Jirra, Jirtuu?: Hacaaluu Hundeessaa Geerarsa galma barkumeetti. ተወዳጁ ሀጫሉ ሁንዴሳ በድጋሚ ቀውጢ አደረገው The one & only Hacaaluu Hundessaa at Millennium Hall, Finfinnee July 17, 2018
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa, African Beat, Artist Hacaaluu Hundessaa, Ethiopia, jirra, jirtuu, Music, Oromia, Oromo music, Oromo music and Oromo identity, Qeerroo, Social movements
trackback
Geerarsa Haacaaluu
Jirtuu?, Hin Dhagaahamu, hin dhagaahamu jechaa jiru warri
Ameerikaa.
Jirtuu?, Jirtuu?…
Ijoolleen Goojjam Jirtuu?
Goojjam Matakkal Jirtuu?
Ijoolleen Raayyaa Jirtuu?
Raayyaa Raayituu Jirtuu?
Ijoolleen Walloo Jirtuu?
Walloo Kamisee Jirtuu?
Ijoolleen Wallaggaa Jirtuu?
Ijoolleen Arsii Jirtuu?
Ijoolleen Booranaa Jirtuu?
Ijoolleen Tuulamaa Jirtuu?
Ayiiiiiiiiiiiiiii..
Ani Maalan godheree
Maalan gochuu dideree
Manni Keenya holqaare(×)
Tabba Gubbaadha malee(×2)
Oromoon Biyya Diigaaree
Biyya Ijaara Malee(×2)
Ya Ijoollee Biyya kootii(×2)
Hundumtuun Haadhoo Kooti(×2)
Hangariin Garaa siree
Nooraan garaa dhidheessaa
An Yooman garaa hiree
An Haacaaluu Hundeessaa
Nan Joore Nan Joorekaa
Foon maddii na qoorekaa
Ya ijoollee biyya kootii(×2)
Hundumtun haadhoo kooti(×2)
Qamalee koo Qamalittii(×2)
Yaa Ishee goongoorra utaaltu
Arbi ciinjiijjiitti dhale
Akkamiin rafnee bulla
Fuulduraan otoo eegnuu
Diinni boroodhaan gale
Akkamiin Rafnee Bulla
Nuti Jaalala jenna
Diinni Ammas nuun ciisne
Kunoo mi’eessoon galee
Rasaasaan nu waxalee
Akkamiin rafnee bulla
Diinni silaa nuun ciisne
Kunoo cinaaksan gale
Rasaasaan nu waxalee
Nurraa Dhowwi ya Lammaa
Nurraa Dhowwi ya Abiyyii
Nurraa Dhowwaa yaa biyyaa
Yookaan qeerroottan iyyaa…
Gaarri shiraan tuulame
Biiftuu Baatu Dhoksaaree
Kan Du’e Seenaatti Hafe
Kan lufe silaa lufe
Kan dhufes dhiigaan dhufe
Dhiigni qeerroo inni jige
Itiyoophiyaa jigde kaasekaa
Dhiigni qeerroo inni jige
Itiyoo_eertiraa walitti araarsekaa
Nan sobee…Nan Sobee…Nan Sobee
Nan Sobee Ijoollee Oromoo
Nan Sobee Ijoollee Biyyakoo
Galma Dhugaa Ijaaruuf
Galma Sobaa Raasekaa
Galma Dhugaas Lafeedhaan
Ni Ijaarranna Boru
Galma Dhugaas Jaalalaan
Ni Ijaarranna Boruu
Otuma Moortuun Moortuu
Ni Hora Abbaan Horuu
Otoo Addageen Moortuu
Ni Hora Abbaan Horuu
Ni Hora Abbaan Horu
Ni Hora Abbaan Horuuu.
Dumesaaye caamaaree? Caamus hongee taharee?
Namni ibidda beeku daara argee nahaaree?
Bakka ajaan bay’atu bakka tortooraf raqaa
Allaattif saree malee kan biraa maltuu dhaqa?
Daandii dheera na hafe kan fuldura koo ta’uu
Booddetti garagalee bookef tafkii hin lakkawu
Lubbuu biliqa baatuf maafan gola nanna’aa
Saba koof falmee du’een #Taaddasa_birru ta’aa
Saba koof falmee du’een #Waaqoo_Guutuu koo ta’aa
Biyya koof falmee du’een #Oliqaa_Dingil ta’aa
Saba koof falmee du’een #Balay_Zalaqaa_Qilxuu ta’aa
Biyya koof falmee du’een #Abdisaa_Aagaa ta’aa
Saba koof falmee du’een #Bakar_Waare koo ta’aa
Saba koof falmee du’een #Lagasaa_Wagii ta’aa.
Harreen diidoo itti duulteef haroo dhugaa gogsaare
Gaarri shiraan tuulame biiftuu baatu dhoksaare
Kan du’ee seenatti hafe
kan lufe sila lufe
kan dhufes dhiigan dhufee.
Dhiigni qeerroo inni jige itiyoophiyaa jigde kaase kaa
Dhiigni qeerroo inni jige itiyoo-ertiraa walitti araarsee kaa!
Nansobee? Nansobe?
Nansobee ijoollee oromoo?
Nansobee ijoollee biyyaa koo?
Hachalu Hundessa rocks Millennium Hall in front of PM Abiy Ahmed and President Issayas Afeworki https://t.co/txXTCClfDd
— Jawar Mohammed (@Jawar_Mohammed) July 16, 2018
Leave a Reply Cancel reply
This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.
Comments»
No comments yet — be the first.