OROMIA: BAKKA QABSOON GEESSEE FI SHOORA BARATTOOTA YUNIVARSITII November 18, 2017
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: #OromoProtests, Africa, Againsty Tyranny, Ethiopia, FXG, FXG Oromiyaa, Jawar Mohammed, Oromia, Oromo, Oromo Students Protests, Social movement
trackback
BAKKA QABSOON GEESSEE FI SHOORA BARATTOOTA YUNIVARSITII
Jawar Mohammed irraa
Dhalachuu qabsoo bilisummaa Oromootirraa kaasee hamma ammaatti gaheen barattootni Dhaabbilee Ol’aanoo qaanqee qabsoo qabsiisurraa kaasee hamma ammaatti qaban baay’ee ol’aanaa ta’uun isaa ni beekama.
Barootuma as kaluu kanaahuu yoo ilaalle gubachuu bosonaa Baaleetirraa kaasee hamma #OromoProtests tti mormiilee turaniif qaanqee kan ta’e barattootaafi mooraa Yuunivarsitiidhaati. Qabsoo kanaafis kibiriita bifa lamaan ta’aa turan. Tokkoffaa mooraa keessatti wal gurmeessuudhaan mormii qabsiisanii qaanqee mormii sanii uummatatti facaasuudhaani. Kan lammataa yeroo boqonnaa isaanii qe’eetti galuun uummata dadammaqsuufi qindeessuudhaani.
Yeroo ammaa kana ibiddi qaanqeen sun qabsiifte Oromiyaa hunda walgahee masaraa warra gita bittuu keessayyuu seenee jira. Kana jechuun garuu sila qabsoon sadarkaa kana gaheef barattootni qaanqee qabsoo ta’anii itti fufuu isaanii haa dhaaban jechuu miti. Yeroo uummanni hundi dammaqee falmachaa jiru kanatti shoorrii barattootaafi mooraalee barnoota ol’aanaa tarkaanfii takkaa lama dursee deemuun qaanqee bifa haarayaa ta’ee mul’achuu waan qabuuf shoorri isaaniis jijjiramaa deemuu qaba. Kanas bifa armaan gadiin osoo godhamee qabsoof faayidaa qaba natti fakkaata.
Akkuma yeroo adda addaa jechaa turre, qabsoon teenya gara goolabbiitti dhihaattee jirti. Qabsoo tana bifa nuuf taatuun goolabuuf bakka sirni nama nyaataan kun kufetti sirna kaayyoo qabsoo teenya bakkaan gahu ijaaruuf yeroo ammaa kanatti hojii sammuu guddaa gaafata. Sirna karkarsine kana akkamiin akka nurratti hin jigne ofirraa qabnee kara nuuf ta’utti lafaan dhoofna? Sirna dullacha kanarraa haaraatti dabruuf tooftaa cehumsaa ( transitional) akkamii dhaabuu qabna? Erga kufee hoo bakka isaatti sirna akkamii yoo dhaabne bilisummaan, nageenyifi misoomni sabni keenya dheebote sun dhugoomuun mala? Imaammata diinagdee, hawaasummaa, nageenya ( security), barnootaafi kkf akkamiitu nu baasa? yeroo ammaatti Wayyaaneen saboota hundaan walitti nu buusuu barbaaddi. Kana ammoo madaa amma dura tureefi walshakkii jiranitti fayyadamti. Shira ishii kana fashaleessuufi hariiroo ummatoota kana gara fuulduraatiif utubaa jabaa dhaabuuf shoorri dhaabbilee barnoota ol’aanaa guddaadha. Hariiroon Oromoofi saba biraa jidduu jiru maal ta’uu qaba? saboonni biyyattii aangoo siyaasaafi diinaagdee akkamiin hirachuu qabu?
Gaaffilee kana hundaaf deebii har’a qopheessuu qabna. Kanaaf ammoo hayyoonni keenya roga hundaan qorannaa gochuu qabu. Qorannoon isaanii kun ammoo mariidhaan bilchaachuu qaba. Qorannoo kana kan mariidhaan gabbisuu danda’uufi qabu ammoo hawaasa barattoota dhaabbilee ol’aanoo keessaati. Sababni isaas yaadrimee hayyoonni dhiheessan ta’ee dhugaa (reality) hawaasa keessa jiru kan wal biratti madaalee wal simsiisuu danda’u isaan waan ta’aniifi. Yaadonni qorannoo kun hayyootaan dhiyaatanii barattoota Yuunivarsitiitiin erga bilchaatanii booda uummatatti dhiyaachuu qabu.
Kanaafuu, miirri qabsoo mooraalee Yuunivarsitiilee keessa jiru kun ummata bal’aa dura akka tarkaanfatu gochuun barbaachisaadha. Waltajjiileen marii dhimmoota ijoo kanneen irratti xiyyeffatan gaggeessuunis murteessaadha. Dhaabbileen barnootaa, miidiyaaleenif qaamni mootummaa waltajjii qindeessuufi haala barbaachisaa hunda mijeessuu qabu.
Hubadhaa! wayyaaneen bakka gaaffii uummatootaa deebiftu bira dabartee jirti. Yeroo ammaa kanatti gaaffii saba biroo deebisuu dhiisaa gaaffiidhuma miseensota ishii jidduu ka’aa jiru furuu dadhabdee jaanjoftee jirti. Gaaffii uummata keenyaatiif amma booda deebiin isaa harkuma hayyootaafi hoogganoota isaa jira. Deebii kana ammoo qorannoo gochuufi gabbisuudhaan deebisuutu barbaachisa. Dhimmi hariiroo Oromoofi saboota biroos qorannoofi marii isaan waliin goonuun bilchaataa deema. Walumaagalatti hireen Oromoofi saboota waliin jiraannu amma bodaa jechaafi gocha Oromoofi Oromiyaa irratti hundaa’a. Oromoo keessaa ammoo qaama barate, keessattuu kan dhaabbilee barnoota ol’aanaa keessa jiran irratti kufee jira. Dirqama kana bahuuf hayyoonniifi barattootni keenya tasgabbiifi waldhagahuudhaan deemuu qabdan.Jeequmsis ta’ee mooraalee barnootaa dhiisanii deemuun dirqama kana bahuuf hiree jiru of duraa cufuudha. Yeroo ammatti barattoonni Oromoo ofii isaaniitiif mooraa jeequu dhiisii kan jeeqameeyyuu tasgabbeessuu qabu. Mooraa dhiisanii deemuu dhiisii yoo bahaa jedhamaniiyyuu didanii turuu qabu. Maaliif? Mooraa keessa turuun dirqama qabsoon yeroo ammaatti qaama hawaasaa sanirraa eegdu bahuuf mooraa turuniifi barnoota itti fufuun baay’ee barbaachisaa waan ta’eef. Dabalataanis barattootni saba biraa akka olola diinaatiin hin jeeqamneefi mooraa dhiisanii hin deemne qabatamaan amansiisuu qabdan.
Kanaafuu barattotni dhaabbilee barnootaa ol’aanaa akkuma qaanqee ta’uun qabsoo kanaaf daandii irratti ibsaa asiin geessan ammas xurree ce’uumsaafi sirna haarayaa uummata keenyatti akeekuuf dirqama isinirra jiru bahuuf hiree hundatti akka fayyadamtan isiif dhaama.
Leave a Reply Cancel reply
This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.
Comments»
No comments yet — be the first.