Oromia: DHAAMSA QEEROO IRRAA. #OromoProtests February 24, 2018
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: #OromoProtests, Africa, Against Tyranny, Current Horn of Africa news, DHAAMSA QEEROO IRRAA, Ethiopia, News, Oromia, Qeerroo, State of emergency, State terror
trackback
DHAAMSA QEEROO IRRAA
Peresedantii Mootummaa Xoophiyaatii
Af-Yaa’ii Mana Mare Bakka Bu’ootaa Ummaataa Xoophiyaatiif
Koree ministiroota zoophiyaatiif
Mana Marii Bakka Bu’ootaa Ummaataa Xoophiyaatiif
Dh.D.U.O Tiif
Geggeessitota Sadarkaa Adda Addaatiif
Saba Ballaa Uummata Oromootiif
Qeerroo Naannoo Oromiyaatiif
Fannoo Naannoo Amaraatiif
Zermaa Ummatoota Kibbaa Guraageetiif
Wadala Ummatoota Kibbaatiif
Nabiroo Ummatoota Kibbaatiif
Raayyaa Ittisa Biyyaatiif
Dhimmi isaa: Labsii Yeroo Muddamaa Kan Ilaalatu
Barri hedduun darbaniiru, jechootni akka nadhii dammaa dhamdhamaa tolaanii fi urgaa foolii bookaa qaban waa’ee tokkummaa biyyaa xoophiyaa faarsan baayyeen taphatamaniiru, faarfatamaniiru akkasumas walaloon, Og-barruu fi wellistoonni bayyeen faaruu meshaalee muuziqaa aadaa fi ammyyaan dabalame sirbaniiru waa’ee tokkumma xoophiyaa. Kana duwwaa miti gotootni bayyee aarsaa heddu kaffalaniiru waa’ee tokkumaa xoophiyaatiif. Ammas yeroon dabaree nuuf laattee tookkuma keenya akka mirkaneessinuuf qeerroon Oromiyaa qaamota armaan oliitiif hundaaf waamicha gochaa jirti.
1. Perezedaantii mootummaa xoophiyaatiif
Yeroo kumaatamni du’ee, kumaatamni mana hidhaatti dararamuu fi Kumatamni biyyaa tokkummaan xoophiyaa kessatti faarsamu kessatti qe’ee, sabni guddaan salphate fi qabeenya isaa irraa buqqa’ee beelaaf hongeen dararamu hin dubbanne, akka perezendaantii biyyaa tokkottillee miti akka nama dhuunfaa tokkoottillee yaada kee hin ibsanne. Yoo aangoon siharkaa jiraattee maaf midhamtu, maaf dararamtu jechuudhaa yoo baatteyyuu as baatee baga duutan , baga qe’ee fi qabeenya keeessan irraa buqaatan osoo jeette nutti tola akka qeerrooti. Silaa maal buuftaa miti waa’ee labsii muddamaa kana irratti waa jechuu kee barbaanna akka lubbuun jirtuu fi hin jirre baruuf. Ta’uu yoo baate reeffa Perezendaantii ta’ee biyya bulchaa jiruu jechuu genus book irraatti si galmeessina. mee onnee godhu, jiraachuun garaa duwwaaf miti, barri dhufee darba seenaa garuu baraan jiraatti.
2. Af-yaa’ii mana mare bakka bu’oota uummataatiif
Gaafa mootiin fari’oo saba israa’el waanjoo garbummaa jalatti waggaa hedduu rakkisaa ture Museetu ka’e . Ulee Museen harkatti qabatee ture saba israa’eeliin garbummaa mootii fari’oonii, loltuu fari’ooni fi bishaanii nyaatamuu galaana diimaa jalaa isaan baase malee garbummaaf yokkiin du’aaf isaan hin laanne. Sobaaf muka walitti hin rukkuttin uleen siharka jirtu yeroo tokkoo fi isa xumuraaf dhimmaa haabaastu , uummata bakka buutee jirtuuf sagalee haa dhageesistu.
3. Koree Ministiroota xoophiyaatiif
Seenaa daba dalaguuf demaa jirtu, nama ni dagoggortu, dogoggara keessaniif immoo qeerroon garaa dhiifamaa qabdi, tarkaanfii fudhachuuf deemaa jirtan kanarraa yoo debitan fi jijjirama siyaasaa fi sirna dimokiraasii hundeen isaa heeraa fi seeraan ol aantummaan isaa mirkanaa’ee akkasumas biyyaa walqituummaan lammiilee keessatti mirkanaa’ee ijaaruuf waadaa seenuun har’uma hojiitti yoo jijjiirtan qeerroonii fi uummanni oromoo afaanuma haak jedhee isin tufuuf ka’een isin degera isin waliin guddina xoophiyaa haaromteef hojjeta. Yoo ta’uu baatee fi humna waaraanaa abdachuun labsii kana uummata nagayaa irratti garee faayyidaa dhuunfaa isaa eeggachuuf carraaqu waliin taatan, waraanni isin ittin boontan kun harki caalaan dhaloota qubee fi qeerroo akka ta’e isin hubachiisuun barbaanna.
4. Mana Marii Bakka Bu’ootaa Ummaataa Xoophiyaatiif
Uummanni xoophiyaa:
a. Qotee bulaan barressuuf fi dubbisuu hin dandeenye beekumsa naaf ta’i, naaf barreessi naaf dubbissi ,beekumsa naaf ta’i naaf dubbadhu jedhee isin filatee hin dagatiinaa adaraa abba keessannii, adaraa harmee fi adaraa biyyaa.
b. Qaro dhabeenyiin qaroo naaf ta’aa naqaraa, karoo hin qabuu qaroo naaf ta’aa jedhee isin filatee hin dagatiinaa. Adaraa qaroo, argaa ilaalaa murtee kennaa
c. Qoomaa hir’uu bakkan fiiguu dadhabetti fiigii naaf qabi, jedhee sagalee siniif kennee hin daagatiinaa.
Walumaagalatti isin afaan uummataati afaan saba balaati sammuu uummata keessaniin yaadaa. Afaan uummata keessaaniin dubbadha. Rakkoon fi gadadoo uummata keessanii hin dagatiinaa. Nidagattu jennee hin yaadnu haadha fi abbaa ilmoo isaanii ol adeemtoota qeerroo fi qarree dabtaaraa fi qalama qabataniif ganama mana bahanii osoo manatti hin deebiin hafan. Qeerroo fi qeerre fulbaana birraa bariite nagaa dhaammatanii digirri fideen dhufa jechuun waadaa seenanii garaa unirsiitii deeman garuu reeffi isaanii manatti galu. Qabsoon qeerroo homaa kaayyoo kan biraa hin qabu innis tokkoo fi tokkodha. gochaalee armaan olitti caqafaman hanbisuun xoobiyaa biyya dimokiraasii fi biyya walqixxummaan lammiilee keeessatti mirkanaa’ee taasisuu qofadha. Kanaafu uummata bakka buutan dagattanii afaan badii hin ta’iinaa jetti qeeroon.
5. Dh.D.U.O fi Geggeessitota Sadarkaa Adda Addaatiif
Isiniif ergaa gabaabduu fi ijoo taate qabna. Dhuguma qaama uumata oromoo geggeessu yoo taatanii fi boor uummata oromoo waliin biyya geggeessina jettanii abdii qabdu ta’e labsii muddamaa kan gonkuma hin fudhatiinaa, yoo diddee kan murtooftu taate illee hojirra oolmaa isaa irraatti akka qooda hin fudhanne uummata oromoo waliin gumaa taatu of eeggannoo godhaa. Kun akkeekkachiisa uummanni oromoo marti fi qeerroon yeroo xumuraaf isinii kennudha .
Hubachiisa: Mootummaan garboomfataan sadarkaa addunyaatti caaasaa mataa isaatiin biyyaa yokkin saba tokkoo kolonii jala galfatee hin beeku. Kun dhugaa qorannoon mirkanaa’edha. Garuu dabalee bitamtuutti fayyadamuun bandaa warra jedhaman jechuudha, garboomsuu ni danda’a . isin garuu gocha akkasiif karaa fi garaa akka hin laanne abdii qabna nuti qeerroon.
6. Saba Ballaa Uummata Oromootiif
Labsiin muddamaa kun labsii duguuggaa sanyii ittin raawwachuuf labsame dha. Uummanni oromoo rooroo ofirra qolachuus ni baaka. Nuti oromoo akka beeknutti uummata yeroo obboleessi isaa du’u irraa dheessu, yeroo ilmoo isaa birratti duutu irratti ilaalu miti saba wal irratti du’u male. Kanaafuu labsiin muddamaa kun humnaan nurratti kan labsamu yoo ta’e afaan tokkoon yaada tokkoon xiqqaa fi gudda , dhalaa fi dhiira, qeesii fi sheekii osoon hin jedhiin akka ofirra mormitan dhaamsa isinii dabarsina. Qeerroo egeree biyya irraa akka hin hafne abdii uummata oromoo mara irraa qabana.
7. Fannoo,Zarmaa,wadala fi Nabirootiif
Nuti keessatuu qaama qabsoo bilisummaati. Biyyi xoophiyaa kun boor nu eeggati, mana keenya booriiti akkasumas biyya nuti kunuunsinee dhaloota nuti aanuuf keninu nudha abdiin biyyaa. Biyya lama hin qabdu boor yoo feene kan dhiifnee demnu miti. Biyya tokkitti qabdu kana immo yeroo gartuun fedhii dhuunfaa isaaf kallatti isatti tale irra yoo barbaade heera fi seera baasee yoo fedhi immoo diigee akka shaqaxaa mummata isaa aangoo harkaa qabuu fayyadamee daldalu teenyee hin ilaalu. Afaan tokkoon aagoon kan uummataati jedha yoo fedhe immoo aangoo siyaasaa haa hafuuti aangoo uumamaa fi mirga namoomaa illee nurraa muulqee uummata balla dararu kana afaan tokkofon kaanee yoo labsiin kun hojiitti jijjiirame mormuu fi yeroo xumuraaf ofirraa fonqolchinuf dursitanii qophii ballaa fi tarsiimoon degerame akka gootan qeerroon dhaamsa isiniif dabarsina. Waliin biyya dimokraasii fi dinagdeen badhaate xoophiyaa haaraa ijaarra.
8. Raayyaa Ittisa Biyyaatiif
Dhumarratti raayyaan itti biyyaa uummata keessaa kan walitti qabame ( ijaarame) uumata isaaf kan hojetu, daangaa biyya isaa diina alaa irraa akka eegu nageenya uumata isaa geeguu dangaa biyya fi gammojjii keessa beelaa fi dheebuu obsuun akka eegan qeeroo sirritti beekti. Haala michataa keessa akka hin jirre ni beekna. Haata’u harmee isaanii ji’a sagal garaatti baatte ciniinsifatte deesse fi abbayyee isaanii marrummaan hidhate isaan guddise , obboleeyyan isaanii waliin tiruu takka boraafatanii dhalatan, qotee bulaa fi daldalaa dafqa isaa cobsee hojjetee mindaa isiniif kaffalu, barataa baradheen bor matii koo fi biyya koof bu’aa buusa jedhee xaaru irra irraatti akka afaan qawween hin dorsisne fi dhukaafne qeerron abdi qabna. Garuu tarii hubannaa fi hariitti dagattanii dogoggora seenaa keessa akka hin seenne qeerroon waamicha isiniif goona. Mootiin ni mo’a ni kufas uummanni garuu ni jira gara kaayyoo keessa dagattaniif harkaa abba irree ta’uu uumata harka duwwaa irraatti ol aantummaa qawwee akka hin agarsiifne irraa deebinee waamicha isiniif goona.
Hubachiisa: Qaama dhimmi ilaaluuf
Keessumaa warri qeerroo xiqqisitanii yaaddan,qeerroo booda uummata ballatu jira, kaan kaan yoo hafe iyyuu humna waraana isin itti biyya bulchina jetteanii abdatan gariin qeeroodha. Ilaallataa lolaa.
Dhugaa qabna ni injifanna!!!!!!!!! injifannoon kan uumataati ballaati.
Qeerroo irraa
Galagalcha.
Dr. Mahammad Hassan (Ciro) 0911865071
Awwal Mahaammad (Ciro) 0924620033
Aliyyii Kaliifaa (Doobbaa) 0910336695
Fooziyaa Amiin (Bookee) 0911219219
Caaltuu Saanii (Habroo) 0911075558
Dassaaleny Dhugumaa(O/Bultum) 0912008135
Jibriil Yuyyaa (Masalaa) 0912308272
Kimiyaa Jundii (Habroo) 0910033517
Awwal (A/Xuulloo Hirna) 0924620033/0929105631
#Qaama dhimmi ilaalu hundaaf
ክፍት ደብዳቤ ለህዝብ ተወካዮች ምክር ቤት አባላት በሙሉ
ከኦሮሞ ቄሮ የተላለፈ ጥሪ
ከሁሉም አስቀድመን ባላችሁበት ሰላምታ ይድረሳችሁ።
ሁላችንም እንደሚናውቀው የኦሮሞ ቄሮዎች ህይውታችንን መስዋዕት አዲርገን የኦሮሞ ህዝብ መብትና ብሄርቤረሰቦች እኩልነት የተረገጋጠባትን ኢትዮጽያ ለመመስረት ሰላማዊ ትግል እያደረግን ነው። የኦሮሞ ህዝብ ሰላማዊ ትግል ይህችን አገር እየቀየራት ይገኛል።
ይሁን እንጅ አንባገነን የሆኑ የTPLF ጥቂት ኮንትሮባንዲስቶች ቡድን አገሪቷን ለማዝረፍ በተሃድሶ መሪዎች ና በቄሮ የተዘጋባቸዉን የዝርፍያ መንገድ መልሰዉ ለመቆጣጠር ፣ አገርቷን በጦር ሀይል ለማቆጠጣር አስቻኳይ ግዜ አወጅ እያዋጁ ይገኛሉ። ይሄ አዋጅ በማንኛውም ሁኔታ ተቀባይነት አይኖረዉም።
የተከበራችሁ የህዝብ ተወካዮች ምክር ቤት አባላት ኮንትሮባንድስቶች አገሪቷን ለመበዝበዝ እና ለመበታተን በኦሮሞ ህዝብና በመላው ብሄርቤረሰቦች ላይ የታዋጀ አዋጅ እንዲሰረዝ የበኩላችሁን የዜግነት ግደታ በመወጣት አገሪቷን ከዉድቀት እና ከመበታተን እንድታድኑ የኦሮሞ ቄሮ በዚህ ደብዳቤ ጥሪያችንን እናስተላልፋለን።
ከዚህ እልፎ አዋጁ የሚጸድቅ ከሆነ የኦሮሞ ቄሮና ህዝብ የአፀፋ ምላሽ ተጠያቂዎቹ TPLF ና የህዝብ ተወካዮች ምክር ቤት አባላት መሆናችሁን እናሳስባለን።
ከሰላምታጋር
የኦሮሞ ቄሮ
Related article in Oromian Economist, click here
Comments»
No comments yet — be the first.