RAGAA MILIQEE BA’E: [Waxabajjii 30, 2020] poolisisiin Oromiyaa maqaan isaa Magarsaa Yaaddessaa Eenyutu Ajjeese August 5, 2020
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.add a comment
Ragaa miliqee ba’ee fuulla FB Tsegaye R Ararssa irratti Afaan Amaraan maxxanfame hiikkoon Afaan Oromoo kunooti. Dubbisaa.
ODEEFFANNOO QORATTOOTA [YAKKAA] IRRAA ARGAME
Fakkiiwwan barreeffamaa armaan gaditti agartan gaafa reeffi Aartist Hacaaluu Hundeessaa mooraa Galma Aadaa Oromoo keessa ture sana [Waxabajjii 30, 2020] poolisisiin Oromiyaa maqaan isaa #Magarsaa_Yaaddessaa jedhamu eenyu akka ajjeesee fi akkamitti akka ajjeefame kan ibsu dha. Odeeffannoon kun deebii shakkamtummaa poolisiin ajjeechaa kanaan shakkamee, Abdullaaziiz Gazzaalii, poolisii isa qorateef kenne irraa argame (Poolisoota odeeffannoo jabaataa kana nuuf kennan osoo hingalateeffatin hindabarru).Dubbii himatamaa kana irraa hubachuun akkuma danda’amu shakkamaan wayta rakkoon kun dhalatu mooraa Waajjira Biltsiginnaa keessaa hojii eegumsaa irra ture. Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa waliin walqabatee itti gaafatama isaanii akka ba’aniif ajajni jabaan itti kennamee waan tureef dammaqinaan hojii naga-eegumsaa irra akka turan. Kanumaan walqabatee shakkamaan [Abdullaaziiz Gazzaalii] qawwee isaa rasaasa nyaachifatee, milaaccii qawwee deebifatee dammaqinaan ta’eewwan naannoo ofii hordofaa ture. Osoo Kanaan jiranii ajejaan dhufee “bakka bakka qabadhaa malee” jedhee wayta ajaju naasuudhaan socho’uu eegale, gidduutti gufatee milli isaa sakaalamuudhaan qubni isaa qaataa Qawweetti bu’uudhaan milaacciin Qewwee deebi’ee rasaasni tu’annoo poolisichaan ala harkaa ba’ee dhuka’e, rasaasni poolisicha harkaa ba’ee dhuka’e kun waa’ila isaa Poolisisii Magarsaa rukutee ajjeese.Ragaan qorannoo yakkaa kun ifatti akkuma agarsiisu yeroo [rakkoon kun dhalatu] kanatti eegdonni Jawaar dhukaasa tokkollee hindhukaasne; meeshaa keessan hiikkadhaa wayta jedhamanis [ajeja kennameef] waliin waliif galuudhaan hiikkataniiru. Himmannaan Biltiginnaa “ajjeechaa kana kan raawwate eegdo ta Jawaari, kanaaf Jawaar fa’aanis itti gaafatamu” jedhu tasumaa bu’uura hinqabu [dhugaa miti jechuudha].Waraqaan jecha himatamaa kun ragaalee dhimma kana waliin walqabatu jedhanii yaadan biroo waliin walqabsiisanii “preliminary hearing’ Dhaddacha Araadaatti raaw’atamu irratti akka ragaatti miiltoo taasisanii dhiyeessuf adeemu. Himannaa boodaan Mana Murtii Olaanaatti banamuuf adeemuufis qophii taasifamaa jiru ta’uu isaati. Qaama qophii adeemsa himannaa banuu keesaa tokko kan ta’e ragaa sobaa oomishuunis eegalamee akka jiru beekuun danda’amee jira. “Ragaa namaa” (dhuga-baatotni) dhimma kanaaf barbaachisan filatamanii Waajjira OPDO duraanii isa karaa Siddist Kiiloo irratti argamu keessatti akkaataa itti raga sobaa kana [Mana Murtii duratti dhiyaatanii] himan qorachaa, shaakalaa akka jiranis beekamee jira. Dabalataan “rasaasni reeffa keessaa argame rasaasa qawwee [poolisii] Abdullaaziiz Gazzaalii keessaa dhukaafame ta’uu isaaf ragaan hinjiru” kan jedhu ragaa qorannoo reeffaa (forensic) irraa argame jechuudhaan akka ragaatti galmee himannoo kanaatti dabalamee akka jiru poolisoonni [yakka kana qoratan] iccitii jiru baasaniiru. Namni marti ilaalee [dhugaa jiru kana hubatee] akka faraduuf jechi himatamaan kun [poolisii qorataa yakkaaf] kenninaan galmee himannaa kanaa keessatti hammatame kunoo maxxansa kana waliin walitti qabsiifamee jira.




You must be logged in to post a comment.