SALTED HASH-TOP SECURITY NEWS: Hacking Team hacked, attackers claim 400GB in dumped data: An email from a person linked to several domains allegedly tied to the Meles Zenawi Foundation (MZF), Ethiopia’s Prime Minister until his death in 2012, was published as part of the cache of files taken from Hacking Team July 8, 2015
Posted by OromianEconomist in Censorship.Tags: Africa, African Studies, Enemies of Press Freedom, Ethiopia: Digital Attacks Intensify, Governments spy on their citizens left exposed
trackback
Documents obtained by hackers from the Italian spyware manufacturer Hacking Team confirm that the company sells its powerful surveillance technology to countries with dubious human rights records.
Internal emails and financial records show that in the past five years, Hacking Team’s Remote Control System software — which can infect a target’s computer or phone from afar and steal files, read emails, take photos and record conversations — has been sold to government agencies in Ethiopia, Bahrain, Egypt, Kazakhstan, Morocco, Russia, Saudi Arabia, South Sudan, Azerbaijan and Turkey. An in-depth analysis of those documents byThe Intercept shows Hacking Team’s leadership was, at turns, dismissive of concerns over human rights and privacy; exasperated at the bumbling and technical deficiency of some of its more controversial clients; and explicitly concerned about losing revenue if cut off from such clients.
An email from a person linked to several domains allegedly tied to the Meles Zenawi Foundation (MZF), Ethiopia’s Prime Minister until his death in 2012, was published Sunday evening as part of the cache of files taken from Hacking Team.
In the email, Biniam Tewolde offers his thanks to Hacking Team for their help in getting a high value target.

Around the time the email was sent, which was eight months after the Prime Minister’s death, Tewolde had registered eight different MZF related domains. Given the context of the email and the sudden appearance (and disappearance) of the domains, it’s possible all of them were part of a Phishing campaign to access the target. Who the high value target is, remains unknown.
An invoice leaked with the Hacking Team cache shows that Ethiopia paid $1,000,000 Birr (ETB) for Hacking Team’s Remote Control System, professional services, and communications equipment.
Read more at:-
Itoophiyaan toora interneetii basaasuuf bara 2012 keessa doolara miliyoona tokko baasuunshii saaxilame.
OMN:Oduu Adol.06,2015 Xalayaan Dhaabbata basaasaa Biyya Xaaliyaanii Magaalaa Miilaanii Ejensii toora oddeeffannoo Itoophiyaaf ergame akka mullisutti, Itoophiyaan toora interneetii basaasuuf bara 2012 doolara miliyoona tokkko kaffalteetti.
Akka madda oduu kanaatti, dhaabbannii basaasaa Interneetii Xaaliyaanii Hacking Team jedhamu, dhaabbata biyyoota adda addaaf meeshaalee Interneetii ittiin basaasan qopheessuu fi tajaajila sanaa kennuu dha.
Bara 2012 Erga Ministirri Muummee Itoophiyaa duraanii du’anii asitti, namni Biniyam Tawalde jedhamu toora interneetii haaraa 8 fi Imeeloota adda addaa maqaa Mallas Zeenaawii Faawundeeshin jedhamu waliin hidhata qabuun hundeesse yookaan immoo bitee jira.
Haa ta’u malee galmeewwan kunnneen banamanii utuu hin turin deebi’anii akka badan waanti taasifamaniif, jalqabuma irra kaasanii kan banamaniif basaasa toora interneetiif deggersa kennuuf akka ta’e nama shakkisiisaa jechuun gabaasni kun dabalee addeesseera .
Namni maqaan isaa eerame kun,ragaa amma argame kanaan akka saaxilametti bara 2013 xalayaa garee basaastootaaf/Hacking Teamiif/ ergeen,kallattii xiyyeeffannaa isaaniin bu’aa guddaa arganneerra jedha.
Haa ta’u malee, qaamni balaa basaasaa Interneetii kanaan miidhamanii fi xiyyeeffaanna Mootummaa sanaa turan eenyufaa akka ta’an hin beekamne.
Kaampnaanii Xaaliyaanii Hacking Team,Mootummoonni fi dhaabbiillee basaasaa akka Lmmiilee isaanii basaasaniif deeggerrssa fi meeshaalee garagaraa dhiheessuun beeakamu kun ofuma isaatii iyyuu basaasamuun faayilonnii fi dataawwan isaa akka hatame gabaafame.
Hatamuun toora interneetii kanaa kan beekame, erga toorri Twitterii dhaabbata kanaa hatame fi maqaan isaa “Hacked Team”. jedhamutti jijirame booda.
Toora interneetii dhaabbatichaa hatame kana irra dokumentonnii dhaabbaticha GB 400 ta’an kanneen biroon hatamaniru.
Hatamuu toora interneetii kanaaf hanga ammatti qamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.Haa ta’u malee meeshaan qorataa kaamaapaanichaa Da Vinci jedhamu warreen diiina internetii ta’antu hate jedheera.
Dokumeentonni hataman kunneen akka mull’isanitti,maamiltoota kaampaanii Sana fi biyyoota isaan keessatti argaman adda baasee jira.
Haaluma kanaan Itoophiyaa dabalatee biyyonni 35 meshaalee basaasa dhaabbnni kun dhiheesutti akka fayyadaman fi, lammiilee isaanii karaa toora Interneetiitiin akka basaasan beeksisee jira.
Meeshaalee fi tajaajili dhaabbanni kun Mootummotaa fi dhaabbiilee basaasaaf kennu dhimmoota dhuunfaa dhaabbiilee qoratootaa fi Miidiyaalee keessa seenuun miidhaa geesisaa jira.
Dhaabbanni Reporters Without Borders kaampaanii basaasaa Hacking Team kana toora kaampaanota diina Interneetii ittiin jedhe galmeessee bubbuleera.
Dhaabbanni nama hatuu ofii isaatiin nan hatama jedhee yaadee hin beeku kan jedhe gabaasichi,akka ragaa amma argame kanaan faayiloota ,Imeelota dokumantoota adda addaa argatan ifa gochaa jiru.
Akka gabaasa Human Rights Watch tti Dhaabbanni Hacking Team Mootummaan Sudan yuuroo kuma 400 fi kuma 80 dhaabbata kanaaf kennuu isaa kanaan dura kan haale oggaa ta’u, amma garuu ragaa kanaan ifattii saaxilameera.
Dhaabbanni Mootummota Gamtoomanii tibba sana Mootummaan Sudaan dhimma kana akka qulqulleessuuf xalayaan kan gaafate yemmuu ta’u, gocha sana hin raawwannee jechuun Sudaan haaltee turuun ishee ni yaadatama.
Daabbanni Mirga dhala namaaf falmu Human Rights Watch Bitootessaa bara 2015 ibsa baaseen,Mootummaan Itoophiyaa meeshaale basaasa spyware jedhaman biyya alaatii galchuun yaada walabaa lammiilee isaa ukkamsaa jira.
Dhaabbanni qorannoo torontoo maandhefate,Independent researchers jedhamu baatiidhuma sana keessa ibsa baaseen, Mootummaan Itoophiyaa komputera hoojetoota Televishinii Isat Ameerikaa jiru irratti xiyyeeffachuun yaalii dhoksaan cabsuu irratti gaaggeeffameera jedheera.
Gabaasni Miidiyaalee fi Qorannoo Dhaabbata Mirga dhala namaa akka mullisutti, Mootummaan Itoophiyaa seera farra shororkessummaa dahannoo godhachuun Biloogeroota fi gaazexxesitootaa dhimma siyaasaa fi hawwaasaa gabaasan irratti tarkaanfii fudhataman cimsee qeeqaa turuunsaa kan yaadatamudha.
Gabaasaan Alamaayyoo Qannaa ti.
[…] https://oromianeconomist.wordpress.com/2015/07/08/salted-hash-top-security-news-hacking-team-hacked-… […]