jump to navigation

Sirna kufuuf daddaaqamaa jiru jireessuuf kanneen dhama’an dhumni isaanii salphina February 13, 2015

Posted by OromianEconomist in OLF, Oromia News, Oromian Voices, Oromiyaa, Oromo, Oromo Liberation Front (OLF), Oromo Nation, Oromo News, Oromummaa.
Tags: , , , , ,
add a comment

O

Sirna kufuuf daddaaqamaa jiru jireessuuf kanneen dhama’an dhumni isaanii salphina

(Ibsa ABO duula diinaan Oromoo irratti baname ilaalchisee)

OLF logo

Gurraandhala 13, 2015 (Oromo Liberation Front) — Mootummaan Wayyaanee ummatoota irraan gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan miidhaa ol aanaa dhaqqabsiisaa jiru kufaatiin isaa kan hin hafne tahuu caalaatti wayta mirkanaa’ee jiru kanatti abdii kutannaa irraa shira gara garaa hojjatuun bittaa isaa itti fufsiisuuf yaalii ijibbaataa gaggeessaa jira. Ummatoota bittaan nu gahe! Sirni Cunqursaan nurraa haa ka’u! jechuun bifa gara garaan qabsoo adeemsisan kolaasuu fi kan ummatoota irraa deggersa qabu fakkaatee mul’atuuf wixxifannaan adeemsifamaa jirus lammiiwwan Itophiyaa gara garaa addatti ammo lammiilee Oromoo sirnicha baqatuun biyya alaatti argaman irratti kan xiyyeeffate tahuu sochii diinni gochaa jiru irraa hubatama.

Lukkeelee diinaa bittoota murna bicuuf riqicha tahanii ummata Oromoo saamuu fi saamsisuu, ajjeesuu fi ajjeesisuu, biyyaa baqachiisuu fi hiisisuu keessatti shoora ol aanaa qaban, ergaa diinaa kana qabatanii biyyoota alaa keessa oggaa laban kan arge isaan taajjabuu irra dabree akka namaatti yaaduu isaanii shakka. Ergamtootni osoo ummatni Oromoo bakka bu’ummaan hin filatiin humnaan bakka bu’aa of taasisan kunneen hin galleef malee kanneen har’a maqaa guddinaa fi misoomaan isa hawwatuuf itti bobba’an kanneenuma kaleessa miidhaa isaanii baqa biyyoota adda addaatti baqatani dha. Kanneen Abbaa fi Haadha, Obbolaa fi firoottan, ilmaan, akkasumas hiriyootni isaanii jalaa ajjeefaman, mana hidhaatti guuramani hiraaraa jirani dha.

Wayyaanee dantaa murna bicuuguutuuf jecha ijaaruu irra diiguu, haqa lagatuun kijibaaf dhaabbatu , mirga dimokraasii dhugoomsuu irra bittaa abbaa irrummaa jireessuu, biyya misoomsuu irra deegsuun beekame, mootummaa guddinaa fi misoomaa ti jechuun duulli ergamtoota sirnichaan biyyoota alatti eegalame fudhatama fi deggeraa dhabee bakka dhaqan maratti mormii ol aanaa fi salphina guddaan akka deebi’an taasifameera. Haa tahu malee salphifamaa fi xiqqeeffamaa harca’aa funaannatuu akka aadaa fi kabajaatti fudhatan lukkeeleen diinaa kunneen, garaa itti nyaatan malee sammuun ittiin yaadan waanitti hin uumamneef mormii irra gahaa jiru danda’aa fi obsaa ergaa diinaa baqataa Oromoon akka gahaniif karoora itti kenname itti fufuuf murteeffatanii jiran.

Lukkeeleen diinaa raata’oo kunneen ummatni Oromoos akkuma isaanii akka raata’uuf hojjatan. Akkuma isaanii har’a nyaadhee bullaan ana gaha! jechuun ulfina isaa gurguree akka jiraatu barbaadan. Akkuma isaanii ashkara alagaa tahee biyya isaa irratti alageeffamee jireenya gadadoo fi salphinaa akka jiraatu barbaadu. Waggoota 24 boodallee fedhiin ummataa maal akka tahe hubatuu dadhabu/diduu irraa mirga isaaf falmatuu dhaabee akka harka kennatuuf irratti bobba’uun isaan taajjabsiisa malee ummata ejjannoo isaa hin jijjiirsisu. Kanneen of xiqqeessanii ummata xiqqeessuuf yaalan hin galleef malee ummatni guyyaa irratti of irroomsanii eegalee kan isaan hin deggerre, waliinis hin dhaabbanne tahuu ifatti itti himeera. Mormuun dura dhaabbatee walabummaa fi bilisummaa isaaf falmateera, falmaas jira.

Jilli gara garaa muddama qabsoon ummatootaa gooftolii isaanii irraan gahaa jiru jalaa baraaruuf dhiheenya kana dirqama Wayyaanee fudhatuun Awrooppaa, Ameerikaa, Kanadaa fi Austraaliaatti bobba’uun Oromoota biyyoota kanneen keessa qubatan gowwoomsuuf yaalanii taasisaniin salphifamaa akka turan midiyaaleen gabaasaa turan. Jilootni bakka gahan hundatti salphifamaa turan kanneen kan dhagahu hin argatiin malee, lafti mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii isiniif kennama, qabeenya qabdan investment/misooma irra akka oolchitaniif deggersi addaa fi barbaachisu isiniif kennama jechuun waadaa kijibaa tarrisuun hawwataa akka turanis gabaafamaa ture. Biyyi misoomaa fi guddataa akka jirtu, wal qixxummaan ummatootaa mirkaneeffamuu fi mirgi dimokraasii dagaaguu qaanii malee haa dubbatan malee haalli empaayera Itoophiyaa fi kan ummataa addaan fagoo tahuun hubannaa ummataan ala hin turre.

Mootummaa abbaa irreef aangoo isaa turfatuun alatti kan itti mul’atu waan hin jirreef hanga kufutti tikfatuuf dhidhiitatuu hin dhaabu. Waan taheef Wayyaaneen salphina ergamtoota isaa Awrooppaa fi Ameerikaa itti bobbaafate irra gahe irraa barachuu hanqatee baqattoota Oromoo Afriikaa biyyoota gara garaa keessatti argaman irratti karoora bal’aa baasuun akka sossobanii biyyatti deebisaniif, dadhabame ammoo mootummoota of gargaarsisuun biyyatti deebisuu irratti akka hojjataniif ergamtoota isaa bobbaasee jira.

Baqattoota Oromoo, Sudaan Kaabaa fi Kibbaa, Kenyaa, Ugaandaa, Jibuutii fi biyyoota birootti argaman kanneeniinis waadaa kijibaa:

  1. Lafa mana irratti ijaarratan magaala Finfinneetii argattu;
  2. Manni koondominemii isiniif kennama;
  3. “Garee business “ jedhuun embaasii jalattii yo ijaaramtan embaasiin deeggarsa addaa isiniif godha kan jedhanutu argamu.

Haqni bobbaa diinaa kanaan duuba jiru garuu, waldaalee maqaa baqattoota Oromoon ijaaraman diiguun waldaa Itophiyaa jala galchuu, suuraa fi vidiyoolee baqattootaa midiyaa isaanii irratti agarsiifatuun hamilee ummataa biyya keessaa qabsoo irratti finiinsaa jiru cabsuu, baqataa gowwoomsuun biyyatti akka deebi’u taasisuun kanneen hafan galuu danda’u, rakkoon homaatuu irra hin gahu, jechuun golgaa UNHCR irraa argatan akka dhaban taasisuu, Sochii baqattoota Oromoo hordoffii fi to’annoo embaasii Itoophiyaa jala galchuu; hidhaa fi ajjeechaa isaanii jalaa kanneen baafatan biyyatti deebisuun mana hidhaatti darbuu kan akeekkate dha.

Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi Sirni heeraa fi seera ofiif tume cabsuun lammiilee seeraa fi murtiin alatti ajjeesu, badiin alatti raga kijibaan hidhaa waggaa dheeraa itti murteessee manneen hidhaa keessatti dararuu fi humna tikaa fi poolisaa amanamoo isaa tahaniin tumsiisaa jiru, misoomaa fi guddina, mirga dimokraasii fi namoomaa ilaalchisee ololli adeemsisu kan madaala kaasu miti. Qabiinsi mirga namoomaa fi mirgi dimokraasii biyyattii maal akka fakkaatu ummatoota biyyattii irra dabree kan alagaan iyyuu kijiba tahuu hubatee dura dhaabbataa jiru tahee jira.

Ummatni Oromoo biyya keessaas haa tahu biyya alaa kijiba Wayyaaneen kan hin dagamne tahuu ifatti agarsiisaa jira. Addatti ammo lammiileen Oromoo biyyoota alaa adda addaa keessa jiran ergama diinaa fashalsuun qoodni gumaachan kan Oromoo hunda boonse, ergamtoota diina rifaasise dha. Bobbaa’an jiilota Wayyaaneen baqattoota Oromoo Afriikaa jiran irratti xiyyeeffates akkasuma akka fashalu shakkiin hin jiru. Haa tahu malee haalli biyyoota Afriikaa, akka biyyoota Awroppaa fi Ameerikaa aanjaa kan hin qabne taahuun beekamaa dha. Waan taheef , hawaasni Oromoo biyyoota adda addaa keessatti argamtan obboleeyyaan keenya diinni itti xiyyeeffatuun shira irratti raawwatuuf abuurratee jiru hordofuun miidhaa diinaa akka qolatuu danda’aniif tokkummaan akka cinaa dhaabbattan ABOn yaadachiisa. Midiyaaleen Oromoo fi kanneen haqaaf dhaabbatan kan biros gochaa diinummaa fi farra namoomaa baqattoota Oromoo irratti xiyyeeffate kana saaxiluun garee haqaaf dhaabbatan tahuu akka mirkaneessitan ABOn waamicha isaa isiniif dabarsa. Akkasumas jarmiyaaleen kabajaa mirga namaaf dhaabattan duula mirga baqattoota Oromoo ukkaamsu Wayyaaneen itti jiru akka hin milkoofne taasisuuf tumsa barbaachisu akka gootan waamicha isaa dabarsa.

Shirri diinaan Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti raawwatamu qabsoo caalaatti finiinsa malee hin laaffisu. Kanaaf lammiileen Oromoo biyya keessaaf alaa bittaa Wayyaanee gateettii ummataa irraa buusuuf qabsoo bilisummaa caalaatti finiinsuun gaaffii yeroo tahuu hubannee tokkummaan haa kaanu.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala, 13, 2015

http://oromoliberationfront.org/

Cooperation with the Regime Hostile to the Peoples’ of Ethiopia is Against the Principles of International Law (A Statement by the Oromo Liberation Front in Support of Report of Amnesty International on Human Rights Violation Against the Oromo People) November 10, 2014

Posted by OromianEconomist in Africa, Amnesty International's Report: Because I Am Oromo, Because I am Oromo, Ethnic Cleansing, Groups at risk of arbitrary arrest in Oromia: Amnesty International Report, Human Rights Watch on Human Rights Violations Against Oromo People by TPLF Ethiopia, Janjaweed Style Liyu Police of Ethiopia, Jen & Josh (Ijoollee Amboo), Oromiyaa, Oromo, Oromo Liberation Front (OLF).
Tags: , , , , , , , , , ,
add a comment

O

OLF_ABO_Logo

 

Cooperation with the Regime Hostile to the Peoples’ of Ethiopia is Against the Principles of International Law

(A Statement by the Oromo Liberation Front in Support of Report of Amnesty International on Human Rights Violation Against the Oromo People)

OROMO LIBERATION FRONT

Date: 10-11-14    No.: 004/stm-abo/2014
In the history of shocking tortures of dictatorial regimes against the peoples ruled under their iron fist, the Ethiopian government cruelty is unparalleled. Since its ascension to power by force in 1991, the Ethiopian government’s records of human rights violations through extraordinary killings, forced disappearances, massive imprisonments, displacements and other means of suppression against the Oromo people is incalculable. The world has repeatedly witnessed that the incumbent regime of Ethiopia is a government that has adopted a policy of ruling by violence, and commit harsh and cruel actions flagrantly.

Although the political objective of the Oromo Liberation Front is primarily to achieve and protect the rights of the Oromo people, it has never remained silent when other oppressed peoples of the Ethiopian empire were attacked by the regime. It has confronted the regime, exposed and denounced its maltreatment and gross human rights abuses. The Oromo Liberation Front has accomplished its duty by repeatedly exposing and denouncing the brutal annihilation committed against the Sidama, Gambela, Ogadenia, Amhara and other peoples and also asked those powers assisting this government to stop and re-evaluate their policies and relations with such government. The Oromo Liberation Front will continue to do so. However, lack of adequate response and action from outside for the cry and appeals of these oppressed peoples fighting for democracy and liberty has encouraged the TPLF Government to continue its brutal actions against these peoples and still it has intensified state terrorism.

It is to be recalled that on October 28, 2014 the international human rights organization, Amnesty International, exposed and released a report on a gross human rights violations specifically focusing on the Oromo that has been committed by the TPLF government. The Oromo Liberation Front would like to thank Amnesty International in general, and the head of this report Mrs. Claire Beston in particular, for releasing this genuine and detailed report.

The Oromo Liberation Front understands that the investigation and compiling of this gross human rights violations has been conducted under difficult circumstances where the government of Ethiopia never allows such inquiry. Because of this, though Amnesty International has worked hard under such difficult situation and revealed the suffering of the Oromo people, the Oromo Liberation Front would like to inform the international public that the gross human rights violations committed by TPLF government against the Oromo people is by far larger, wide and shocking in scope than the report of Amnesty International.

Nowadays, no one knows how many prison cells exist in the empire state of Ethiopia. However, even if the places and the number of the prisons are not exactly known, the peoples in Ethiopia know very well that there are a number of secret prison cells in different parts of the country. In particular, members of the Oromo nationals who are suspected having link with the Oromo Liberation Front have been detained in prison cells outside Oromia so as to distance them from their relatives. Most of these Oromo nationals are detained in the region of TPLF, Tigray, and mistreated by TPLF loyalists who are purely Tigrayans.

In addition to mass killings, the TPLF government torture the Oromos psychologically, mutilate men’s sex organs, extract their teeth, rape Oromo girls and women, detain the Oromos in extremely hot and cold rooms, shower boiled and cold water on their body. They shoot and kill one Oromo in front of the other, and commit so many other types of torture in order to force the Oromo to refrain from demanding and exercising their rights. Arbitrary killings, mass detention and eviction of the oppressed peoples in general, and the Oromo in particular, from their ancestral land are the crimes against humanity that are blatantly committed and known to everyone.

These crimes have been committed for the last 23 years in front of the Western and Eastern diplomats, the African diplomats, and regional and international human rights organizations. It is sad that when all these gross human rights violations are committed in front of them, including the DAG and African Union (AU) – all of them remained silent. When such International entities are silent on such criminal acts, the peoples in Ethiopia are forced to raise questions, such as what are the meanings of good governance, democracy, and human rights that these institutions and organizations are talking about.

Consequently, based on the existing reality, the Oromo Liberation Front would like to pass the following messages:

1. Advocates of all human rights have a moral responsibility to thoroughly investigate and work on exposing and reporting the ongoing brutal actions by the Ethiopian government;

2. The diplomatic communities of different countries, including African diplomats, should not be silent on the brutal actions committed against the oppressed peoples of Ethiopia in general, and the most targeted Oromo people in particular. They should expose and put pressure on the TPF government to stop its inhuman actions;

3. Above all the African Union(AU) and DAG should stop their attempt to conceal the reality of the Oromo people, and they should work on stopping the inhuman actions of the TPLF regime;

4. The Oromo Liberation Front also calls on local and international media to assess the injustice that the TPLF government commit against the oppressed peoples of the empire state of Ethiopia and disclose it to the international public;

5. There are no peoples unaffected under the brutal and hostile regime of Ethiopia. All the peoples have faced their children detained, their properties confiscated and displaced from their ancestral land. Therefore, the Oromo Liberation Front would like to remind the oppressed peoples in Ethiopia that the only means to remove the dictatorial rule of the TPLF is a concerted action. The success of the Oromo liberation struggle paves way for the success of all other peoples; hence, the Oromo Liberation Front calls for other peoples in Ethiopia to cooperate with the Oromo people to remove this brutal regime of the TPLF;

6. The Oromo people: you are the prime victim, and you know more than anybody else that the Ethiopian government categorized you as its main enemy. Although others understand that great majority of you have been impoverished and subjected to harsh rule during the whole reign of the TPLF government, it is only if you step up the struggle for your rights that others extend their hand. Therefore, you should understand that there is no other way than intensifying your struggle, and we call for strengthening your resolve and unity for the struggle. You should understand that there is no alien who will willingly lose its advantage to protect your rights;

7. In addition, the Oromo Liberation Front calls on the Oromos in the Diaspora, to energetically appeal to different governments, human rights organizations, donors and organizations based on Amnesty International report and expose that the Oromo people are suffering under the TPLF regime and deserve attention to end this agony.

Victory to the Oromo People!

Oromo Liberation Front

November 10, 2014

 

http://www.amnesty.org/en/library/asset/AFR25/006/2014/en/539616af-0dc6-43dd-8a4f-34e77ffb461c/afr250062014en.pdf

 

 

 

Mootummaa Itophiyaa Ummata Diina Godhate Tumsuun Fallaa Seera Addunya ti

(Ibsa ABO Gabaasaa Amnesty International Deggaruun)

ADDA BILISUMMAA OROMOO

Guyyaa: 10-11-14   Lakk.: 004/stm-abo/2014

Mootummoota darara suukanneessaan ummatoota humnaan bulchan irratti raawwatan keessaa mootummaa Wayyaanee kan dursu hin jiru. Dhufaatii isaa bara 1991 irraa eegalee waggoota aangoo irra ture kanneen keessatti kan ifatti fixee fi dhoksaan dhabamsiise, jireenya irraa mancaasee kadhattummaaf dabarse kenne lakkoobsaan kaa’uun mootummaa abbaa irree kanaafuu hin laaffatu. Mootummaa “Humnaan bitaa jiraatuu” imaammata godhatuun raggaafatee bittaa isaa gara jabinaan itti fufee jiru, gochaa suukanneessaa fi faashistummaa raawwadhus “maaltu ana gaafata?” tuffii jedhuun ifatti raawwatu addunyaan irra deddeebi’ee kan ifatti arge dha.

ABOn mirgi ummatni Oromoo akka kabajamuuf durummaan qabsaa’uun akeeka isaa tahullee yeroon inni itti miidhaan ummatoota cunqorfamoo Empaayera Itophiyaa irra geessifamu dantaan sobamee callisuun bira hin tarre. Dura dhaabbatuun balaaleffateera. Saaxiluun abaareera. Fixiinsa gara jabinaa fi diinummaa ummatoota Sidaamaa, Gambeellaa, Ogadeniyaa fi Amaara dabalatee kanneen biro irratti raawwatame ifatti balaaleffatuun kanneen mootummaa shororkeessaa kana duuba goruun jajjabeessanii fi tumsan akka hariiroo isaanii gamaaggaman yaadachiisuun gahee isaa bahatee jira. Fuula duraafis kun kan itti fufu taha. Haa tahu malee iyyatni ummatoota cunqurfamoo bilisummaa fi dimokraasiif falmanii hawaasa addunyaa irraa deebii fi tarkaanfiin quubsaa fudhatamuu dhabuun mootummaan Wayyaanee sodaan alatti tarkaanfii suukanneessaa ummatoota irratti fudhatu akka itti fufuuf onnachiisee shororkeessummaa moootummaan durfamu akka itti fufetti jira.

Onkoloolessa 28, 2014 dhaabbatni mirga namoomaa Amnesty International dalagaa faashistummaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffate mootummaan Wayyaanee raawwatu saxiluun gabaasa dhiheesuun kan yaadatamu dha. Amnesty International gabaasa kana dhiheesuu isaatiif galata guddaa jedhan. Addatti ammo itti mataa gabaasa kanaa Mrs. Kleer Bestonf ABO galata kenna.

Gabaasi dhihaate kunis haala ulfaataa bakka mootummaan qorannoo bifa kanaa geggeessuuf hin haayyamne jalatti kan adeemsifame tahuun hubannoo ABO ti. Kanaaf, haala ulfaataa jalatti hojjatuudhaan dhugaa ummata Oromoo hanga kana ifa gochuun kan galatoomfamu tahullee dalagaan suukanneessaa fi gara jabinaa ummata Oromoo irratti raawwatame kana irra guddaa, bal’aa fi suukanneessaa ta-huu ABOn hubachiisuu fedha.

Wayta ammaa kana Empaayera Itopiyaa keessa manneen hidhaa meeqa akka jiran kan beeku hin jiru. Kanneen ifatti beekamaniin alatti manneen hidhaa dhoksaa baay’inni fi bakki isaanii hin beekamne naannoolee hedduu keessa jiraachuun kan ummata bal’inaan beekkamu dha. Addatti ammoo ilmaan Oromoo ABOf hojjataa jirtan jechuun hidhaman ummata isaanii irraa fageessuuf manneen hi-dhaa naannoo dhuunfaa mootummaa Wayyaanee tahe keessatti tolfame, kanneen hidhaman amanamoo isaaniin alatti kan biraa arguu hin dandeenye Tigraayitti dabarsuun irratti roorrisaa akka jiran ifatti beekama.

Manneen hidhaa keessatti dalagaalee sukanneessaa Amnesty International himeen olitti raawwataman jiraachuu kanneen akka tasaa hidhaa Wayyaanee keessaa ba-hanii lubbuun jiran hedduu ragaaf dhiheessuutu danda’ama. Jumulaan ajjeesuu caalaatti kan qor-qalbii hidhamaa fi ummataa miidhaa jiru ummatni mirga isaatiif akka hin falmanneef “jiilchuu qabna” yaada jedhuun jumulaan gudeeddii raaw-watuu, dhiira kolaasuu, ilkee irraa fixuu, qaamaa hir’isuu fi gochaalee kan biroo as irratti ibsuun ulfaatu manneen hidhaa Wayyaanee keessatti ilmaan ummatoota cunqurfamoo addatti ammo lammiilee Oromoo irratti raawwatamaa jira.

Ummatoota cunqurfamoo addatti ummata Oromoo jumulaan fixuu, hidhuu, lafa isaa irraa beenyaan alatti buqqaasuudhaan ari’uun gochaa ifatti raawwatamu eenyuyyuu argaa turee fi jiru dha. Diplomaatota biyyoota Dhihaa fi Bahaa, Diplomaatota Afrikaa, dhaabbattoota mirga namoomaaf falman hunda duratti waggoota 23 dabraniif raawwatamaa har’a gahe. DAG fi Tokkummaa Afriikaa (AU) dabalatee qaamotni kanneen hundi osoo fuula isaanii duratti kun hundi raawwatamuu callisanii ilaaluun dhimma ummatoota miidhaan irra gahaa jiru hunda kan aja’ibe dha. Gocha kana irratti erga callifamee bulchiinsa gaarii fi mir-gi dimokraasii baanan hiikti isaa maal jechuu akka tahe hanga gaafatuu fi huba-tuu irratti rakkoo itti uumu gahe.

Waan taheef haala qabatamaa fi ifatti mul’atu kana irratti hundaa’ee ABOn:

1. Jaarmayaaleen mirga dhala namaaf falman tarkaanfii shororkeessummaa mootummaan geggeeffamaa jiru kana qoratuun ifa gochuun gaafatama na-moomaa irra jiru tahuu beekuun qoratuun haqa jiru akka ifa godhuu irratti hojjatan;

2. Diploomaatotni biyyoota gara garaa fi Afriikaa dalagaa faashistummaa um-matoota cunqurfamoo addatti ammo ummata Oromoo irratti xiyyeef-fatamee mootummaa Itophiyaan adeemsifamaa jiru kana callisanii ilaaluu dhiisanii akka saaxilanii fi dhaabsisuuf dhiibbaa barbaachisu akka taasisan;

3. Hundaan olitti ammoo Tokkummaan Afriikaa (AU) fi DAG dhugaa jiru dhoksuuf tattaafatuu dhiisanii daba kana daangessuu irratti akka hojjatan;

4. Midiyaaleen daba ummatoota cunqurfamoo irratti raawwatamaa jiru kana gadi faginaan hubatuu fi qoratuun hawaasa addunyaa akka dhaqqabsiisan ABOn waamicha dabarsaaf;

5. Ummatoota cunqurfamoo Itophiyaa keessaa bittaa Wayyaanee gara jabinaa fi diinummaan guutameen kan ilmaan isaa hin dhabiin, qabeenyi isaa hin saamamiin, qe’ee isaa irraa hin ari’amiinii fi hin hidhamiin hin jiru. Kanaaf, kana hubatuun ummatootni cunqurfamoo mootummaa Abbaa Irree kana of irraa jijjiiruuf falli jiru qabsoo qofa tahuu beekuun akka mootummaa kana irratti jabinaan qabsoo isaanii itti fufan ABO yaadachiisa. Milkaa’uun QBO milkaa’ina isaaniif kan xurree saaqu tahuu hubatuun ummata Oromoo wali-in akka dhaabbatan waamicha isaa dabarsaaf;

6. Ummatoota Itophiyaa keessaa mootummaan Itophiyaan akka diina duraatti fudhatamuun miidhaan ol aanaa sirra gahaa akka jiru sihi abbaa dhimmaa ummata Oromoo caalaa kan beekuu fi hubatu hin jiru. Waggoota bittaa Wayyaanee keessatti harka guddeessaan hiyyummaatti ittifamtee kadhaan jiraachuu dirqamaa akka jirtu kan biraa siif argullee akka kee itti dhaga’amuu dhiisuu mala. “Abbaan iyyate Ollaan dirmata” waan taheef qabsoo itti jirtu jabeessuun alatti daandiin biraa akka hin jirre hubatuun qabsoo kee akka finiinsitu. Alagaan kamuu dantaa isaa dura dhimma keef akka hin dhaabbanne hubadhu. Kan mirga Abbaa biyyummaa fi dimokraasii si gonfachiisu jaarmayaa kee ABO kallacha godhatuun falmaa kee itti fufuu tahuu ABO irra deebi’ee yaadachiisa;

7. Kanatti dabaluun lammiileen Oromoo biyyoota ambaa gara garaa keessa ji-raatan, akkasumas jaarmayaaleen mirga namoomaa fi gargaarsaa miidhaa Oromoo irra gahaa jiru kan Amnesty International ifa godhe kana qabatuun sagalee ummataa tahuun mootummootaa fi dhaabbiilee adda addaatti akka iyyata ummata Oromoo dhiheessitan ABOn waamicha isaa isiniif dhi-heessa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 10, 2014