jump to navigation

Oromia: BBC’n Afaan Oromootiinis akka tamsaasu waamichi dhihaate: BBC: Consider Afan Oromo for your new radio-broadcasts to Ethiopia/Eritrea, as a matter of priority September 10, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , , ,
12 comments

???????????kemetic alphabet (Qubee)The six widely spoken languages in Africa

Awash Post: BBC’n Afaan Oromootiinis akka tamsaasu waamichi dhihaate

BBC’n Afaan Oromootiin akka tamsaasuu waamicha kan dhiheessan Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Girmabbaacabsaati

BBC’n tamsaasa Itoophiyaafi Eertiraa irratti fuulleffate akka eegaluuf deemu Fulbaana 7, 2015 labsee jira. Sababni BBC’n barbaachisummaa tamsaasa kanaaf dhiheesse ukkaamamiinsa miidiyaalee wolabaan wolqabatee hir’inni ykn hanqinni dimokraasii biyyoota lamaanuu keessatti bal’inaan mul’ataa jiraachuu isaati. Egaa kallattiin xiyyeeffannaa BBC qaawwala uumame kana cufuufi rakkoo argame kanaaf furmaata barbaaduudha. Ummataa beela odeeffannoo qabu kana odeeffannoo haqaafi madaalawaa ta’e sooruudha, kaayyoon BBC.

BBC’n tamsaasa eegaluuf karoorfachuun alatti afaan tamsaasni isaa ittiin darbu afaan kam kam akka ta’uuf deemu ammatti wanti ibse hinjiru. Kan fuulleffate Itoophiyaafi Eertiraa irratti waan ta’eef Amaariffaafi Tigriffi nihafa jedhee kan yaadu hinjiru. Jidduu kanatti kan dagatamuuf jiru, akkuma ummata isa dubbatuu, Afaan Oromooti.

Rakkoon BBC’n nifura jedhee yaadu kanniin irra jireessatti kan dhadhamaa jiru Oromoodha. Oromoon kan dubbatuufi kan qajeelatti hubatu afaan isaati. Kanaaf BBC’n rakkoo furuu ykn qaawwala cufuuf deemu san qajeelatti cufuu fedha yoo ta’e, bifa kamiinuu Afaan Oromoo dagatuun irra hinjiraatu. Afaan Oromoo afaan BBC’n ittiin tamsaasu ta’uun kan fayyadu Oromoofi kanniin Afaan Oromoo dubbatan qofaa miti. Kaayyoon BBC’s akka salphatti galma gayuu ykn milkaayuu kan danda’au tamsaasnin yaadame kuni Afaan ummanni miliyoona 40 olitti tilmaamamu dubbatutti yoo dhimma baye. Afaan Oromoo dhiisanii afaan lamaan qofaan tamsaasuu jechuun garaacha gara alaa miicanii isa gara keessaa dhiisuu wolfakkaata. Miicuun yoo hinoolle luf godhaniiti.

BBC’n Afaan Oromootiin akka tamsaasuu waamicha kan dhiheessan Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Girmabbaacabsaati. Sodaa ykn shakkii BBC’n Afaan Oromoo nidagata jedhu ta’uu hinoolle kan Dr. Birhaanamasqal faa gara murtii dursanii waamicha dhiheessuutti isaan geesse. Hirmaannaan hunda keenyaa Afaan Oromoo gara BBC’tti fiduu akka danda’u hinshakkinaa. Tamsaasa Afan Oromoo BBC irraa darbu kan dhagayuu hawwu hundi waamicha godhameef kana awwaachuu qofa kan isarraa eeggamu. Waamicha BBC’f godhame irratti hirmaachuu kan feetan as bira cuqaasa.

BBC’n afaan Hawusaa, Kiswaahilii, Somaalee, Kirundiifi Kinyaruwaandaan tamsaasa isaa ummata Afrikaa kallattii adda addaatti argamu biraan akka gayu nibeekama. Afaan Hawusaafi Kiswaahiliin alatti hundi dubbattoota Afaan Oromoo qabuu gadi hedduu xiqqaa ta’e qaban.

SHARE  (WALII DADDABARSAA)

Related:-

Ethiopian Oromo campaign for BBC language service

Emmanuel Igunza

BBC Africa, Addis Ababa

Ethiopian Oromos have started a petition asking the BBC to consider the Afan Oromo language for proposed news services for Ethiopia.

“This language is spoken as a first language by more than 30 million Oromo and neighbouring peoples in Ethiopia and parts of northern Kenya,” it says.

On Monday, the BBC announced it was proposing to introduce a news service for Eritrea and Ethiopia on medium- and short-wave radio – but gave no further details.

It would be ideal if the BBC decided to broadcast in three languages spoken in Ethiopia – Amharic, Tigrigna and Afan Oromo – the campaigners said.

http://www.bbc.co.uk/news/live/world-africa-34104064?ns_mchannel=social&ns_source=twitter&ns_campaign=bbc_live&ns_linkname=34209041%26Ethiopian%20Oromo%20campaign%20for%20BBC%20language%20service%2611:30&ns_fee=0#post_34209041