Oromia: Viber, twitter, Facebook and WhatsApp Are strictly forbidden in Fascist regime (TPLF/ EPRDF) Ethiopia July 10, 2016
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa, Enemies of Press Freedom, Ethiopia, Ethiopia and the social progress index, Ethiopia: enemies internet freedom, Facebook and WhatsApp Are strictly forbidden in Fascist regime (TPLF/ EPRDF) Ethiopia, twitter, Viber
trackback
Viber, twitter, Facebook and WhatsApp Are strictly forbidden in Fascist regime (TPLF) Ethiopia
ERGAA BAAY’EE BARBAACHIFTUU
Akkuma beekamu Wayyaaneen WhatsApp, Viber, facebook fi Google Play bakka appilikeeshina irraa download godhatan dabalee cuftee jirti. Appilikeeshina cufaman kana banachuuf VPN barbaachisa, garuu Google Play bakka appilikeeshina irraa download godhatan waan cufaniif VPN download godhachuun rakkisaa tahullee furmaata tokko argadheen jira. Innis warra android fayyadamaniif appilikeeshina VPN ( https://play.google.com/store/apps/details?id=com.freevpnintouch) 100% wantoota ugguraman banuu isaa akka banuu danda’u mirkanaa’e jira. Sababa kanaaf VPN kana APK isaa dropbox irra kaayee sududaan akka buufattan haala isinii mijeessee jira. Yeroo ammaa kana warri biyya keessa jiran hedduun ergaa kana arguu waan hin dandeenyeef, warri ergaa kana argitan hundi gama dandeessaniin email tahee bifa wal qunnamtii isinii mijaaye kamiinuu app kana akka ergitaniifii buufatan gargaatan dirqama lammiiti.
warri Google Play banachuu dandeessan link isaa:
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.freevpnintouch
Oromiyaa keessatti Facebook akka cufame beekameera. Kun jiruu gadi badii wayyaaneen dalagaa jirtudha. Warri Psiphon buufachuu dandeessan itti fayyadamuun FB itti ooluu dandeessu.
https://play.google.com/store/apps/details?id=com.psiphon3
Social Progress Index 2016: Ethiopia continue to make one of the worst performers
Leave a Reply Cancel reply
This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.
MARSAALEE UGGURAMAN AKKAMITTI FAYYADAMNA?
Ilmaan Oromoo Hundaaf:-Keessattuu warra Biyya keessaatiif
Biyyoota Addunyaa Muraasa Keessatti Tajaajilli Marsaalee garagaraa #Ugguruu ykn Cimdaa(network) biyya sanaa keessaatti akka hin hojjanne ykn ergaan marsaan sun tamsaasu akka hin muldhanne ykn hin argamne godhuu baratamaa dha.
Biyya keenya Keessattis Haalli kun erga jalqabee bubbuleera.
Kanaafuu, tooftaalee adda addaa fayyadamnee marsaalee barbaachisoo ta’an jennee yaadnu iddoo jirrutti fayyadamuu dandeenya. Kunis Maloota asiin gaditti dhiyaate duuka bu’aa hordofaa.
Waan isiniif galuu dide Gaafadhaa…..
Tajaajila kanneen argachuuf Moosajiiwwan adda addaa [sooftwers] barbaachisaa ta’e qabaachuun dirqama taati.
Mosajiiwwan kunneenis:
FAYYADAMTOOTA MOBILE
•Psiphon – Inni kun beekamaa fi fayyadamuuf baay’ee salphaa dha. Buufachuun mallattoo connect jedhu xuquun kallattiin fayyadamuu jalqabuun ni danda’ama.
Hidhaa kanarraa buufadhaa…..#KunFilatamaadha
. ◦ https://play.google.com/store/apps/details…
•DroidVPN – Inni kuniimmoo username fi password kan gaafatuu dha. Jalqaba gara weebsaayitii isaanii deemuun galmaa’uu barbaada. Isa booda username(maqaa fayyadamaa) fi password(jecha darbii) achirraa argamuun seenuum VPN tolaa argachuun nii danda’ama. Saffisa gaariis qaba.
Hidhaa kanarraa Buufadhaa
https://play.google.com/store/apps/details…
•FlashVPN – Inni kunis akkuma Psiphone yeroo ta’u altokkoon connect gochuun kallattiin faayidaa kenna.
Buufachuuf ◦
https://play.google.com/store/apps/details…
FAYYADAMTOOTA KOMPUTARAAF
1 – OPERA BROWSER:
Kompiiwuteraaf salphaa kan ta’e opera developer(beta) dha. Inni kun of keessaa tajaajila VPN waan qabuuf bifa salphaa ta’een fayyadamuun ni danda’ama. Akkuma download goonee install gooneen Setting > Privacy & security > VPN jala deemuu “Enable VPN” ishee jettu irratti ‘check’ gochuun fayyadamuu jalqabuun ni danda’ama.
https://net.geo.opera.com/opera/developer…
2 – Psiphone:
Inni kuna akkuma moobaayilii ta’ee kan koompiiwteraaf qophaa’e dha. Sooftweerooti kompiiwtericha keessa jiran hundumaan isaanii network kana akka fayyadaman gochuun tajaajila VPN laata.
Hidhaa kanarraa argachuu dandeessu:
https://psiphon3.com/psiphon3.exe
Hub: Yoo karaa interneeetaa birooserrii qofaa barbaaddu ta’e opera fayyadamaa. Garuu sooftiweerota biroo kanneen akka Viber, Whastup, Messenger fi kkf kompiiwtera irraa fayyadamtu yoo ta’e immoo #psiphone fayyadamaan jedha.
Malleen Kanneen Hojiirra Oolchinaan Gahaadha
Garuu #Dabalata Yoo Barbaaddan
1,IP Hider pro fi Super Hide IP softwerota ip isiin fayyadamaa jirtaan garaa ip biyyoota akka USA, UK fi AUS + European union kan jijjiree….namoota toora internet keessan to’atan jala bilisaa siin baasu….
2, Super VPN ammo vpn… free ta’ee kan kennu yommu ta’u innis to’anno toora internet kan caabse akka isiin faayyadamtan siin taasisu….
3. Ultrasurf ammo website/maasariti block(toora internet irraa dhorkamee) godhamee akka isiin fayyadamtan kan taasisudha.
Hunda isaani Torrent Kat.cr irraa buufadha.
HORAA BULAA DEEBANAA
OROMO ICT
Why did Ethiopia block social media?
http://www.csmonitor.com/World/2016/0712/Why-did-Ethiopia-block-social-media?cmpid=gigya-tw