jump to navigation

Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) March 31, 2016

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests, Africa, Oromia, Oromo.
Tags: , , ,
trackback

 

 

 

Odaa OromooOromo Protests defend Oromo National Interest

#OromoPRotests tweet and share#OromoProtests against the Ethiopian regime fascist tyranny. Join the peaceful movement for justice, democracy, development and freedom of Oromo and other oppressed people in EthiopiaOromo Students protest @ Mandii, Western Oromia 25th November 2015Oromo Students protest @ Ambo, Oromia 25th November 2015 picture1Gaaffiiwwan yeroo ammaa


 

Gincii, Amboo, Jalduu, Gudar, Giddaa Ayyaanaa, Mandii, Najjoo, Laaloo Assaabii, Jaarsoo, Gullisoo, Bojjii, Gujii, Dambi Doolloo, Gimbii, Naqamtee, Buraayyuu, sabbataa, Dirree Incinnii, Adaamaa, Harammayyaa, Mattuu, Baale (Robee), Madda Walabu, Walliisoo, Tulluu Boolloo, Sulultaa (Caancoo), Horroo Guduruu, Buuraayyuu, Dirree Dhawaa, Calanqoo, Ada’aa Bargaa, Baddannoo, Holootaa, Shaashee, Awaday (E. Harargee), Hara Qallo (Goro Dola, Gujii), Gaasaraa (Baalee), Bulee Hora, Jimmaa, Arjo, Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu, Ciroo, Dodolaa, Anfilloo (Mugii), Walqixxee, Diillaa, Bishooftuu, Finfinnee,  Yuniversiitii Finfinnee, Geedoo, Asallaa,  Shaambuu, Agaarfaa, Sibuu Siree, Kotobee, Wacaalee, Saalaalee, Machaaraa, Ammayyaa, Tokkee  Kuttaayee, Innaangoo, Baabbichaa, Laaloo Qilee, Hiddii Lolaa, .Mugii, Arsi Nagallee, Baabbichaa, Shukutee, Baakkoo, Shukutee,  Baakkoo, Jalduu, Gindoo, Buun’dho Beddellee, Grawwaa,Gaara Mul’ataa, Qarsaa, Qobboo (Dardar, Eastern Oromia), Sinaanaa (Baalee), Jimmaa Arjoo, Bojjii, Kombolcha,  Aggaaroo,Tajji (Iluu), Qilxuu Kaarraa, Baabboo Gambel, Daawoo,Tulu Milki (Warra Jarso), Hirnaa, Xuulloo,  Masalaa, Galamso, Bordode, Mi’esso, Waheel, Diggaa, Arjoo Guddattuu, Guraawa, waamaa Adaree, Shabee Somboo, Limmuu Saqaa, Amuruu (Agamsa), Daroo Labuu (Gaadulloo), Yaabelloo, Aliboo (Jaartee Jardagoo), Saasigga, Magaalaa Dafinoo, Dhumugaa, Daroo Labuu (Buraysaa) Begii (Kobor), Mardida Halo Guba (Daroo Labuu), Qassoo, Bonayyaa Boshee, Baalee  (Dalloo Mannaa), Jimmaa Raaree (Magaalaa Gobaan), Nophaa (Iluu)……………



 

Gabaasa FDG Oromiyaa Sadaasa (November) 12, 13,  25,  26, 27, 28, 30, Muddee (December) 1, 2, 3, 4,5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13,14, 15, 16, 17/18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25,  26, 27,28, 29,30, 31….    2015

Amajii (January) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13,14, 15, 16, 17,18,19, 20,21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29,30, 31……2016

Guraandhala (February) 1,  2, 3,4, 5, 6, 7, 8,9, 10,11,12,13, 14, 15, 16, 17,18,19, 20, 21,22, 23, 24, 25, 26, 27, 28,29………… 2016

 

Bitootessa (March) 1, 2, 3,4, 5,6,7,8,9, 10, 11,12, 13,14,15, 16,17, 18, 19,20,  21,  22, 23, 24, 25, 26, 2,28, 29, 30, 31 …………2016

 


 

 #OromoProtests: International Community Alarmed as Ethiopia Crisis Worsens

#OromoProtests. International Community Alarmed as Ethiopia Crisis WorsensEthiopia's scores in freedom in the world 2016, freedom House World Report, January 2016.

Click here for #OromoProtests updates, 1st – 31st March, 2016

Click here for #OromoProtests updates, November 2015- February 29, 2016

Oromo protesters: ‘We are still on the streets because we want self-rule’

http://www.ibtimes.co.uk/oromo-protesters-we-are-still-streets-because-we-want-self-rule-1548661

No, we don’t have self-rule in Oromia state

http://www.ibtimes.co.uk/ethiopia-protesters-no-we-dont-have-self-rule-oromia-state-1551225


Das Berliner Missionswerk: Frieren Sie die Militärhilfe für Äthiopien ein, bis Äthiopien die Menschenrechte achtet!

 https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/30/das-berliner-missionswerk-frieren-sie-die-militarhilfe-fur-athiopien-ein-bis-athiopien-die-menschenrechte-achtet-oromoprotests/


Why Have Oromo People Been Clashing With The Ethiopian Government For So Long?    http://www.afrizap.com/en/why-have-oromo-people-been-clashing-with-the-ethiopian-government-for-so-long


France 24: Focus: Anger among Ethiopia’s Oromo boils over.

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/30/france-24-focus-anger-among-ethiopias-oromo-boils-over-oromoprotests/

 https://youtu.be/75_q7dbpTjs


Ethiopia – #OromoProtests and Ethiopian Repression: Overview

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/28/ethiopia-oromoprotests-and-ethiopian-repression-overview/


 The Economist on #OromoProtests

Ethiopia’s Oromo people demand equal rights in protests

Largest ethnic group in Ethiopia continues to rally against the government despite crackdown.

By Charles Stratford, Al Jazeera

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/27/al-jazeera-africa-oromia-ethiopias-oromo-people-demand-equal-rights-in-protests-oromoprotests/


Al Jazeera: HUMAN RIGHTS: #OromoProtests continue amid harsh crackdown

 https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/24/al-jazeera-human-rights-oromoprotests-continue-amid-harsh-crackdown/


 

FP: Dispatch: The Rotten Foundation of Ethiopia’s Economic Boom. #OromoProtests

 

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/23/fp-dispatch-the-rotten-foundation-of-ethiopias-economic-boom-oromoprotests/

Martial law in Oromia: The state is now under 8 military divisions controlled by Fascist TPLF warlords from Tigray.

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/23/martial-law-in-oromia-the-state-is-now-under-8-military-divisions-controlled-by-fascist-tplf-warlords-from-tigray/


 

#OromoProtests News: Portland Senators Jeffrey A Merkley & Ron Wyden write letter to Secretary of State John Kerry

Portland Senators Jeffrey A Merkley & Ron Wyden write letter to Secretary of State John Kerry urging him to ensure resource given to Ethiopia are not just for purposes that undermine US long term interst.Portland Senators Jeffrey A Merkley & Ron Wyden write letter to Secretary of State John Kerry urging him to ensure resource given to Ethiopia are not just for purposes that undermine US long term interst

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/18/oromoprotests-news-portland-senators-jeffrey-a-merkley-ron-wyden-write-letter-to-secretary-of-state-john-kerry/


Bloomberg Business: The Shadow Over Ethiopia’s Construction Boom. #OromoProtests,  March 21, 2016

 

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/21/bloomberg-business-the-shadow-over-ethiopias-construction-boom-oromoprotests/


Collaborative Public Forum on#OromoProtests organized by Oromo Community of MN

OMN: Qophii Marii Haala yeroo irratti Manguddoota Oromoo waliin Taasifamee bitooteessa 17, 2016

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/17/omn-collaborative-public-forum-by-oromo-community-of-mn/


 

Partial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police, security agents, Special and armed force during peaceful demonstration of last three months (updated stand. March. 2016)

cropped-qeerroo-edit.jpgPartial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police, security agents, Special and armed force during peaceful demonstration of last three months (updated stand. March. 2016)

partial-list-of-oromos-mainly-students-that-have-been-killed-by-ethiopian-regime-police

 

Partial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police,

 

ABC News: Right Group: Oromia: #OromoProtests: Ethiopia’s security forces carrying out serious rights abuses, killings and rapes in clashes with protesters in Oromia

 https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/15/abc-news-right-group-oromia-oromoprotests-ethiopias-security-forces-carrying-out-serious-rights-abuses-killings-and-rapes-in-clashes-with-protesters-in-oromia/



UN Human Rights Council: General Debate under Item 4

Human Rights Crisis in Ethiopia

 https://www.hrw.org/news/2016/03/15/un-human-rights-council-general-debate-under-item-4


 

Oromo Protest Killings and Military Rule in Oromia Across the Globe

The Minisota state parliament held a moment of silence for those murdered in ‪#‎Oromoprotests‬
 

OMN: Oduu Bit. 31, 2016

 https://www.oromiamedia.org/2016/03/31/omn-oduu-bit-31-2016/

DSC00043 - CopyMagaala Kachisii keessatti guyya fi halkan waarani Waayanee diddaa uummata irraa itti ka’aa jiru dura dhaabbachuu dadhabuun humna dabalataa adda addaa gara aanaa kanaatti guru iyyuu irree uummataa mohachuu waan hin dandeenyeef cinqama guddaa keessa akka jiru beekame.

30/03/2016 halkaa alaaba Adda Bilisuma Oromoo ykn Oromiyaa  lafaa gabaa qidamee keessatti mukaa ibsaa irratti bakkoota hedduutti fannifamee barruuleen warraaqsaa guutuu magaalaa keessatti raabsamuu fi maxxanfamuu irraa humni waraanaa about seene jechuun raafama keessa jiru.

Jirtoota magaalaa fi baadiyaa hundaa reebichaa dhalaa namaaf hin malle  reebaa kan turan yoo ta’u,namooni hundi kan garaa keessa waan qabuf bartoota isaa gara mana barumsaa osoo hin erginii mana manasitti dhowee manneen barnootaas cufamanii jiru.

Guyyaa hara’aa immo bartoota fi jirtoota fi kanen mana magaala kireefatan hundi bartoota mana keessan kireessan jiran akka walga’ii qabatan dhiyaatan jechudhaa waarani magaala fi hidhatootni magaala fi baadiyaa mana mana irra deemudha ummata fi bartoota koota walga’ii deemaa jechudhaa dorsisaa kan turaa yoo ta’u,bartootnis jirtootnis namni tokko osoo hin ba’iin haafee jira.


FXG Haalaan Jabaatee Magaalaan Naqamtee Humna Waraana Wayyaanee Liyyuu Haayilii ykn Qeybaahir Jedhamuun Weeraramtee Jirti.

stFincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessatti guyyaa harraa Bitootessa 30,2016 kanas itti fufee oolee jira.Halkan halkanis magaalattii kessatti dhukaasni daran humna hin beekamneen akka bishaanii roobsamaa bulaa jira .fincilli kun daran jabaachuurraan kan ka,e humni liyyuu aayil yookiin qaybaahir warri jedhaman jedhaman guyyaa harraa kana magaalattii keessa makiinaa kan hayyundai qixqixii tokkoon magaalattii keessa naanna,uun uummata goolaa jiru.Uummata hidhuu ,reebuu fi mana uummataa olseenuun poolisiin oromiyaa fi humni federaalaan fattashuun daran jabaatee jira.Uummanni magaalattiis sodaa tokko malee fincila kana eenyuyyuu boodatti nun deebisu jechuun finiinsuu itti fufaniiru.


Ukkamsaaf Dararaan Uummata Baha Wallaggaa Sibuu Sireerratti Hammaate

Bitootessa 30,2016
because-i-am-oromoAjjeechaaf Hidhaan Oromiyaa bakkeewwan hedduutti guutummmaa guututti kan itti fufe.Moorummaan afaan qawweetti amanu gochasaarra duuba osoo hin jenne itti fufe.

Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti gochaawwan Ukkaamsaa Namoota Baay’inaan Afur taa’anirratti fidhatamee jira

Kanas maatiin Namoota hidhamanii guyyaa lamaaf mana hiraarsaa Magaalaa Siree keessatti argamutti deddeebiin hubachaa erga turanii
guyyaa muraasa gidduutti bakka buuteesaanii dhabnee yaaddoo guddaa keessa seenne jedhu Namoota kanneen
1,Obbo Mangistiu Tashoomaa
Obbo mangistuun abbaa ijoollee afurii yoo ta’u waggoota barataan biyyaa keessa hin heddummanne keessa barnootasaanii xumuruun Diploma nama of harka qaban taa’anillee eenyuummaasaaniif bakka guddaa waan laataniif akkasuma Hawwasaa nutti kakaasaa jirta sababa jedhuun waan ittiin baratanii ba’aniin Hawwaasa isaanii tajaajiluu hin dandeenye.Akkasuma yeroo gara yerootti ABO mana galchitee soorta sababa jedhuun dararaa jabaa irraan gahaa turani har’as gochi akkanaa namoota Akka Obbo Mangistuu heddurra ga’a jira Obbo Mangistuurraas dararaan osoo hin dhaabbatin maatiisaanirra ukkamfamanii jiru
2,Lataa Guuta
3,Badhaasaa Geetahuu
4,Tasfaa Dhaaba
Yoo ta’an eessa buutensaanii hanga ammaatti hin baramne.


Fincilli Xumura Gabrummaa Oromoo Magaalaa Asallaa Keessatti Bifa Addaan Itti Fufe,Namoonni Hedduus Waraana Wayyaaneen Qabamuun Hidhaman.

Bitootessa 30,2016 Sochiin FXG magaala Assaala keessatti ittii fufinsan gaggeffama jira Agaazii waarri jedhaman Barattota irraattii gocha hamma rawwaacha jiru Kaleessa Galgala Barattoonni Dhiira 108 fi Dhalaa 56 Qabuun Halkan Reebaa Bulanii Barattooti Shamarranii Baay’een Miidhamaniiru gargarsa wal’ansaa barbadu. Nama reebbuu malee namn Gargaru hin jiru nutis dhokkane jira Barsiisota Keessaas Namoonni Shan Hidhamaniiru Isaa Keessaa: B/sa Tufaa Fiiziksii Barsiisa Kaan Ammoo Maqaa isaanii akka Barreen Gabaasna


Godinaa Guujii Keessatti Namoonni Hedduun Hidhaman Jedhu Jiraattonni

VOA Afaan Oromoo, Bitootessa 29 bara 2016
Godinaa Guujii Aanaa hoogganaan Waajira Nageenyaa Aanaa Gooroo-Dolaa – Obbo Dirboo Jiloo garuu, “namoonni mana hidhaa jiran, kanneen jeeqama oofuu fi alaabaa Oromiyaa cicciruutti, akkasumas ujummoo bishaanii uummataa caccabsuutti shakkaman qofa.” Jedhu. Dhimmi ququlleeffamee akka gad-lakkisamuuf jiran illee dubbatu.

 https://www.oromiamedia.org/2016/03/29/oduu-bitoteessa-282016/
#OromoProtests and the cruelty of fascist Ethiopia’s regime in Beddelle ,Iluu, Oromia, 29 March 2016.
Barattootni mana barumsa sadarqaa 2ffaa Beddellee amma sadarkaa dhumuurra jiru, Hospitaalli Beddellees bakka hirriirri itti ba’ame fakkaata. Magaalaa Beddelletti tarkanfii mootummaa boombii ukkaamsu fayyadamuun baratoota heddu akka miidhe ragaan nu ga’eera. maatiin boo’ee gadoodaa jira. barattootni ofwallaalanii, Doktoorotnis yaluun hanga isaan hanqatutti dadhabaa jiru
#OromoProtests and the cruelity of fascist Ethiopia's regime in Beddelle ,luu, Oromia, 29 March 2016
#OromoProtests at Fadis, Bokkoo town, East Hararghe, Oromia, 29 March 2016
#OromoProtests at Fadis, Bokkoo town, East Hararghe, Oromia, 29 March 2016

https://youtu.be/Wxb5zhZvtRQ

 

https://www.oromiamedia.org/2016/03/27/hiriira-mormii-biyya-awustraaliyaa-magaalaa-kaambeeraatti-taasifame-bit-27-2016/

 

#OromoProtests continues in Naqamtee March (Bitootessa)  28,  2016

struggle
Wallaggaa Bahaa Magaalaa Naqamtee keessatti FXGn Itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase

Fincilli xumura garbummaa kun manneen Barnootaa qophaa’ina Naqamtee,Daaloo fi mana barumsaa Biiftuu Naqamtee,Kibba Waachaa keessatti daran jabaachuun baratoonni barnoota dhiisanii, mooraa gad lakkisanii gara maatiitti deebi’anii galuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadata.

Barattooti erga barnoota dhaabanii galanii guyyaa har’aa fxn magaalaa Naqamtee keessatti dhalachuun isaas beekameera

Sababni isaas,Barattoonni lakkoofsaan xinnoo ta’an kan hojii basaasaa hojjetaniif waraqaa eenyummaa addaa qopheessuun warri waraqaa eenyummaa kana hin fudhanne adabbiitu isin ilaallata jedhanii tokko shaneen magaalaa Naqamtee keessa deemanii barattotaa wayita basaasuutti ka’anitti barattoonni gamtaadhaan magaalaa keessaa itti yaa’uun basaastota waraqaa eenyummaa guurratanii barattoota basaasaa jiran arii’aniiru.

Battala kanatti lola cimaa magaalaa Naqamtee keessatti adeemsifame kanaan daandiin Naqamtee gara Finfinnee kan cufame yeroo ta’u, Barattoonni mana barumsaa Daaloo sagal humna waraanaan ukkaamfamaniiru

 #OromoProtests at Asella Teachers College, 28 March 2016 and continues on 29 March 2016.
students at Asella Teachers Training College stage demonstration for the second day in the ray. They were joined by students of the preparatory school.
 #OromoProtests at Asella Teachers College, 28 March 2016
 https://www.oromiamedia.org/2016/03/26/omn-oduu-bit-25-2016/

Gootonni Qeerroo Barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa Irra Deebiin Sagaleesaanii Magaalaa Jimmaatti Taasisan

 

Bitootessa 26,2016

struggleAfaan qawween dorsifamuun kan duuba hin deebifne barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Arfanirraa Wal ga’uun Walakkaa magaalaa Jimmaa Bakka City centre jedhamutti sagaleesaanii dhageessifataa oolaniiruAkkasuma waamicha eenyummaa guutummaa magaalattii keessa ka jiran ilmaan Oromoo maraaf taasisaniiru.Hirirri kun har’a sa’a ja’arraa eegaluu miidhamni tokkollee osoo barataarra hin ga’in goolabame Dhaamsa Uummata Oromoo Magaalaa Jimmaaf

  1. Nuti ilmaan Keessan osoo osin jirtanii dahoo dhokannee dhabnee yeroo gara yerootti dararaan nurra ga’a jiraachuu hubatanii,nu cina akka dhaabbattan sochiin eegalame hanga galma ga’utti waan itti fufuuf isinilleen nu cina dhaabbadhaa
  2. Gaaffiin Keenya gaaffii Uummata Oromooti malee gaaffii dhuunfaa miti.Kanaaf gaaffiin Oromoo dhiga Oromoo hunda akka ilaallatu hubachuu qabdu.
  3. Yeroo lammiin keessan baadiyyaa hanga magaalaatti gaaffii Abbaa biyyummaa gaafatutti calliftanii taa’uun bor seenaa jala akka hin baane nuuf hubadhaa jechuun dhaamsa Uummata Oromoo magaalattiif dhaamaniiru.

Kanuma waliin edaa Qeerroon Yuinibarsiitii Jimmaa mooraa Technology science waraqaa Qeerroo fii Alaabaa dhabatanii jiran Waraqaan Qeerroon tamsaafamaa Turan Dhaafannoowwan adda addaa.

#OromoProtests @ Limmuu Kosaa, Ambuyyee town, Jimmaa, Oromia, 25 March 206
#OromoProtests @ Limmuu Kosaa, Ambuyyee town, Jimmaa, Oromia, 25 March 206

#OromoProtests “Yaa oromoo” Qeerro Salalee 2016

https://youtu.be/EquyXWumZNQ

 

Gochi Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Keessatti Waraana Waayyaanee Fudhatamaa Jiru Daran Jabaate.

Bitootessa 25,2016
12671989_582474805252599_8233008863677036693_oGuutummaan Oromiyaa humna waraanaan buluu erga eegalte akkasuma mooraan barnootaa humna waraanaaf Shororkeessitoota Waayyaanneen buluu erga eegaltee ol ba’uuf gad ba’uun yaaddoo ta’us FXG ergasiyyuu hedduu jabaate akka jiru ragaan argaaf dhageetti qeerroo ga’adha

Tibba kanas Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti sochiin Qeerroo hirriba kan dhowwate yeroo gara yerootti barattootaa nagaa karaarraa qabee mana hiraarsaa galchaa jirachuu akkasuma barataan lamaaf isaa oliin mooraa keessa akka hin teenye dhorkaa ka jiru yoo ta’u Barataa Fayyaa kan Maqaansaa Elero’i Fiqaaduu(Abdii) ka jedhamu sababa malee qabuun ukkamsee yeroo duraaf mana hiraarsaa Jimma Alaazar geessun achiis guyyaa muraasa booda gara Meentiinaa kanuma Jimma Magaalaa keessatti argamutti erga hidhanii boodaa,Sababa Oromoo ta’eef qofa hidhamtoota biraa halkan sa’a sagaliin baasanii dararaa guddaa irraan gahaa jiru.

Kana malees mootummaan Wayyaanee beeksisa barattoota Oromoo irratti baasee ture ammas irra deebi’ee kan biro baasuu fi gootota barattoota Oromoo doorsisaa akka jiru beekamee jira.

Iluun Waraana Wayyaaneetiin Marfamee jira. Wallagga Bahaa Aanaalee Hedduun Qeerroon Diina Baasee Dirree Bilisummaa Urgeesaa Jira‏

Bitootessa 25,2016 Akkuma beekamu godina Iluu Abbaa Booraatti FXG gaggeeffamaa jiru mootummaa haalaan yaaddeessee jira. Qindeessitootaa fi humni FXG boodaan hiriiree jiru akkasuma humni addaa biyya keessa seenee jira kana maleessa WBOn bosona karaa Gambeelan Iluu seene jechuunis waraanni komaandoo achitti ajaja fudhate bahaa jira.

Aanaan Hurumuu, Boorecha,Bachoo fi Baddallee, Mattuu fi Goree keessa humni WBO akka seenetti wayyaaneen maraataa jirti. Manni barumsaa sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga qophaayinaatti sochiin jiru dhaadannoo WBO fi barruulleen warraqsaa halluu alaabaa fi loogoo Qeerroon machaa’een faca’ee jira. Ijoollee kaabinootaa fi deggertoota irrattis tarkaanfiin barattootaan fudhatama jira. Taphattootni naannoo Gambeelaa irraa dhufan gara FXGtti makaman. Bitooteessa 22 taphani kan gaggeeffame magaala Mattuutti taphattootni garee lachuu wal tahuudhaan waraana wayyaanee irratti fi konkolaataa wayyaanee irrattis tarkaanfii fudhatan dhukaasnis irratti dhuka’e.

Naannolee wallagga bahaa aanaalee Jimmaa Raaree, Jargadaa Jaartee, Guduruu, Ababoo Guduruu, Jimmaa Gannatii, Amuruuu fi Abbaa Coomman keessatti FXG itti fufuun humna diinaas magaalota keessaa uummanni baasaa jira karaanis cucuufamee alaabanis ol bahee aanaaleen kanneen dirree bilisummaa fakkaataa jirti.

Gabaasa Haala Hidhamtoota Ilmaan Oromoo Mooraa waraana wayyaanee Xoollayitti Guuramanii hidhama jiran ibsu‏

oromo in ethioBitootessaa 20-24,2016 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDO’  Duula_Duguuginsa_Sanyii_ (Genocide) kan yeroo kamiiyyuu Caalaa  ulfaataa uummata Oromoo Irratti Jabeessuun ilmaan Oromoo 4600 olitti lakka’aman Waraana Agaaziin Uukkaamsee Mooraa_Leenjii_Waraanaa_fi_tikaa kan ta’ee  Xollaayitti jumlaan guuree hidhee jiraachuu Odeessii qabatamaan mooraa waraana Xollaayi keessa bahee jiru mirkaneesse jira. Ilmaan Oromoo Godinaalee Oromiyaa hunda irra haalaa kanaan guuramuun yeroo amma kana bakka maatii fi Firootni isaanii illee arguu hin dandeenyeetti   Mooraa_Waraanaa_Gammoojjii_Xoollaayi_kan_Godina_Jimmaa keessaatti argamuu  keessatti waraanaan ukkamsee guuraa jira. Keessattuu  Godinaalee_Oromiyaa_Lixaa_fi_Gidduu galeessa Oromiyaa fi Gama Godina Bahaa_Oromiyaa_Harargee_fi_Arsii irraa ilmaan Oromoo Manneen hidhaa sadarkaa Aanaa fi Godinaatti duraan hidhamanii turan  jumlaan Waraanaan waraanaan dirqisiisee ukkaamsuun  gara dabarfama jiru.  Shirri ulfaataan Uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti gaggeeffamaa jiruu kun Seenaa Aaddunyaa biyya lafaa kanaaf isa jalqabaa fi ulfaatadha. Odeffannoon qabatamaan Maddeen keenya Godina Lixa Shaggara Aanota garaagaraa irra nu qaqqabe akka ibsutti.

Aanaa Amboo irraa  ilmaan Oromoo 125, Aanaa Ilfataa irraa ilmaan Oromoo 65, Aanaa Jalduu irraa ilmaan Oromoo  48, Aanaa Midaa Qanyii irraa ilmaan Oromoo 62, Aanota Tokkee Kuttaayee fi Gudar irraa ilmaan Oromoo 54 , Aanaa Gindabarat Abunaa fi Kaachiis irraa ilmaan Oromoo 87, Aanaa Giincii irraa ilmaan Oromoo  40,Aanaa Adaa’aa Bargaa fi Meettaa Roobii irraa ilmaan Oromoo 52, Aanaa Calliyaa fi Iluu Galaan irraa ilmaan Oromoo 36 dabalatee Godina Lixa Shaggar Amboo fi Naannoo ishee qofa irraa ilmaan Oromoo 760 olitti lakkaa’aman humna waraana Agaazii wayyaaneen Ukkanfamuun gara Mooraa Waraana Xollayitti geeffamani.

Godina Orroo Guduruu wallaggaa irraa ilmaan Oromoo human Agaaziin  gara mooraa waraana wayyaaneetti ukkaanfamuun dabarfaman :

Aanaa Jartee Jardagaa  irraa ilmaan Oromoo 38, Aanaa Amuuruu irraa ilmaan Oromoo 30,Aanaa Abbaayi coomaan irraa ilmaan Oromoo 18, Aanaa Hagamsa irraa ilmaan Oromoo 24, Aanaa Jimmaa Gannatii irraa ilmaan Oromoo kan barsiisotni keessatti argaman ilmaan Oromoo 14 Walumaa galatti ilmaan Oromoo 250 olitti lakkaa’aman human waraana Agaazii wayyaaneetiin ukkanfamuun gara mooraa waraana wayyaaneetti dabarfaman.

Godina Kibba Lixa Shaggar Walisoo fi Aanoota Godinichaa irraa ilmaan Oromoo 267 olitti lakkaa’aman  waraana wayyaanee Agaaziin ukkaanfamuun ibsame jira.

Godina Bahaa Wallaggaa Magaalaa Neqemtee fi Aanotaa Godinichaa garaagaraa irraa walumaa galatti ilmaan Oromoo 650 olitti lakkaa’aman waraana Wayyaaneetiin ukkanfamuun gara mooraa waraana wayyaanee Xoollaayitti geeffamuun hidhamuun mirkanaa’era.

Godina Wallagga Lixaa fi Qeellaam Wallaggaa Aanoota  garaagaraa irraa ilmaan Oromoo 450 Humna waraanaa  Agaaziin ukkaanfamuun Gara Mooraa Waraana wayyaanee Xoollaayitti dabarfamani.

Godina Bahaa Oromiyaa Godina Harargee Lixaa,Harargee Bahaa ,Arsii Lixaa, fi Arsii Bahaa  irraa Walumaa galatti Ilmaan Oromoo 870 Olitti lakka’aman  humna waraanaa Agaaziin ukkaanfamuun gara Mooraa Waraana Wayyaanee  Xoollaayitti akka hidhamanii jiran, hubatamee jira. Walumaa galatti ilmaan Oromoo  4600 olitti lakka’aman Godinaalee Oromiyaa hundaa irraa waraana wayyaaneen butamuun gara Mooraa Waraana Wayyaanee Xoollayi jedhamutti dabarfamuun ukkanfamanii akka hidhamanii jiran Odeessii qabatamaa Mooraa Waraana Wayyaanee Xoollayi irraa nu qaqqaba jiru ifa godhee jira. Fuldurattis haala ilmaan Oromoo Mooraa Waraana Wayyaanee Xoollaayitti argamu kanatti dabarfamanii hidhaman jala bu’uun hawaasa Oromoo fi Aaduntyaaf kan gabaafnu ta’a.

Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Hiraarsaa Mootumman Wayyaanee Bulchiinsaa Yuunibarsiitii Jimmaa waliin ta’uun Barattoota Oromoo 102 irratti beeksisa baasuun rawwachaa jiru.

10403625_1712196485686544_2354749385489523132_n  Bitootessaa 24,2016 Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FXG Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti karaa Nagaa fi Haaqaa gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa deebii argachuu qaba jechuun itti fufuun wal qabatee  Bulchinsii Yuunibarsiitii Jimmaa Waraana Mooraa Yuunibarsiitii Keessa Qubsiisuun  Barattoota Oromoo reebuu, ukkaamsee hidhuu fi Madeessuu irra Darbeetorbee kana keessa qofaa Barattoota Oromoo 102 Olirratti beeksisaa maxxansuun , Gootota Barattoota Oromoo Waajjiraa poolisaa Mooraa Yuunibarsiitiicha keessa jirutti Waamuun Arii’uu fi Hidhuuf Qophii ta’uu itti himuun barattoota Oromoo kanaan yoo barbaadnees isin fixuun salphadha jechuun humnootni Tikaa Wayyaanee  fi Ajajaan Poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Kaliid Abbaa Tamaamii fi hoogantoota Waraana Wayyaaneen Dursnamuun ibasame jira. Barattootni Oromoo kuni Mooraa Yuunibarsitii Jimmaa Main Campus irraa Barattoota Oromoo 48 fi Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Kittoo Furdisaa irraa immoo Barattoota  Oromoo 54 irratti Beeksisa diinummaa Maxxansuun Yakki Shororkeessummaa qajeelfama waraana wayyaanee fi humnoota tikaa wayyaanee rawwatamuun ifa ta’ee jira. Yuubibarsiitii Jimmaa irraa barattootni Hedduunis humnoota tikaa fi waraanaan butamanii eessa buuteen isaanii kan hin beekamnee jiraachuu fi barattootni waraanaan reebamuun yakki ulfaataa ilmaan Oromoo irratti rawwatama jira. Rakkoowwaan akka Mooraa yuunibarsiitii Jimmaatti barattoota Oromoo irra qaqqabaa jiruu fi Hanga gochii duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo waliigalaa irratti rawwatamaa jiruu sababeeffachuun Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Murtii dhumaa fi Waliigalaa dabarfatanii jiru!!

Murtii gabaabaa Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa11220789_1548332892130715_412590956977739064_n

1.       Bulchiinsa waraanaa fi Shoroorkeessaa waraanaa Oromiyaa  keessatti uummata keenya irratti gaggeeffamaa jiruu fi yakka duguuginsa Sanyii (genocide) mootummaan Wayyaanee uummata keenyaa fi nurratti gaggeessaa jiruu gadi jabeessuun ni balaaleffanna!!

2.       Hiraarsaa fi dararaa Sammuu fi Qamaa (Psychological and physical torture) Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa ergama mootummaa abbaa irree hojii irra olchuuf jechaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti rawwachaa jiruu fi yeroo amma kana immoo barattoota Oromoo 102 irratti beeksisaa baasuun dararaa qor-qalbii gaggeessa jiru gadi jabeessuun kan  balaaleffannuu fi Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa fi humnootin tikaa fi Waraanaa yeroo kanatti Jimma irra qubatee jiruu itti gaafatamaa seenaa fi seeraa jalaa yakka isin hin baafnee dalagaa jiraachuu gadi jabeessuun hubachiisuun, gochaa diinummaa fi abbaa irruummaa mootummaa faashistii wayyaanee irra deeddeebiin ni balaaleffanna!!

3.       Mootummaan wayyaanee hatattamaan ilmaan oromoo sababaa gaaffii mirgaa abbaa biyyummaaf ukkaamsee ariifatee gadi lakkisuu qaba, kanneen wareegamanii fi madaa’aniif gumaa kanfaluun qaamota aangawoota qajeelfama dabarsaan Hayileemriyaam Dassaleenyii , Abbayi Tsayee, Muktar Kadir, Aster Maammoo, Getachoo Radda, fi Ajajootni waraanaa fi tikaa wayyaanee Seeraatti dhiyaachuun itti gaafatamuu qabu!!

4.       Waraanni Wayyaanee Oromiyaa keessa baafamuu qaba, bulchiinsii waraanaa kaafamee mootummaan wayyaanee aangoo uummata keenyaaf gadi lakkisuu qaba!!

5.       Mootummaan Wayyaanee sadarkaa duraattii gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebii kennuu diduun Oromiyaa Bulchiinsa waraana jala galchee uummata keenya lafarra fixaa waan jiruu fi Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaas waraanaan hogganamuun barattoota Oromoo 102 Irratti Beeksisaa baasuun Shororkaa umaa Waan Jiruufi barattootni Oromoo hedduu Yuunibarsiitii Jimmaa fi Yuunibarsiitoota Oromiyaa keessa jiran hundarraa ukkaanfamaa Waan jiraniifi Hoomaan Waraanaa Yuunibarsiitii keessa qubachuun dararaa humnaa olii barattoota Oromoo irraan ga’aa waan jiruuf Nuti Barattootni Oromoo Hundii yoo Mootummaan Wayyaanee Qabxiilee 1-5 kaasnee jirruu kanaaf furmaata atattamaa hin kennuu ta’ee guutummaatti Barnoota dhaabuun gara maatii keenyaatti deebii’uuf Murtii walii gala dabarfannee jirra!!

FXG Itti Fufee Daandiileen Konkolaataa Baadiyyaa Cufamaa Jiru. Irreen Uummata Oromoo Injifatnoo Goonfataa Jira.

12476537_651216835016549_1721972920_nBitootessaa 25,2016 Waarraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG‬, Jabaachuun daandiin Konkolaataa kibba Lixa Oromiyaa irraa Gara Finfinneetti seensisuu fi Gara Oromiyaatti baasuMagaalaa_sabbataa‬ irratti Ganama irraa eegaluun cufamuun konkolaataan kamuu akka socho’uu hin dandeenyetti danqamee rakkoon guddaa wayyaanee mudachaa jira. uummanni Oromoo ajjeechaa fi Huulaa Hidhaa waraanni Agaazii rawwachaa jiruun sochii isaa irraa dhaabbachuu hin danda’u, Wareegamaa qaalii kanfaluun Injifannoo boonsaa of harkatti galchee jiruu kanas irratti dachaan wareegama malee duubatti kan irraa deebi’u akka hin taane hubachiise. 12900048_651216838349882_1758925486_n
Murtii uummatni Oromoo Magaalota addaa naannawaa Finfinneetti argamaan qeerroo waliin dabarfatan irraa mootummaan wayyaanee raafama caaluu keessa seenuun magaalaa Finfinnee eeggichaa waraanaa guddaa jala galchee kan jiruu fi Kellaawwaan Finfinnee irratti sakkatta’insa gaggeessa kana jiruu fi magaalaa Finfinnee keessatti namni Afaan Oromoo dubbatuu heddummataa dhufuu irraa Finfinneen ija Shakkii Guddaan ilaalama jiraachuun hubatame jira. Guyyaa Har’aa kanas Sakkatta’insi guddaan Daandii sabbataa Gara Finfinneetti seensisuu irratti guyyaa guutuu gaggeeffama jira.

Polisiin Fedaraalaa Dhalootaan Oromoo Ta’an ABOf Hojjettu Sababaa Jedhuun Yakka Adda Addaa Irratti Banuun Hojii Irraa Arihuu fi Dararaa Jabaan Mootummaa TPLFdhaan Irra Ga’aa Jira

Bitootessa 25,2016
Ukkamsaaf ajjeechaan obsa kan fixacachiise Uummata Oromoo rog,arfaniin diddaa jabaa dhageessisee Waayyaanee hirriba dhowurra darbee abdii kutannaa guddaa keessa galcheera.Akkasuma ajjeechaan waan duuba deebisu ukkamsaan waan abdii kutachiisu itti fakkachuun Waayyanonni Oromoo ukkamsuurratti fullefatanis mormiin daran babal’achuun lammii Oromoo kan ta’ee hunda sochoosaa jira Tibba kanas Folisoota Fedaraalaa kan magaalaa Finfinnee keessaa hojjetan dhalootaan Oromoo waan ta’aniif Qofa dararaan irra gahaa jiraachuu icciitiin achii baate ifa taasifti.Akkasuma sakatta’insa moobayilaaf Suuraa,Video,dabalatee hojiirraa ari’uuf dhoksaan ukkamsuun yaaddoo jiruu keessa nu galchaa jiraa jedhu Folisoonni hiriyoota danuu of biraa dhaban kunnin.Kanumaan wal qabatee amma ammaatti Foolisoota 23 ,nu biraa ukkamsanii bakki geessamaan hin baramne kanneen hafanimmoo carraan kun nu mudachuun dura jechuun tarkaanfii hojii dhaabuu Folisoota 34 hojii lakkisanii ba’ani Folisoota 56 ammoo hamma ammaatti hidhamanii jiru ,Ta’uyyuu kan yaaddoof muddama keessa nu galchee jiru Folisoota 23,sana ajjeesanii dhoksaan ka jedhutti shaakkaa jirraa.Walumaa gala kan Ukkamfaman,kan hidhaman,kan hojii lakkisa garee tokko qofaa keessa 113 ga’ee jira ta’us nu warra hafe gammoojjii Bilaatee jedhamtu keessatti nu ittisaa jiru akkasuma Nun Foolisoota dhalotaan Oromoo taanerraa Hidhata hikkatanii jiru jedha odeessi icciitiidhaan Foolisoota Fefaaralaarraa ba’ee Qeerroo dhaqabe.

OMN: Gabaasa Addaa Bitooteessa 24,2016

https://www.oromiamedia.org/2016/03/24/omn-gabaasa-addaa-bitooteessa-242016/

https://youtu.be/5fDDsWZvcxE

OMN: Oduu Bit. 24, 2016

https://www.oromiamedia.org/2016/03/24/omn-oduu-bit-24-2016/

 

https://youtu.be/t0yv77t3Q28

Godina baha wallaggaa magaala Naqamtee, Giddaa Ayyaanaa fi Yuuniversitii Wallaggaa Keessatti Waraqaan Qeerroo Warraaqsaa Bittimfamee Jira. Magaala Naqamteetti Uummata Oromoo Maraaf Waamichi Tahe.

Bitootessa 24,2016

– Oromoon tokko kaaba fi kibaa fi bahaa fi lixaan ka’I wayyaanee
biyyaa baasi

– Abbummaan oromoo oromiyaadhaan haa mirkanooftu

– WBON duruma leenca bosonaati

– Nuti wayyaane hin beeknu ABO malee

– Tigreen saamtuu fi hattuudha

– OPDOn uummata oromoo bakka hin buutu

Jedhu waraqaan balaliituun warraaqsaa bittimfamee kan turee fi aanaa Giddaa Ayyaanatti barataa du’e sirna awwaalcha isaan wal qabsiisuudhaan FXGs guyyaama kana eegale kan ture har’as FXG aanaa kana keessatti jabaate jedhu. Qonnaan bulaan aanaa Giddaa Ayyaanaa hedduun ukkaamfamee jira. barattootni har’a daandii cufaniiru. Agaaziin aanicha keessa olii fi gadi fiigaa jirti. Magaalli Naqamtees dirree qabsoo taateetti hamma ammaatti waraanni wayyaanee itti wal jijjiiruudhaan magaalicha keessa qubatee jira.

OMN: Oduu Bit. 22, 2016

OMN: Qophii Addaa Bitooteessa 22, 2016

#OromoProtests, Alge High School, Iluu Abbaa Booraa, 22nd March 2016
#OromoProtests, Alge High School, Iluu Abbaa Booraa, 22nd March 2016#OromoProtests, Alge High School, Iluu Abbaa Booraa, 22nd March 2016 p1
#OromoProtests in Qobboo town, Hararghe, Eastern Oromia, 22nd March 2016
#OromoProtestsin Qobboo town, Hararghe, Eastern Oromia, 22nd March 2016

Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Abuunaa Gindeberat Keessatti FXG Itti Fufanii Jiru

Guyyaa har’aa Bitootessa 22,2016 ganamaa irra egale hanga ammatti dhaaddannoo gargaaraa dhaggesisisaa kan ture yoo ta’u.ammaan kana immoo baratoota Sadarkaa 2ffaa fi qopha’iina mana barumsaa Kaachisitti kan jalaqabee barnooni bilisumaa booda jechudhaa dhaddanoo dhaggeesisisa kan olan mana barumsa Kachisii fuulduratti kan jalqabee yoo ta’udha.

#OromoProtests visit to family of Tolasa Dhufera, the 4th year electrical engineering student who was killed at Haromaya University in December. March 21, 2016
University students who returned home for midterm paid a visit to family of Tolasa Dhufera, the 4th year electrical engineering student who was killed at Haromaya University in December.


Suurawwaan olitti mul’atan kun hirmaannaa BARATTOONNI Yuunivarsiitii ABUUNAA Gindabarat b/taa Tolasaa Dhufeeraa Electrical engineering waggaa 4ffaa Yuunivarsiitii Haramayaa keessatti baatii lamaan dura wareegameef maatiisaa bira deemuun gadda qabanii fi balaaleffannaa mootummaa wayyaanee ummata Oromoo irratti fudhataa jiru ibsuu isaanii mul’isa.


Bitootessa 22,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Jaarsoo fi Qeellam Ona Jimmaa Horroo Keessatti Loltooti Wayyaanee Uummata Jeeqaa Jiru.

Godina Wallaggaa Qellem ona Jimmaa Horroo irraa namootni 4 har’a bakka magaala irraa konkolaataa fi nama hin beekamneen fuudhamani eessa buuteen isaanii dhabameera.
1. Abdulkari Jamal
2. Hasan Jamal –Obboleessa Abdulkarim jaallan kun lamaan yeroodhaa yerootti kan hidhamaniidha.
3. Solomon Guricho
4. Barsiisaa Dimbaashaa Baqqalaa
Har’a Bitotessa 22/2016 har’a ganama irraa konkolaataa Wayyaanee hin beekamneen butamanii kan badan yoommuu tahu uummanni fi dargaggootni ijoolleen kun deebi’uu qabu jechunFXG kaase jira uummanni yeroo ammaa kana daandii cufee jira.

Kana malees Loltootii fi humni poolisa Wayyaanee TPLF Guyyaa har’aa sabboontota Oromoo 4 magaala Jaarsoo Wallaggaa keessaa qabanii hidhaanii jiru.

  1. Dasaleeny Alammayyoo

2 .Barsiisaa Husee

3.Hojeta Motummaa Jabbeessaa Tarreesaa

4.Girmaa

Kanneen jedhamanii fi kaanis keessatti argamu


https://www.oromiamedia.org/2016/03/24/omn-oduu-bit-23-2016/

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 23,2016

FXG Godina Ilu Abbaa Booraa Magaalaa Algee fi Magaala Siboo Keessatti Gaggeefame.

https://videopress.com/v/hVhKsHh7?hd=0&autoPlay=0&permalink=0&loop=0

#OromoProtests  in Sibo town, Bure District, Ilu Ababor students walk out of class and stage a sit-in protest. The picture show district administrators trying to convince them to resume class.

Iluu

Godina Wallaggaa Aanaa Laalloo Assaabii Irraa Barataan Kutaa 10ffaa Baratu Waraana Wayyaaneen Butame.

12899715_1031581966880717_1274529698_nBitootessa 23/2016 Barataan kutaa 10ffaa baratu Guutuu Birruu Waraana Wayyaaneen Butamee Bakka Bu’e Hin Beekamu.
Sochii Qeerroon kan waalii qabate Godina Wallaagga lixa Aanaa lalo Assabii mana barumsaa Inangoo sadarkaa lammaffaa kutaa 10 ffaa kan baraatu. Baraata Guutuu Birruu. Humnaa warraana biyyaa qabamee laafa in bu’e wallalame.Rabbii lubbuu isaa nuuf haa bararuu. Galmeen seena Oromoo sii waamtii.

Wallagga Magaalaa Naqamte Keessa Barruuleen Waamicha FXG Daran Tamsa’e.

IMG_20160321_232344IMG_20160322_030944IMG_20160322_200049_1Bitootessa 23/2016
Alaabaan Adda bilisummaa Oromoo(ABO) halkan edaa akka urjii magaalaa Naqamtee fi naannoo Yuunversiitii Wallaggaatti ifaa bulte.Barruulleen warraaksaas halkan edaa naannoo yuunvesiitii wallaggaatti rasbsamaa bulaniiru.yeroo ammaan kanas humni federaalaa guutummaan magaalaa naqamtee keessa ABO tu gale jechuun uummata nagaa doorsisaa jiru.naannoon yuunversiitii wallaggaas humna waraanaan marfamtee jirti.

Jimma Yuunibarsiitii Mooraa Guddaa(main campus) fi Mooraa FBtti Waraqaaleen Qeerroo Tamsa’an

Bitootessa 23,2016
IMG_20160322_214457IMG_20160323_144903Balaaleffannaan murna bichuu Waayyaanee Gootota Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaatiin itti fufuun hoomaan Waraanaa Yuunibarsiitichatti galee osoo eeguu Gootummaa jabaadhaan mormii akkuma eegalanii jiran waraqaalee Qeerroo kan barreefamnisaa alabaa keenyaan faayamtee dhaadannoowwan ciccimoo of irraa qabdu rabsaamaa turan.Waraqaaleen kun mooraa FB keessattis haalaan dhoobameera.Akkasuma Alabaan ABO kalariin hojjetamee wal cinatti maxanfamaa ture
Dhaadannoolee wariqicharraa
#OPDO n ergamtuu Waayyaaneedha
#Waayyaaneen saamtuudha
#Gamtaaf Tokkummaa keenyaan bilisummaa nii gonfanna
#ABOn kallacha qabsoo Oromooti
ka jedhu yoo ta’u Alaabaan ABOs cinasaatti maxanfanfamaniiru
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaarraa

Sirna Awwalcha Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaarratti Mormiif Dhaadannoo Jajjaboon Barattoota Baha Wallagaa Giddaa Ayyaanaatiin Gaggeefamaa Oole

12108101_629851160505650_6429143411055874916_nBitootessa 22,2016
Gochi murni bichuun Waayyaanee raawwachaa jirtu Uummata Oromoo arsee Finiinsee gara FXG tti kan geessaa jiru malee duuba akkaa hin deebifne hubatamaadha.Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaa reebichaa hamaa irraan ga’uun du’e jedhanii bosonatti gatuun kulkulfannaa nu keessa ka’anii ka darban shororkwessitoonni Waayyaanee.Gargaarsa uummati godheefiin bosona keessaa argamee hospitaalaa Naqamtee kan geeffame yoo ta’us,hospitaalli Naqamtee nuun ol waan ta’eef yaaluu hin dandeenyu erga jedhanii Gara finfinneetti referii ka barreessaan ta’uullee sa’atii sanatti Abbaan Barataa kanaa maallaqa of harkaa qabaachuu waan hin dandeenyeef Uummati haala ittiin Girmaa Lubbuusaa olfatan irratti osoo dubbatanii halkan Kaleessa Lubbuunsaa addunyaa kanarraa du’aan godaante.936632_629851163838983_3948624596706161126_n
Sirna awwaalcha Barataa Girmaa Darajjee kanarratti barataan Giddaa Ayyaanaa argamuun tilmamaan barattoonni 7000 olii kan tahan (baratonni sad 1 hangaa Kollejjii BLTO ttii ) barataa kan ta,ee hundii BBB jechuun kophee kararatti dhisanii ademsaa milaan sa,a 2:30 demmun barataa girmaa derejee ayanaa harkaa wayyanettii kan du,ee gaggeessan dhadannoo
#gumaa isa du’ee isa jirut baasa
#nuti hiriyyoonnikee gumaa nii baafna
#kan nu ajjeesu hin feenu
#nuti nagaa feena
#kan nagaa keenya sarbe hin dhiifnu wal irratti duuna
#barnoonni bilisummaa booda
#hanga gumaa baafnutti nuti hin barannu
#ABOn nu haa bulchu
#waayyaaneen nurraa haa galtu jechuun dhaadannoo gurguddaan gegesaniruu qabsa’an yoo du,ee qabsoon itti fufaa motumaa abba irren hin hoganamnu

FXG Itti Fufe! Barattooti Oromoo Waraana Agaazii Wayyaaneen Wareega Kafalaa Jiru.

Naqamte11Bitooteessa 23,2016
FXG Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiru sadarkaa guddaatti ce’aa jira,haala kana keessatti gaaga’ama ulfaataan uummata keenya irra gahus qabsoon FXG itti fufee jira.
Suuraan kun sabboontuu fi barattuu Amartii Hinsarmuu jedhamti ganama kana 23/03/2016 mana barumsa ASK Nekemte keessatti rasaasa waraana Wayyaaneen Agaaziin mataa ishee ruktamte. Afaanii fi Funyaaniin dhiiga hedduutu mataashee keessas yaa’aa jira. Haala yaaddessaa keessa jirti.

Godina Jimmaa Magaalaa Limmuu Keessatti Diddaan Sirna Wayyaaneen Jabaatee Itti Fufe.

Image-1Marii Panalii gaafa Bitootessa 21/2016 kan gudina Jimmaa magaalaa Limmuu Gannat Obbo Amaanuu itti anaa bulchaa aanaa Limmuu Kossaa fi Obbo Shalamaa mariisifamaa ture irraatti mormiin abbotii qabeenyaa irraa ka’uun walgalicha gara mormiitti jijjiiree jira. Innis yeroo Bakka bu’aan qonnaa buna Horizon (investera Wayyaanee) yaada kennuuf maayikii fudhatutti hirmattonni itti iyyani. “Horozon hattuudha, abban qabeenyummaasaa kan sobaati,qabeemyichi kan abbootii keenyaati, bakka Horizon jirutti waliin hin maryannu” jechuun mormanii akka yaada hin kennine godhaniiru.

Geggessitoonni marichaas yaadni ummataa sirridha jechuun bakka bu’aa Horizon harkaa
mayikiin fudhameera. Kanaanis walqabatee ibsaa ballessuufi basaastota haaraa kan wayyanee gara magaalattiitti erganiiru. Dhimmi mormii Horizon dargaggoota dammaqoo irraa gara abbotii qabeenyaafi unmataatti seeneera.


 

Guyyaa Har’aa Bitootessa 22/2016 Wallagga Magaalaa Jaarsoo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Faca’aa Jira.

12672129_591219321029987_8161975050588775534_o12819337_591219014363351_1390262068394228145_oGuyyaa har’ as Bitootessa 22,2016 Godina Wallaggaa Lixaa anaa Jaarsoo keessattii Qeerroon magaalaa Jaarsoo waraqaa Qabsoo hangaa bilisummaattiu hin dhabaatu jedhuf….OPDON ummataa Oromoo bakka hin butuu …ummannii Keenya motummaa namaa nyaata wayyanneef gibiraa akkaa hin kafallee…fi hiidhaafi ajeechaan dubbattii nu hin deebisu jedhu.. gutummaa magaalaa Jaarsoof moraa manneen barnootaa akkasumas waajjiroota adda addaatti Qeerroon faccassuun jala deemtootaa wayyannee nasuu guddaa keessaa olchee jira..

 

#OromoProtests Giddaa Ayyaanaa, E. Wallaggaa, 22nd March 2016

 https://youtu.be/4P1uVMxXYEM
 #OromoProtests at Ambo University Walisoo Campus, 21 March 2016
#OromoProtests at Ambo University Walisoo Campus, 21 March 2016#OromoProtests at Ambo University Walisoo Campus, 21 March 2016 p2
Oromo youth Girma Dereje Ayana, an 11th grade student in Gidda town, Gidda Ayana District, East Walaga. He was badly beaten up by Agazi (TPLF, Ethiopia’s regime fascist ) forces in his hometown and passed away in Naqamte Hospital on 21 March 2016.
Oromo youth Girma Dereje Ayana, student in Gidda townt, East Walaga. He was badly beaten up by Agazi (TPLF Ethiopia's regime fascist ) forces in his hometown and passed away in Naqamte Hospital on 21 March 2016

 Ammaa Kana Waraanni Agaazii Wayyaanee Magaala Finfinnee Alaa Keessaan Marsaa Jira.

Bitootessa 21,2016
2016-03-22 00.50.04Magaalli Finfinnee humna waraana agaaziitiin eegamaa jirti. Waraanni kun kutaa bulchiinsa magaalatti fi gandoota keessatti ramadamee
halkanii guyyaa uummata hiraarsaa jira. Keessattuu naannoo buufata Yuuniversitiiwwanii fi koollejjiwwan Finfinnee keessatti argamanitti
buufatee marsee jira humni kuni. Sochiin waraana mootummaa wayyaanee magaala Finfinneetti sodaa fi raafama mootummaa abbaa irree kan ka’een akka saree olii fi gadi kaataa jirti. FXG Finfinneetti ka’a kan jedhamu miirri sodaa guddaatu jira Finfinneen muddama keessa jirti.

Bitootessaa 21,2016 Warraaqsii FXG’ Haalaan Jabaachuun Uummatni Oromoo GodinaLexa_Shaggar_Amboo fi Godina Kibba_Lixa_Shaggar_Walisoo Kanfaltii Gibiraa fi buusiiwwaan Mootummaa Wayyaanee Nu ajjeesaa Jiruuf Hin kaffalluu jechuun Murtii fudhatee jiruu jabeessuun hojii irraa olchaa jira. Dura Taa’otni gandaa fi Milishootnis Nuti uummata Ni sodannaa, Uummata kana keessa Baanee kophaa jiraachuu hin dandeenyuu jechuun hojii ergama bulchiinsa wayyaanee OPDO dhaabbuun Uummatatti harka kennatani jiru. Waraanni Wayyaanee Konkolaataa poolisii Oromiyaa jeettuu qabachuun Gandoota Baadiyyaa Godinoota kanneenii keessa sodaa guddaan guutamee socho’aa jira.

 Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa Dhaabbachuu hin dandeenye kanaan kan hedduu raafamee jiruu mootummaan Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Amboo fi Magaalaa Amboo ukkaamsuuf Waraanni Wayyaanee Yeroo irraa gara Yerootti Magaalaa Amboo fi aanoota Godinichaa Keessa Qubsiifamaa jira.Ilmaan Oromoo Waraana wayyaanee Keessatti argamanis diddaa isaanii tarkaanfiin argisiisuu egaalanii jiru.Magaalaan Amboo fi Walisoos Waraana Wayyaanee Guddaan Qabamtee jirti.

Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Aada’aa Bargaa Goototni uummatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Ganda Caancoo Birrattee Lafa Gabaa Jimaataa jedhamtutti walgahuun Warraaqsaa FXG finiinsuun hiriira mormii sirna Wayyaanee taasisan.

Bitootessaa 20-21/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Aada’aa Bargaa Goototni uummatni Oromoo fi Barattootni Oromoo Ganda Caancoo Birrattee Lafa Gabaa Jimaataa jedhamtutti walgahuun Warraaqsaa FXG finiinsuun hiriira mormii dhageessisaa turan.

Dhaadannoowwan itti anaanu kana sagalee jabaan dhageessisan.

-Waraanaan hin bullu -Ilmaan oromoo hindhaman hatattamaan haa hiikaman

-Mootummaan lubbuu waraanaan balleesseef itti haa gaafatamu -Abbaan Biyyaa ABO’dha.

-Wayyaanee fi OPDO’n nu hin bulchitu jechuudhaan dhaadannoo dhageessisaa turan.

Waraanni wayyaanees akkuma amalasaa ummata mirga Isaafi dubbatu hidhuu fi dararuu irratti argamu. Aanaadhuma kana #Mogor keessattin kan argaman Barattootni Manneen Barnootaa #Mogor_Muka_Odaa sad.1ffaa, Reejjii sad.2ffaa fi ‘Mugher Cement Enterprise Community Senior Secondary School’tti torbee darbe irraa eegaluun mormii isaanii kan itti fufan tahuu ibsameera. Sababa kanaan waraanni Wayyaanee manneen barnootaa seenuudhaan barattoota jumlaan hidhuu fi dararaa jiraachuun beekame. Hawaasni Mogoris barattootaaf birmachuudhaan hanga ammaatti waraana Wayyaanee fuuldura dhaabachuu jiru. Haaluma walfakkaatuun Godinuma Shawaa Lixaa Meettaa Roobii keessatti guyyaa Jimaataa Barattootni Mana Barnootaa Qophaa’inaa Shinoo mormii jabaa dhageessisaa turan. Yeroo ammaas barattootni manneen barnootaa garaagaraaMeettaa Roobii fi Ada’aa Bargaa keessa jiran Barnootni Bilisummaan Booda jechuun ibsa ijjannoo baafatan guutummaan hojiitti hiikaniiru.

Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee Keessaa Loltoota TPLFn Qabaman 20 Mana Hidhaa Keessatti Gidirfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Because I am Oromo

Bitootessa 21,2016/ Maqaaleen armaan gaditti tarreefaman kunniin gootota barattoota  Yuunibarsiitii Finfinnee keessaa qabamanii yeroo ammaa kana mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiranidha.

Qeerroon barattootni kunneen 49  ta’anii hidhamanii kan turan 20 mana hidhaa Wayyaanee keessatti kanneen hafani tahuu Qeerroon gabaasa. Jarreen kun xalayaa seeraa of harkatti qabachuun waraqaa dhaadannoo fi uffata adii kan nageenya mullisu uffachuun iimbaasii Ameerikaa fuulduratti sagalee diddaa isaanii waan dhageessisaniif qofa qabamanii hidhaman.

Dhaadannoon isaan dhageessisaa turanis;

  1. Mirga dhabuu uummata Oromoo
  2. Ajjeefamuu fi yuunibarsiitii irraa ari’amuun akka dhaabbatu
  3. Dachee fi qabeenya Oromiyaa harka  duureyyii qonnaan bultoota irraa fonqolchuun kennuun akka dhaabbatu
  4. Kiraan lafaa olka’e qotee bulaa irraa akka dhaabbatu
  5. Beektonnii fi barattootni Oromoo mana hidhaatti gidirfamaa jiran akka hiikaman
  6. Digirii baatanii dhagaa baachuu fi soquun akka dhaabbatuu, walumaa galatti gidirfamnii fi cunqursaa lammii Oromoo irraa akka mulqamu sababa  gaafataniif gidirfaamaa jiru.

Kan jedhu ture.

Yeroo ammaatti barattooti hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran keessaa warra armaa gadii ta’uu Qeerroon gabaasa:-

Lakk Maqaa guutuu Department
1 Sooressaa Damee Enjiner  5th year
2 Bilisummaa Biraanuu Economics 2nd year
3 Guddinaa Tasfaayee Mgt 2nd  year
4 Asheetuu Darajjee Economics 2nd year
5 Dabalaa Fayisaa English 4th year
6 Battee Lammii Maths 2nd year
7 Alamuu Olaanii Economics 2nd year
8 Gammachuu Kabbadaa A/oromo 1st Year
9 Ahimed Mohaammed Electrical enginer 5th year
10 Insarmuu Boggaalee Acconting 3rd  year
11 Ijjiguu Qabataa Economics 2nd year
12 Shallamaa    Gammachuu Economics 2nd year
13 Gammachuu Haayiluu           >>
14 Marshaa Baayisaa           >>
15 Tasfaayee Geetuu          >>
16 Tarreessaa Ashakaa          >>
17 Tasfaayee Mokonnon          >>
18 Daani’eel Abdiisaa chemistry
19 Guutaa   Baayisaa chemistry
20 Biraanuu Badhaadhaa Adiministration

Bitootessa 19,2016 “Abbaan Biyyaa ABO Dha” jedhu gootonni Qeerroo Godina Harargee Bahaa magaalaa Miidhagaa lolaa keessatti FXG Gaggeessaniin

Barattootni Wallagga Lixaa Magaalaa Najjoo Barumsa Dhaaban‏

jaretBitootessa 18,2016 /Wallagga lixaa magaalaa Najjootti kan argamu mana barattootni barumsaa sadarkaa 2ffaa “ kan hidhaman haa gadhifaman” jechuun barumsa dhaabanii jiru. Akkasma Boojjii Birmajiitti mana barumsa sadarkaa 1ffaatti barumsii dhaabbatee jira. Akka walii galaatti oromiyaa keesatti ibarumsi guutummaan guututti dhaabbatee jira.

Magaala Baddallee Godina Ilu Abbaa Boor Keessatti FXG Itti Fufe.

st Bitootessa 18,2016/Godina ‪‎Iluu_Abbaa_Booraa‬ Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru, Gabaasaan itti fufa!!


Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar  Amboo: Aanaa #Midaa_Qanyiitti warraaqsii FXG itti fufuun walqabatee Waraanni Wayyaanee Barattoota Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa irratti Boombii dhoosuun #Yakki_waraanaa Barattoota Oromoo irratti raawwatame jira.

 barattoota hedduu madeessuu fi hedduu immoo humna waraanaan ukkamsee hidhaatti guuraa jira, Aanaa Midaa qanyii Keessatti manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti jiran guutummaatta cufaman. guyyaa har’aa magaalaan Baallammii Waraana Wayyaaneen goolama jirti.

Salaalee Yuuniversitii Fiichee FXG Har’a Barattoota Oromoon Ka’e.‏

Bitootessa 18,2016/ Salaalee Fiichee Yuuniversitiitti barattootni har’a FXG gaggeessun nyaata lagatanii jiru. Barattootni mooraa kana gara FXGtti bahuuf sababa kan tahe kanaan dura kan beeknu nuti yuuniversiti Finfinnee jala turre yeroo darb miiidiyaan yoo dubbatu YUUNIVERSITII SALAALEE jechuudhaan dubbate nuti kan beeknu yuuniversitii Finfinnee jala jiraachuu miidiyaan kandubbatu akka Yuuniversitii of danda’aatti kun karaa ittiin uummanni mootummaa babal’inavbarnootaa irratti hojii hojjetaa jiruuf sammuun uummataas tasgabbaa’u akka waan uummanni kun bulchiinsa gaaritti lakkaawatuun gaaffii amma qabate jiru kana dhiisuutti yaaduu waan taheef sobuma wayyaneetti baanee mootummaa kana kuffisuu qabna jechuun FXGtti barattooni yuuniversitii kanaa barumsa dhaabanii jiru.

Godina Wallaggaa Qellem Ashii Keessaa Barsiisonni Oromoo Ta’an 3 Ukkaamfaman, Barataan Tokkos Rasaasa Waraana Wayyaaneen Rukutame‏

Bitootessa 18,2016/ Godina Qelle wallaggaa ona Anfilloo ganda Ashii jedhamutti guyyoota muraasa dura FXG uummata fi barattootaan ka’uu Weerroon gabaasee jira. Akka odeessa ammas Qeerroon gabaasee jiruttis humni agaazii jedhamu haga Dafinoo dhufuutti gandicha irra akka qubatee jiraaatuu fi uummatas hiraarsu dirqama fudhatee akka jiruu fi uummanni karaa irra deemuu hin danda’u manaas gadi ba’aa akka hin jirre kan gabaafamee fi barattootni fi barsiistoni hedduun kan ukkaamfamanii fi rasaasaan barattootni lama kan rukutama Qeerroon gabaasee jira.
Barsiisaa Jambar Xurunaa -barsiisaa sadarkaa 2ffaa kan tahe kan ganda Ashii Barsiisaa Baayisaa Kabbadee- Barsiisaa sadarkaa 2ffaa ganda Ashii
Barsiisaa Faantaa Mankar- sadarkaa 1ffaa kan barsiisu yoommu tahu Baratoota rasaasa wayyaaneen rukutaman keessaa Daawwit Tasfayee kan jedhamu miilla rukutamee amma Hospitaala Dambi Doollootti yaalamaa kan jiru tahuu Qeerroon gabaasee jira. Barattootni hedduunis ukkaamfamani jiru. Kun gabaasa Bitootessa 17/2016ti

Godina Addaa Finfinnee Buraayyuu Naannoo Ashowaa Meedaa Keessaa Ammallee Dachiin Ummata Oromoo Gurguramuu Itti Fufe.

kr

kr

kr

kr

Bitootessa 19,2016/ OPDOn ammallee lafa uummata Oromoo gircitee gurgurataa jiraachuun uummanaa fi abbaa lafaa qonnaan bulaa lafa gadhiiseen saaxilamee jira.
Suurraan asi irratti argamu kunneen godina addaa Finfinnee Buraayyuu naannoo Ashowaa Meedaa jedhamee waamamutti naannoo sun kan hojii guyyaa hojjetuun beekamu uummata Oromoo lafa isaa dhabe kan manni isaa ijaaramu abbooti tayitaa Wayyaanee fi Tigreeti OPDOn akkaataa kanaan lafa uummata Oromoo bakka hedduudhaa cirsiistee gurgurattee jirti naannoon kun harka alagatti kennamee abban lafaa lafa isaa dhabee rakkoo guyyaatiin saaxilamee jira uummanni Oromoo naannichaa jiru lafa isaa kana waliin tahe akka deeffatu waamichas daballee taasisna kanas dabalatee lafti naannichaa saamamee jiru suuraawwan waraabaman kan Qeerroon dhiyeessaa jiru hedduudha miidiyaa uumataatti haa bahuun dhaamsa goona.

Magaalaan Naqamtee Wallaggaa Hoomaa Waraana Wayyaaneen Weeraramtee Uummata Irratti Yakki Hojjetamu Daran Jabaatus FXG Itti Fufe.

IMG_20160317_145823IMG_20160317_163656IMG_20160317_171225Bitootessa 19,2016/ Magaalaan Naqamtee hoomaa waraanaan weerararamtee jirti.Humni federaalaa daran humna magaalatii ol baayyachuun uummata magaalaa naqamtee fi naannoo ishee doorsisuu,hidhuu fi mana uummataa irra deemuun manuma keessaa gad harkisanii baratoota fi uumata magaalaa kana irratti reebichi gara laafina hin qabne gidduu kana hammaachaa jiraachuu Qeerroon gabaasa. Akka Qeerroon gabaasetti meeshaan humna federaalaa kanaaf dabalataan akka naannoo kumsaa morodaallee dhufee seenee jiru maddeen keenya ibsanii jiru.

Mana Adabaa Poolisii Godina Wallaggaa Magaalaa Gimbii Keessatti Sabboontoti Oromoo 60 Ol Dararaa Cimaan Irra Gahaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Because I am OromoBitootessa 19,2016/ Yeroo ammaa kanatti Ficila Xumura Gabrummaa waliin wal qabatee sabboontoti ilmaan Oromoo kumaatamaan manneen hidhaa beekamaa fi hin beekamiin hedduu keessatti guutuu Oromiyaa keessaa dararamaa jiru. Godina Wallaggaa magaalaa Gimbii keessattis Oromoota maatii fi hiriyyoota irraa dubbisa dhorkamanii yeroo ammaatti dararamaa jiran namoota 60 ol keessaa hammi tokko:-

  1. Solomon Mokonniin- Barreessaa KFO Godina W/Lixaa fi hojjetaa mootummaa
  2. Tafarii Baqqalaa – Damee ijaarsa KFO Godina W/Lixaa
  3. Girmaa Tamasgeen – Koree hoji raawwachiiftuu KFO G/W/Lixaa
  4. Yoseef Lammii – Kan filannoo darbe taajjaban
  5. B/saa Malkaamuu Taarikuu – Filannoo kan taajjaban
  6. B/saa Amanaa Gabbisaa – Kan filannoo taajjaban
  7. B/saa Caalaa Indaaluu- Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
  8. B/saa Alamuu Asaffaa – Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
  9. Obbo Kifiluu Daaqaa- Ogeessa Hospitaala Adiveentistii Gimbii
  10. Obbo Daggafaa Wayyeessa – Hojjetaa Mana Murtii G/W/Lixaa
  11. Obbo Balaay Taammanee – Hojjetaa Baankii Awwaash Gimbii
  12. Obbo Tasammaa Taliilaa – I/G/Waldaa walgargaarsaa Buusaa GonofaaWalumaa gala namootni 60 maatii waliin akka wal hin dubbisne dhorkamuun yeroo dararaa cimaa kan irra ga’aa jirudha.
#KonsoProtests continues, 18 March  2016
#KonsoProtests 18 March 2016
 #OromoProtests  18 March 2016 in Iluu.
Bitootessa 18 bara 2016 Godina Iluu Abbaa Boora Aanaa Alleetti Mana barumsaa Onga Sadarkaa 2ffaa Qeerroo barattooni Oromoo sagalee isaani dhageessisa oolan.
#OromoProtests 18 March 2016 in Iluu.

Wayyaanot Yuunibarsiitii Jimmaa Qubatan Gocha Diinummaa Barattoota Oromorratti Raawwachuu Itti Fufan

Bitootessa 18,2016
JimmaaYeeroo gara yeerootti barattoota Oromoo adamsee afaan diinaa buusuun adda duree kan ta’e Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa guuyyoota sadeen darbe keessa mooraa Techno keessa barattoota sadii gara mana hiraarsaa Qaallittitti akka dabarse nii yaadatama har’as Beeksisa barattootarratti baasaa akka jiru dhaga’amaa jira Gocha kana adda durummaan Raawwachaa kan jiran Kaalid abbaa Tamaam yoo ta’u miidhama barataarraan gahaa jiruuf itti gaafatamaa ta’uu hubachiifna.Qeerroo
Yuunibarsiitii Jimmaarraa

Dhaamsa Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

qeerroo1“Yeroo diddaa fi mormiin Oromoo gara fincilaa fi warraaqsaatti guddachaa adeemutti, waantota armaan gadii kunneen eeguu fi eeggachuun barbaachisaa dha.
1. Manneen sagadaa fi amantii, ardaalee amantii
2. Caasaalee hawaasummaa kan akka manneen barnootaa, manneen yaalaa, tajaajila buur-misoomaa,
3. Aadaa waliin jireenyaa fi walgargaarsaa
4. Qabeenya ummataa fi biyya Oromiyaa
5. Qabeenya uumamaa tiksuun barbaachisaa dha.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka amanutti, ummati Oromoo lafaa fi qabeenya isaa abbootii qabeenyaan irraa fudhatame deebifachuuf mirga guutuu qaba. Caasaalee fi ijaarsota mootummaa garboonfataa ofirraa kaasuunis mirga ummataa ti.
Namoota mootummaatti hirkatanii ummata miidhan gorsuu fi karaatti deebisuun hojii keenya innikaa dha. Garuu, yoo gorsaa fi akeekkachiisa ummataaf gurra kennuu didan barumsa malchiisu kennuufiin barbaachisaa dha.
Kaayyoon keenya Bilisummaa Oromoo akka dhugoomuuf qooda keenya bahuu dha. Kaayyoo ummata Oromoo kana milkeesuuf waan kaayyoo saba keenyaa jabeessu irratti hojjachuu dha; gama kaaniin immoo waan hundee diinaa jabeessuciruu fi balleessun akka nagaa fi bilisummaan Oromoo dhugoomu hojjachuun akeeka keenya waan ta’eef jabaatee itti fufa!”

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurumuu Keessatti FXG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

stBitootessa 17,2016, Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurumuu ganda Soonxaa jedhamutti har’a FXG itti fufee ooleera. Uummata , qonnaan bulaa, barataa, hojjetaa mootummaa fi daldalaan jaarsaa fi jaartii utuu hin jennee gara FXGtti makamee jira.  Dhaadannoo

 

 

–          Oromiyaan ni bilisoomti

–          Abbaan biyyaa oromoodha

–          Tigree nurraa haa galtu

–          Wayaaneen hattuudha

Jechuun guyyaa guutuu dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru.  Miseensa kora bittinneessaa keessa poolisiin lama humna uummataan madeeffamee hojiin ala tahee jira.   konkolaataan aanichaa fi waajjirri ganda soonxaas ibiddaan gubatee jira.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/ Bulchiinsa waraanaan Oromiyaa shororkeessa kan jiruu humna Waraanaa Uummata Oromoo irra qubsiisee jiruun duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jiraachuu Qeerroon gabaase .

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 17,2016

TPLFMootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/ Bulchiinsa waraanaan Oromiyaa shororkeessa kan jiruu humna Waraanaa Uummata Oromoo irra qubsiisee jiruun duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jiraachuu Qeerroon gabaase .Warraaqsii FXG’ yakka waraanni rawwachaa jiruun dhaabbachuu hin dandeenye, daranuu jabaatee Oromoon bulchinsa waraana duradhaabbatee falmaa bilisummaa itti fufe jira.

Dulli hidhaa jumlaa kun Godinaalee Oromiyaa hundarratti gaggeeffamaa jira, Ilmaan oromoo umriidhaan illee utuu hin daangeffamiin daa’imman ganna 8 dabalatee hanga manguddoota ganna 85 olitti kan keessatti argaman godinaalee Oromiyaa cufa keessatti waraanaan dirqisiifamanii qabamuun  manneen hidhaa, sadarkaa gandaa, Aanaa,Godina fi manneen Hidhaa biyyaatti beekamoo kanneen akka Maa’ikalawwii, Qilinxoo, Qaallittii, Ziwaay, Shawaa Roobiti kanneen jedhaman keessatti haala suukaneessa ta’een ilmaan Oromoo ukkanfamanii hidhamuun manni hidha wal haqatee jiraachuun Walqabatee. magaalaa #Finfinnee Keessatti ma’ikalawwiin waan bakka itti hidhan wal hanqatee jiruuf gara Wajjiraalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee hundarraattii fi waajjiraalee Poolisii Magaalaa Finfinnee keessa jiru keessatti  ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraachuun ibsamee jira.

Bakki itti Oromoo hidhan waan wal hanqatee jiruuf Ilmaan Oromoo hedduun mooraa Waraanaa Xollaayi, Mooraa Waraanaa Magaalaa jimmaa keessa jiruu fi Dhidheessatti guuramanii hidhamani jiru.  Waraanni wayyaanee Magaallota oromiyaa kanneen akka Amboo, Naqemtee, Gimbii, Gullisoo, Walisoo,Adaamaa, Shashamannee, Roobee Asallaa, Ciroo, Harammayyaa, Gujii, Yaabelloo keessatti Yakka saamichaa, dirqisiisanii gudeeduu, fi Halkan ilmaan Oromoo ukkamsuun gara dabarsuu irratti bobba’uun yakki waraanaa ulfaataan Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufee jira.

Yakkiajjeechaa jumlaa(#genocide),hidhaa jumlaa fi dararaa fi shoroorkeessii waraana wayyaaneen ilmaan Oromoo irratt rawwatamaa jiru kun ilmaan Oromoo sirnicha keesatti sadarkaa waraanaa hanga hojjettoota siiviliitti jiran dachaan akka uummata isaanii cina dhaabbatanii fi sirnicha gananii keessa of baasuun lammii isaanii waliin falmatan godha jira. haaluma kanaan yeroo amma kanatti milishoota gandaa hanga poolisootaa fi kora bittinneessaa dabalatee ilmaan Oromoo caasaa waraana wayyaanee keessatti argamanitti rakkoon ulfaataan dhalachaa jira. Uummatni Oromoo mirga isaa fi bilisummaa dhugaa isaaf waan karaa nagaan falmateef akka malee ajjeefamuun, hidhamuu fi madeeffamuun sabaa fi sablamoota cunqurfamoo ollaa Oromiyaa ta’anii fi Oromiyaa keessa jiran illee kan warraaqsaatti galchee jiru ta’uun beekamadha. adeemsii kun immoo mootummaa wayyaanee kufaatii isa dhumaa fi ijibbaataan ga’ee waan qabee gadhiisuu wallaalee jira.

maqaa hidhamtoota Oromoo jamlaan aanaa ,Ganda, Godina, Oromiyaa fi dhaabbilee barnoota hundaa irraa waluma hidhamanii fi wareegamanii, madeeffamanii yeroo yeroon  uummata addunyaaf tamsaasaa waan jirruuf bakka tokkotti gabaasa kana waliin kaa’uun gababbina yeroof malee kuusaa galmee qeerroo irratti save goonee jiraachuu isin hubachiifna.

Godina Hararge Lixaa Aanaa Habroo Magaalaa Defo Keessatti Daa’immaan Oromoo Karaatti Bahanii Wallee Warraaqsaa Wallisu.

https://videopress.com/v/AR04FcBe?hd=0&autoPlay=0&permalink=0&loop=0

FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 17,2016

Erga gaafa Bitootessa 15,2016 Irraa Kaasee FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira, Godinaalee kanneen akka:-
1. Iluu Abbaa Booraa keeysatti – magaala Mattuu, Hurumuu, Baddallee, Manneen barnootaas sadarkaa 1ffaa Burusa keeysatti argamu sadarkaa 2ffaa fi qophiyaaninaa Hurumuu fi kkf tti wayyaanen humna badii ishee ergaa jirti. Uummanni fi barattootni godina Iluu Abbaa Booraa FXG akkuma eegaletti akka itti fufu jajjabina fi murannoo dabarsaa jira.
2. Godina Horro Guduruu fi Baha wallaggatti aanaalee kan akka Jaargadaa Jarte,Jimmaa Raaree, Naqamte, yuuniversitii wallagaga fi manneen barnootaa kannen akka Jaargada Jarte sadarkaa 2ffaa mana kombolchaa sadarka 2ffaa, mana barumsaa Abaabo Guduru sada.1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaatti wayyaane tarkaanfii dhumaa fudhanna jettee jirti. Barattootni fi uummanni godina wallaa bahaa fi horroo barattoota waliin hiriiruun FXG ammallee sodaa hidhaa fi ajjechaa malee itti fufee jira. Diinni tarkaanfii fudhachuun uummataaf haara miti bodatti hin deebinu akkam tahullee jechuun murteeffatee jira. Humni addaa oromiyaa keesa magaalota garagaraa qubatee jiru FXG uummata Oromoo dura dhaabbachuu hin dandeenye.
3. Wallagga Yuuniversitii dame Gimbiitti argamu barumsa dhaabanii jiru. BARATAAN WALLAGGA YUUNIVERSITII MAIN KAAMPAASI IRRAA DHABAME NUUF HAA DEEBI’U BARATAAN HIDHAME HAA GADHIIFAMU HUMNI WARAANA MOORAA KEESA BUUFATEE JIRU HAA BAHU KAN DUEEF GUMAA NUTU BAASA jechuun waraqaaleen mooraa yuuniversiii dame Gimbiitti bittimfamaa jira gidduu kana. Barataanis barumsa dhaabee mooraa keessa buufatee jira. Barattootn nyaata lagachuunis beekameera.
4. Adaamaa Yuuniversitiitti diinni barattoota irratti tarkaanfii suukkanneesaa fudhataa jira barataan moraa yuuniversiti Adaama harki guddan hidhamee jira kaan maati isaatti baqatee jira kan ukkaamfame hedduudha jedha qeeyron adaamaa. Waardiyaa fi poolisiin mooraa Yuuniversitii barattootni keenya utuu ukkaamfamanii hin ilaallu jechuun hojii gadhiisaa jiru waardiyaan humna diinaa mooraa seenaa jirutti karra cufe reebichaan miidhamee jira.
Akka walii galaatti dhaabbileen barnootaa oromiyaa keessa jiru humna diinatu dhuunfatee jira addatti humna addaa wayyaanee. Manni hidha Wayyaanes wal hankakee jira
– Hidhaan hiika hin tahu
– Bilisummaan keenya dhufeera
– Uummanni Oromoo gabrummaatti hin hafu
– Wayyaaneef kana booda dhumeera
– Mootummaan wayyaanee shororkeessadha
Jechuun baratootni fi Qeeyroon godinoota addaa oromiyaa keessa Buraayyuu, Laga Xaafoo, Sulultaa, Sabbataatti waraqaa bittimsaa jiru.

 https://youtu.be/quq0nbaI_ns
 
 
 https://youtu.be/AfxJtOPSqMc


#OromoProtests, Bitootessa 16 bara 2016: Iluu/A/ Booraa Aanaa Mattuu Ganda Aallee Buyaatti Uummanni Barataa Faana Mancaa fi Meeshaa Waraanaa Qabatee Ba’ee Kaabinoota Ari’ani.Ganda Barrooyiitti Dargaggoon Daandii Cufuun Mormii Ittifufani.Manneen Barnootaa Abdii Borii Fi Sad.2ffaa Mattuu Diddaa Dhageessisaa Oolani.Hurrumuutti Konkolaataan Kaabinee Guurtu Kan Biiroo Barnootaa Gubatee Poolisoonni Lama Garmalee Miidhamanii Hospitaala Galani.
#OromoProtests: Iluu ( 16 March 2016): Diddaa fi mormiin Oromoo godina I/A/Bora aanaa Hurrumuutti gguyyaa har’aa, Bitootessa 16 bara 2016 gaggeeffame. Diddaa fi mormii qeerroon fudhateen konkolaataan diinaa tokko barbadaayeera. wayyaaneen ergamtootashee (kaabinoota) godinarraa fe’attee ummata hiraarsuufi tamsaasuuf utuu deemtuu Hurrumuutti qeerroon dura dhaabbatee konkolaataan waajjiraa tokko daaraa taasiseera. Bifuma walfaakkaateen FXGn Aanaa Aallee (Goreettii) keessattis jabaatee itti fufee jira.

 #OromoProtests (16 March 2016)  continues  in Jimma University technology Campus. Agazi has set fire to a dormitory in order to force barricaded students out. They are currently beating those students who escaped the fire and captured.




#OromoProtests continues in Adama University, Oromia, March 2016.

Godina Arsii Anaa Muneesaa magaalaa Qarsaa keessatti barattonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa kibxata Bitooteessa 15 bara 2016 hiriira mormii gaggeessuun waraanni Agaazii qubatee jiru haa ba’uu, murtiin haqaa nuuf haaeegabuu, mirgii keenya haa eegamu jechuun gaafatanii jiran.Yeroo kanattis polisiin naannoo fi Federaalaa hiriirtoota diguuf reebaa fi Gaaza himiimaansuun gargaaramuu isaanii barattonni ibsanii jiru.Yeroo gabaabaa keessatti waraanni mootummaa seenee reebicha hamaa geesisuu isaa fi barattonni lakkofsaan torbaatamaa ol ta’an hidhamuu jiraattoota keessaas namoonniishan dararaa barattoota irratti gaggeffame bilbiila harkaan waraabdan jedhamuun hidhamuu isaanii ibsamee jira.

Itti gaafatamaan waajiira polisii aanaa Muneesaa inspeekter Tarreessaa Dheereessaa barattonni hangi tokko kaleessa jeequuf yaaluu isaanii ibsanii amma hunduu nagaa jedhan.Jiraattoota keessa shan karaa foddaa waajiira isaanii haala ture bilbila harka isaaniin waraabaa turan jechuun eega qabamanii booda gadhifamuu dubbatan. Lakkofsa barattoota hidhamanii kan hin ibsine aangawaan polisii kun hunduu gadhifamanii kudhan qoftii dhimmi isaanii seeraan qoratamaa jira jedhu.Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariam Dassaaleny Oromiyaa keessatti dogoggorri hojjatamuu kan amanan ta’us kan dubbataa jiranii fi kan amma qabatamaan ta’a jiru faallaa waan ta’eef kan dubbatan sun soba jedhu barattonni.

Gama biraatiin, godinaa Wallaggaa Bahaa, aanaa Kiiramuu keessatti gara xumura torban dabree irra barsiisonni afurii fi dargaggoonni sadii humnoota poolisii aanichaan qabamanii achi-buuteen isaanii waan dhabameef jecha, Wixata dabre, Amajji 16, bara 2015 barattoonni manneen barnootaa magaalaa Kiiramuu keessa jiran marti hiriira bahuu isaanii dubbatu – barattoonni. Akka barattoonni jedhanitti, barsiisonni aanaa Kiiramuu keessaa qabamanii achi-buuteen isaanii dhabame: Lataa Asaffaa, Katamaa (Carraa) Nagaasaa, Dhaabaa Soorii fi nama magaalaa Haaroo tii barsiisu, kan Eliyaas jedhamu. Dargaggoonni hidhaman sadeen immoo, Anumaa Adabaa, Efreem Temesgeenii fi Habtaamuu Oliiqaa ti.

Humnoonni polisii aanaa Kiiramuu, barafttoota hiriira ba’anitti bobba’uudhaan reebanii, garii isaanii qabanii mana hidhaatti naqan – jedhan, barattoonni. Hiriirri geggeessame, ka jedhame akka quba hin qabne ka dubbatan – Itti-aanaa Itti-gaafatamaan dhimma nageenyaa aanaa Kiiramuu – Obbo Tseggaayee Oljirraa immoo, “barsiisota hidhaman jedhaman warri hidhe jiraachuu mala. Gama kiyyaan waanan beeku hin qabu. Dargaggoonni sadeen immoo dhuguma hidhamanii jiru. Ana tu dhimma isaanii hordofaa jira. Hattoota” jedhan.


 
 Bitootessa 15,2016 Godina Wallaggaa anaa Jaarsootii bartonnii manaa barumsaa sadaka 2ffaa fi qopha’insaa jaarsoo mormii jabaa dhageessisa olanii jiru haalumaa kanan motummaan wayannee namoota hiidha jiru kane7661_587694608049125_7789094319861921021_nen hiidhamaan
1, B\sa Adamuu Du12829159_587696114715641_4424549878746469208_oreessoo
2, Dasaleeny Alamayyoo
3, Jabeessaa
4,Gammee dargagonnii hedduun baqataanii jiru,
#OromoProtests in
#OromoProtests: Buraayyuu, 15 March 2016, akkeekkachiisa

#‎OromoProtests‬ 15/3/2016 alaabaa ABOtifii Dhaadannoolee warraaqsaa jajjabduu guyyaa arraa magaalaa burraayyuutti maxanfaman. viva viva Qeerroo bilisummaa Oromoo!!
#OromoProtests in Buraayyuu, 15 March 2016, akkeekkachiisa.png



March 14, 2016
Kaleessa mootummaan faashistoota TPLF Adama Yuuniversitii bifa kanaan cacabsuu fi gubuun barattoota Oromoo irratti gochaa Sheexxannummaa fi shorokeesumaa daangaa hin qabne raawwate. Maaltu maal ta’ee hanga ammaatti adda baafachuun hin danda’amne. Yakkii ilmaan Oromoo fi saboota biroo irratti hojjatame kan beekamu eega mootummaan kun kufeetti booda akka ta’uu mamii malee dha. Mootummaa badii fi sanyii duguugaan hiriyyaa hin qabne ta’uuf jiraata.
Fascist forces (TPLF, Agazi) set fire to Adama University, 14 March 2016


 

#OromoProtests in Kiramu, east Wallaggaa, Oromia, 15 March 2016

#‎OromoProtests‬ Gotowwan barattoonni Kiiramu (east Wollega, March 15, 2016) FXG gaggeessaa olani!!#OromoProtests in Kiramu, east Wallaggaa, Oromia, 15 March 2016.png


‪#‎FncilaXumuraGbrummaa‬
March 14, 2016
‪#‎Madda‬ Odeeffannoo ‪#‎Hangaasuu‬ Bilisumaa Oromia Dha
odeefannoo haraa waliif dabarsa……………………………………..Qeerroo shawaa lixaa aanoolee Dandii(gincii), Jalduu, Gindabarat, Amboo, gudar, Gedo, Midaa Qanyi, Noonoo, Dirree incinnii, Ada’aa Bargaa, Bakoo fi Daanoo hojii haaraa wayaaneen to’achuu hin dandeenye in raawanna jedhu. keessattuu, hojetoonni motummaa hojii ni dhabnaa, guyyaa tokko sa’ati walfakatatti dandii guddaa aanaa keenyaa qaxamuruu irraa uffataa keenyaa qorraa fi firashii keenyaa afanee ciifna. kunis, hanga motummaan tplf aangoo gadii dhisuutti ykn gaffiin keenyaa heeraa motummaan mirkana’ee hanga deebi’utti itti fufa jedhu. agazii Osoo hin tanee magaziin iyyuu firashii keenyaa irraa nuu hin kasuu.
1. garuu, abbootiin qabeenyaa fi ummannii nyaata nuu dhiyessuun nuu gargaraa.
2. dargaggoonnii umuriin keessaan waggaa 15-50 tataan kamuu dhiraa dubartii osoo hin jedhiin nuu waliin karaa irraa ciccisuu nuu Barbara.
3. kun halkanii fi guyyaa osoo him jedhiin itti fufa. bilisummaan ummata bal’aaf


#‎OromoProtests‬ Yeroo amma kanatti Godina Boraana keessatti OPDOn duute off amanu dadhabde bulchoota fi manajaroota ganda bobaasuun ulaaga offi bafaateen namoota adda bafaacha jirti. Kanaaf, off eegaa ha sochoonu.
Injiffannoon Ummata Oromoo Bal’aaf!!!


 

Fascist TPLF forces at Adama University, 14 March 2016

Amma Univeersitin Finfiinnee fi Adaamaa poolisiifi waranaan guutamtee argamtii
Fascist TPLF forces at Adama University, 14 March 2016.png


Fascist TPLFAgazi forces shooting #Oromprotsters in Babbile town, East Hararge, 5 March 2016
Fascist TPLFAgazi forces shooting #Oromprotsters in Babbile town, East Hararge . 14 March 2016.png

 

‪#‎OromoProtests‬‪#‎Happening_now‬ Agazi soldiers firing on protesters in
Babbile town, East Hararge . Additional soldiers are seen speeding
towards that direction. March 15, 2016


Amma magaalaa baabbileetti Agaaziin dhukaasa uummatatti baneera.
Akkasumaa konkolaataawwan agaazii fe’an gara magaalattiitti seenaa jiru.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee Ganda Ashkoo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Raabsamaa Oole.

Bitootessa 14,2015

Godina Arsii lixaa aanaa kofalee ganda Ashkoo keessatti kaleessa irraa kaasuun waraqaale dhaadannoo hedduun kan magaala keessa faca’ee jiru
– Uummanni oromoo Bilisummaa barbaada
– Ajjechaan uummata oromoo irra gahaa jiru haa dhaabbatu
– Gumaa barattoota keenyaa haa baafanu
– Mootummaan wayyaanee nun bulchin
– Qabeenyaa diinaa irratti tarkaanfii fudhachuu qabna
– Wayyaaanee aangoo irraa hanga buusnutti boodatti hin deebinu
– Oromiyaan haa bilisoomtu
– Wayyaaneen hattuudha uummanni qabeenya keessan eeggadhaa Kan jedhu warqaalen xixiqqaan bittimfamee jira. Shaashimannee
dabalatee waraqaan bittimfamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Kaabinoonni fi ergamtootni diinaa magaalota keessaa miliqaa jiru humni
wayyaanee haala kana sodaatee meeshaa gurguddaadhaan godina arsii keessa buufataa jira.


Sakatta’insan Barattoota Rakkisuun Mooraa Guddicha Main Campus Yuunibarsiitii Jimmaatti Jaabaate
March 15, 2016
By QeerrooBitootessa 15,2016: Waan qabee gadi dhiisu kan dhabe humni diinaa Agaaziin guutummaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Kutaa lamaa wal qoodee qubsuma bakka lama taasifachuun kan jiru dararaa barattootaa itti fifee jira.Akkasuma Komaandara Moorichaa kan ta’e Kaalid Abbaa Tamaam wayiita kana icciita barataa dhabuun dhukkubbii kan itti ta’e haala barataa ittiin qabatu yoo dhabu shirrii sobaan yeroo barattootarratti ragaa funaannachaa jiru kanatti haala mooraa of sodaachurraan guutummaa Doormiirra deemsisee sakataasisaa jirachuu gabaasi Qeerroo ibsa.

Oromia: Global Prayer Day for the Martyrs of #OromoProtests, 12 March 2016

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/13/oromia-global-prayer-day-for-the-martyrs-of-oromoprotests/

Minnesota, Globaly Prayers Day for the Martyrs of #OromoProtests, 12 March 2016

 https://www.youtube.com/watch?v=NdfYpBybTVg

#OromoProtests – Global Solidarity Rally, March 11, 2016

March 11, 2016In North America, protest rallies took place in Washington, DC., Maryland and Virginia; Utah; USA Los Angeles, California; Minneapolis/St. Paul, Minnesota; Lansing, Michigan; Seattle, Washington; Sioux Falls, South Dakota; Syracuse, New York;  Seattle, Washington; Phoenix, Arizona; Raleigh, North Carolina; Saskatoon, Calgary, Toronto, Canada and other cities.In Europe, rallies took place in Berlin, Germany; Brussels, Belgium; Rome, Italy; Oslo, Norway; Stockholm, Sweden; Paris, France; London, United Kingdom; and Berne, Switzerland.
https://www.oromiamedia.org/2016/03/11/hiriira-mormii-hawaasa-oromoo-biyya-beeljiyeem-bit-11-2016/
#OromoProtests global solidarity rally organised by the Australian Oromo community in Melbourne, 10 March 2016
https://www.oromiamedia.org/2016/03/10/hiriira-mormii-idil-addunyaahawaasa-oromoo-biyya-awustraliyaa-magaalaa-melbournebit-102016/
#OromoProtests global solidarity rally organised by the Australian Oromo community in Melbourne, 10 March 2016

#OromoProtests global solidarity rally organised by the Australian Oromo community in Melbourne, 10 March 2016 p2.png

#OromoProtests global solidarity rally organised by the Australian Oromo community in Melbourne, 10 March 2016 p3.png

fund_raising_11x17-11 

 

#Solidarity with #OromoProtests.png

https://youtu.be/pI76ggk8x5Y

https://youtu.be/pI76ggk8x5Y

https://youtu.be/QyZh4aWb9Y8


Oromia: #OromoProtests – 100 days of Public Protest March 8, 2016

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/08/oromia-oromoprotests-100-days-of-public-protest/

Africa On The Move: The Struggle of the Oromo People & Its Movement March 7, 2016

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/07/africa-on-the-move-the-struggle-of-the-oromo-people-its-movement/

Newsweek: ETHIOPIA DETAINS JOURNALISTS COVERING #OROMOPROTESTS March 7, 2016

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/07/newsweek-ethiopia-detains-journalists-covering-oromoprotests/

 

Ethiopia: Opinion – the ‘Special Interest’ Trickery

http://allafrica.com/stories/201603081120.html

Armed Conflict Location & Evnet Data Project: Real-time Analysis of Ethiopian Political Violence, March 2016

http://www.acleddata.com/wp-content/uploads/2016/03/ACLED_Conflict-Trends-Report-No.46-March-2016_pdf.pdf


 

 

 

 

Concordia Students Raising Awareness for Oromo Struggle.

http://thelinknewspaper.ca/article/concordia-students-raising-awareness-for-oromo-struggle

#OromoProtests: The Oromo Solidarity Project Concordia University, Montreal ( Canada) March 3, 2016

#OromoProtests, the Oromo Solidarity Project Concordia University, Montreal ( Canada) March 3, 2016#OromoProtests, the Oromo Solidarity Project Concordia University, Montreal ( Canada) March 3, 2016. p2


 https://youtu.be/6_xsfscNp_U

 

 

EYE ON AFRICA -The struggle of the Oromo people in Ethiopia.   

 

What do Oromo protests mean for Ethiopian unity?

 http://www.bbc.co.uk/news/world-africa-35749065

 

‘Journalists in Ethiopia have for years faced obstacles to press freedom. Now, two ongoing news events — a drought in the Ethiopia’s eastern regions, and protests across the central Oromia region — have called for increased travel outside of the capital Addis Ababa, which has become difficult due to a high security presence.’ #OromoProtests

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/07/press-releasethe-foreign-correspondents-association-of-east-africa-fcaea-is-concerned-about-an-escalation-of-the-threat-to-press-freedom-in-ethiopia/


#OromoProtests: This is Dr. Jabessa Dhaba, a Vet. general practitioner who was working in Furda town, Bedeno district, E. Harerge zone. The regime arrested him in Bedeno accusing him of involvement in the #OromoProtests movement. His father, Ob. Dhaba Miressa, was also imprisoned two weeks ago for same reason.

“Dr Jabeeyssaa Dhaabaa jadhama Godina Harargee bahaa Aanaa Baddannoo magaalaa furdaa hoojata Sababa moormii dhihoo tana gageefameen harka keeysa qabda jadhanii mana hidhaa baddannootti hidhan. Abbaan isaa Dhaabaa Mirreessaa erga hidhame torbee lama”

 

Dr. Jabessa Dhaba, a Vet. general practitioner who was working in Furda town, Bedeno district, E. Harerge zone. The regime arrested him in Bedeno accusing him of involvement in the #OromoProtests movement.

 

Genocide in Ethiopia: Fascist Ethiopia’s Regime (TPLF) land robbery and its barbarism against Lower Omo Basin People. #OromoProtests #Africa

https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/03/06/genocide-in-ethiopia-fascist-ethiopias-regime-tplf-land-robbery-and-its-barbarism-against-lower-omo-basin-people-oromoprotests-africa/

 


 

Konso People Protests the tyranny of fascist TPLF Ethiopia’s regime, 8 March 2016

#‎KonsoProtests‬- (08.03.2016, ‪#‎EndSlavery‬, Oromia) The Konso people have been protesting over the last several months against land grab, demanding self-governing province and improvement in basic development. Last week, the regime arrested leader of their elders council. This led to eruption of protests on Saturday when farmers from various villages marched to the city. The city is currently under military control.


የኮንሶ ህዝብ የጀመረውን የአከላለል ጥያቄ ጋር በተያያዘ በህዝቡ ላይ በደቡብ ልዩ ኃይልና መከላከያ ሰራዊት እየደረሰ ያለው የአፈና ተግባር ተጠናክሮ ቀጥሏል፡፡ በዚሁ መሰረት በከተማው የሰፈረው ታጣቂ ከከተማዋ አጎራባች ቀበሌዎች እየዘመተ በህዝቡ የተዘጉ መንገዶችን ለማስከፈት በሚል በዜጎች ላይ በሚወስደው የኃይል እርምጃ በ- ደቤና ቀበሌ ገ/ማ አቶ ‹‹ሷይታ ጋራ ›› ህይወታቸው ያለፈ ሲሆን ወጣት ‹‹ ተስፋዬ ማሙሽ›› ከ -ከርታሌ ቀበሌ እግሩ ተሰብሮ በባህል ህክምና እየተደረገለት በካራት ከተማ የሚገኝ ሲሆን አንድ የ65 ዓመት አዛውንትም ተሰብረው ባሻ ጤና ጣቢያ ይገኛሉ፡፡

Konso People Protests the tyranny of fascist TPLF Ethiopia's regime, 8 March 2016

https://www.youtube.com/watch?feature=player_embedded&v=mATJd3Fkq0w

 

#OromoProtests: This picture was taken neither in America nor Europe, but in Oromia, Nakamte Wallaggaa Univeristy, March 12, 2016

#OromoProtests, This picture was taken neither in America nor Europe, but in Oromia, Nakamte city, Wallaggaa Univeristy, March 12, 2016

Guyyaa Har’aa Bitootessa 12,2016 Barruuleen warraaqsaa Yuniversitii Wallaggaa Keessatti Raabsamaa Jira.FXG Itti Fufe.

WallaggaWallagga2Bitootessa 12/­2016 FXG Yuunversiitii Wallaggaa keessatti ittifufe.Guyyaa har,aa kanas baratoonni diddaa barnoonni bilisummaa booda jedhu dhaadannoo godhachuudhaan diddaa isaanii itti fufanii jiru.Duulli barnoota dhaabuu kun edda jalqabee gu har,aan guyyaa shanaffaa isaa yemmuu ta,u baratoonni hundus barnoota dhaabuun gara maatiitti akka imalaa jiran maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.Guyyaa hara,a kanas ganama irraa ka,uun waraqaan Qeerroo guutummaa yuunversiitichaa keessa raabsamaa waan ooleef yeroo ammaa kanas hoomaan waraanaa Guutummaan mooraa yuunversiitichaaf naannoon isaas hoomaa waraanaan dhuunfatamteetti.Keessumaa guyyaa har,aa kana baratoonni muraasni doormii keessatti hafanii waan jiraniif baratoota kanaanis yookaanmooraa gadhiisaa yookiinimmoo daree barnootaa seenaa baradhaa jechuun poolisoonnifederaalaa fi kan kaampaasichaa baratoota akkadoorsisaa jiranillee maddeen keenya eeraniiru.Mooraanis yeroo ammaa kanas qullaa taatee jirti .


 

Bitootessa 11 bara 2016 Godina Booranaa Aanaa Yaaballoo Ganda Aadee Galchaa Keessatti dargaggoonni maqaan isaan armaan gaditti tarreeffame mana Hidhaa Gandichaa keessaa humna ummataatiin baafaman.
2 Haroo Boruu
3 Dullacha Guyyoo
4 Guyyoo Duubaa
5 Areroo Dotii
Dargaggoonni kunneen sababa uummatni hiriira nagaa baheef hidhamanii turan. Ummati ilmaan isa ahidhaairraa baafachuun, akka ummati humna jabaa qabu mirkaneessan.


 

 

#OromoProtests, residents of rural villages marching towards Dadar town, East Hararge, Oromia 12 March 2016

#OromoProtests in Dadar, East Hararge, Oromia, 12 March 20, 2016

#OromoProtests, residents of rural villages marching towards Dadar town, East Hararge, Oromia 12 March 2016

https://www.oromiamedia.org/2016/03/12/omn-oduu-bit-11-2016/

#OromoProtests at Laga Harree School, Dirree, Eastern Oromia, 11 March 2016

 

#OromoProtests at Laga Harree School, Dirree, Eastern Oromia, 11 March 2016#OromoProtests at Laga Harree School, Dirree, Eastern Oromia, 11 March 2016 p2

Guyyaa Har’aa Bitootessa 10.2016: Godina Wallaggaa Anaa Jaarsoo Gandaa Haroo Biruu keessattii FXG bartoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Gandichaaf ummaata waliin mormii jabaa dhageessisa jiru!
Haalumaa kanan ummannii Gadaa Gaarjoo Torbaan guyyaa har’aa Kaabinoota wayyannee kan walga’ii teesisu deeman qanneessuun nun marisistuu jechuun of irraa ari’aanii jiru!

Godina Iluu Abbaa Boratti aanaa alge magaala Algetti mana barumsaa qophaayinaa fi sadarkaa 2ffaa kan magaala suphee sadarkaa 2ffaanis barattootni waltahuudhaan kaleessa Bitootessa 9/2016 FXG guyyaa guutuu uummatallee ida’atani fininsa olan. Manneen jireenya kaabinoota fi milishoota irrattis tarkanfi fudhatanii jiru. Guyyaaa har’as barumsi dhabbate barattootni FXG bifa qinda’aadhaan gaggeessaa jiru uummannis deggeraa jira dhukaasni isaan irratti dhukaafamaa jiraatuu qeeyron nuuf
gabaasaa jira. qonan bulaan daandii cufee jira. magaalli Algee fi suphee humna diinaan toohatamtee jirti sagalen uumatas diina sodaachise jira.

OromoProtests (10March 2016):Diddaa fi mormii Oromoon jeequmsa keessa kan seene OPDOn dabaree isaa, miseensota sadarkaa adda addaa irra jiran gaggaragalchuutti jira. Yeroo ammaa kanatti karaa koreen qindeestuu Godinaalee fi kaabinee Naannoo Oromiyaa qorannoo gaggeessaa jiran. Qorannoo kanas Bitootessa 10, 2016 jechuun guyyaa har’a xumuru jedhamee egama.
Qorannoon kun gaaffii uummataa gara gaaffii bulchinsa gaaritti micciruuf hojjacha ajiru. Haala kanas gaggeessitoota bakka tokko irra bakka biratti jijjiruuf hojjachaa jiru; yoo kana gochuu baatan gooftoliin isaanis ni dheekkamu. Kana sirnaan hubachuun barbaachisaa dha.
OPDOn akeeka Tigiree dhugoomsuu fi bara garbummaa ummata Oromoo irratti dheeressuuf waadaa ergamtummaa raawwachaa jirti. Kana namuu hubatee tarkaanfii fashalsaa fudhatuu qaba.


 

#OromoProtests:Bitooteessaa 10,2016
Oduu haara ammaa magaalaa Buraayyuu nu qaqqabee
Sa’aa ammaa kanatti waraanni mootummaa wayyaanee, mana barumsaa qophaa’ina sadarkaa 2ffaa Burayyuu humna Poolisii Federaala fi waraana Agaazii itti naquun baratoota dhiiga dhangalaasa fi reeba jiraachun himamaa jira.
ammaa yoona baratoota meeqa irraa akka miidhan ga’ee hin beekamnee.

namooni gochaa kana rawwachisaa jiran keessaa ammi tokkoo maqaan isaan kan armaan gadiitti argamudha.

Asfaawu Takilee ,itti gaafatamaa Damee siyaasa OPDO kan magaala Buraayyuu
Abinati Fiqaadu namin jedhamus akka keessaa jiruu beekameera.

 

https://www.oromiamedia.org/2016/03/10/hiriira-mormii-idil-addunyaahawaasa-oromoo-biyya-awustraliyaa-magaalaa-melbournebit-102016/

https://www.oromiamedia.org/2016/03/11/omn-oduu-bit-10-2016/

 

 

https://youtu.be/Bg90yKmpXJc

https://www.oromiamedia.org/2016/03/09/omn-oduu-bit-09-2016/

https://youtu.be/XNt8USG9uCg

https://youtu.be/T10ZJ0-frKQ

Godina Wallaggaa Aanota Adda Addaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufe,Naqamte Keessatti Ammoo Barattooti Oromoo Rasaasa Loltoota Wayyaaneen Dhaanamaa Jiru.

Bitootessa 09,2016, Yuunivarsiitii Wallaggaa fi mana barnootaa qophaa’inaa keeysatti FXG jabaatee wayyaaneen tarkaanfii sukkaneessaa barattoota irratti fudhatte. FXG kun mana barnootaa qophaa’inaa, Koollejjii barsiisotaa fi Yuunivarsiitii keeysatti gamtaan eegale. Koollejjii barsiisotaa keeysattis wayyaaneen
tarkaanfii fudhatteen barataa Misgaanuu Masarat kan jedhamu wareegameera. Fincilli kun yuunivarsiitii keeysatti ol ka’ee walitti bu’insi olaanaan waraana agaazii fi baratoota oromoo gidduutii dhalate.  Barattootni 20 ol tahanis madaa’ani. Isaan keeysaas
1.    Barataa Tolosaa Guutuu
2.    Barataa Alamuu Maaramaa
3.    Barataa Maatiyoos Tufaa
4.    Barattuu Sablee Taarikuu
5.    Barataa Misgaanaa Addisuu
6.    Barataa Addisuu Barasaa
7.    Barataa Magarsaa Tasammaa
8.    Barataa Taammiraat Zallaqaa
9.    Barataa Yoonas Qana’aa
10.    Barataa Saamu’eel Solomoon
11.    Barataa Maarihuun Ammasaa
12.    Barataa Girmaa Naadoo
13.    Barataa Rooberaa Bal’inaa
14.    Barataa Baayyuu Fayyisaa
15.    Barataa Toleeraa Guutuu
16.    Barataa Galaanaa Ibsaa
17.    Barataa Sintaayyoo Alamaayyoo
18.    Barataa Ayyaanaa Oljirraa
Kan jedhaman hospitaala Naqqamtee seenuudhaan waldhaansa yeroo argatanis miidhamni olaanaan irra gahe. Miidhamni xixiqqaan barattoota
30 ol tahan irrattis gaheera. Kana malees wayyaaneen wallaggaa lixaa keeysatti barattootaa fi uummata irratti rasaasa roobsite. Boojjii coqorsaa bakka jedhamuttis qeerroo oromoo Isayyas Gabayyoo jedhamu wayyaaneen rasaasaan ajeesuu qeerroon ona kanaa gabaaseera.

Har’a Bitootessa 09,2016 Humni Kora Bittinneessaa Jedhamu Waraanni Wayyaanee Heddumminaan Mooraa Yuniverstii Wallaggaa Weerare.

11154822_1733603130210105_7700038345805393714_o12795177_1733603126876772_7452920832184187264_o10368896_1733603133543438_5851869700970081434_oGuyyaa har,aa bitootessa 09,2016 ganama kana humni kora bitinneessaa jedhamu guutummaan guutuutti Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo ishee weeraree jira.
Humni kora bitinneessaa jedhamu kunis halkan edaa sababii ijoolleen doormii gadi lakkisanii gara magaalaatti imaluu jalqaban baratoonni heedduun immoo mooraamatti hafuun fincila daran finiinsuun mootummaa gabroonfataa wayyaanee boqonnaa dhorkaa bulanii jiru.Baratoonni mooriicha keessa jiranis kalleessa ganama irraa ka’uunishanga har,aa kanatti hunduu nyaata lagachuun diddaa isaanii agarsiisaa jiru. Yeroo ammaa kanas sababii isin humna degersaa yookiinimmoo ABO tu naannoo kana jira jechuurraan kan ka,e humni kora bittinneessaa akkasumas makalaakiyyaa warri jedhamanis heedduminaan mooraa yuunversiitichaa keessaa fi ala isaa guutummaan guutuutti dhuunfatanii jiru.Haaluma kanaan baratootaanis guyyaa har,aa kana ganama irraa ka,uun olseenuu malee gadi ba,uun hin danda,amu jechuun baratoota nagaa dhorkaa jiraachuun maddeen keenya ifa godhu.

OMN: Oduu Bit. 08, 2016

 

 

https://www.oromiamedia.org/2016/03/08/omn-oduu-bit-08-2016/

https://youtu.be/P_ucOO9fZ6Y

FXG Godinaalee Oromiyaa Hedduu Keessatti Itti Fufee Jira.

stBitootessa 8,2016 Dhaabbileen barnoota yuuniversitii fi koollejjin torbee kana waamicha barumsa dhaabuu irratti sochii taasisaa jira. torbanoota laman darban kana Yuuniversiitiin Finfinnee humna waraanaa eegamaa baate. Inni kunis soda jiru irraan kan ka’eedhani. Har’a barattootni Yuuniversitii kiiloo 6 tahan dhibbaan kan lakkaawaman FXG finiinsaa oolaniru. Korri bittinnesssaa Wayyaanees naannichatti kan argame ijumaan fincila barattootaa kana kan ilaalee dhiise tahuunis hubatame humni waraanaa wayyaanee FXG kan jabeessu malee tasgabbii wayyaaneen jettuus furmaata kan tahe miti. Galgala kana sa’a 10 irraa kaasee mooraan Yuuniversitii Finfnnee kiiloo 6 hudhaa waraana Wayyaanee jala jirti. Haluma kanaanis magaala Amboo keessatti waraqoonni magaala fi baadiyaa keessatti bittimfamaa jiru. Kaleessa Bitootessa 7/2016 irraa kaasudhan Amboo fi Miidaqanyitti waraqaaleen ergaa kanaa gadii ofirratti qabatee jiru bittimfamee jira.

– Lafti keenya maqaa Investimentiin saamame haa deebi’u ykn murtoo keenyan deeffanna

– Mannen hidhaa hunduu haa gubatana hidhamtootnis haa gadhifaman

– Galgala uummanni bakka jirutti daandiiwwan gurguddaa akka cufamu waamicha

– Qoqqobbii geejjibaa shufeeronni akka taasistan jabeessine isin beeksisna

– Hawaasni kamuu gibira mootummaa akka hin kaffalle

– Gabaan kana booda hin gaggeeffamu

– Manneen barnoota kamittu sirni baruu fi barsiisu haa dhaabbatu tokko baratee tokko hin taahin

– Hojjetaan mootummaa kanaan dura hojii gaggeessuu irratti qoqqoobbii haga eegamu hin taasifamne kanaan booda garuu hojjetaan
mootummaa kamuu tarkaanfii kanatti seenuu qaba.

Haaluma kanaan tarkaanfii fi FXG Amboo fi Miidaqany itti fufee jira. Humni ittisa biyyaa miidaqany keessa jiru dargaggoota irratti dhukaasa banuun ajjeesuun ammallee akka hin dhaabbanne qeerroon kan gabaasaa jiruudha.


 

 #OromoProtests in Nophaa, Iluu Abbaa Booraa, 8 March 2016
 Guyyaa har’aa  Bitootessa 8 bara 2016
Godina Iluu Abba Booraa magaalaa Nophaa keessatti barattotni mana barumsa sadarka lamaffa barumsa dhaabuun gara daandii magalatti ba’uun mormii isaanii dhageessifachaa oolaniiruu,barattonni heedduniis humnoota poolissin hiidhamanii jiruu.

 #OromoProtests in Nophaa, Iluu Abbaa Booraa, 8 March 2016.png

habtamuGuyyaa Har’aa Bitootessa 8,2016 sa’a kanatti barattootni Yuuniversitii Finfinnnee dhibbaan lakkaawaman gara Embaasii Ameerikaa deemuun dhaadannoo dhageesisaa jiru, ammalle itti fufuudhaan naannoo gaar Inxooxxoo qabate qonnan bulaan gama Sulultaas bahuudhan daandi cufee mootummaa EPRDF hin barbaannu ofiin of bulchina, ABOn kallacha qabsoo keenyaati jechaa jiru.

Godina adda naannoo Lagaxaafottis qonan bulaan humna waraana karaa darabsu dhorkate jira. Yeroo amma kana yuuniversitiin Fifninnee kiiloo 4,5 fi 6 humna wayyaanetu dhokatee marsee jira. Barattootni barruu warraqsa guyyaama kana moora keesa facaassa jiran. FXG kunoo jabaatee hamam
dhufamtti itti fufe.

 

https://youtu.be/XvOBJelgrKQ

 

 

A professor sent me this text ” Today there are more students at Naqamte Hospital than at Walaga University Campus. The 49 you reported earlier are those injured just only at one dormitory building. They attacked 6 buildings and injured several hundreds. The attack began after every slept so it created stampede. I just visited the hospital. Because all the beds and even floors inside are filled with those injured, they are now treating students at building normally used for storage. This is horrible. I cannot live like this let alone teach.” Jawar Mohammed, 8 March 2016

 

#OromoProtests 8 March 2016: The following students are among those injured at Wallaga University after Agazi raided dormitories last night
1. Malkamuu urgessaa Ararsoo
2. Dasaleeny Tasfaa Galataa
3. Malasee Dukaam Booraa
4. Guddisaa Addisuu Bultumee
5. Badhaasaa Margaa Duressaa
6. Dastaa Fiqaaduu Aagaaa
7. Habtamuu Tasfayee Dajaan
8. Wakjiraa Aimee Araamee
9. Huseenkadiir Hussein
10. Lalisaa Raffisaa waktolee
11. Rattaa Baqqalaa Ayyanaaa
12. Yaasiin moloyee yusuf
13. Hambisaa yaaddaa walgahii
14. Tafarii Dalasaa Gedefaa
15. Gadaa Kumarraa Malkaa
16. Baayisaa Mosee Dhabaaa
17. Tasfayee Getuu
18. Biftuu Hirphoo
19. Kadiir huseen
20. Tasfayee Takkalee
21. Magarsaa Guddataa
22. Malkamuu Hundee
23. Fayeraa Bantii
24. Guutu Fufaa
25. Badhsaa HirkooIn the night Agazi soldiers raided student dormitories at Wallaga University injuring 49 students who are currently being treated at make shift hospital.

Guyyaa Har’aa, Dararaa Agaaziin barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti fudhate‏

received_572676316241627received_572676319574960received_572676322908293Bitootessa 8,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti fincilli daran jabaatee itti fufee jira.hanga ammaattis barattoonni 25 ta,an miidhamanii hoospitaala seenanii ciisaa jiru.kanneen hafanis heedduudha.Kanneen gara mana adabaatti guuramani jiranis naannoo baratoota 43 kan ta,an hidhamanii akka jiran maddeen keenya nu qaqqaban ifa godhu.Baratoota halkan edaa rukutamanii hoospitaala naqamtee keessatti wallanamaa jiran keessa kan ammaaf maqaan nu ga,e :

1. Guddisaa Addisuu barataa electrical enginering waggaa 1 ffaa

2.Habtaamuu Tesfaayyee barataa urbaan engineringii waggaa 3ffaa

3.Waaqjiraa Simee barataa fiiziksii waggaa3ffaa
4.Tesfaayee Geetuu barataa compiiter saayinsii waggaa 1ffaa
5.Badhaasaa  Margaa barataa fiiziksi waggaa 2ffaa

6.Addisuu Dasaalee barataa compiiter saayinsii waggaa 2ffaa

7. Malasee Duukamo barataa aarbaan engineriing waggaa 4 ffaa

8.Toofik Abbaa Tamaam barataa electrikaal engineriing waggaa 1 ffaa

9.Rattaa Baqalee barataa fiizikssii waggaa 2 ffaa kanneen hafanis heedduudhaakkuma maqaan nu ga,een isiniin geenya.

 

 


 

 

https://www.youtube.com/watch?v=nVLtH5a_2Qk&feature=youtu.be

 

Waraanni Wayyaanee Uummata Oromoo Nagaa Dhurkuun Wal Qabatee Tarkaanfiin Ummanni Osoo Hin Jaallatiin Waraana Of Irraa Ittisuutti Seene.
March 8, 2016 By Qeerroo, Oduu/News


 

Bitooteessa 7,2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: AANAA MIDAA QANYIItti Waraanni Wayyaanee Maqaa Waraana ABOtu Uummata keessa galee nurratti fincilchiisaa jira jedhuun uummata Shororkeessuu itti fufuun guyyaa har’aa Waraanni wayyaanee hedhannoo isaa guutuu qabatee Aanaa Midaa Qanyii ganda Garaadoo kan qarqara Aanuunuutti argamtuu sakkatta’uuf sochii godhee Humni Ittisaa Uummata Oromoo(HIUO) uummata isaa irraa diina Ittisuuf tarkaanf uummataan walta’uun Diina uummata gooluuf adeemtuu irratti tarkaanfii Boombii irratti dhoosuun fudhateen Waraana wayyaanee madeessuun salphina guddaan akka baqaan of duuba deebituu gochuun sodaa hamaan of irra deebisuu danda’ee jira. Akkuma Waraanni Wayyaanee kun Rifatee Of irra deebi’een Uummatni walitti Yaa’uun ganda Garaadoo keessatti sirbaa olee, Waraanni Wayyaanee dirqamaan nu hin bulchuu nuti waraana mootummaa sanyiin nu duguuguu Obsa ittiin dhaggeeffannuu hin qabnu Waraanni Wayyaanee hatattamaan Aanaa Midaa Qanyii gadhiisee bahuu qaba jechuun dhaamsa dabarfatan, hanga galgala kanaatti illee Uummatni walitti yaa’ee sirba gootaa sirbaa jira. #OromoProtests continues

#OromoProtests – In Finfinne and other places, March 8, 2016

Finfinnee (Addis Ababa) University Students Have Began Renewed their Protests on  March 8, 2016. As students protesting  in front of US embassy, forcefully dispersed by by fascist TPLF ‘federal’ police.

Yeroo ammaa kana barattootni university Finfinnee fuula embassy America kan finfinneetti argamuu fuulduratti hiriira mormii gocha ajiru. Mootummaan Ameerikaa sirna garboonfattuu deeggaruu akka dhaabu gaaftaa jiran.
Kun kanan osoo jiruu humnooti Agaazii fi waraana wayyaanee dirmachuun barattoota bittinneessaa jiru; barattoota hedduus rebanii miidhaa irraan gahaniiru; kanneen ukkaamfamanis ni jiru. Diddaan itti fufee jira!!

Ethiopian Students Demand End to Police Crackdowns in Rare Protest in Front of the U.S. Embassy in Finfinne | #ወያኔ_ተነቃንቋል | #OromoProtests

http://finfinnetribune.com/Gadaa/2016/03/ethiopian-students-demand-end-to-police-crackdowns-in-rare-protest-%E1%8B%88%E1%8B%AB%E1%8A%94_%E1%89%B0%E1%8A%90%E1%89%83%E1%8A%95%E1%89%8B%E1%88%8D-oromoprotests/

THE NEW YORK TIMES/REUTERS) – ADDIS ABABA — Dozens of university students protested in Ethiopia’s capital on Tuesday, demanding an end to police crackdowns that followed months of demonstrations over plans to requisition farmland in the country’s Oromiya region late last year.

The government wanted to develop farmland around the capital, Addis Ababa, and its plan triggered some of the worst civil unrest for a decade, with rights groups and U.S.-based dissidents saying as many as 200 people may have been killed.

Officials suggest the figure is far lower but have not given a specific number.

Ethiopia has long been one of the world’s poorest nations but has industrialized rapidly in the past decade and now boasts double-digit growth. However, reallocating land is a thorny issue for Ethiopians, many of whom are subsistence farmers.

Authorities scrapped the land scheme in January, but sporadic demonstrations persist and, on Tuesday, students from Addis Ababa University marched in two groups toward the embassy of the United States, a major donor, holding signs that read “We are not terrorists. Stop killing Oromo people.”

Such protests are rare in a country where police are feared as heavy-handed and the government is seen as repressive.

A government spokesman did not immediately respond to requests for comment.

Ethiopia’s Prime Minister Hailemariam Desalegn has promised to address grievances in the Oromiya region and says he blames rebel groups for stoking violence.

Opponents blame harsh police tactics.

“The aim was to highlight the abuses carried out in the region,” one student told Reuters, saying he did not want to be identified for fear of reprisals.

“We waved white cloth to indicate that we were peaceful protesters. But police started beating us up,” he said.

New York-based Human Rights Watch said last month that protesters it spoke to and who had been detained after the outbreak of demonstrations in November had been subjected to severe beatings and never appeared before a judge.

The group said women suffered sexual assaults and mistreatment. It said one 18-year-old student was “given electric shocks to his feet”.

Officials dismissed the report as not worthy of comment.

(Editing by Edith Honan and Louise Ireland)

– Source: THE NEW YORK TIMES/REUTERS

#OromoProtests, Finfinnee (Addis Ababa) University students, 8 March 2016

https://youtu.be/ZwjzOvixQVo


Guyyaa hara’aa Adoolessa 7,2016 Godina Wallaggaa magaalaa kanneen akka Najjoo,Gimbii,Jaarsoo fi biroo keessatti abbootiin qabeenyaa konkolaataa isaanii bobbaa irraa dhaabuun sirna mootummaa Wayyaanee irraa diddaa qaban muldhisan.Qabsoon diinagdeen mootummicha irra gahu itti fufee jira.

12019388_584340178384568_645021328_o12675014_584355788383007_1662367522_o (1)

Biitootessa 7,2016 Gootonni Qeerroon Bilisummaa Godina Booranaa Aanaa Yaaballoo Ganda Aadee Galchaa keessatti Ficila Xumura Gabrummaa haala jabaa ta’een itti fufuun mootummaa gabaroomfataa Wayyaanee mormaa oolan.

https://videopress.com/v/ZLalDjtB?hd=0&autoPlay=0&permalink=0&loop=0

Godina Wallaggaa fi Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee Oole.

Adoolessa/ Bitootessa 7,2016  Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo keessatti abiddi warraaqsaa Qeerroo Bilisummaan qabsiifame Wayyaanneen dhaamsuu dadhabdee rifannaa guddaa keessa galtee jirti.
Warraaqsi biyyoollessaa Qeerroo bilisummaan qabsiifame aammallee wayyaanee dhaamsuu dadhabuurraan kan ka,e uummata nagaa goollaa jirti.Godinuma kana jala kanneen jiran kanneen akka magaalaa warra jirruu fi Magaalaa Goorii keessattis Fxg bayyee jabaachuurraan kan ka’e qeerroon tarkaanfii boonsaa basaastotaa fi jala deemtota wayyaanee kan ta,an irratti tarkaanffii qabeenyaa qeerroon fudhateen manni barsiisaa girshaa kan jedhamuuf mana Dura ta’aa gandaa kan ta’e Gammachis Hodee jedhamu guutummaan guutuutti barbaddeesaniiru. Manni barnootaas edda addaan citee naannoo kudha afurii ta.e jira.Yeroo ammaa kanas mootummaaan wayyaanee fincila kanaan rifannaa keessa seenuun uummataaf baratootaan gara barnootaatti deebi’aa jechuun uummataan immoo ijoollee keessan dirqamaan akka mana barnootaatti ergitan jechuun uummatasf baratoota doorsisaa jiraachuu Qeerroon gababase.
Kana malees Godina Sahaggar Anaa ABUNAA Gindabaratti guyya kalleessa jechuu gaafaa guyya 27/6/08 halkaa keessaa sa’aa 2:30-4:00 tti waraqqaallee gargaaraa maxaansaa kan turee magaaala bakkee qalaxee keessatti ganamaaa isaa bartootni Anaa saan barnoota osoo deemaa jirni,bartoota fi jirtoota irratti reebichaa cimaa irran ga’aa kan ture humni garboonfaatan gara moormiitti jijjiramee ummani fi bartootni wali ta’an qabsoo cimaa irra kan jiran yoo ta’u.yero amma immo gibiraa mootuma kanafuluu didan jechudha ummata reebbaa kan jiranjdha.

Har’a Adoolessa 07,2016 Sa’aa Ammaa Kanatti Goototi Qeerroo Yuuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaanee Agaazii Waliin Wal Qabaa Jiru,FXG Haalaan jabaatee Itti Fufe

IMG_20160305_144450IMG_20160305_144550 (1)IMG_20160305_144823IMG_20160305_144834Finciilli xumura garbummaa gootota Qeerroo baratoota Yuunversiitii Wallaggaan ganama kanas bifa haaraan dhohee jira. Yeroo ammaa kanas baratoonni guutummaan guutuutti barnoota lagachuun barnoonni bilisummaa booda jedhaniidiina raasaa jiru.Galgala edaas akkuma beekamu Qeerroon yuunversiitii wallaggaa diddaa dhageesisaa turuun ni yaadatama

Haa ta,uyyuu malee mootummaan gabroonfataa baratoota nagaa irratti ol seenuun dhukaasa banuyyuu baratoonni kun sodaa tokko malee injifannoo boonsaa hojjetaniiru.Polisoota yuunversiitichaa dhagaadhumaan hariuun kaampasicha keessaa baasuun bosonatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesisaniiru



Abootiin Qabeenyaa Oromoo Ta’an Diddaa Qoqobbii Diinagdee Mootummaa Wayyaanee Irratti Gaggeessan.

Adoolessa/ Bitootessa 7,2016 Godina Wallaggaa Lixaa Anaa Jaarsoottii Abboottiin qabeenya aniichaa..gochaa motummaa Wayyanee balaleeffachuun konkolachistoota waliin wal ta’uu…guyyaa har’aa konkolaatan keenyaa hin deemuu yoo jedhan konkolaachistonnis hin hin konkolaataa bobbaafnu jechuun konkolaatan tokko osoo hin deemiin hafee jira.

Diddaan Gootota Qeerroo Yuuniverstii Wallaggaa Har’as Itti Fufee Jira.

received_570869543088971received_572079532967972received_572079536301305Bitootessa  07, 2016  Fincilli Xumra Gabrummaa gootota Qeerroo baratoota Yuunversiitii Wallaggaan ganama kanas bifa haaraan dhohee jira. Yeroo ammaa kanas baratoonni guutummaan guutuutti barnoota lagachuun barnoonni bilisummaa booda jedhanii diina raasaa jiru.

Galgala edaas akkuma beekamu Qeerroon Yuunversiitii Wallaggaa diddaa dhageesisaa turuun ni yaadatama .Haa ta,uyyuu malee mootummaan gabroonfataa baratoota nagaa irratti ol seenuun dhukaasa banuyyuu baratoonni kun sodaa tokko malee injifannoo boonsaa hojjetaniiru.Polisoota Yuunversiitichaa dhagaadhumaan hariuun kaampasicha keessaa baasuun bosonatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesisaniiru.

 

Oromiyaan bulchiinsa waraanaa saddeet jalatti hiramtee haa jiraattu malee FXGn akka itti fufetti jira!

Gaabaasi Qeerroo  giddu gala Oromiyaa Adaamaafi magaalaa guddittii lixa Oromiyaa Naqamtee irraa nuun ga’an akka ibsutti,fincilli sirna garboomfattootaa irratti taasisamu akka itti fufee jiru hubachiisa. Torban darbee kaasee hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa waltajjii leenjii Wayyaaneetiif adaamaatti kan walitti qabanii jiran yeroo ta’u,waltajjii kana irratti Abbootii seeraa,abbootii alangaafi abukaatotatu hirmaachaa jira Waltajjii jimaata darbe geggeessame irratti madaalliin manneen murtii godinoota sadii kan geggeeffame yeroo ta’u,godinoonni kunis,Shaggar lixaa,Harargee bahaa fi Wallaggaa lixaa ta’uun ta’uun beekameera Ergamtoonni Wayyaanee godinoota kana sadan keessatti tarkaanfiin manneen murtii fudhatan laafadha yeroo jedhatti abbootiin seeraa fi hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa irraa hojjetan marti akka dheekkaman beekameera, Akka fakkeenyaattis poolisiin Malkaamuu Mitikkuu kan Wallaggaa lixaa Najjootti nama ajjeesee gara bakka dhalootasaa utuu deemuu ajjeefameef mootummaan itti gaafatamuu qaba jedhan “nami lubbuu namaa seeraan ala baase kun to’annaa jala ooluu dhabuun wal ajjeechaa biraa kan fidu fi godinoota akka fakkenyaatti manneen murtii tarkaanfii uummatarratti fudhachuu dhabaniif komataman kun dhiibbaa siyaasaaf hojiisaa hojjechuu akka hin danda’in itti amanna silaa warri uummata nagaa irratti dhukaase yoona to’annaa seeraa jala jira”jechuun ammaa jalqabee poolisas ta’e nami dhuunfaa nami namni lubbuu namaa baasee seeratti dhiyaachuu dhabee uummata keessa jiruun hanqina bulchiinsa gaarii keessaa isa tokko jechuun komii isaanii haala wayyaanee afaan qabachiiseen dhiyeessuun isaanii beekameera.

Hirmaattonni wal tajjichaa yeroo dhiyootti komishiniin dhimma kana adda baasee namoota ajjeechaa seeraan alaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaachuu qaban taasisu hundeeffamuu akka qabu gaafachuun,loogii siyaasaatiin namni lubbuu namaa baasee seeratti hin dhiyaanneef uummatichi tarkaanfii “gumaa baasuu”aadaadhaan qabu yoo irratti fudhateef seerri wabii lubbuu namaa deebisuu hinjiru kanaaf namoota kana seeratti dhiyeessuun furmaata filmaata biraa hin qabne jechuun akeekkachiisa jabaadhaan kaabinoota wayyaanee akka rifaasisan beekameera Waltajjiin qaamota manneen murtii Adaamaatti ta’amaa jiranii kun jimaata dhufu xumurama Gara dhiha Oromiyaa Naqamteetti yeroo ceenu,magaalaan Naqamatee ji’oota afrna darbanii kaastee jeeqxota kaabaatiin erga jeeqamutti kaatee ooltee bubbulaa akka jirtuufi kunis jiruufi jireenya oromiyaa guutuu akka ta’ee jiru beekamaadha Magaalattiitti halkan guutuu qaama hin beekamneen dhukaasi wal irraa hin cinne adeemsifamaa kan bulu yeroo ta’u guyyoota muraasa darbanii kaasee tajaajilli geejjibaa magaalattiitti akka addaan cite jirus beekamaadha Galgala kana geejjiba kan hin qabne Naqamteen sagaleen dhukaasaa akka irraa dhaga’amaa jirus madden baasaniiru.


 

Gabaasa Addaa Kabaja Hundeeffama Waggaa 2ffaa fi Tumsa OMN Melbourne(Bito.06,2016)

https://www.oromiamedia.org/2016/03/06/gabaasa-addaa-kabaja-hundeeffama-waggaa-2ffaa-fi-tumsa-omn-melbournebito-062016/

Tamsaasa Raadiyoo OMN (Bit. 6, 2016)

https://www.oromiamedia.org/2016/03/06/tamsaasa-raadiyoo-omn-bit-6-2016/

https://youtu.be/Gbg659Ycu3Y

 

https://youtu.be/IGNAlH_lSZ8

https://youtu.be/x3LMemJ80YI

https://youtu.be/_xxrvtOcoo8

 

Tamsaasa Raadiyoo OMN (Bit. 5, 2016)

https://www.oromiamedia.org/2016/03/05/tamsaasa-raadiyoo-omn-bit-5-2016/

https://www.oromiamedia.org/2016/03/05/omn-amharic-news-march-5-2016/

 

Resistance against TPLF fascism Gidda Biqiri , Boji Choqorsa Distric, West Walaga March 3, 2016

http://www.robemedia.com/2016/03/03/resistance-against-tplf-fascism-gidda-biqiri-boji-choqorsa-distric-west-walaga-march-3-2016/

 

Dhaamsa hidhamtooti siyaasaa Oromoo Manneen hidhaa Qaalittii, Qillinxoo fi Zuwaay keessa jiran

#OromoProtests Bitootessa 4 Bara 2016: Kun dhaamsa hidhamtooti siyaasaa Oromoo Manneen hidhaa Qaalittii, Qillinxoo fi Zuwaay keessa jiran haala yeroo amma Oromiyaa ilaalchisee ergatanii dha.
Nuti, otuu dirqama addaddaa irra jirruu harka diinaatti kufnee gatii olaanaa bilisummaa Oromoof baasaa jiraachuu keenya namuu kan hubatuudha. Yeroo biyyi keenyaa fi lammiin keenya alagaa gara laafina hin qabnee biyya abbaa isa akeessatti ajjeefamu biratti argamuu dhabuun keenya hedduu garaa nu nyaata. Goototi Oromoo kutatoo amma illee Bilisummaa Oromoof wareega ulfaataa baasaa jiran kumaatamaan bahaa akka jiran yeroo dhageenyutti immoo jajjabina guddaatu nutti dhagayama.
Ammas qabsoo keenya galmaan gahuuf namuu bakka jirutti kutannoon akka hirmaannaa isaa jabeessu yeroo dhaammannu:

  1. Haala yeroo amma kan qabsoon Oromoo irra jiru, biyya alaa fi keessaa qabsoo kana xumura itti gochuuf, qabeenya, qaaman fi wanta dandeessan hundaan akka dirmattan dhaammanna.
  2. Barattoota sad1ffaa hanga sad2ffaa, Barattoota koolejjii hanga University, Qotee bultoota fi Daldaltota, Hojjetoota mootummaa, poolisoota fi humni waraanaa kan meeshaa barachaa jirtanis ta’ee, milishaan gandaa osoo hin hafne FXG kana xumura itti gochuuf waan Oromoo tokko irraa barbaachisu akka gumaachitan isin gaafanna.
  3. Namni Oromoo tokko wareegama uummanni keenya kaffalaa jiru kana cinaa dhaabachuudhaan wayyaanee duula Oromoo irratti deddeebiin labsite kana buqqisuu qaban.
  4. Duula Wayyaanee Oromiyaa keessaa baasuudhaaf Qeerroon Oromoo daandii cufuudhaan, riqicha kutuudhaan akkasumas mala qabsooa ddaddaa baasuudhaan gaggeessaa jiru deeggaruun akka dirqama lamummaa keessan baatan issinii dhaamna.
  5. Wayyaaneen akkuma garboofattoota habaashaa darbanii Oromoo irratti hiidhaa, ajjeechaa, dhabamsisaa, saamicha dinagdee, saamicha qabeenyaa, saamicha lafaa gaggeessaa jirti. Kun immoo kan dhaabbatu, kutannee hojjachuu fi waadaa keenya kaleessaa haaromsuun FXG kana injifannoon akka goolabamu gochuun ta’a.

Kana waan ta’eef, haala kana hubattanii bakka nu bu’uun gahee keessan akka baatan dhaamsa kana haala ulfaataa keessatti isiniif dabarsine; imaanaa keenya kanas raawwachuun akka nu boonsitan immoo shakkii tokko illee hin qabaannu!!

Qabsaa’aan ni kufa! Qabsoon itti fufaa!
Injifannoo uummataa Oromoof!

Dhaamsa

 

Warraaqsa FXG Gootota Qeerroo Bilisummaa Godina Jimma Aana Limmuu Saqqaa Magaalaa Koma’i.

https://videopress.com/v/IUC60Xb1?hd=0&autoPlay=0&permalink=0&loop=0

 

Suruma people of the Omo Valley are being tortured by fascist Ethiopia (Agazi) forces because they protested their land being taken for Sugar plantationSuruma people of the Omo Valley are being tortured by fascist Ethiopia (Agazi) foreces because they protested their land being taken for Sugar plantation Suruma people of the Omo Valley are being tortured by fascist Ethiopia (Agazi) forces because they protested their land being taken for Sugar plantation. p2Suruma people of the Omo Valley are being tortured by fascist Ethiopia (Agazi) forces because they protested their land being taken for Sugar plantation. p3

OMN: Oduu Bit. 04, 2016

https://www.oromiamedia.org/2016/03/05/omn-oduu-bit-04-2016/

 

 

OMN: Qophii addaa Bitooteessa 4,2016

 

https://www.oromiamedia.org/2016/03/04/omn-qophii-addaa-bitooteessa-42016/

 

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti diddaan Uummataa dhaabsiisuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata irratti waraana bane jabeessuun Uummatarratti dhukaasaa jira, uummatnis mormii isaa itti jabaate jira.‏

Bitootessa 5,2016 ,Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Diddaan Uummataa Dhaabsiisuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata irratti waraana bane jabeessuun Uummatarratti dhukaasaa jira.loltootni Wayyaanee afaan hin beeknee Magaalaa Baallaammii irra qubsiifamuun Qonnaan bultootaa fi sabboontoota Qeerroo dargaggoota Oromoo irratti tarkaanfii reebichaa fi humnaan ukkamsuun hidhaatti darba jiru, kanneen rukutamanii madeeffaman illee gara mana yaalaa utuun hin geeffamiin waraanaan dirqisifamani hidhaatti darbama jiran keessa
kanneen maqaan nu qaqqabee jiru:
1. Barataa Taarikuu Gusoo reebamee midhaa guddaan kan irra ga’e,
2. Barataa Eebbisaa Nagaasaa barataa 10ffaa waraanaan rebamee midhaa guddaan kan irra ga’ee jiruu fi mana yaalaa dhorkatame jiru.
3. Barataa Abdii Taarikuu reebichaa humna olii warananni abbaa isaa waliin irratti raawwate.
4. Obboo Taarikuu Baayisaa waraanaa wayyaaneen reebamee du’aa fi jireenya gidduu jira.
5. Barataa Gurmeessaa Cimdii waraanaan reebamee milla isaa irra akka malee madeeffamee kan jiru.
6. Barataa Sisay Lammeessa
7. Barataa Muldhisaa Taakkalaa
8. Barataa Geetuu Taakkalaa obbolaa laman
9. Barataa Iddoosaa Xuurii
10. Barataa Baay’ataa Mirreessaa kanneen jedhaman dabalatee yeroo amma kana ilmaan Oromoo 40 Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallaammii Wajjiraa Poolisii fi Buufata Waraanni Wayyaanee keessa qubatee jiru keessatti hidhamuun dararaan ulfaataan irra ga’aa jiraachuun madden keenya gabaasan.
YAADACHISA: Sirni gaggeessaa Sabboonaa daldalaa Oromoo dheengadda Waraana Wayyaanee uummatarratti banameen wareegamee Obboo Birhaanuu Xaafaa Baqqalaa abbaa ijoollee lama har’a Bakka dhaloota isaa Ganda Guddataa Gabaa Lagatti rawwata uummatni hedduminaan gara gaggeessa isatti socho’aa jira, Waraanni wayyaanee immoo ganamuma kanaan dhukaasa dhageesisuu egalanii jiru. Olmaa isaan walitti deebina.
Aanaa Midaa Qanyii gandoota akka Goosuu Wangee ,Baaroo Bidaaruu fi Guddataa Gabaa Lagaa dirree waraanaa fakkatee jira. Qonnaan bultootni
hedduun waraana wayyaaneen shoroorkeeffamaa jiru. Sagaalee dhukaasaa utuu wal irraa hin citiin waraanaa wayyaanee irraa guyyaa sadii dhukaafamaa jira.

 

 

 

 

Humni Waraana Wayyaanee Agaaziin Daran Magaalaa Naqamteetti Dabalame

Bitootessa,4,2016 Kan abboota isaanirraa gocha duguggaa sanyii kan nurratti raawwachaa turan hanga har’atti nutti dhaadataa kajiran akkasuma aangoo dhiiga dhangalaasun argama jedhaanii kan amanan TPLF magaalaa Naaqamteetti yeroo darbe rakkoo geejibaaf Konkolaataa fe’isaa 3f n magaalatti kan seenan ta’uun nii aspartame Har’as Warraaqsi Uummatichaa naasuu muddama keessaa ba’uu hin dandeenye keessa kan galche Wayyaaneen Qawween akka waan tasgabeessituu Agaazii Oralii 3 dabalataan har’a magaalatti seensifteetti.sochiin uummataas guyyaa guyyaan akkuma jarri dabalamaa bultuu olitti cimaa jira.

FXG Kaleessa Yuunibarsiitii Jimmaatti Dhoheen Guutummaan Mooraaf Magaalaa Jimmaa Raafama Keessa Oolte

Bitootessa 4,2016
Uggurtotniif Shororkeessitoonni Waayyaanee kan mooraa Yuunibarsiitii keessa qubsuma godhatee jiru osoo itti hin yaadin sodaa tokko malee
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddaa(main cumpus) Kaleessa jechuun Bitootessa,3,2016 dhoheen guutummaan magaalattii rafama guddaa keessa oolte humni diinaa Agaazii magaalaa Jimmaa keessa Akkasuma irra jireessaan mooraa keessa hidhata guutuun socho’aa turan kan na Ajaibe Waanuma dirree lolaatti bobba’an fakkaatu qawwee Logomatanii konkolattota garaagaraa sadiin deemsisaanii har’aa.akkasuma guutummaa aanaalee Godinichaa hundatti raabsamanii tuuta tuutaan magaalaaf baadiyyaa Jimmaa marsaa turan Jimmaan guutummaan guutuutti humna humna Waraanaa diinaan marfamtee oolte Akkasuma barattoota Yuunibarsiitichaa kan ta’an namni 17mana hiraarsaa diinaa kan magalatti keessatti argamu(Meentiinaa) bakka jedhamutti dararaa guddaan irra gahaa jira.Barattota kanneen Odessa
1,Tolasaa Nagaasaa law waggaa 5ffaa
2,Biqilaa Guutaa statistics waggaa 2ffaa
3,Yoonas Giidoo computer waggaa 3ffaa
4,Saamuel computer waggaa 3ffaa
5,Ittaanaa Kennaa Computer waggaa 3ffaa mana hiraarsaa diinaatti Dhiira 14fi Shamarran 3 waliigala barattoota 17 dararaa akka jiran
oduun Qeerroon Yuunibarsitichaa dhagaa’amu ifoomsa kanneen hafan itti fufiinsaan gabaafna.

Waarraqsi FXG Har’a Yuunibarsiitii Wallaggaa Fi Magaalaa Naqamteetti Dabalate Dhohe Itti Fufe

Bitootessa 4,2026
Diiddaan Mootummaa abbaa Irree of irraa fonqolchuuf Yuunibarsitiitti dhohe osoo Jarri hin yaadiin Uummata Magaalatti dabalachuun shororkeessitoora Waayyaanee sodaa guddaa keessa galche.Kanas akka waan dhukaasaaf rasaasan dhaamsanii barataa barruuleef qalamaa malee homaa hin qabne irratti dhukasa jabaa dhukaafamaa tureen barataa hedduun madeeffamanii hospitaala jiru.kaansaanimmoo mana hiraarsaa galchanii gidiraa jabaa irraan gahaa jiru. Barattoota madeeffamanii yaalamaa jiran muraasa
1,Yoonas Qana’aa
2,Baayyuu Fayyisaa
3,Galaanaa Guutamaa
4,Magarsaa Tasammaa
5,Xarihun Ammasaa
6,Jaal’ataa Ofga’aa
7,Kuuchumaa Jiraataa
8,Seblee Taammiruu fi hospitaala Naqamtee keessa barataan yaalamaa jiran hedduudha maqaan akka nu ga’een isinii dhaamna Akkasuma baratotni baay’inaan 40tu hidhaan gidirfamaa jira maqaan ammaaf arganne
1,Balaayi Fiqaaduu barataa public administration waggaa 2ffaa
2,Lammeessaa Tasammaa turizim management waggaa 1ffaa fi barattoota hafan akka argannetti isiniin geenya waligalatti barataa afurtama
ta’an hidhaan gidiraa jala jiraachuu Qeerroon magaalaa Naqamtee ifomsa

Godina Wallagaa Aanaa Najjoo Magaalaa Warra Jirruu Keessatti FXG Gaggeefameen Sabboontoti Hedduun Hidhaman.

Bitootessa 04, 03’2016 Fxg ammas jabaachuun godina Wallaggaa lixaa aanaa Najjoo Bulchiinsa magaalaa warra jirruu keessatti jabaachuun guyyaa har’aa namoonni heeduun hidhamanii jiru. Hedduminaan kanneen hidhaman keessaa  abbootii ijoolleedha. kanneen hidhaman keessaa:

1,Barsiisaa Waannaa Tarreessaa
2,Barsiisaa Eebbisaa Kooluu
3,Sanbataa Tamasgeen
4,Geeta’uu Tamasgeen Q/bulaa
5,Bultii Jaarraa Q/bulaa
6,Ayyaanaa Xurunaa barataa
7,Taammanee Uummataa Barataa
8,Imaanaa Qananii Q/bulaa
9,Bacaa Dafaa Q/bulaa
Mana hiraarsaa jaraa keessatti akka dararamaa jiran gabaasi Qeerroo
achii addeessa

 

 Guyyaa har’aa adoolleessa 4’2016 fincilli xumura garbummaa haal ho,aan yeroo ammaa kana magaalaa Naqamtee keessaaa fi Yuuncersiitii Wallaggaa keessatti dhohuudhaan mootummaa faashistii Wayyaanee balaaleffachaa jiru.

12772100_1731876947049390_6073919628503553568_o12778738_1731876943716057_3024529562138190953_o (1)12801356_1731840357053049_6422942438463292153_n
Mootummaan wayyaannees riffannaa guddaa keessa seenuun yeroo ammaa kana hoomaa waraanaa uummata nagaa irratti bobbaasuun uummataafi baratoota irratti dhukaasa bannuun namoota baayyees miidhaa irraan ga.eera.Daandiin naqamtee irraa ka.uun gara finffinneetti deemsisus guutummaan guututti naannoo yuunvesiitii wallagga hora hadiyyaa jedhamu irratti cufameera.

 

 

 

 

 

 

በሚያጠናበት ቤት ስለተገደለው ተማሪ ሞቱማ ፈዬራ አሟሟት

VOA Amharic March 05, 2016

የ20 ዓመት ወጣትና የዐሥረኛ ክፍል ተማሪ ሞቱማ ፈዬራ በታጣቂዎች መገደሉን ለቤተሰቡ ቅርበት እንዳላቸው የገለጹ ምንጮች ሲናገሩ፤የወረዳው መስተዳድር በበኩላቸው የሟቹን አስክሬን መመለከታቸን ተናገረው ‘በማን ተገደለ?’ ስለሚለው ግን የሚያውቁት ነገር እንደሌለ ገለፀዋል፡፡

ባለፈው ሣምንት ረቡዕ የካቲት 16 ቀን 2008 ዓ.ም ለሊት በምዕራብ ሸዋ ዞን ቶኬ ኩታዬ ወረዳ ጎሮሶሌ ከተማ ውስጥ ሞቱማ ፈዬራ የተባለ የ20 ዓመት ወጣትና የዐሥረኛ ክፍል ተማሪ በታጣቂዎች መገደሉን ለቤተሰቡ ቅርበት እንዳላቸው የገለጹ ምንጮች ለአሜሪካ ድምጽ ተናግረዋል፡፡

የወረዳው ፖሊሲ ኃላፊዎች ስለ ጉዳዩ የሚያውቁት ነገር እንደሌለ ሲናገሩ የወረዳው መስተዳድር በበኩላቸው የሟቹን አስክሬን መመለከታቸን ተናገረው ‘በማን ተገደለ?’ ስለሚለው ግን የሚያውቁት ነገር እንደሌለ ገለፀዋል፡፡

ጃለኔ ገመዳ ያጠናቀረቸውን ዘገባ ጽዮን ግርማ ታቀርበዋለች።

ዝርዝሩን ከተያያዘው ድምጽ ያድምጡ።


 

 

 

https://www.oromiamedia.org/2016/03/03/omn-oduu-bit-03-2016/

 

#OromoProtests: Taxi and other drivers go on strike in Naqamte town, East Walaga March 4, 2016. They are demanding a the military withdraw from the city and halt the daily abuse.

No vehicle in Naqamte, East Wallagga March 4, 2014


Gootonni Naqamte Agaazin ummata fixxu mee dhuftee tajaajila geejjibaa haa kennituu jechaa jiran.

 

#OromoProtests, taxi and other drivers go on strike in Naqamte town, East Walaga March 4, 2016. They are demanding a the military withdraw from the city and halt the daily abuse

 

GABAASA QEERROO KIBBA OROMIYAA.

Hiriira Aanaa yaaballoo

YaabellooMagaala yaaballoo qabsoo qeerrootiin dhuunfatamtee oolte, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera

Barattuu Xumme Jaarso

Xummee Jaarsoo

“ulee harka qabdu buusi, atis qawwee harka qabdu buusi “jettee agazi shimala mataat cabsite rasaasaan rukutamte yero amma hospitaala yaaballoo ciifti

Qeerroo Eelawayyee fi Qabso Ummata 

Magaala kana keessa hidda diina ari’atani
Qabsoo itti fufaa jiru, akkuma iddoo bira gabaanis hinjiru

Barata Goolicha Kan FXG irraatti Tarkaanfiin Gara Jabeenya irratti Raawwate

Barataa Goollicha

 FXG godina boorana Aanaa Areeroo

Mormii kanaan  company Midrock kan badda Areeroo keessa Albuuda dhagaa babbareedaa ykn gemstone jedhamuufi ilinxo Ykn shekla qotatu birmannaa ummataafi qeerrootiin godaansifame

Oduu Ammee

Hiriira

“Godina boorana Aanaa Dirree Magaala Dubuluqitti Hiriirri diddaa garbummaa geggeeffamaa jira Dhukaasis Ummataa fi barattootat banamaa jira ragaa booda dhiyeessina” 

 

#OromoProtests inin Dubluq town, Boranaa, Southern Oromia, March 03, 2016

 

#OromoProtests inin Dubluq town, Boranaa, Southern Oromia, March 03, 2016

 

 

Hiriira Godina Booranaa, Magaalaa Dubluq faa Keessaa fi Waa’ee Barataa Shawaa Lixaa, Magaalaa Gooroo Soolee Keessatti Ajjeesame, Jedhamee

VOA Afaan Oromoo, Bitootessaa 3, bara 2016


Hiriira Mormii Oromiyaa

Hiriira Mormii Oromiyaa

Guutummaa sanaa fi aanaalee kaan keessatti humnoonni mootummaa federaalaa akka jiraattota, keessumaa dargaggoota reebaa fi hiraarsaa jiran illee dubbatan. Bulchaan magaalaa Shaakkisoo, Obbo Waddeessaa Waaqoo garuu, “kan aanaa keenya keessa jiru warruma aanaa bulchan gaafadhaa. Magaalaa ani bulchu, Shaakkisoo keessatti garuu guyyaa tokko illee mormiin ka’e hin jiru. Hiriirris hin geggeessamne, miidhaan humnoonni federaalaa raaw’atanis gonkumaa hin jiru.” jedhan.

Gama birana Godiina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kutaayee magaalaa Gooroo Soolee keessatti gaafa Roobii Guraandhala 24 bara 2016 barataa kutaa kudhanii kan ture Mootummaa Fayyeeraa jedhamu humnootii waraana mootummaa Itiyoophiyaan ajjefamuu jiraattonni maatii isaatti dhiyeenya qaban ibsanii jiru.

Mootummaa Fayyeeraa, Barataa kutaa 10. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gooroo Sooleetti Guraandhala 24,2016 ajjeefame.

Mootummaa Fayyeeraa, Barataa kutaa 10. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gooroo Sooleetti Guraandhala 24,2016 ajjeefame.

​Itti gaafatamtoonni waajiira poolisii ka duraan achi turaniis ta’e kan haaraa muudaman waa’ee du’a barataa kanaa waan beeknu hin qabnu jedhu.Itti aanaa bulchaan magaalaa Gooroo Soolee Obbo Diroo Siiqaa, “walakkeessa halkanii booda yeroo lama dhukaasa dhageenyee eega turree booda yeroo lafti bari’u barataa Mootummaa Fayyeeraa ajjefamuu dhageenye. Sana booda deemnee lafa kufetti argine,” jedhii, eenyu akka ajjeese garuu akka hin beekne dubbatu.

Obbo Diroo Siiqaan, yeroo qorannaa gaggeessinetti, kanneen iddoo sana turan, “waraanni mootummaa mana cabsee erga seenee booda barataa Mootummaan dheessuuf yaalee rasaasaan iddoo lama rukutamuu isaa argiineerra jedhan” jedhanii ,”qorannaa poolisiin gaggeesse homaa akka hin agarre dubbatan bulchaan magaalaa Gooroo Soolee.

http://m.voaafaanoromoo.com/a/godina-booranaa-magaalaa-dubluq-hiriirri-mormii-tae-shawa-lixaatti-barataa-ajjeesamee-laalchisee-deebii-bulchaa-magaalaa-gooroo-soolee/3218381.html


 

Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.

Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.Hidhattootni milishoota ta’an namootni 60 uffataa isaanii of irraa baasuun ibiddaan gubuun sirnicha ganuun uummata cina hiriiruu uummataaf mirkaneessan. halkan edaa guutuu Aanaa Midaa Qanyii gandoota baadiyyaa hedduu keessatti sagaleen dhukaasaa jabaan dhagaa’ama bulee, Dhukaasaa Waraanni uummata irratti godheen hanga ammaatti ilmaan Oromoo lama Wareegamuun hedduun madaa’uun dhaga’ame jira. maqaa namoota wareegamanii adda baasuun isiniif dhaamuuf jirra. Namni tokko Ganda Guddaataa Gabaa Lagaa irratti wareegamee jira. Network Midaa Qanyii irraa balleeffamee jira, halli gara sana jiruu gutummaatti waan waraanni baname waan fakkaatuuf hedduu yaaddessa ta’ee jira,guutummaa gabaasa kanaa fi maqaa ilmaan Oromoo maddeeffamanii fi Wareegamanii qabannee isinitti deebina.

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaalee Adda Addaa Keessatti Ummnni Gamtaan Ka’ee Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jira,Wareegamnis Irra Gaheera.

Bitootessa 3,2016, Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Iluu gaafa guyyaa 2/3/16 galgala dargaggoo magaalaa Asgorii irraa qabuuf erga deemanii uummanni yaa’ee waliin nu fixxu malee fuutanii hin deemtan jechuun gachisiisanii magaalaa irraa baasanii ari’atan,guyyaa kalee garuu humna agaazii guddaa nannaa sanatti baasuun namoonni 40 ta’an ukkamsamaniiru

Kana malees Aanaa Tolee keessatti wayyaaneen waan qabduuf gadi dhiiftuu dhabdee ammaa immoo guyyaa kudhaniif gandarraa nama shan poolisiin oromiyaafi agaaziin sababa adda addaan socho’uu waan danda’aniif bakka buutanii hojjettu jedhanii leenjisu irratti argamu hidhattoota gandaan  Charuu Nadhaa kan jedhamu March 2,2016 galgala rasaasaan qe’ee dhuma isaati rukutanii ammaa du’aa fi jireenya gidduu hospital Tululuboolloo irraa Waliso ti dabarfame jira. Charun kan rukutame bakka dhaloota isaa Aanaa Bachoo ganda Awash Bunee jedhamu keessatti yoo ta’uu inni hojjata Mootummaa aanaa wanchii ti hojjata.

Godina Wallaggaa aanaa Bojii Coqorsaa mana barumsaa Giddaa Biqiritti Keessatti FXG Jabaa Ta’e Gaggeefamaa Oole.

12498455_570110059831586_2130076831_n12736246_570110063164919_1007143511_n12784529_570110056498253_1758281248_n12784624_570110066498252_933618245_nBitootessa 03,2016  Godina Wallaggaa aanaa Bojii Coqorsaa mana barumsaa Giddaa Biqiritti mormii mudateen barattootni heedduun rasaasaan rukutamanii barataan Isaayaas Gabayyoo jedhamu immoo akkuma hospitaala Najjoo gaheen lubbuun darbeera. Barattootni rukutaman muraasni 1. Eebbaa Caalaa 2. Fiqiruu Yaadataa 3. Badhaasaa Fiqaaduu jedhamu.

 

#OromoProtests at Jimma University March 3, 2016

Yuunibarsiitii Jimmaa Raafama Guddaa Keessa Jirti

Bitootessa,3,2016
Gochi mootummaa shororkeessaa keessaattuu erga Uummata bal’a Oromootti Waraanaaf gocha diguuggaa sanyii raawwachuu eega Warraaqsi
uummata hudhee kan qabe yoo ta’u gabroonfattoota TPLF Itti xumura gochuuf sochiin Qeerroo rog-arfanirraa sodaaf raafama guddaa keessa galcheera
Haaluma kanaan diddaan Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa Har’a haaromfamee eegale kun guutummaa moorichaa jechuun humna diinaa mooraa sana keessaa raafama guddaa keessa galcheera.dhukaasii gurguddaan hamma magaalaa Jimmaa socio I sitti barataatti dhukaafamaa
jira.gurmuun Qeerroowwanii sodaa tokko malee dhaadannoo jajjaboo dhageesisaa jiru
_Humni waraanaa Oromiyaatti ramadame nuuf haa had-dhiisu
_mootummaa xinnaaf guddaa keenya ajjeesu nii balaaleffanna
_Gochi duguuggaa sanyii nurratti lallabame haa dhaabbatu
_Nuti abbaa qabna abbaankeenya ABOn nu haa bulchu
jechuun dhaadannoo jajjaboof walleewwan warraaqsaa gurguddaan akka itti fufetti jira wallee warraaqsaa tuuta Qeerroo irraa dhaga’amaa jiru
#Sifan lola Oromo narra hin gorttu
Siifan lola Yaa WBO narra hin gortu

#OromoProtests at Jimma University March 3, 2016

 

Naannawaa Finfinnee Aanaa Sullultaa Keessatti Abbootiin Qabeenyaa Oromoo Ta’an Loltoota Wayyaaneen Dararamaa Jiru.

SulultaaBitootessa 03,2016 ,Naannawa Finfinnee Aanaa sulultaa keessatti mootummaa faashistii Wayyaanee abbootii qabeenyaa dhuunfaa konkolaataa qaban mana hidhaatti guuruun dararaa garaagaraa irraan gahaa jira.

Akkuma beekamu guyyoottan lamaan darbe konkolaachisttoonni magaalaa finfinnee mormii isaanii hojii dhaabuun dhageessisaa turaniin walqabatee mootumamaan wayyaanee raafama keessa galuun namoota konkolaataa qaban mana hidhaatti guuraa jiru.

1ffaa ob. Birhaanuu Taklee

2ffaa ob. Takkaalegn Mangistuu

3ffaa ob. Birhaanuu Addunyaa

4ffaa ob Salamoon Fayyisaa

5ffaa dar. Xilahuun Birhaanuu fi namoota bioo nam 12 dabalatee guyyaa harraa kana mana hidhaa Aanaa sulultaa magaala caancotti darbatamuun dararaan garaagaraa irratti raawwatamaa jira.

https://youtu.be/8u8cHNL7oN0

https://youtu.be/e6GBK0oL5Ps

 

Tamsaasa Raadiyoo OMN (Bitootessa 2, 2016)

https://www.oromiamedia.org/2016/03/02/tamsaasa-raadiyoo-omn-bitootessa-2-2016/

 

 

https://youtu.be/s_yzuPhN3UQ

 

https://www.oromiamedia.org/2016/03/02/omn-hiriira-deegarsa-mormii-diddaa-gabrummaa-waldaa-dubartoot-oromoo-mn-bitootessa-1-2016/

 

 

 

Finfinnee Har’a Rakkoo Geejibaan Uummanni Osoo Hin Jaallannee gara FXGtti seenee Jira

Magaalli Finfinnee har’a ganama irraa kasuudhan haala suuraa kana ibsuun bakka hundaatti mul’attee jirti. Geejjibni tajaajila dhaabuu irraan kan ka’e magaalaan FF haala kana keessa kan seente yoo tahuh humni waraana wayyaanee bakka jiruu bahee daandii guutee jira uummata eegaa jira. Uummanni lafa barii ganama sa’a 12 irraa kaasuun haala kana keessa jira. Bakka hedduuttis mormiin uummataa itti fufaa gaaffiin uummataa jiraattoota magaalaa Finfnnee keessaa hojjetoota dabalatee mootummaa mudduu irratti argamti. Godinoota addaa kanneen akka Sabbataa, Laga Xaafoo fi Sulultaa kanaan wal qabsiisuun uummanni gara FXGtti makamee jira. Magaalli finfinnee guutummaatti waraana wayyaanee fi poolisii Finfinneen dhuunfatamtee jirti.gabaasa addaaf waliin walitti deebina.

 

GUYYAAN QOPHII TUMSA QEERROO BILISUMMAA KUTAA KANAADAA MAGAALAA KALGAARIITTI QOPHAA`E HIRMAANNAA UUMMATAAN HAALAAN MIIDHAGAAN TAASIFAME

thumb_DSC03295_1024Qophiin  Tumsa Qeerroo Bilisummaa Kutaa Kanaadaa magaalaa Kalgaariitti Gurnaadhala 27/2016 Koree Qopheessitootaa Qeerroo Kalgaariitiin  magaaala Kalgaariitti qophaa`ee haala  miidhagaa fi seena qabeessaan   geggeeffameera.

OMN: Oduu Bitooteessa 1, 2016. #OromoProtests News, 1st March 2016

https://www.oromiamedia.org/2016/03/01/omn-oduu-gaggabaaboo-olmaya-oromiyaa-bitooteessa-1-2016/

 

https://www.oromiamedia.org/2016/03/02/oduu-bitooteessa-1-2016/

https://youtu.be/477OTY1XWjc

 

https://youtu.be/LJ06q5c6qRU

 

 

 


 

OromoProtests 1 March  2016 continues in  Gujii province of Oromia,  Anna Sorraa district Me’ee Bokko town.

Bitootessa 1 bara 2016 mormiin mirga Abbaa Biyyuummaa Oromoo fi qabeenna Oromoo godina Gujii Aanaa Sorraa Magaala Me’ee Bokkotti itti fufee oolee jira. Hirirtooti karaa cufuun buufatalee woraanaa fi Pooliisii idilees guban barbadeessan jiru, qabeenna Sheikh Alamudin hedduunis gubatee jira.

 

 

OromoProtests 1 March 2016 continues in Gujii province of Oromia, Anna Sorraa district Me'ee Bokko town.OromoProtests 1 March 2016 continues in Gujii province of Oromia, Anna Sorraa district Me'ee Bokko town

 


 

#‎OromoProtests‬ in Horro Guduru Wallagga, Amuru, Oromia, 1st March 2016

#‎OromoProtests‬ Guyyaa har’aa 01/03 2016 Godina Horro Guduru Wallagga Aanaa Amuru mana barumsa sad 1sada 2 fi BLTO Mormii Issani har’a boda barumsa hin baranuu jechuudha debi’ani galaniruu. Mgaalaan Amuuruu tun bakkoota mormiin baatii afran darbaniif osoo addaan hin citin cichaan itti geggeeffamaa jiru keessaa tokko.

#‎OromoProtests‬ in Horro Guduru Wallagga, Amuru, Oromia, 1st March 2016

 

#‎OromoProtests‬ continues across Oromia so is the killing. Today Agazi forces killed two brothers Teka Qabata & Boja Qabata in Shukute town, Jaldu district, West Shawa March 1, 2016. Jaldu district suffered one of the worst massacre during the first phase of the protest in December where the regime killed over 20 people people. May they join our martyrs in heaven.


Mormiin Oromoo golee Oromiyaa cufatti itti fufeet jira. Ajjeechaan Wayyaanetis akkasuma. Guyyaa hardhaa Shawaa Lixaa Aanaa Jalduu magaalaa Shukkutee keessatti obbolaa lama Takkaa Qaabataafi Bojaa Qaabataa rasaasa diinaatiin wareegamanii jiran. Waaqayyo wareegamtoota keenya biroo waliin jannataan haa qanananiisu


Godina Lixa Shaggar Magaalaa Aanaa Meettaa Roobii,Aada’aa Bargaa fi Mogooritti Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa Gaggeeffamaa Jiruun Walqabatee mootummaan wayyaanee kallattiidhaan Oromiyaa waraanaan bulchuuf waan murteesseef, Warraaqsii uummataa kallattii hundaan jabaatee jira, guyyaa har’aas tajaajillii geejjiba konkolaataa dhaabbatee jira. haaluma wal fakkaatuun Uummatni Oromoo jiraattootni Aanaa Meettaa Roobii, Adaa’aa Bargaa fi Mogoor taajajjilaa Geejjibaa konkolaataa dabalatee Omishnii qonnaa Midhaan Nyaataa, Midhaan zayitaa fi bu’aan Baadiyyaa irraa argamuu kamuu akka gabaan hin dhaabanneefi Magaalaa finfinneettis akka hin geeffamnee Murtii dabarfachuun, Gabaan Aanota kanneen keessatti guutummaatti akka dhaabbatu murteessan.

Gabaan utuu hin dhaabbatiin oole

 

 

Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Warraaqsa biyyoolessaa Oromiyaa Gaggeeffamaa jiruun Walqabatee mootummaan wayyaanee kallattiidhaan Oromiyaa waraanaan bulchuuf waan murteesseef Ummanni kallattii hundaan Diddaa Isaa FXG jabeessuun Guyyaa har’aa magaalaa Amboo keessatti taajajillii taksii fi baajajjii Guutummaatti dhaabbatee jira. Yeroo amma kana sochiin Geejjibaa dhaabatee jira.

 

Ambootti sochiin geejjibaa dhaabbatee oole

 

#OromoProtests (1st March 2016) In Chalanqo, East Hararge, Oromia,  young  woman confronted TPLF fascist forces and told them to get lost when they  tried to stop and search her.
===========
Gootummaa intla Oromoo intala murti guutoo tanaa laalaa mee.Suuraan tun ganama kana hararge baha magaalaa Calanqotti kaafamte. Oromtittiin tun Agaazii kararratti isii dhaabee sakatta’uu yaalee ‘ati dhiiraa quba nati ladhu mee ni gartaa jaaten!!

Oromo Woman confronts Agazi in Calanqoo

 

‎#OromoProtests‬ (1st March 2016) in Awaallee, East Hararghe, Oromia
Bitooteessa 1, 2016 Godina Harargee Bahaa magaalaa Awallee gandaa amboo bakka janii hirriraa bahani mormii cimaatu geggeeffamaa jira..Alaabaa ABO fudhatanii dhaadannoo ajaa’ibaa dhageessisaa oolan.

 

#OromoProtests‬ (1st March 2016) in Awaallee, East Hararghe, Oromia

 

#OromoProtests in Mana Sibuu, Bengu’aa village, 1st March 2016

#‎Oromoprotests‬, Bitooteessa 1, 2016 Lixaa wallagaa Aanaa Mana sibuu,  Gaanda Bengu’aatti barattooti mana baruumsa sad. 1ffaa hiriira taasisaa oolan.

 

#OromoProtests in Mana Sibuu, Bengu’aa village, 1st March 2016

 

 

#OromoProtests‬ (1st March 2016) in Qarsaa town. Oromo nationals Muraadii and Kadir Siraj Ahmed killed by fascist Agazi forces.

Qeeyroon Mrti-Guutoota Harargee fincila mirga abbaa biyyummaatiif taasiisaa jiran daran cimsani itti fufani jiran.
Mormii guyyaa arraa Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaa magaalaa Qarsaatti jiraatootni qonnaan bultootni xiqqaa guddaan dhalaa fi dhiirrii tokkolleen osoo hin hafne hiriira gaggeeyfamerratti hirmaatani falmi cimaa gaggeeysaa oolan ammaas ittuma fufeeti.jira sabboontootni danuun wareegamaniru madaawanitu.
kanneen suuraa armaangaditi arkitan kin wareegamtoota keeysaa isaan suuraa saani arkanneedha.
Inni raasaasni irree isaatiin seente kun MURAADII ja’ama yeroodhaaf maqaan abbaa isaa hin beekkamne. Inni faashaan qaama guutuu hidhaa kun ammoo KADIR SIRAJ AHMAD dhalataa G/H/B/A qarsaatii; isaan lachuutuu mormii ganammee guyyaa arraa jachuuniis salaasaa, 1/03/2016 harka wayyaaneetiin wareegamanii gara fuula rabbii isaanii galan.
Wareegamtoota keenyaa waliin jannatatti itti haa tolu.

#OromoProtests‬ (1st March 2016) in Qarsaa town. Oromo nationals Muraadii and Kadir Siraj Ahmed killed by Agazi


 

 

Click here for #OromoProtests updates, November 2015- February 29, 2016

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: