Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) April 30, 2016
Posted by OromianEconomist in #OromoProtests , Oromia , Oromo .
Tags: #OromoProtests , Africa , Human Rights violations against Oromo People , Oromia , Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa , Oromo trackback
Gincii, Amboo, Jalduu, Gudar, Giddaa Ayyaanaa, Mandii, Najjoo, Laaloo Assaabii, Jaarsoo, Gullisoo, Bojjii, Gujii, Dambi Doolloo , Gimbii, Naqamtee, Buraayyuu, sabbataa, Dirree Incinnii, Adaamaa, Harammayyaa, Mattuu, Baale (Robee), Madda Walabu, Walliisoo, Tulluu Boolloo, Sulultaa (Caancoo), Horroo Guduruu, Buuraayyuu, Dirree Dhawaa, Calanqoo, Ada’aa Bargaa, Baddannoo, Holootaa, Shaashee, Awaday (E. Harargee), Hara Qallo (Goro Dola, Gujii), Gaasaraa (Baalee), Bulee Hora, Jimmaa, Arjo, Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu, Ciroo, Dodolaa, Anfilloo (Mugii), Walqixxee, Diillaa, Bishooftuu, Finfinnee, Yuniversiitii Finfinnee, Geedoo, Asallaa, Shaambuu, Agaarfaa, Sibuu Siree, Kotobee, Wacaalee, Saalaalee, Machaaraa, Ammayyaa, Tokkee Kuttaayee, Innaangoo, Baabbichaa, Laaloo Qilee, Hiddii Lolaa, .Mugii, Arsi Nagallee, Baabbichaa, Shukutee, Baakkoo, Shukutee, Baakkoo, Jalduu, Gindoo, Buun’dho Beddellee, Grawwaa,Gaara Mul’ataa, Qarsaa, Qobboo (Dardar, Eastern Oromia), Sinaanaa (Baalee), Jimmaa Arjoo, Bojjii, Kombolcha, Aggaaroo,Tajji (Iluu), Qilxuu Kaarraa, Baabboo Gambel, Daawoo,Tulu Milki (Warra Jarso), Hirnaa, Xuulloo, Masalaa, Galamso, Bordode, Mi’esso, Waheel, Diggaa, Arjoo Guddattuu, Guraawa, waamaa Adaree, Shabee Somboo, Limmuu Saqaa, Amuruu (Agamsa), Daroo Labuu (Gaadulloo), Yaabelloo, Aliboo (Jaartee Jardagoo), Saasigga, Magaalaa Dafinoo, Dhumugaa, Daroo Labuu (Buraysaa) Begii (Kobor), Mardida Halo Guba (Daroo Labuu), Qassoo, Bonayyaa Boshee, Baalee (Dalloo Mannaa), Jimmaa Raaree (Magaalaa Gobaan), Nophaa (Iluu)……………
Gabaasa FDG Oromiyaa Sadaasa (November) 12, 13, 25, 26, 27, 28, 30, Muddee (December) 1, 2, 3, 4,5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13,14, 15, 16, 17/18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27,28, 29,30, 31…. 2015
Amajii (January) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13,14, 15, 16, 17,18,19, 20,21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29,30, 31……2016
Guraandhala (February) 1, 2, 3,4, 5, 6, 7, 8,9, 10,11,12,13, 14, 15, 16, 17,18,19, 20, 21,22, 23, 24, 25, 26, 27, 28,29………… 2016
Bitootessa (March) 1, 2, 3,4, 5,6,7,8,9, 10, 11,12, 13,14,15, 16,17, 18, 19,20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 2,28, 29, 30, 31 …………2016
Ebla (April), 1, 2, 3, 4, 5,6, 7,8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17,18, 19,20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30……… 2016
Press Statement: The United States is deeply concerned by the Government of Ethiopia
Freedom for Bekele Gerba and all political prisoners in Ethiopian prisons
U.S. Senators Amy Klobuchar and Al Franken condemned the lethal violence used by the government of Ethiopia against hundreds of Oromo protesters. #OromoProtests
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/29/u-s-senators-amy-klobuchar-and-al-franken-today-condemned-the-lethal-violence-used-by-the-government-of-ethiopia-against-hundreds-of-oromo-protesters-oromoprotests/
Ilhan Omar denounces crimes against humanity being committed in Ethiopia
http://www.ilhanomar.com/news/2016/4/25/ilhan-omar-denounces-crimes-against-humanity-being-committed-in-ethiopia
U.S. Senators Condemn Ethiopia’s Crackdown on Civil Society
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/21/12-u-s-senators-condemn-ethiopias-crackdown-on-civil-society/
Human Rights league: The TPLF Hidden Agenda of Reducing the Oromo Population Must be Stopped
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/19/human-rights-league-the-tplf-hidden-agenda-of-reducing-the-oromo-population-must-be-stopped/
Date: Tuesday, April 19, 2016 – 11:00am
Location: 2255 Rayburn House Office Building
Announcement
Please join the Tom Lantos Human Rights Commission for a briefing on the current human rights situation in Ethiopia.
https://humanrightscommission.house.gov/events/hearings/human-rights-ethiopia-update-0
IPS: Ethiopia’s (Fascist TPLF) Smoldering Oromo. #OromoProtests
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/11/ips-ethiopias-fascist-tplf-smoldering-oromo-oromoprotests/
FP: Dispatch: The Rotten Foundation of Ethiopia’s Economic Boom. #OromoProtests
FP: Dispatch: The Rotten Foundation of Ethiopia’s Economic Boom. #OromoProtests
Martial law in Oromia: The state is now under 8 military divisions controlled by Fascist TPLF warlords from Tigray.
Martial law in Oromia: The state is now under 8 military divisions controlled by Fascist TPLF warlords from Tigray.
XIINXALA
Haala Waliigala Yeroo Ammaa Oromiyaa fi Itoophiyaa Irratti Xiinxala Obbo Jawaar Mahammad
#OromoProtests, 27 April 2016:
This is a hand written defense statement of Okello Ukuay, former president of Gambella region who was recently sentenced to 9 years imprisonment. In this defense statement he explains that he left his presidency in 2004 because Meles Zenawi and his regime pressured him to lie saying the massacre of over 400 people in the region was caused by enter-ethnic conflict between Agnuak and Nuer groups.Instead he asserts that the massacre was planned by TPLF leaders and carried out by the army. Okello also claims that the Ehtiopian regime was able to capture him in Juba ( South Sudan) by paying 23 million dollars to buy him and 6 Oromo refugees. This is an interesting read which gives us some insight about the ongoing conflict and mass killing in Gambella region. Source: Social Media and Jawar Mohammed
#OromoProtests, Dirree Dhawaa, 29 April 2016
Fincila diddaa garbummaa sabboontoota magaalaa Dirree Dhawaa kan Ebla 29 bara 2016
Ebla 29,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Eelaa keessatti Poolisootni Kora Bittinneessaa Oromiyaa manneen namaa cabsuun dubartoota gudeeduu fi saamicha irratti argamu. Yeroo waraanni agaazii ummata keenya fixaataa jirutti, poolisootni kunniin immoo mana namaarra naanna’uudhaan dubartoota (keessattuu barattoota) gudeeduu, qabeenya saamuu fi reebichaan dararuu haalaan itti fufaniiru. Keessattuu, kan nama gaddisiisu yommuu diinni ummata keenya fixaa jirutti ummata cinaa dhaabbachuu dhiisuun gochaa badii akkanaa ummata ofiirratti raawwachuudha. Kanaafuu, kana booda gochaawwan akkanaa irraa hatattamaan of hin qusatan taanaan tarkaanfiin Wayyaanee eeggatu sadarkaa jalqabaatti akka isaanirratti xiyyeeffatu beeku qabu jedhu jiraattotni magaalichaa.
Barsiisaa Girmaa Tujubaa jedhamu Godina W/Lixaa Najjootti dhalatan. Digirii isaanii jalqabaa Yunbarsiitii Gondor irraa “Marketing management” dhaan xumuran sana boodas Mana barumsaa Qophaa’inaa Naqamteetti barsiisaa ta’anii ramadamuun hojii barsiisummaa itti fufan, B/saa Girmaa Qaxalee aadaa hojii cimaa akkuma Oromoota bara durii sanaa kan qabu waan ta’eef Yeroo isaa Barsiisummaadhaan M/B Qophaa’inaa Naqamteetti dabarsu irraa kan hafu akkanumaan balleessuu waaan hin barbaannef , dabalataan Yunbarsiitii Riiftivaalii dame Naqamteetti ramadamuun Dukkana doofummaa uummata keenyatti baay’ate sana lammiiwwan isaa lubbuu isaa caalsisee mararfatu sanarraa kaasee waaroo qoroominaafi ifa barnootaa argamsiisuufiif kutannoodhaan utuu hin nuffiin barsiisuu itti fufan Nama baay’ee sabboonaa M/b saa lamaanittuu sabboonummaa isaaniin dorgomaa hin qabne turan gaafa guyyaa 26/03/2016 wayyaaneen galgala naannoo sa’a 1 fi 2 gidduu utuu isaan Barsiisaa turanii galanii Yuunvarsiitii Riifti vaalii fuulduratti konkolaataadhaan irra baasuun ajjeesan. Waan nama gaddisiisu takkaa dhahanii erga kuffiisanii booda si’a lama irra deebisuun ajjeesan.
torbanuma sana keessa M/B qophaa’inaa Naqamtee keessa seenuun koottuu jedhanii isa waaman Innis dhimmi diinota warra dhiiga Oromoo dhangalaase bira na fidu hin jiru jechuun, didee biraa deeme, jarris torban kana yoo ati ati jairaattehoo jedhanii, deeman.ajjeefamuun isaas sanaa booda B/saa Girmaa Tujubaa gosa barnootaa “General Bussiness” Kutaa 11ffaafi 12ffaa barsiisu. Sabboonummaa isaaniifi Amala isaa gaarii, inni
qabu irraan kan ka’e Barattootaafi oromoota hedduu biratti jaallatama guddaa kan argatedha.
FXG baranaa keessattis adda durummaadhaan barattoota Gorsa qalbii namaa ijaaran ciccimoo, gorsaa tureera. barattoota Mana hidhaa turaniifi agaaziin caccabsitee qormaanni jala darbe utuu hin rakkisiin qabxii gaarii kaa’aafi turan, Barnoonni bilisummaa booda ilaalcha jedhu qabatanii Barattoota Oromoo gargaaraa turan.
sodaa tokko malee Daree keessatti basaastonni lammii keessan dabarsitanii diinaaf hin laatiinaa, Abdiin uummataa barataa akka ta’e barataan falmachuu akka qabu, Ifaaf ifatti gorsaa ture, gochaa diinummaa agaazonni wayyaanee, barana Oromoorratti raawwatte barattoota fuulduratti Daree keessatti dubbachuun gochaa diinaa balaaleffatee, barattootasaatti diinummaa diinaa karaa garaagaraan bifa yoomuu sammuu barattootaa
keessaa baduu hin dandeenyeen himaa ture, Fakkeenyaafis wantoota shanan oromoon ajaa’ibu akka armaan gadii kanatti Barattoota Koo Oromoon waa shan ajaa’iba
1. Biqiltuu guddachaa jiru ol adeemaa karaatti hin muru
2,yeroo adamoo adamsu bineensa qe’ee namaatti baqate hin ajjeesu, abbaan qe’ees dabarsee hin laatu
3, Haadhaafi Ilmoo walirratti hin ajjeesu
4, Bineensa hormaataaf quunnamtii gochaa jiru hin ajjeesu, warra wal horu ajjeesuuf “genocide” sanyii duguuggaadha,
5, Bineensa rimaa (garaatti baattu) hin ajjeesu. Kun waa shanan oromoon ajaa’ibu dha
Barana garuu warra agaaziin Ilmaan Oromoo irratti gochaan raawwatame faallaa waan kana hundaati. Oromoon dhala namaaf dhiisiiti bineensaafu hamma kanaa kabaja kan laatudha garuu barana ija isaa duratti dhalli isaa hamma bineensaayyu kabaja dhabani. Qabsaa’aa BBB gochaan akkanaa oromoorra akka dhaabbatuuf falmadhaa,
Kan lammiisaa garbummaa jalaa baafatu lammii baratedha Oromoon siniin qaba adaraa hin laafiinaa jechaa ture basaastuu taatanii immoo obbolaan keessan dabarsitanii hin laatiinaa, waan harra sin nyaattanii bultan boor udaan ta’a waan ajaa’aa kanaaf jettanii adaraa saba keessan diinaaf hin laatiinaa lammii keessan waliin dhaabadhaatii farra diinaa ta’aa malee akka Goobanaa lammii keessan gantanii farra Oromoo hin ta’iinaa. jechaa ture, gorsi isaa waan kana qofa miti waggaa lamaan Isa waliin jirru kanatti kaninni nu gorsaa ture hunda , barreessee hin fixu barattoonni hundi utuu akka qaroo ija isaaniitti ilaalanii diinni keenya wayyaaneen Hayyuu keenya kana karaatti dhaamsite.
Reeffi isaas gara biyya dhalootasaa Najjootti ergameera.Barattootni Kutaa 12ffaas guyyaa harraa Suuraa isaa irratti Hayyuu karaatti dhaame jecha jedhu barreeffatanii dungoo ibsuun Mana barumsaa irraa ka’anii hanga Mana Haadha warraa isaatti boo’aa deemaniiru.Waan nama gaddisiisu B/saa Girmaa Tujubaa misirroo eega bultii ijaarratee waggaa tokko kan hin guunnedha.Kana malees nama dandeettii guddaa qabudha, M/B Qoph. Naqamtee waaree duraaf booda shiiftii lamaan utuu barsiisuu yeroo isaa irraa hafe immoo Yun.Riifti vaalii barsiisa .
guyyaa konkolaataan rukkutanii Isa ajjeesan sana uummannifi barattoonni yaa’anii konkolaataa raayyaa ittisa biyyaa B/saa Girmaa rukkutte sana kan caccabse yoo ta’u, turtii xiqqoo booda waraanni agaazii dhufuun uummata hiraarsuun qawwee dhudhukaasaa ,nama tumaa turan, B/saan Girmaa gara Hospitaalaa geeffamus gommaan konkolaataa si’a lama sammuu isaarra waan ba’eef hafuu hin dandeenye, waan baay’ee nama
gaddisiisu takkaa gommaa irra baasuun lammaffaa gommaa irra deebisanii gommaan konkolaatichaa akkuma qaama Barsiisaa Girmaa dhahetti irratti dhiisanii badan Konkolaatittis uummatatu dhiibee qaama isaarraa buuse.
Ebla 28,2016 ,Godinaalee Arsii magaalota Seeruu, Habee, Robee Diida,aa Hurutaa, Hasaasa, Qoree fi Ajjee keessatti poolisiin federaalaa ummata sakkataa,aa jiru Poolisiin Oromiyaas erga oromiyaan ufii uf bulchiti ta,e feederaalli maal godha nageenya ummata keenyaa eegudhaaf nuti gahaa mitii jechaa jiru mootummaa naannichaa gaafataa jiru.
#OromoProtests 27 April 2016
Ebla 15 bara 2016, Guyyaa yaadannoo goototaa sababeefachuun Wallagga lixaa mana barumsaa qopha’inaa Gimbiitti qeerroon bilisummaa guyyaa goototaa kabajuun hanga mirgi abbaa biyyummaa oromoo mirkanaawutti Qabsoo murannootaan itti fufuufa jechuun irbuu haarayoomfatan.
https://www.oromiamedia.org/2016/04/27/omn-oduu-ebla-27-2016/
https://youtu.be/PLy0vvrUrO4
https://youtu.be/vUNZ5mI7ZkM
Ebla 26,2016 Yuunibarsiitii Harammayaa muddama guddaa keessa seentee jirti. Basaasoti Wayyaaneee Nahom Balchaa jedhamu haleelan. Sababaa kanaan walqabatee waraanni hedduminaan gara mooraa Yuunibarsiititti seensifame.Goototni Barattootni Oromoos mooraa keessa akka gadi hin baanee human waraanaan ittifaman.
Haala Kanaan Ebla 25, 2016 humni hin beekamiin basaasaa Wayyaanee beekkamaa kan ta’e maqaan isaa Nahoomaa Baalchaa jedhamu irratti tarkaanfii jabaa fudhataniiru. Basaasni Wayyaanee kun kan mooraa Yuunibarsiitichaa keessatti gochaa farruummaa barattoota Oromoo irratti dalagaa jiru yeroo garaagaraatti gochaa diinummaa kanarra dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin cimaan irratti fudhatame jedhu namoonni haala gochaa isaa xinxalan. Sababa kanaan walqabatee Waraanni Agaazii mooraa Yuubibarsiitichaa keessatti barattoota reebichaan dararaa fi jumlaan hidhaatti guuraa bule. barataan kamuu akka balbala hin baanef hanga har’a sa’aa boodaatti dhorkamaa turuu ibsaniiru.
https://youtu.be/3MDRN9iO38Q
https://youtu.be/-qT2Sp2WvcA
#OromoProtests: Dirre dhawaatti barattoonni mana barumsaa Laga Harree Ebla 15 guyyaa goototaa kan bara 2016 haala itti yaadatan
Ebla 25,2016 , Godina Arsii lixaa aanaa Doddolaa, Shaashimannee fi Kofaleetti waraanni mootummaa faashistii Wayyaaneen saamicha uummata Oromoo irratti raawwataa jiraatuu fi nama nagaa daandii irra deemus hidhuun beekame.
Kana males akka Qeeyroon godinichaa addeesssutti barataa hedduun ukkaamamaa jira mootummaa godina Arsii keessi guuutummaan ABO jechuun murteessee jala muree qabatee jira. kanaaf uummanni miidhamuun itti baayataa jiraachuu fi waraannis gocha saamichaa humnaan nama qabee daandii gubbaatti qarshii kiisiidhaa hanga saamutti gahee jiraachuu Wayyaaneen saroota badiisaa uumataatti gadhiistee jirti.
Baha shawaa magaala Bishooftuu fi Maqii akkasuma gugda booratti doorsisni uummatatti hammaatee akka jirutu gabaafame. Akka gabasni ibsutti mana mana irra deemuudhaan milishootni wayaanee fi kaabinoonni mootummaaf uummata kadhachuu fi araaraa fi doorsisas kan of keessaa qabu mana uummataa irraa deemaa akka jiran Qeeyroon gabaasee jira.
Mootummaa kana yoomiyyuu ofirratti hin feenu jedhanii deebii kenna jira. Nuti kan barbaannu Bilisummaadha kunimmoo kan dhufu mootummaan kun hamma oromiyaa irraa harka isaa deeffatu fi oromiyaan ofiin of bulchitu abbaa biyyaa oromiyaa haga dhufutti qabsoon keenyas itti fufa bilisummaanis yerooma sana dhufa jechuun uummanni godina baha Shaggar keessa diinaafaan qabachiisaa jira. Hidhaan uummanni mirga isaaf falmaa jiru maqaa shororkeessummaan komatamaa jira.
Sirni kabaja guyyaa gootootaa Ebli 15 fi hundeeffami Qeerroo Bilisummaa wagga 6ffaa miseensota Qeerroo Bilisummaa magaalaa Mandiin haala ho,aan kabajamee ooleera guyyaa kaleessaa 23/04/2016 ganama sa’a 02:30 irraa kaasee hanga sa’a 04:00tti Qeerroon Mandii kabajaa ooleera.
Akka gabaasa Qeerroo Mandiitti guyyaan kaleessaa magaalaa mandii keessatti bifa adda ta’een kabajameera!! dungoo qabdiisuun seenaa gootota darbanii kaasuun erga wal hubachiisanii booda, waadaa qabsoo isaanii irbuu walii galuun xumuraniiru. BAGA GGO GEESSAN!!!
Ebla 24,2016
Yakka tokko malee barattoonni Yuunibarsiitii Walqixxeerraa hidhamanii jiran 27 haala ulfaataa keessa jiraachuu Qeerroon achii dubbatu.Barattoonni kun gaaffii mirga abbaa biyyummaa waan gaafata niif qofa ragaa sobaa irratti qindeeffachuudhaan kan himataman yoo ta’u baay’ee isaanii Yuunibarsiitichi barnootarraa kan haqee jiru ta’ullee mana barnootaarraas dismissal erga ta’anii mana hiraarsa magaalicha keessatti akka hidhamanii jiraachuu akkasuma hidhaatii gadi lakkisuuf Mirga wabii kan eegsisaniif yoo ta’eellee dhabinsa namaaf osoo gadi hin dhiifaman jiraachuu mirga Wabii qarshii 5000 Kumashan shaniis yoo filannoof dhiyeesanillee baay’inaan barattoonni hidhamanii jiran kanfalachuu dadhabanii kunaanamaa jiru jedha odeessi Qeerroo gahe
Barattoota hidhaman 27 keessaa hedduun kaan abbaaf haadha kan hin qabne kaanis kanneen mana namaa ta’anii baratanii as gahan kaansaanii
hojii guyyaa hojjetaa baratanii as kan gahan ta’ullee carraa isaan mudatte kana qolachuun akkaan itti ulfaatee hiree isaanii dararama
taate kan dhamdhamaa jiru.
Yaadannoon Guyyaa Gootota Oromoo Sochii Warraaqsaan Yaadatama!!
Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo; Bilisummaa Oromoo
Ebla 22, 2016
Ebilli 15 Guyyaa Gootata Oromoon Cinatti baatiin Ebila Sochii Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (FDG-FXG) ifatti bifa qindaa’ee fi ijaarameen gaggeessuu itti eegallee waan ta’eef Qeerroo bilisummaa Oromoo; gootota barattoota dargaggoota/shamarran Oromoo fi Uummata Oromoo bal’aa biratti bifa adda ta’een Ilaalama. Gumaan gootota Oromoo kab bahu akeeka isaan itti wareegamaniif galmaan gahuu qofaan waan ta’eef guyyaan Yaadannoo kun sochii Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa jabeessuun warraaqsaan yaadatama!! Dhaamsa Gabaabaa Qeerroo; Bilisummaa Oromoo Ebla 22 2016
Qeerroon Bilisummaa Oromoo godina Harargee Lixaa magaalaa Asaboot keessaati guyyaa arraa Ebla 23/2016 walitti babahuudhaan gadda ilmaan Oromoo kan isaanitti dhagahame ibsachaa jiru. Rakkoo fii ballottiis, lolaa fii tolattiis isinii waliin jirra jetti Qeerroon magaalaa Asaboot!
Guyyaa har’aa Ebla 23,2016 Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yuniversitii Wallaggaa irratti duula hiriyyaa hin qabne banee FXG dhaamsuuf yaalu iyyuu barattooti hanga dhuma mirgi uummata Oromoo guutuutti mirkanaawu qabsoo itti fufuuf yeroo kanatti waadaa walii galaa jiru.
https://youtu.be/LFS2Ahs_D84
Ebla 22,2016, Godina Addaa oromiyaa Sulultaa toora taaksiin dhaabbattun daandii Finfinnee irraa gara Bahadar fudhatu Qeerroo magaalichaan cufameetu jira.Har’a ganamas humna bittinneessaa wayyaneetiin daandiin kun banamuun Qeerroon yoo gabaasu daandiiwwan keessoo magaalichaas dhagaawwaan gurguddaa fi mukeeniin cufamaanii jiraatuun odessi ibsa.Godina addaa oromiyaa kana Sulultaa irraa kaasee haga shawaa kaabaa Fiichee fi Gabra Gurraachaa dabalatee Fincilli barattootaan yoommuu itti fufu qaama uummataa fi Qeerroo keessaniis tarkaanfiin
diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamuun haala kana keessatti jabaataa jira.
Waraqaa warraqsaa Qeeyroos halkan edaa sulultaa fi caancootti facaame bule waraana Wayyanee mufachiisuudhaan waraqaalee qeeyroo magaalota kana keessaa sarootni diinaa funaanuu gabaasan dubbata.
Kana booda waraanni wayyaanee oromiyaa akka gadhiisuu fi konkolaataan Wayyaanees oromiyaa keessa akka hin sochoone qeeyroon tarkaanfii fi FXG jabeeffatee ittui fufeetu jira. Odeessa qeeyroo godinaalee oromiyaa hunda irraan guyyaa guyyaatti qilleensa irraan waraabbii waliin kan dhiyaataa deemu tahuu Qeerroon beeksisaa jira.
Ebla 21/2016 Godina Lixa Shaggaritti Magaalaan Amboo Gara Dirree Waraanatti Erga jijjiramee olee bubbulee jira,Goototni barattootni Oromoo Manneen Barnoota Sadarkaa 2ffaa Amboo biyyi keenya Waraanaan goolamaa utuu jirtuu, waraanni wayyaanee gandoota baadiyyaa hanga manneen barnootaa sadarkaa 1ffaatti qubsiifamee uummata keenya, ajjeesaa, saamaa, hidhatti ukkamsaa fi dhukaasee sodachisaa jiru hanga Oromiyaa gadhiisee bahuun hanga seeratti dhiyaatuttii qoramtaas hin fudhannuu Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa itti jirruun bilisummaa keenyaa fi Walabummaa biyya keenyaa ni mirkaneeffanna jechuun qoraata hin fudhan nuu jechuun sagalee mormii dhageesisuun gara maatiitti deebi’an. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Amoo dame Awwaroo mormii isaanii akkuma itti fufanitti jiruu, waraanni Wayyaanees mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa buufatee barattoota goola jira. halkan edaas Waraannii Wayyaanee of irratti wareeruun dhukaasaa uummatarratti reebaa bulee. Godinicha keessatti tarkaanfiin rifachiisaa fi haleellaan gootota ilmaan Oromoo human ittisa Oromoon eegalames magaalaa Amboo fi Aanota Godinichaa hedduu keessatti daran jabaachuun itti fufee jira. Aanotaa Godinichaa cufa Keessatti Diddaan uummata Oromoo daran jabachuun itti fufee jira, Sochiin diddaa kanfaltii Gibra fi buusii mootummaa abba irree dhorkachuus haalaan hojii irra olfamuun uummatni Oromoo eenyummaa isaa diinatti argisise.
Ebla 21,2016 Shaggar lixaa magaalaa Gudaritti barattoonni sad.1ffaa Odaa Baree ebla 21,2016 yeroon qorumsaa fi barumsa miti yeroon yeroo FXGti jechuun barumsa dhaabanii jiraachuu Qeerroon yeroo ammaa kana gabaase jira.
Yuunivarsiitii Amboo damee Awwaarootti Ebla 15,2016 barattoonni diinaa muraasi qormaata qoramuuf yaalanii barattoonni Qeerroon gachasaanii mormuun fincila kaasanii konkolaataan ambulaansii moorichaa irratti tarkaanfin fudhatameera. Guyyuma kana magaalaa keessaatti jiraattottaa fi barsiisota yuunivarsiitii Amboo lamiilee hindii ta’an iratti tarkaanfii fudhataniin kondominiyeemii isaan itti galan caccabsuudhaan qabeenyaa qarshii 1000, tv fi laptop hedduu irratti qeerroon magaalichaa tarkaanfii fudhachuun gabaafame. Alagaan magaalicha keessa jiraatus yeroo dhiyooti akka gadhiisu akeekkachisni itti kennamee jira.
Yuunivarsiitii Wallaggaatti guyyaa mutraasa dura qeerroon 2 ganama ciree irratti qabamanii ukkaamfamuun isaniin kan ka’e FXG itti fufee akka jiru Qeeyroon gabaase jira.
Naannoo amaaraa shawaa kaabaa aanaa Antsookiyaa Gumzaatti ganda Mmaajetee Aanaatti haaguddatu gaaffiin jedhu waan kaasaniif bulchiinsii aanaa ,humni nageenyaa,poolisii waltahuun uummata haasofsiisuuf walgahii godhan irratti jalqaba irratti qajeelcha humna nageenyaa kan ture asgellel gaaffii karaanagaa hin dhiyeessitan taanaan adda adda keessa rukunnee tasgabbeessina yaada jedhu kennuusan dargaggoonni 100.ta’an wal gahanii lola kaasanii walgahichi osoo hin gaggeeffamiin hafuun fincilli kun har’as itti fufee jiraatuun gabaafameera.
Kaleessa galgala godina addaa oromiyaa magaala Sabbataa ganda 01 keessatti bakka giddu galeessa gabaatti waraqaaleen dhaadannoon bittimfamee jira. warqaaleen kunis
– Hamma yoomitti kantiibaa fi poolisii soorra isheen yoo nyaattes hin quuftu
– Lammiileen biroon as keessa teessanii oromiyaa mootummaa deggertan gadhiisaa
– Nuti uummata oromoof qabsoofna qabsoon keenyas ittuma fufa
– Hidhaan itti fufeera kanaaf wayyaanee jabaannee ofirraa galchuu qabna
Kan jedhan waraqaan kaleeysaa bittiimfamanii akka jiran Qeerroon gabaasee
jira.
Ebla 21,2016 Balaaleffannaa mootummaa nama nyaataa Waayyaanee uummatni Oromoo daran jabeessuun perperama hamaa keessa kan galchee jiru Shororkeessitoota Mootummaa kan dhiigaa lolaasuu baran bakka lixaa dhorkaa jiraachuun argamaa jira.Kanas dhaamsuuf malaaf tarsiimoo
hedduu itti baafatanis Sochiin Uummatichaan bahaa hanga dhiyaatti adeemsifamaa jiru dhowwuun galaana qabanii dhaabuu itti ta’ee jira Har’a Lixa Wallaggaa magaalaa Mandiif Najjoon Fincila jabaarra turusaanii qeerroon Lixa Oromiyaa gabaasa isaan ni ifoomsa.Sababaa kanaaf akkuma amaleeffatan Uummata hidhuuf reebuutti kan fulleffatan abbootiin irree Galgala kana magaalaa Najjoorraa mana Uummatarraa deemuun hawwaasa nagaa qabanii mana hiraarsaatti guuraa jiran sababaa harra mana barumsaa qophaa’inaa Najjoorra warraaqsi turef. Amma saatii ani barreessaa jiru kanatti rasaasatu naannoo istaadiyeemii 2 ffaa biraa dhagahamaa jira.
Ebla 21, 2016 Godina Dhihaa Oromiyaa Bahaa Wallaggaa fi Aanoota Godinichaa cufa keessatti FXG haallan jabaachuun walqabatee mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn Uummata Oromoo hoomaa waraanaa irra qubsiisuun goolaa jirti, qabeenyaa jiraattoota Oromoos saamsisa jirti.
Uummtni Oromoo gootummaa guddaan diina hanga funyaanitti hidhatee karaa nagaa qawween sagalee keenyaa dhaabuu hin danda’uu jechuun warraaqsaa FXG kan marsaa 5ffaa itti fufee wareegama baasuun falmachaa jira. Magaalaa Naqemtee keessatti barattootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qophaa’ina sagalee mormii isaanii utuu wal irraa hin kutiin dhageesisuun hanga guyyaa har’atti sirni baruu fi barsiisuu waraanaan kan goolamee fi dhaabbatee jiraachuun beekamadha.Mooraan Yuunibarsiitii Wallaggaa fi Magaalaan Naqemtee
guyyuu waraanaan goolamaa olaa jira. Aanota Godinichaa kanneen akka Giddaa Ayyaanaa, Heebantuu, Saasiggaa, Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Sibuu Siree, Nunnuu Qumbaa, Gatamaa, fa’aa keessattis sirni baruu fi barsiisuu dhaabbatee sochiin FXG abbaa irree of irraa qaarisuu itti
fufee jira!!
Oromo Martyrs Memorial Day: Ebla 15 Bara 2016 Qeerroon Yuniversitii Wallaggaa Guyyaa Gootota Oromoo Kabajachuun Ibsa Ejjennoo Baafatan.
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/15/oromia-oromo-martyrs-memorial-day-ebla-15-bara-2016-qeerroon-yuniversitii-wallaggaa-guyyaa-gootota-oromoo-kabajachuun-ibsa-ejjennoo-baafatan-oromoprotests/
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Ebla 15 Sabboontoowwaan ilmaan Oromoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Kan magaalaa Awwadaay jiratan guyyaa Ebla 15,2016 kabaja guyyaa Gootota Oromoo sababeefachuun tuutni Qeerroo Aawwadaay sabboontoota gaara mullataa baddannoofii bakka garagaraa irraa dhufan wajjiin qophii qopheefataniin gootowwan Oromoo kan wareegaman yaadachuun qabsoo diddaa gabrummaa itti fufuun gumaa jaallan keenyaa bilisummaan baasuuf irbuu harayoomfatan.
Ebla 20,2016 Magaalaa Finfinnee keessatti hanqina geejjibaafi taaskii magaalattiin uummati akka kanatti rooba keessa ijaajjee hiriiraan taaskii eeggata
Daandii baaburaa magaalaa Finfinnee keessaa bakki inni hincqaqqabnee naannoo hawaasi Oromoo baay’inaan jiraatu fi hanqina taaskiitinis,bakkuma hawaasi Oromoo itti heeddummaatudha
Magaalonni Godina addaa naannoo Finfinnees kanneen malaammaltummaan manca’aniifi gidduu kana magaalaa Buraayyuu irraa lafti hojjettoota mootummaaf hirama waan jedhameef saboonni biroon waraqaa eenyummaa magaalichaa matta’aa guddaan fudhatanii ittiin wal galmeessaa akka jiranis beekameera
Suurri asiin gaditti argamu kun uummata Finfinnee Askootti rooba keessa didaabee illee utuu of irraa hin qabaatin taaskii eeggatu kan agarsiisudha
Guyyaa har’aa Ebla 20,2016 Humni waraana Federaala Wayyaanee guutummaa mooraa keessaa fi ala Yuuniversiti Wallaggaa goolaa jira. Barattooti Oromoos gaaffii mirgaa fi diddaa sirnichaaf qaban daran daran jabeessaa jiru.
(SBO Bitootessa 19 Bara 2016) Koongirasiin Amarikaa Dhimma Dhiitamiinsa Mirga Dhala Namaa Oromiyaa keessatti geggeeffama jiru irratti bakka ummatin oromoo BiyyaAmarikaa Kutaa Bulchiinsa gara garaa, Biyya Kanadaa kutaa Ontaarihoo Magaalaa Ottawaa fi Torontoo argamanitti rakkoo Saba oromoo irra mootummaa TPLFn gahaa jiru dhaggeeffachuun mootummaan Amarikaa dhimma kana kan yeroo kamii caalaa xiyyeeffanaa itti kennuun akka faana bu’anu Kongiras Tom Lantos dubbatan.ummatin kumaatamaan waltti dhufe kun Daandiiwwan Washington DC gurgguddoo cufsiisuun Hiriira Nagaa guddaas geggeeffataniiru.
“There is nothing as powerful as an idea whose time has come. The Oromo’s time has come. What the Oromo did yesterday in Washington honored the sacrifices of the # OromoProtests in Oromia.”
Bonnie Holcomb
Ebla 18,2016, Yuunibarsiitii Wallaggaa irraa Barattoonni ja’a fincila xumura garbummaa tiin wal qabatee yeroo ari’aman barattooti saddeet immoo guyyaa borii tti beellamaan akka jiran beekameera
Barattoota engineering waggaa 1 ffaa laman beeka ani:
1.Baahiruu Kabbadaa Dabalaa.
2.Dinqaa Taammiruu Bulchaa fi kkf gara ijoollee 6 har’a ari’an. Boruttis ijoollee 8 gara kutaa displenetti waanan. sababa mid.exam wal qabatee rakkoo guddaatu uumamaa jira
Ebla 18/2016 Hooggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baqattoota Ilmaan Oromoo biyya Egypt Cairo irraa dooniin utuu gara biyya Italy imalaa galaana Mediterranean irra Imalaa Jiranii dooniin Galaanaa Keessatti dhidhimtee Ilmaan Oromoo qaaliin Lubbuun Wareegamanii Irbaata Qurxummii taan Yeroo Dhageenyutti Gadda Guddaatu Onnee keenya irraa nutti dhagaaame jirachuu ibsuun, Guddaa guddaa Itti dhagaame jiruu Ibse. Jiruuf Jireenya gabrummaatu kana nutti fidee jechuun gadda Itti dhagaaame Ibsee jira!!
Ilmaan Keenyaa dhaloonnii kichuu galaanaan nyaatamanii wareegamuun hirbaata Qurxummii taan kanaaf sababaa guddaan jiruuf jireenya gabrummaa mootummaa abbaa irree wayyaanee ilmaan Oromoo biyyaa irraa ariiatu tauun ifaadha, dhumaatii ilmaan Oromoo kallattii hundaan gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO tauu hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun hubachiisae!!
Ilmaan Oromoo Dargaggootii balaa kanaan Wareegamaan keessa kanneen maqaan isaaniifi Suuraan isaanii argamee keessa:
1. Dargaggoo Sabboonaa Muraad Abdii
2. Shamarree Lammii Shaafii
3. Dargaggoo Abdisaa Barshoo
4. Dargaggoo Toofiqoo Abdallaa
5. Shamarree Aliizaar Xaahir
6. Kan Maqaan isaanii adda hin bahiin Haadha Ilmoo fi abbaa Manaa Dabalatee ilmaan Oromoo Hedduun balaa kanaan galafatamaniif Gaddaa Guddaatu Onnee keenya irraa nutti dhagaaame, Maatii fi Firoottaan isaanii hundaaf jajjabina hawwinaaf jechuun Dhaamsa Gaddaa uummata Oromoo fi Maatii wareegamtootaaf Dabarsee jira!!
Dhumarraatti Uummata Oromoo waliigalaaf qeerroon Bilisummaa Oromoo diina biyyaa irraa nu ariiatu jalaa dheessuu hin qabnu uummata keenya waliin wal taanee falmannee falmachiisuun wareegama fedhee baasnee bilisummaa keenya gonfachuun dirqama ilmaan Oromoo hundaa tauu fi balaa n guddaa kun sababaa jiruuf jireenya gabrummaa irraa kan dhufee tauu hubachuun biyyaa keenyaarratti falmannee wareegamuun Warraaqsaa Marsaa 5ffaaf gaggeessaa jirru kanaan diina of irraa gaggeessuun bilisummaa keenya akka kabachiifannuuf waamicha keenya jabeessina!!
Injifannoon Uummata oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Maatiifi Firoottan wareegamtootaaf jajjabina hawwina!!
Mirga abbaa biyyummaa deebifachuf Daran sochiin uummati taasisaa jiru bakkeewwan hedduutti finiinfamaa jiraachuu odeessi Qeerroo tibbanaa nii ifoomsa Haaluma kanaan Magaalaa Qassoo keessatti jala bultii yaadannoo Gootota wareegamanii gummacha gootonni keenya Shinigaatti kaffalan yaadachuuf jala bultiirraa kaasee magaalattii keessatti mandheen Qanaa’aa Janaa bifa gaariin yaadate ooleera.guyya kana dursuun sochiin magaalattii keessatti barattootaan eebila 13,2016 irraa egalee dhohe hanga haraatti itti fufee jira.Guyyaa sanas dhaadannoof Kakuu
gurguddaan barattoonni mana Barumsaa Qassoo sadarkaa 2ffaa fi 2ffaa akkasuma hawwasni magaalattiif naannooshee kan eegalan yoo ta’u
sirboonni warraaqsas gaafas guutummaa magaalattii hanga sochoosuuf ka’utti Gobii Lamaan wallifamaa turuu qeerroon achii dubbata,barattoonnis hanga har’atti mana barumsaa addaan kutanii akka jiran dubbatamaa jira.Kunis murna bichuu waayyaaneef ergamtushee OPDO sodaaf rifaatuu guddaa keessa galchun hidhaatti fulleefachaa jiraachuu Qeerroon achii gabasaa isaan ifoomsa.Barataan Nagaasaa Beekumaa Qabamee bakki geeffames wal’alamee jiraachuu,Barataa kana erga sochiin magaalaa sanaa eegalee adamoo guddaa keessa turuusaa akkasumas yeroo gara yerootti dararamaa erga turee qabamee amma argansaa dhabamee jirachuun ittuu sochiin magaalattii Uummataan makatee daran akka hin dhabbanne taasisaa jiraachuu dhaga’amaa jira
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
#OromoProtests in Ambo, 15 April 2016
Mormiin Barattoota Universitii Ambo keessati Ebla 15 bara 2016 itti fufe jira
#OromoProtests @Nekemte Calalaqi Elementary School, Oromia, 15 April 2016
#OromoProtests @Najjoo, West Wallaggaa, oromia, 15 April 2016
Barruuleen raabsamaa fi maxxanfamaa jiran kuniin qabxiilee 12 kan of keessaa qaban yeroo ta’u.
1 Qe’ee irraa buqa’uun uummataa haa dhabatu kaneen buqifamaniif beenya haa kenamu 2 Gibbirrii daldalaaf qotee bulaa keenya irraa hiratu
3 Hiidhaa fi ajeechaan haa dhabatu
4 Bartoonnii fi barsisonnii akkasumaas hojetonnii Oromoo hojii irraa ari’aman akka deebi’anii fi kkf heddumminaan maxxanfamaa fi raabsamaa jira.
https://www.oromiamedia.org/2016/04/14/omn-oduu-ebla-14-2016/
https://youtu.be/Au_F6mwAKjk
#OromoProtests Ebla 14 bara 2016: Qeerroon Oromiyaa wadaa walif galaa jiruu
Hidhaan Ajjeechan Ukkamsan Network dhamsun Reebichi Barnoota irraa ari’amuun Gonkumaa boodatti nun deebisu Tokkummaan kaanee falmachuuf qophoofnee jiraa jadhu.
Mannii barumsaa Amboo preparatory ( kutaan 11 fi 12) ganama roobii hara’a sa’a 4:00 irraa egaalani mormii isaanii dhagesisaa jiruu . Polisoonnis akka hantuta bishaan lixxe, akka saree maratte oli gadi kachaa jirti . IJJIFAANNOON UMMATA OROMOOF.
ODUU
OMN: Oduu Ebla 11, 2016
#OromoProtests 5 months, 5th round: Students at Ambo University Awaro campus have been protesting 11 & 12 April 2016.
Barattoonni Yunivarsitii Amboo damee Awwaaroo Ebla 11 bara 2016 kaasee mormiirra jiran.
Ebla 10/2016 jechuun guyyaa kaleessaa fincilli daran jabaachuun naannoo staadiyeemii magaalaa Naqamtee keessatti taphni kaanamaa Naqamtee fi poolisii abuubi/Kibbaa/ gidduutti taphatamuuf ture qoophiin xumuramee edda dirree seenanii booda guutummaan tapha sanaa qeerroo magaalaa Naqamteen gara fincilaatti jijjiiramuun gara dhaadannoo fi wallee waraaqsaatti geedarameera.
Haaluma kanaan dhaadannoon Humni waraanaa hatatamaan Oromiyaa keessaa ba’uu qaba,Namoonni hidhamanii jiran akka gadi dhiifaman,Humni dhiigaa uummata keenyaa dhangalaase itti gaafatamuu qaba kan jedhuufii walleen waraaqsaa oo yaa baala tuufoo ABO nuuf wayya nuufoo, oo baala badeessaa wayyaanee baasaa nu keessaa,oo tulluu gamaa ABO bushuu qabaa kan jedhuun guutummaan taphichaa goolamuudhaan addaan cituun hafeera.
Haaluma kanaan dhalataa magaalaa Naqamtee kan ta’e Gammee Oofkalaa namni jedhamu mana hidhamee jiraachuu Qeerroon gabaasee jira.
Ebla 11,2016 Godina Oromiyaa Bahaa magaalaa Bishooftuu irraa barattootni Oromoo 60 olitti lakka’aman humna waraanaan qabamuun hidhatti darbaman. Barattoota Oromoo manneen barnootaa Bishooftuu sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina irraa baratan kunneen torbee darbee keessa sababaa gaaffii migaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaaffachuun Sagalee isaanii waan dhageesisaniif qofa waraanaan dararamaa jiru. Ebla 7/2016 humna waraana wayyaanee Agaazii fi poolisii federaalaan Hidhatti ukkanfamuu guuramanii hidhaman. Barattootni Hidhaman kun Umriin Isaanii kanneen gannaa 14-18 gidduutti Argaman ta’uun hubatamee jira.kanneen Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa bishooftuu irraa hidhaman keessa kan Yeroof maqaan isaanii nu ga’e jiru:
1.barataa Magarsaa Bakare
2. barataa Xasoo Damisee
3. barataa Girmaa Tashuu
4. barataa Alamaayyoo Dinquu
5. barataa Aaddisuu Taayyee
6. barataa Aaddisuu Baqqalaa
7. barataa Habtee Indaaluu
8. barataa Abrahaam Tufaa
9. barataa Dagguu Dabalee
10. barataa Aabbuu Maaruu
11. barataa Gizaw Mokonnin
12. barataa Abbabaa Lammaa
13. barataa Dachaasaa Gizaw
14. barataa Damxee Shuree
15. barataa Awwaaree Akliluu
16. barataa Alamaayyoo Daadhii
17. barataa Gostolee Isheetuu
18. barataa Zarihuun Sisay
19. barataa Adaanee Alamaayyoo
20. barataa Dassaleny Hirphoo
21. barataa Gaaddisee Mokonnin
22. barataa Aaddisuu Dammaqaa
23. barataa Biraanuu Kaayyoo
24. barataa Dammee
25. barataa Mastuu
26. barataa Gannat
27 barataa.Maabiratee
28. barataa Caaltuu
29. barataa Doonii
Barattootni Oromoo hedduun kanneen maqaan isaanii nu hin ga’iin manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, fi 2ffaa irra qabaman illee hedduun jiraachuu madden keenya gabaasan. Yakki mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo fi Uummata Oromoo irratti fudhataa jiruu daranuu kan qabsuu FXG akka Oromoon jabaatuu godhuu malee bilisummaa keenyaaf falmachuu irraa duubatti kan nu hin deebifnedha jechuun sabboontootni Oromoo Bishooftuu irraa dhaamsa waliif dabarsaa jiru.
OMN: Oduu Ebla 8, 2016
VIDEO
VIDEO
Ebla 3,2016 Godina Hararge LixaAnaa Odaa bultum Magala Baddessatti Guyya har.a Yeeyyiilee Waarraaqsaa (Daa’imman) Magaalaa baddessa yeroo mormii isaanii dhageessisuun uummata Oromoof waardiyyaa dhaabbachuu isaanii muldhisan.
Ebla 2,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti diddaan baratootaa daran jabaachuurraan kan ka’e humni kora bittinneessaa guutummaa mooraa kanaa dhuunfatee jira.Baratoonnis diddaa barnootaaf qaban itti fufuuf yeroo yaalanitti mootummaan gabroonfataan Wayyaannee baratoota kana irratti seera haaraa baasuun keessumaa mooraa kana keessatti akkaataa ittiin qabxii barataa gadi bu’ee barataan mooraa kanaa hari,amuuf sagantaa haaraa baasanii baratoota doorsisaa jiraachuutu beekamee jira.
Mooraa kana keessatti diddaan kun baratoota galgalaanis waan jabaateef baratoota kanaaf sagantaan haaraan ba’eefii guyyaa keessaa barnoota isaanii dirqiidhaan akka hordofaniif fedhii isaanii malee humnaanis akka sagantaa ittiin qorumsa haaraa ba’e kennamu hordofanii fudhataniif doorsisamaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.
Ebla (April) 2,2016: Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo irraa namooti ja’a hojiirra arii’amuuf qaamoti tikaa Wayyaanee akka qophii xumuran icciitiin ba’uusaa toora miidiyaa hawaasaatti faca’uunsaa ni yaadatama!
Haaluma kanaan tarkaanfiin mootummaa Garboomfattuu kana maal akka ta’u eegaa turre icciitichi harkaa ba’uun isaanuma qaamota Wayyaanee akka wal dhabsiises beekameera
Namoota sirnichi irratti xiyyeefatuun xalayaan arii’amuu isaan qaqqabuuf turesakka adabaatti/demotion/ bakka jiranirraa gadi bu’anitti jijjiiramuu odeessi nu ga’e akkanaan ifoomseera
1 Lammeessaa Daggafaa Waajjira Jallisii irraa gara Waldaa Hojii Gamtaatti
2 Mootii Oliiqaa Waajjira Abbaa Taayitaa Daandii Irraa Gara Waldaa Hojii Gamtaatti
3 Asnaaqee Gabree Waajjira Geejjibaa irraa gara Waajjira fayyaatti
4 Milkeessaa Baqqalaa Waajjira Jallisii irraa gara Waldaa Hojii Gamtaatti
5 Wandee Turaa Abbaa Taayitaa Jallisii irraa gara Herregaa Mana Barumsaa Qophaa’inaa Moxeetti
Isaan kun marti bakka miindaa argachaa turanirraa bakka gad aanaatti ramadamaniiti.
VIDEO
OMN: Oduu Ebla 1, 2016
Har’a Ebla 01,2016 Magaalaa Bushooftuu keessatti FXGn haalaan finiinaa akka jiru maddeen gabaasan. FXG kun har’aan guyyaa lammataa qabatuu isaa ti. Bakka basaasotni wayyaanee qubatanii jiranittis eda tarkaanfiin fudhatamuun dubbatamaa jira.
#OromoProtests in Bishoftu, 1st April 2016
Ebla 1,015 ,Wayyaneen lafa Oromoo ammas daddabalee saammuuf kutatee ka’uu isaa kan agarsiisu qorannoo kaampanii Indiyaa tokkoon qoratame karaa Ministeera induustrii Itiyoophiyyaa naannoo Ziwaay- Bulbulaatti dhabatuuf deemu maqaa Agro-industrial park jedhu documantii guutuu kunooti. Oromoon waan kana sirnaan ilaaluun falmaa isaa akka jabeessu Qeerroon dhaamsa dabarsa.
Ebala 1,2016 Mootummaan Wayyaanee Yakka Barattoota Oromoo Irratti Hojjetu Itti Fufuun Yuniverstii Jimmaa Keessatti Seeraa Ala Hiriira Mormii Baatan Jechuun Ragaa Sobaa Waammatee Adabbii Maallaqa Guddaa fi Murtii Hidhaa Barattootatti Murteessaa Jiraatu iyyuu FXG Itti Fufee Jira..
Guutummaan Magaalaa Jimmaa Gootummaa Qeerroon taasisaa jiruunraafama guddaa keessa siintee jirti.Qeerroon Yuunibarsiitii torban darbe keessa Waraqaa Qeerroo mooraa Yuunibarsiitii keessatti dhoobaa akkuma ture har’as gootummaaf murannoon qeerroo magaalaa Jimmaa ykn humna diinaa buufatee magaalicha keessa hidhannoo guutuun socho’u hudhee qabee jira
Bulchuinsa Gandaa magaalattii keessa sadii irratti guyyoora sadii dura Alabaan ABO harka qeerroon bocamee fannifamee ooleera.Gandoota Alaabaan keessatti fannifaman kanneen akka Ganda Bachoo Booree,Ganda Gunjoow Guduruu,Ganda Mandaraa Qochii yoo ta’an Alaabaan kunneen kan hanga har’atti buusuu sodaatan jiru ganda Bachoo Boree keessaa har’allee buusuu sodaate dhoksuuf fala dhabaa akka jiran argaaf
dhageettiin Qeerroo ifa taasisa.
Haaluma kanaan halkan edaas Magaalattii keessatti Waraqaan qeerroo bakkeewwan Qochii fi Meentiinaa akka Cina Yunibarsiitii Rift Valley keessatti waraqaan Qeerroo dhadannoo jajjaboof Alabaa ABO qabattee jirtu dhobamaa turan Dhadannoowwan Waraqaa sanarraa
#ABOn Kallacha qabsoo Oromooti
#OPDOn maxxantuu Wayyaaneeti
#Gamtaaf tokkummaa keenyaan nii bilisoomna
Jedhaman Qeerroon magalachi keessa bittimfamaa bulani.Jaleen Waayyaanee OPDOn ABOn magaalaa qabatee jira jechuun rifaatee guddaa keessa seentee jirti.
Like this: Like Loading...
Related
Comments»
No comments yet — be the first.