(OMN:Oduu Adol.27, 2015) Ameerikaan Rakkoo sabaaf utuu hin taane sodaa ofii isheef qabdu irraa kaatee Mootummoota abbaa irreef beekamtu kennuu akka barbaaddu Dr Mararaa Guddina himan.
Dura taa’aan Paartii Samayaawwii Injinar Yilkal Getnat affeerraa Irbaataa Pirzdant Omaaf qophaa’e irratti akka hin argamne beeksisan.
Dura taa’aa Itti aanaan paartii Madrak Dr Mararaa Guddinaa akka himanitti daawwiin Pirezdant Obaamaan Itoophiyaatti gochaa jiran gaaffii fi bu’aa ummata Itoophiyaaf utuu hin taane dhimmonni shororkesummaa gaanfaa Afriikaa waan Amerikaa irriba dhorkateef jedhan.
Ameerikaa Xiyyaara waraanaa nama malee balali’u Drone jedhamu Nannoo Arbaa Mincii akka qabdu fi Itoophiyaan Soomaliyaa keessatti ergama Ameerikaa waan raawwachaa jirtuuf obamaan dhimma kana cimsuuf akka achi deeme dubbataniiru.
Itoophiyaa keessatti Ijaarsa sirna dimookiraasii babalisuuf Pirezdant Obaamaan miillaan dhufu hin barbaachisu ture kan jedhan Dr Mararaan Pirezdantiin wagga tokko booda aangoo isaa iyyuu gad dhiisuuf jiru jijjirama gudda siyaasa Itoophiyaa keessatti fida jedhanii akka hin yaadnes himan.
Gama biraatiin dura taa’aan Paartii Samayaawwii Injinar Yilkal Getnat affeerre Irbaataa Pirzdant Omaaf qophaa’e irratti akka hin argamne beeksisan.
Injinar Yilkaal Gaazexxa Nagara Itoophiyaaf ibsa kennaniin Pirzdant Baraak Obamaan Ihadeg Paartii karaa dimokiraasiitiin filatame jechuun isaanii ijaarsa sirna Dimookiraasii Itoophiyaa irratti bishaan naquu dha jedhan.
Waamicha aaffeerraa Irbaataa Ihadeg Waame irratti argamuun dararaa fi miidhaa ummata ofii irra gahaa jiru akka irraanfachuuttan ilaalaa jechuun yaadasaanii nuuf kenannii jiru.
Mootummaan Itoophiyaa paartiilee Mormitootaa akka shororkesitootatti ilaaluy prezdant Baraak Obamaan dhufnaan akka paartii karaa seera qabeessaa filatameetti of fakkeessuuf waamicha taasise waan ta’eef irartti hirmaachuu dhiisuuf murteessera jedhan.
Ibsi Pirezdant Obaamaan Mootummaa karaa Dimokiratawaa fialtame jechuun kennanis akka isaan gaddisiisse himuun Ihadeg karaa Dimookiratawaa filatame jedhanii beekmatii kennuun paartiilee karaa nagaa qabsaaaniif dantaa dhabuu akkasumas Mootummaa abbaa irreetiif deggersa kennu ta’aa jechuun dubbii Obamaa qeeqaniiru.
Gabaasaan Alamaayyoo Qannaa ti.
https://www.oromiamedia.org/2015/07/paartiileen-mormiitoota-itoophiyaaobaamaa-komatan/
You must be logged in to post a comment.