Artist Laggasaan jaalala tapha masiinqoon kan booji’me yeroo artistii beekamaa biraa Wasinuu Didoo jedhamu masiinqoon weellisu arguun akka tahe kanaan dura ibsaa tureera.
Artisti Wasanuu Didoo, hiriyyaa abbaa isaa Obbo Abdii yoo tahan, isuma irraa masiinqoo taphachuu barachuun yeroo umuriin isaa gara waggaa 20 tahu gara magaalaa Finfinnee dhaquun mana tiyaatiraa Haager Fiqiritti sirbuu eegale.
Laggasaa Abdii Tiyaatiraa Hagar fiqir, Tiyaatira Biyyaalessaa, Tiyaatiraa fi Aadaa Magaalaa Finfinnee, Orkeestiraa Poolisii, Kiburzabanyaa fi kanneen biroo keessatti yeroo dheeraaf hojjeteera.
Artisti Laggasaa Abdii sirboota isaan nama onnee namatti horu jedhamuun beekama.
”Maasaan gamaa lafa hin baatuu, talbaa facaafata taati
Tokko du’ee tokko hin nyaatu wal gaggalaafata taati” jechuun kan masiinqoon weellisaa ture hanga ammaattiyyuu fudhatama guddaa qaba.

Weellisaan kun dandeettii meeshaalee muuziqaa garaagaraa illee barachuun guddina aartii Oromoo keessatti nama shoora olaanaa bahatedha.
Artis Laggasaa Abdii bara 1952 aadde Ijjigee Ababaa waliin bultoo dhaabuun ijoollee dhiiraa afurii fi dubara sadii godhataniiru.
Dabalataan bara 1970 keessa hiriyootaa isaa fi artistoota kanneen akka Dammisee Dastaa, Lammaa Gabrehiwoot, Ayyaalee Yimaanuu waliin tahuun dhuunfaadhaan ‘garee muuziqaa Aadaa biyyaa’ jedhamu tokko hundeessuun guddina aartii keessatti gumaacha olaanaa gochaa turaniiru.
Yeroo garaagaraatti biyyoota akka Keeniyaa, Sudaan fi Kooriyaa Kibbaa deemuun aadaa fi sirboota Oromoo agarsiisuunis dinqisiifannaa guddaa argataniru.
Walumaa galatti artist Laggasaa Abdii dhiibbaa ulfaataa bara Afaan Oromoodhaan dubbachuun qaanii turee fi maqaan namootaa illee Afaan Oromoo irraa jijjirama ture keessa darbuun waggoota 60 oliif guddina aartii Oromoof gumaacha olaanaa taphateera. BBc Afaan Oromoo
Comments»
No comments yet — be the first.