Oromia: Mootummaan Itoophiyaa fi Addi Bilisummaa Oromoo Waliigalan August 7, 2018
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Oromo, Oromummaa OLF, Tokkummaa Oromo
trackback
SBO: Ibsa Waloo Waliigalatee Mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Oromoo
Jila Mootummaa Itoophiyaa Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa Dr. Lammaa Magarsaan durfamuu fi Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Dr. Warqinee Gabayyoo keessatti argamu, Jila ABO Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Daawud Ibsaatin durfamu Jaal Ibsaa Nagawoo, Jaal Atoomsaa Kumsaa, Jaal Toleeraa Adabaa fi Jaal Gammachuu Ayyaanaa keessatti argaman Hagayya 7 bara 2018 Asmaraa Eertiraatti wal arguun marii araaraa kan hafuurri obbolummaa irraa calaqqise, wal amantaa guutuun gaggeeffameen wal tahiinsaa fi wal hubannoota armaan gadii irra gahame.
Gareen lameenuu dhimma Oromoo fi Oromiyaa akkasumas dhimma Itoophiyaa kan ilaalu irratti mariin waliin hojjechuuf wal tahan.
Lolli waggoota dheeraaf ABO fi Mootummaa Itoophiyaa jidduu ture dhaabbatee armaan booda haalli Itoophiyaa keessatti uumame ABOn biyya keessatti ifatti hojjechuu kan dandeessisu tahuu hubatamee, qabsoo isaa karaa nagaa akka itti fufu waliigalame.
Dhumarratti, dhimmoota irratti waliigalaman hojiirra oolchaa kanneen qormaataa fi yeroo gaafatan dhawaataan fixachuuf koreen itti fufee xumura itti godhu shaffisaan akka dhaabbatu wal tahan.
የኢትዮጵያ መንግስትና የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ስምምነት የጋራ መግለጫ
በኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት ፕሬዝዳንት ዶር. ለማ መገርሳ የሚመራውና የኢትዮጵያ የውጪ ጉዳይ ሚኒስትር ዶር. ወርቅነህ ገበየሁ የሚገኙበት የልዑካን ቡድን፣
በኦሮሞ ነጻነት ግንባር ሊቀ-መንበር ኣቶ ዳውድ ኢብሳ ከሚመራውና ኣቶ ኢብሳ ነገዎ፣ ኣቶ ኣቶምሳ ኩምሳ፣ ኣቶ ቶሌራ ኣደባና ኣቶ ገመቹ ኣያና የሚገኙበት የልዑካን ቡድን ነሃሴ 7 ቀን 2018ዓም በኣስመራ ኤርትራ በመገናኘት ወንድማዊ መንፈስ በተንጸባረቀበትና በሙሉ መተማመን በተካሄደ የእርቅ ውይይት ከዚህ በታች ያሉ ስምምነቶችና መግባባቶች ላይ ተደርሷል።
ሁለቱም ቡድን ስለኦሮሞና ኦሮሚያ እንዲሁም ኢትዮጵያን በሚመለከቱ ጉዳዮች ላይ በውይይት ኣብረው ለመስራት ተስማምተዋል።
ለረዥም ዓመታት በኦነግና በኢትዮጵያ መንግስት መካከል የነበረው ጦርነት ተገትቶ፡ ካሁን በኋላ በኢትዮጵያ ውስጥ የተፈጠረው ሁኔታ ኦነግ በሃገር ውስጥ በግልጽ ሊሰራ የሚያስችለው መሆኑ ከግንዛቤ ገብቶ፡ ትግሉን በሰላማዊ መንገድ እንዲቀጥል ከስምምነት ተደርሷል።
በመጨረሻም ከስምምነት የተደረሰባቸውን ጉዳዮች ስራ ላይ እያዋሉ ምርመራና ጊዜ የሚጠይቁትን ቀስ በቀስ ለመጨረስ በቀጣይነት ከፍጻሜ የሚያደርስ ኮሚቴ በኣስቸኳይ እንዲቋቋም ተስማምተዋል።
Rachelokuka.wordpress.com