jump to navigation

Oromia: Appeal Letter of Oromo Students of Jimma University March 2, 2015

Posted by OromianEconomist in No to land grabs in Oromia, No to the Addis Ababa Master Plan, NO to the Evictions of Oromo Nationals from Finfinnee (Central Oromia), Oromians Protests, Oromo Protests.
Tags: , , ,
trackback

OOromo Protests defend Oromo National Interest

Appeal Letter of Oromo Students of Jimma University

To: The Administration of Jimma University

Jimma

March 2, 2015

We, the Oromo students of Jimma University, are deeply disturbed by the multifaceted repression, subjugation, political marginalization, economic exploitation, and mass and indiscriminate killings that the Oromo people are subjected to by the current TPLF/EPRDF government and profoundly distressed by the endless insults, harassment and humiliations we are facing from the remnants of the old and neo-nafxanyas (gun carriers who settled on our land by force) here in our university and in the Ethiopian empire at large. To add insult to our injury, Abay Tsehaye, one of the prominent leaders of the Ethiopian regime and one of the founders of the Tigrean People Liberation Front (TPLF), has demonstrated his contempt of the Oromo people by his current provocative and inflammatory remark. It has been exposed on several independent media outlets that Abay Tsehaye arrogantly stated that, the so called Addis Ababa Master Plan, which was met with fierce opposition from the Oromo public,  “will be realized whether you like it or not” and bragged that anyone who opposes the Master Plan “will face severe punishment”. Basically, this Tigrean chief, who is currently serving as the “advisor” of the TPLF-led government, undermining the power of the people, arrogantly stated that the Oromo people have no right to oppose the evil plan that the Tigrean led Ethiopian regime has put forward.

Abay Tsehaye’s contemptuous and disrespectful remark is a clear testimony of the attitude of the entire TPLF gang who has been using the so called OPDO “Oromo organization” as a tool to subjugate the Oromo nation and not in any measure an equal partner in the EPRDF coalition as they try to mislead the public. We consider his disdainful and condescending remark as remorseless and callous act of ridiculing of the blood and graves of our fallen brothers and sisters who he and his cohorts have murdered in broad day light for no crime other than showing opposition to this so called “Master Plan” they have designed in order to loot Oromo land and subjugate the great Oromo nation. Read More:-

Appeal of Oromo Students of Jimma University March 2 2015 (1)

Iyyatnoo Barattoota Oromoo Yuni Jimmaa Bitootessa 02 2015     

 

 

http://qeerroo.org/2015/03/02/15118/

Iyyannoo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa
Bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatiif
Jimma

Bitootessa 2,2015

Nuti dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa rakkina haala yeroo uummata keenya hudhee qabee jiruu fi yeroo irraa gara yerootti jechootni ilmaan nafxanyaa uummata keenya tuffachuu, xiqqeessuu, arrabsuu fi yakka duguuginsa sanyii (genocide) moototni habashaa fi dabbalootni EPRDF/TPLF ummata Oromoo irratti rawwachuu irra darbuun dhiyeenya kana sadarkaa itti aanatti gorsaan mootummaa EPRDF/TPLF Abay Tsayee jechoota dhiiga nama danfisuun uummata Oromoo ifatti ba’ee arrabsuun isaa tuffii saba Oromoof qabu agarsiisuu caalaayyu, dhiiga barattoota obboloota keenya bara darbe gara laafina tokko malee ajjeefamanitti qoosuu waan ta’eef boqonnaa nu dhorkee jira. Dhaadannaan hooggana TPLF kun seeruma mootummaan Itoophiyaa baafatee ittiin masakamuun illee kan isa gaafachiisu dha.

Bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi dimookiraasii bifa barreeffamaan qaama dhimmi isaa ilaalu hundaaf dhiyeessinee, akka guutuu biyyattiitti warraqsaa FDG karaa nagaa gaggeessa jirruuf mootummaan EPRDF/TPLF barattoota Oromoo nagaa qalama malee meeshaa tokko of harkaa hin qabne irratti humna waraanaa bobbaasuun lubbuun ilmaan Oromoo dhibbootaan lakkaa’aman galaafatee jira. Barattootni Oromoo kumootaan lakkaa’aman mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti guuramuun hanga har’aatti dararaan irratti rawwatamaa jira. Gaaffii keenyaaf deebiin ajjeechaa jumlaa, hidhaa, reebicha, barnoota irraa hari’atamuu fi dararaa sukkaneessatu nurratti fudhatame. Mootummaan biyyan bulcha jira, sirna federalizimii fi dimookiraasiin utubameen jira, jedhee dhaadatu gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafatneef humna waraana Agaazii jedhamuun beekamuu fi garalaafina tokkollee hin qabne nurratti bobbaasuun yakka duguuginsa sanyii (genocide) waliin wal-gitu raawwachuudhaan yakka itti gaafatama seera idil-addunyaa jalaa isa baasuu hin dandeenye keessa galee jira. Yakka duguuginsa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwateef hanga ammaatti itti gaafatamuumma fudhachuu diduudhaan seeraa addunyaa cabsee jira. Yeroo amma kanatti immoo yakka duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwatameef “itti gaafatamaan uummata Oromoodha, qabeenyaa badeef itti gaafatamuu qabdu” jechuudhaan miidhaa qabeenyaa sababa dalagaa badiinsaa fi seeraan alaa ergamtootaa fi dabballota isaatiin magaalaa Amboo fi Oromiyaa bakkoota tokko tokkotti qaqqabeef uummata dirqisiisee gibiraa fi beenyaa kaffalchiisaa jiraachuun mirkanaa’ee jira.

Mootummaan amma aangoo siyaasaa biyyattii dhuunfatee jiru, mirga dhalootaan nuuf kenname,mirga dhala namummaa fi dimookiraasii nu irraa mulqee, mirgi uummata Oromoo dhiitamaa, qabeenyi ummata Oromoo saamamaa, yakka tokko malee hidhamaa, reebamaa fi ajjeefamaa hiyyummaa fi gadadoo keessa kan jirru ta’uu dhugaa addunyaan beekudha. Walumaagalatti, rakkinoota haala yeroo keessa jirru ilaalchisuun furmaata sirna qabeessa argachuuf qaamota dhimmi isaa ilaalu hundatti iyyannoo keenya dhiyeeffachuuf, mirga keenyaaf falmachuuf murteessuun iyyannoo keenya haala wal irraa hin citnee fi addunyaan dimookiraasii leellistuu fi jaarmiyaaleen mirgoota namummaa addunyaa fi mootummootni gamtooman nu cina dhaabbachuun mootummaan abbaa irree kun yakka duguuginsa sanyii (genocide) uummata Oromoo irratti gaggeessaa jiruuf itti gaafatamee seeratti akka dhiyaatuuf jennee yeroo dhiyeeffannu, gaaffiiwwan armaan gaditti tarreessineef haalduree tokko malee deebii sirriin akka nuuf kennamu kan barbaannu ta’uu beeksifna.

1. Dabballee fi Angawaan mootummaa EPRDF/TPLF Abbay Tsaayee sadarkaa itti aanatti gorsaa mootummaa kan ta’e dhiheenya kana walgahii dhoksaa sirnichi taasise irratti jechoota dhiiga namaa danfisuu fi eenyummaa fi sabummaa uummata Oromoo xiqqeessuun dhaadachuudhaan saba Oromoo guddicha kana irratti labsii waraanaa godhee mediyaa walaba adda addaarratti ifa ta’ee jira. Saba Tigree fi hundeessitoota TPLF keessaa tokko kan ta’e Abbay Tsehaye, of tuulummaadhaan guutamee saba Oromoo mirga dhalootaan qabu sababa karaa nagaa gaafateef qe’ee isaarratti hidhamaa, hiraarfamaa fi ajjeefamaa jiru, “liki innasgabbachewaallen”, jechuunis karoora cubbamaa inni fi dhaabni isaa TPLF ummata Oromoof qaban kanneen morman “qoricha qonnaaf” jechuudhaan tuffii hangana hin jedhamne ummata Oromoof qabu ifatti labsee jira. Nuti barattoonni Oromoo, dhiigni obboloota keenyaa dhangala’e utuu hin qooriin akka kana yammuu sabummaadhaan xiqqeeffamnee nurratti qoosamu teenyee ilaaluu hin dandeenyu. Kanaafuu, aangawaan TPLF Abbay Tsehaye jedhamu kun hatattamaan akka aangoorraa kaafamuu fi yakka duguuginsa sanyii (genocide) uummata keenyarratti rawwachaa turee fi amma illee labsaa jiruuf seeratti akka dhiyaatu gaafanna.

2. Bara darbe Ebla 11/2014 irraa eegaluun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaan barreeffamaan dhiyeeffaneef aangawootni sirna EPRDF/TPLF/OPDO yakka ajjeechaa duguuginsa sanyii (genocide) uummata Oromoo irratti labsuun uummata karaa nagaa sirna abbaa irreen mormaa jiru jumlaan ajjeessan, hidhatti guuran, barnoota irraa ari’atan, manguddoo ganna 80 hanga daa’ima ganna 7tti utuu bira hin darbiin guyyaa saafaa yakka gara jabeenyaan guutameen dhukaasanii ajjeessaniif to’annoo jala oolfamanii hatattamaan seeraatti akka dhiyaatan gaafanna.

3. Shirri maqaa misoomaa ‘’Master Pilaanii Finfinnee’’ jedhuun mootummaan EPRDF/TPLF uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqisuun afaan, aadaa, eenyummaa fi duudhaan uummata Oromoo akka quucaruu fi maappiin (Kaartaan) Oromiyaa akka ciccituuf shira waggaa 23 guutuu itti yaadama ture gadi baasuun adeemsi hojitti hiikuuf fiigaa jiran haalduree tokko malee akka dhaabbatu gaafanna. Magaalaan Finfinnee mataan isheeyyu qabeenya Oromo waan taateef, bulchiinsi magaalaa Finfinnee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin to’atamuu fi gaggeeffamuu qaba.

4. Yaaliin magaalawwan gurguddoo Oromiyaa naannawaa Finfinnee kanneen akka:Bushooftuu, Dukam, Aqaaqii Qaallittii, Sandaafaa, Laga-Xaafoo Laga-Daadhii, Sulultaa, Buraayyuu, Hoolotaa fi Sabbataa bulchiinsa Finfinnee jala galchuu fi magaalaawwan Oromiyaa kanneen akka Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaa, Naqamtee fi Amboo illee to’annaa mootummaa Federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee jala galchuuf shirri guddaan Oromiyaa irratti raawwatamaa waan jiruuf, mootummaan ‘EPRDF’ akeeka kana akka hatattamaan nurraa dhaabuu gaafanna.

5. Gurgurtaan lafaa maqaa Investimeentii fi Liizii jedhuun mootummaa amma aangoo irra jiruun Oromiyaa keessatti babal’chuun Uummata keenya qe’ee fi qabeenya dhabsiisuun abbaa biyyummaa fi qe’ee uummata Oromoo sarbaa waan jiruuf, keessattuu, naannawa Finfinneetti uummanni keenya qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun jiruu fi jireenyaan dararamaa waan jiraniif, akeekni kun uummata keenya irraa akka dhaabbatu gaafanna. Kanneen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniifis beenyaa guddaan kanfalameefii qe’ee isaanii fi lafa isaaniitti akka deebi’an gaafanna.

6. Gaaffii mirga abbaa biyyummaa ,mirga dhala namaa fi dimookiraasii Ebla 11/2014 irraa eegaluun ifatti gaafatneef ilmaan Oromoo dhaabilee barnoota olaanoo garaagaraa fi godinaalee Oromiyaa hunda irraa jumlaan guramanii hidhatti ukkanfaman atattamaan akka hiikaman gaafatna. Kanneen ajjeefamaniif akka gumaan kanfalamu, kanneen barnoota irraa arii’aman barnoota isaanitti akka deebi’an gaafatna. Mootummaan biyya bulchaa jiru hamilee isaanii cabee fi qaama isaanii hir’ateef akkasumaaf lubbuu badeef beenyaa akka kanfaluu fi dabbalootni mootummaa kanneen tarkaanfii ajjeechaa, hidhaa, barnootaa irraa ari’uu irratti keessaa qooda fudhatan hundi akka seeraatti dhiyaatanii adabaman gaafanna.
7. Mirgi dimookiraasii fi namummaa uummata keenyaaf akka kabajamuu jala murree akeekkachiifna.

8. Uummanni Oromoo akka baay’ina isaatti, akka qabeenyaa isaa fi bal’ina lafa isaatti gama siyaasaan qoodannaan aangoo sirna ‘EPRDF’ keessatti qabu xiqqaa fi qaanfachiisaa waan ta’eef, bulchiinsii sirna dimookiraasii dhugaan dhaabbatee, uummata keenyaaf qoodannaan aangoo siyaasaa madaalawaan kennamuufii akka qabu beeksifna. Mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuu qaba.Uummanni Oromoo gita bittaa kamiyyu jalaa ba’ee ofiin of bulchuu qaba. Mirgi qe’ee fi abbaan qabeenyummaa isaa mirkanaa’uu qaba jennee jabeessinee gaafanna.

9. Biyya dimookiraasiin hin jirree keessatti filmaata haqa qabeessaa fi dimookiraatawaa ta’e gaggeessuun hin danda’amu waan ta’eef maqaa filannoo waliin dha’insaa fi sobaan mootummaan EPRDF, jecha dimookiraasii fayyadamuu malee gochaan isaa faallaa dimookiraasii waan ta’eef adeemsii filannoo sobaa gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatuu fi filannoo dhugaadhaaf haalli akka mijeeffamu gadi-jabeessinee gaafanna.
10. Ademsii jaarmiyaalee siyaasaa biyyatti hunda hirmachisuu mootummaan ce’umsaa hundeeffamee bu’uurrii demokiraasii dhugaan akka hundeeffamuu, Boordiin filannoo gartuu kam irraa iyyuu bilisa ta’ee uummataan akka filamuu fi filmaatni dimokiraatawaan kan jarmiyaalee bilisummaa uummata Oromoo, mirga namummaa fi dimookiraasiif qabsoo gaggeessa jiranii fi akkasumas jaarmiyaaleen saboota cunqurfamoo hunda kan hirmaachiise filannoon bilisaa fi walabaa akka gaggeeffamu jabeessinee gaafatna.

11. Humnootni tikaa,waraanaa fi milishootni mootummaa EPRDF’n hundeeffamanii bu’aa mootummaa Wayyaanee qofa tiksuu qofaaf dhaabbatan hatattamaan akka diigaman jabeessinee gaafachuun; humnootni tikaa fi qaamoleen nageenya sabaa fi sablamoota biyyatti eegan gartuu/leellistummaa kam irraa iyyuu bilisa ta’an hundeeffamuun nageenya uummataa fi biyyaaf akka dhaabbatan ta’ee gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa, dimookiraasii, fi namummaa akka tiksan akka godhamu jabeessinee gaafatna.

12. Maqaa Siyaasaan Ummanni Oromoo yeroo irraa gara yerootti jumlaan hidhaatti guurame manneen hidhaa biyyattii keessatti dararamaa jiru haalduree tokko malee akka hiikaman ni gaafatna!!

13. Mootummaan Wayyaanee sabaa fi sab-lammoota biyyatti gidduutti waraana qabsiisuun dhiigaa fi lubbuun lammiilee akka dhangala’uuf shira diinummaa uummata biyyaatti gidduutti qabsiisuun kan beekamu yoo ta’u addatti immoo uummata Oromoo fi saboota olla Oromiyaa ta’an irratti xiyyeeffachuun, adeemsii dhiiga waldhangalaasuu fi qabeenyaa barbadeessuu godinalee Bahaa Oromiyaatti gama saboota olla Oromiyaa dhaabbachuun Somaalota hidhachiisuun Harargee, Booraana, Gujii, fi Baalee keessatti lubbuun ilmaan Oromoo dhibbootan lakka’aman badee jira; qabeenyaan uummataa jumlaan barbadaa’ee uummatni nagaan qe’ee isaa jiraachuu dadhabee buqqa’eera. Haaluma walfakkatuun dhiha Oromiyaatti Gumuzoota hidhachiisuun ilmaan Oromoo dhibbootaan lakka’aman dhumaniiru; qabeenyaan miliiyonotaan lakka’amu barbada’era.Yakka ulfaataa uummata keenyarratti gaggeeffamaa jiru kanaaf mootummaan EPRDF itti gaafatamummaa akka fudhatu jabeessinee gaafatna.

14. Lafti kan qotee bulaa ta’uu qaba.Uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoon sabaa fi sablamootni biyyattii lafa qabeenyaa isaanii irraa haala fedheen iyyuu dirqisifamanii buqqifamuu hin qaban. Dhiibbaan mootummaan EPRDF bifa kamiinuu irratti godhuu akka dhaabbatu gaafatna.
Kanaafuu, nuti dargaggoonni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, qabxiileen jajjaboon armaan olitti tarrifaman akka mootummaa gabroomfataa saba keenya hacuucaa jiru kanaan akka hojiitti hiikamaniif jecha, wareegama fedheyyu baafnee qabsoo hadhaawaa gochuuf waan murteeffanneef, jarmiyaaleen siyaasaa fi waldaaleen hawaasa Oromoo hundii fi jarmiyaaleen siyaasaa fi waldaaleen sabaa fi sablammoota cunqurfamoo biyyatti hundi nu cina dhaabbaachuun akka falmattan jabeessinee gaafatna. Dhabbileen mirgoota namummaa addunyaa fi mootummootni gamtoomanii kanneen sirna giloobalayizeshiinii keessatti hirmannaa guddaa qabdanii fi bulchiinsa dimookiraasii babaldhisa jirra jettan akka nu cinaa dhaabbachuun mootummaa abbaa irree EPRDF irra qoqqobbii siyaasaa fi dinagdee kaayuudhaan dhiibbaa feesisu akka gootan jabeessinee gaafachuun gaaffiiwwan keenya kana hubachuu fi qaama dhimmi isaa ilaalu qooda fudhachuun deebii sirriin akka nuuf kennamu barbaadna jechuun iyyaannoo keenya kabajaan dhiyeeffanneera.

Barattoota Oromoo Yuunbarsiitii Jimmaa
Garagalcha:

Uummata Oromoo Hundaaf
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif
Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi Dhimmoota Nageenyaa Oromiyaaf
Bulchiinsa Godina Jimmaa fi Komishinii Poolisii Godina Jimmaaf
Dhaabbilee Mirga Namummaa Biyyattiif, Afrikaa fi Addunyaaf

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: