jump to navigation

Oromia: QEERROO: Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati! July 1, 2015

Posted by OromianEconomist in Oromia, Self determination.
Tags: , , , ,
add a comment

???????????

Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati!

Kutaa 1ffaa …

Waxabajjii  18, 2015 Finfinnee

barruu

 

Oromoon erga Oromiyaa dhabdee, mirga, bilisummaafi demokiraasummaa isiis walumaani dhabde.

Dhimmi amantii dhimma siyaasaati. Amantiifi Siyaasaa addaan baasanii ilaaluun hin danda’amu. Sababiinsaa mirga amantii qabaachuun mirga demokiraasummaa qabaachuudha. Namni mirga demokiraasii hin qabne waan fedhe amanuu hin danda’u!

Erga Maqaan Oromiyaa, Daangaan Oromiyaa, Qabeenyaan Oromiyaa, Bulchiinsi Oromiyaa, Dinagden Oromiyaa, … kkf Itoophiyaa jalatti kolonneeffatamee jalqabee hanga guyyaa har’aatti Oromoon mirga demokiraasummaa waan barbaadetti amanuu dhabee, Amantii bittoota isaa akka hordofu, bifa garagaraatiin dhiibbaa gurguddaan, yakki jajjabaan iratti gaggeefamaati as ga’e.

Bara Minilik amantii Ortoodooksii akka hordofu dirqisiisuuf jecha, Hordoftoonni Waaqeffataa, Musliimaafi Protestaantii qawween ajjeefamaa turan. Hordoftoota amantaa Waaqeffataa adamsanii sassaabanii bakka tokkotti jumlaan rashanaa turaniiru. Akka fakkeenyaatti erga mootii Shawaa/Gullallee Tufaa Munaa ajjeesanii booda, Qaalluu Oromoo, Naannawa Finfinneetti argaman mara mana mana isaanii irra adeemanii guuranii fidanii magaalaa Finfinnee lafa amma piyaassaa jedhamutti bataskaana Giyoorgis ammaa cinaatti Jumlaan jiraa qotanii akka owwaalan seenaafi ragaaleen ni ibsan. Bara dabre kana Bakka awwaala qaallota Orommoo kana wayyaanticha Alaamuddiiniif akka gamoo guddaa gidduu gala gabaa/isa ‘Mall’ jedhan/ akka ijaaru yeroo kennaniifiitti wayta lafa kana bu’uura gamoo kanaa dhaabuuf qochisiisutti Lafeen qaalluulee Oromoo jumlaan ajjeefamanii kumaatamaan lakkaa’amu argamuu isaa irraa, akka uummanni seenaa kana beekee fincila hin kaafne dhoksaan halkan siinoo tiraakii chaayinaan guuramee bakka yeroof hin beekamnetti akka geeffame irra gahameera.

Akkasumas, Nama Macaafa Qulqulluu, Afaan Oromootti Hiike, Oniis Moos Nasiib /Abbaa Gammachiis/ Hiikaa irrattis amantii proteestaantii akka hin lallabne murtii du’aa itti murteessee akka ture seenaan dhugaa baha!

adeemsi-qabsoo-qeerroo-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-jaarraa-21ffaati

http://qeerroo.org/2015/06/18/adeemsi-qabsoo-qeerroo-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-jaarraa-21ffaati/

 

 

Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati (Kan dabreerraa kan itti fufe)

Waxabajjii 30, 2015 Finfinnee

barruuHariiroo Jorgoo – Qeerroo Bilisummaa Oromoo – Oromiyaa!

Lafa kana kan uume Waaqa yoo ta’ellee, lafa Oromiyaa kana irratti eenyuuyyuu dura kan uumame Oromoo waan ta’eef, lafti kun kennaa Waaqni Oromoof kennedha. Kanaaf lafti kun kan Oromooti! Akkasumatti Waaqxi ardiilee kaanittis biyyoota hundatti uummata uumeera. Biyyootni kunneen lafa Waaqxi isaaniif kenne seera ittiin tikfatan niqaban.  Lafti uumaa waaqaa ta’us, abbaan arge akkuma arge utaalee biyya namaatti hin seenu.

Kankeenya garuu lafuma keenya irratti; biyya abbaa keenyaa irratti kan silaa warra kaan gabbarsiisnee of jalatti seera keenya keessatti bulchuu malletti nuti halagaa biyya keenya seeraa ala humnaan nudhaaltee koloneeffatte gabbarree bulaa jirra.  Yeroo har’aa biyyattii kana irratti kan gibira ol aanaa kaffallu Oromoodha. Kan vaatiifi taaksii kkf biyyattiif galchu Oromoodha. Sharafa biyya alaatiis kan argamsiisu qabeenyaa Oromoofi Oromiyaati! Albuuda Oromoof Oromiyaa kanneen akka warqee Shaakkisoo,pilaatiniyeemii Yuubdoo, Oppaalota Harargeefi godinaalee hedduu saamanii gurgurachaa jiru.

Bunaafi jimaa gogaa beeyladaa, oomishoonni qibaa kanneen akka nuugii, salixaafi suufii kkf Oromiyaarraa maddan. Lafeen dugdaa dinagdeefii jiruu biyyattii kanaa Oromoofi

adeemsi-qabsoo-qeerroo-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-jaarraa-21ffaati1

http://qeerroo.org/2015/06/30/adeemsi-qabsoo-qeerroo-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-jaarraa-21ffaati-kan-dabreerraa-kan-itti-fufe/