jump to navigation

Oromia: Gumiin Waaqeffannaa Addunyaa Siidaa sobaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa eebbise balaaleffachuun ibsa kana baasera. August 27, 2017

Posted by OromianEconomist in #OromoProtests, Uncategorized.
Tags: , ,
trackback

Odaa Oromoooromianeconomist

 

 

 

Gumii WaaqeffannaaGumii Waaqeffannaa

Gumiin Waaqeffannaa Addunyaa Siidaa sobaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa eebbise balaaleffachuun ibsa kana baasera. Waliif dabarsaa

Ibsa gaazexaawwaniif  Hagayya 27.08.2017



Dhimma: Siidaa wareegamtootaf Irreechatiif ijaarame laallata
Motumman Naannoo Oromiyaa Siidaa Wareegamtoota irreechatiif ijaarsise jedhee guyyaa 27/08/2017 siidaa fudhatama hin qabne tokko ebbisiisee jira. Nuti miseensonni Gumii Waaqeffannaa Oromoo siidaa ijaarame jedhame kana hadheefanne mormina. Sababiin nuti morminuufis:

1. Siidan kun hawaasa bal’aa, qaama hawaasaa dhimmi isaan ilaalu fi hayyoota wajjin mariin osoo hin godhamin maal na dhibdeen ijaaramu isaa

2. Iddoon itti ijaarame bakkuma dhumaatii sun gahe ta’uu osoo qabuu iddoo taate sun itti uumamerra km 10 fageessanii bakka namni hinarginetti ijaaramuu isaa

3. Barreefamni siidaa sanirratti barreefamee “Tasa lubbuun isaanii darbe” kan jedhu gonkuma taate sana kan hin ibsine ta’uu isaatifi wareegamtoonni kuni tasa osoo hintaane beekaa Wayyaanen kan fixxe dhoksuuf yaaluu isaanii

4. Akka heera biyattii mootuman dhimma amanti keessa hin galu kan jedhu ifatti barrefamee osoo jiru mootumman tuffii maal fiduun dhimma amantii waaqeffannaa keessa galuun yoo barbade baandii, yeroo kan abba gadaa angora bu’e fayyadamuun adeemsa sirna amantichaa jeequ isaa

5. Dhabbileen mirga namaa hedduun dhumaatin irreecha irratti gahe qaama walabaan yaa qoratamu jedhee bakka gaafatetti mootumman gaafii kana gurra duchachuun oftuuluman umata ofuma ajeesanii ofuma siida ijaarutti egaluu isaa

Walumaa galatti siidaa ijaarame jedhame dabalatee gochoota qaaneessaa mootummaan naannoo Oromiyaas ta’ee motumman Itiyophiyaa Gumii waaqqeffanna fi dhimma waaqeffanna irratti fudhacha jiran kan morminu ta’un ibsna.
Oromoo yeroo isaaf mijatetti wareegamtoota ofiitif siidaa akka aadaa ofii waliin walsimsiiisee kan ijaaru yoo ta’u kan yakka dalagame san maqsuuf ijaarame kana kan hinfudhannee ta’uu ibsina. Inuu kana gochuun dhiiga wareegamtootaa saniin akka qoosuttitti laalama.

Kanaaf Gumii Waaqeffattoota Addunyaa siidaa sobaa kana nibalaaleffata. Siidan sobaa kunis buqqa’ee kan seeraa ummanni Oromoo oofiin ijaarrattu qaba jennee amanna.

Gumii Waqeffannaa Oromoo Addunyaa

[Obboo Asnake T Erko]


Related:

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: