,2016 halkan keessa Humni Addaa WBO magaalaa Naqamtee keessaa naannoo Boordiitti waraana wayyaanee ummata irratti roorrisu rukutuun 18 ol hojiin ala akka godhe Ajaji WBO Godina Dhiha Oromiyaa beeksisee jira.
Loltootni wayyaanee haleelaman kun kanneen FXG magaalaa Naqamtee dhaamsuuf ummata irratti guyyuu roorrisaa jiran akka ta’es barameera.
Loltootni wayyaanee madeeffaman hospitaala magaalaa Naqamtee keessatti yaalamaa akka jiran illee gabaafameera. Muddamsuun magaalaa Naqamtee fi naannoo sana jiru haalaan ulfaataa ta’uunis barameera.
You must be logged in to post a comment.