Oromia: Eebba OMN Finfinnee fi Simannaa Direektara Olaanaa OMN Obbo Jawaar Mohammad August 5, 2018
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Eebba OMN Finfinnee, Jawar Mohammed, OMN, Oromo News
trackback
OMN:Hag-05/2018
Jilli Xiinxalaa Siyaasaa fi Daarektara OMN Obbo Jawaar Mohammed’n durfamu ganama har’aa barraaqaan Finfinnee seeneera.
Jilli kun waytii Oromiyaa Dirree Xayyaaraa Idil-Addunyaa Boolee gahanitti simannaan hoo’aan Qondaalota Mootummaa,Qeerroo,Qarree fi hawaasa bal’aan isaniif taasifameera.
Yeroo ammaa jilli kun Hoteela Ilillii International’tti Gaazexeessitoota biyya keessaa fi alaa kanneen achitti argamaniif ibsa kennaa jiru.
Akkuma asiin dura ibsamaa ture har’aa gara Saafayatti Eebbi Studio OMN Finfinnee ni gaggeeffama.
Sirni baniinsaa Galma Barkuummetti Hagayya 05/2018 galgaluma har’aa bakka Qondaalonni Mootummaa olaanoo fi Namoonni 25,000 ol argamanitti Obbo Jawaar Mohammed hawaasa bal’aan galma kanatti wal arguuf jiru.
Boru Hagayya 06/2018 Yaadannoo woreegamtoota fi gootota qabsoo fincila diddaa gabrummaa irratti dabraniif sagantaa qophaa’etu adeemsifama.
(Usmaan Baayyuu)
Click here for Africa News: Ethiopian activist Jawar Mohammad returns home from exile
Comments»