Oromia: KFOn Raayyaan Ittisa Biyyaafi hidhattoonni uummata keessaa faca’anii jiran akka dachaafaman gaafate January 3, 2019
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Ethiopia, KFO, ofc, Oromia, Oromummaa, Tokkummaa Oromo
add a comment
KFOn Raayyaan Ittisa Biyyaafi hidhattoonni uummata keessaa faca’anii jiran akka dachaafaman gaafate
BBC Afaan Oromoo, Amajjii 2 Bara 2019

Ibsa haala yeroo irratti baaseen paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFOn) Mootummaafi Addi Bilisummaa Oromoo waldhabdee gidduu isaanii jiru atattamaan furanii Raayyaan Ittisa Biyyaafi hidhattoonni uummata keessaa faca’anii jiran akka dachaafamaniif gaafate.
Waliigaltee qaamoleen kunneen gidduutti raawwatame uummanni akka beekuufi hojiirra akka ooluufis hubachiiseera ibsa isaa kanaan.
KFOtti Damee Liigii Dargaggootaatti Itti-gaafatamaan Sab-qunnamtii Obbo Addisuu Bullaalaa ibsa paartiin isaanii baase kana irratti BBC Afaan Oromootti akka himanitti, murni ykn jaarmiyaaleen adda addaa injifannoo qoodachuuf jecha akka hin taanetti karaa irraa waan maksaa jiraniif nutti dhaga’ama jedhan.
Dubbiii ijoon ibsa kana akka baasaniif isaan kakaases, “Haalli kun bayyee nu yaaddessa, uummanni keenya guddaan, nutis, paartiin keenyas gatii guddaa itti kaffaleera waan ta’eef kunuunfachuu qabna waan jennuufidha. Injifannoo arganne kanas cimsinee sirna ijaarrachuu qabna waan jennuuf ibsa kana baasne,” jedhan.
Qabsoon Oromoon waliin ta’ee tokkummaan yeroo bu’aa argamsiisuu jalqabe irraa kaasee karaa adda addaatiin uummata kana irratti bobba’amee jira jedhan Obbo Addisuun.
Uummata waliin jiraataa turre sabaafi sablammilee waliiti buusuudhaan saba kana buqqisuun, ajjeesuun, qabeenya isaa barbadeessuun waggoota darban keeessa deddeebiyee mul’achaa tueera jedhan Obbo Addisuun.
Isa sana jala dabarree gaafa jennu ammoo yeroo ammaa kana ifaafi ifatti mootummaan biyya kana bulchu raayyaa ittisa biyyaa akka hin taanetti uummata keessa sochoosaa jira kan jedhan Obbo Addisuun, kanaan alatti ammoo hidhattoonni karaa adda addaatiin uummata keessa faca’anii jiru.
“Waraana Adda Bilisummaa Oromoo haa ta’uutii ta’uullee haa dhiisuutii sana eger gargar bahuu danda’a. Garuu qaamni hidhate kamiyyu kan WBO haa ta’u kan raayyaa ittisa biyyaa yeroo uummata keessa deemanii walitti bu’an kan gidduutti miidhamu uumata haarsaa kaffalaa ture, qote bulaa, daa’imman, barattootaa, dubartootaafi jaarsoliidha,” kanadha.
Kanaaf kun sirrii waan hin taaneef humnoonni kunneen uummata keessa hidhattoota keessaa akka baasaniifi kaampiitti akka deebifatan gaafanneera jedhan.
Ibsi KFO kun dabalataan yeroo ammaa kana naannoo Oromiyaa bakka adda addaa keessatti walitti bu’insi Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota gara garaa gidduutti mul’ate uummata goolaa akka jiru kaasee, fakkeenyaaf yeroo darbe Godina Gujii Lixaa ganda Fincaa’aa jedhamutti humni mootummaa kan itti shakkamu meeshaan guddaan dhukaafamee lubbuu namoota 13 galaafachuu addeessa.
Itti dabalees, hidhattoonni naannolee biroo gara naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa, Boornaa, Gujiifi Harargee keessa seenuudhaan uummata Ororomoo ajjeesaa, saamaafi buqqisaa akka jiran qaamolee adda addaa dabalatee mootummaanis amaneera.
Uummanni Oromoo injifannoo aarsaa guddaan argate eeggachuuf sababii walitti bu’insaa kaniif tikfachuufi firii isaalle dhamdhamachuu dadhabuu qofa osoo hin taane, isa itti aanu kallattiii qabsoo misoomaafi guddinaatti ce’uuf gufatee uummanni boo’ichaafi gadadoo biraatiif saaxilameera jedha ibsichi. Caalaatti as tuqaatii BBC Afaan Oromoo irraa dubbisaa
More from Oromian Economist sources:-
Mootummaa Itoophiyaatiif Waamicha Godhe!
Uummati Oromoo injifannoo aarsaa guddaan argate sababa walitti bu’insa haaraa ABO fi Mootummaa gidduutti dhalateetiin injifannoosaa eeggaachuu fi tifkachuu akkasumas firiisaa dhandhamachuu dadhabu qofa utuu hin taanee, isa itti aanutti kallattii qabsoo misoomaa fi guddinaatti ce’uun gufatee ummati keenya booyichaa fi gadadoo biraatiif saaxilamuun isa gadda guddatu nutti dhage’ameera. Keessattu dhiya Oromiyaa godinalee Wallaga afranii fi kibba Oromiyaa godinalee Gujii fi Booranaatti gochi dhiyeenya kana raawwatamee ammas aarsaa biraatiif kan nu affeeruu fi qisaasama Hawaasi-Diinagdee nutti fidu kan dande’uusa ni amanna. Rakkoolee asiin olitti caqafaman akka itti hin fufnee fi kan caalutti akka hin galleef KFOn tarkaanfii asii gadi hatattaamaan akka fudhatamu waamicha godha.
1. Mootummaa fi Addi Bilisummaa Oromoo waldhabdee isaan gidduu jiru hatattaamaan furanii Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Hidhattoota uummata keessa faca’anii jiran akka uummata keessaa dachafatanu cimsee gaafata. Waliigalteen qaamolee kunneen gidduutti raawwatame ummati akka beeku fi hojiirras akka oolu ni hubachiifna.
2. Mootummaan Federaalaa hidhattoota kutalee biraa irraa naannoo Oromiyaa seenanii uummata ajjeesaa, saama fi buqqisa turani fi jiranu akka dhaabsisu cimsinee gaafanna.
3. Hawaasooti Itiyoophiyaa, qaamoleen amantaa, maanguddooti biyya fi addunyaa rakkoo ummataa keessa jiru hubatanii qaama furmaataa fi araaraa akka ta’anu kabajan gaafanna.
4. Mootummaaleen naannoo Oromiyaa fi federaalaa akkasuma haawasi biyya keessaa fi biyya alaa lammiilee buqqa’anii fi saamamaniif deeggarsaa akka godhanu maqaa ummata miidhamaniin ni gaafanna.
5. Qeerroon uummata Oromoo akkuma asiin duraa eennuyyuu odoo hin loogiin uummata isaa cina dhaabbatee injifannoo aarsaa isaatiin argame akka tiksu adaraa jechuun waamicha goona.
6. Mootummaan Itiyoophiyaa uummata humnaan bulchuun faallaa dimookiraasii ta’uunsa akkuma beekamu ta’ee, mootummaan kun rakkoo biyya kanaa qophaa hiiku akka hin dandeenye beeke paartii taayita irra jiru dabalatee qaamoleen dhimmi ilaalu hundii kan keessatti qooda fudhatu Mootummaan Waliigalaa Biyyoolessa (National Consensus Government) akka hundeeffamu irra deebinee ni gaafanna.
Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Muddee 23, 2011
Oromo political parties agreed to establish a united forum December 6, 2018
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: ODP, ofc, OLF, Oromia, Oromummaa, Tokkummaa Oromo, Unity of the Oppressed
add a comment
Ethiopia’s ODP building alliances with opposition in Oromia, African News

ETHIOPIA
The ruling bloc in Ethiopia’s Oromia region, the Oromo Democratic Party, ODP, continues building political alliances with competing parties ahead of elections slated for 2020.
ODP’s spokesperson, Taye Dendea, confirmed this information to the Voice of America’s Amharic service. He said the party was preparing to enter talks with over ten parties that shared a similar political agenda and plan of action.
Dendea added that further talks were being held with the Oromo Liberation Front, an ex-rebel group that returned from Eritreaafter a peace deal was signed between the two countries in July this year.
ODP led by Prime Minister Abiy Ahmed recently agreed a dealwith the Oromo Democratic Front, ODF, led by Lencho Leta. The merger was announced in late November after a meeting between Leta and Oromia region president Lemma Megerssa.
The 2020 elections will be the first vote after Abiy began his sweeping reforms aimed at opening the country’s political and democratic space.
Abiy, an Oromo, has pledged to ensure that the vote is free, fair and credible and has stated publicly that he will handover power if the ruling Ethiopia Peoples Revolutionary Democratic Front, EPRDF, lost.
He has held talks with registered opposition groups and nominated a new elections chief to undertake reforms of the electoral body in the lead up to the polls. Birtukan Mideksa, a former judge and political dissident has been praised as being a right fit for the job.
The Ethiopia People Revolutionary Democratic Front comprises four main blocs:
- The Tigray People’s Liberation Front (TPLF).
- The Oromo People’s Democratic Organization (OPDO) now Oromo Democratic Party.
- The Amhara National Democratic Movement (ANDM) now Amhara Democratic Party.
- The Southern Ethiopian People’s Democratic Movement, SEPDM.
More from Oromian Economist sources:l
Korri paartileen Oromoo ‘haala qabatamaa naannichaafi cee’umsa gara dimokiraasii irratti’ xiyyeeffate taasifame, BBC Afaan Oromoo
Waltajjii Marii jaarmiyaalee Siyaasaa Oromoo har’a Finfinneetti geggeeffamaa jira
=====
Waltajjiin marii Jarmiyaalee Siyaasaa Oromoo hundi irratti argaman kun mata duree marii “Ce’umsa gara Dimookiraasii fi haala qabatamaa Naannoo Oromiyaa” jedhurratti Finfinnee Galama Aadaa Oromootti geggeeffamaa jira.
Kaayyoon kanaas Jarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo dhimma Waloo Ummata Oromoorratti dhimmoota waliin hojjechuu danda’anirratti wal hubannaa uumifi jedhameera.
Ka’umsa marii kanaatiif barreeffama qabsoo Ummata Oromoo eessaa garamitti, qormaatileefi sadarkaa qabsichi yeroo ammaa irra gaheefi kallattii qabsoo fuulduree Oromoo ilaalchisee qophaa’e Itti GaafatmaanSiyaasaafi Ijaarsa Baadiyyaa ODP obbo Addisuu Araggaatiin dhihaatee jira. Itti aansudhaanis Perofeesar Isqeel Gabbisaa bareefffan “eessaa kaanee eesssa turre, amma hoo eessa gahuuf deemaa jirra kan jedhu keessattti ummanni Oromoo yeroo ammaa kanatti gaaddisa tokko jalatti hiriiranii kan argamaniidha jedhaniiru. Kunummoo iccitiinsaa tokkummaa waan ta’eef jarmiyaaleen siyaasaa Oromoo maqaasaatiin ijaaramanis yeroon tokkummaan itti hojjetan amma jedhaniiru.
Yeroo ammaa Pirez. BMNO Dr. Kabajaa Lammaa magarsaa yeroo ammaa ce’umsaa dhufaa jiru waltaanee ceesisuun murteessadhaniiiru. Mariin itti fufeera bal’inasaa qabannee dhihaanna.
Guyyaan har’aa ganda TPLFitti guyyaa gaddaa tahuu argine. Mirqaanni isaanii guyyoota muraasa dabranii har’a bakka san hin jirtu. Sababni ifaa dha. Jaarmayaalee siyaasaa Oromootu waltajjii tokkorratti argamanii waan hegeree isaanii maryachaa jiran. Humnoota amma wal ajjeesu, amma wal diiganii qaawwa nuu banu jedhanii eegaa jirantu nagaaf dursa kennee maryachuu jalqabe. Kana caalaa kan boquu diinaa cabsu hin jiru. Humnoonni siyasaa Oromoos kana beekuu qabu. Waan diina gammachiisu irraa of qusatanii waan saba keenya mirqaansutti xiyyeeffachuu dha. Waamichi gabaa lagannaa fi dhaadannoon ‘Lammaa fi Abiyyi diina keneya, nun bulchanu’ jedhan Oromiyaa keessatti dhagahamuun fafa. Kun hawwii warra TPLF akka tahe beekuu feesisa. Oromoonis waamichoota mormii kan qaamonni tokko tokko dhiheessan hundumaa eeggannoodhaan laalee kan tahu fudhatee kan diina gammachiisu diduuf dammaqiinsa dabalachaa deemuutu irraa eegama.
https://www.facebook.com/permalink.php?story_fbid=770455773341464&id=100011311443078
alqabbii Gaarii, marii bu’a qabeessa
Har’a waltajjii marii dhaabbilee siyaasaatu ture. Waltajjiin kun ji’oota heddu dura waan eegalu qabu ta’s amma jalqabuunuu waan guddaadha. Waltajjii kanarratti
– Injifannoo qabsoo wlaootiin argame waliin tiikfachuun barbaachisaa akka ta’e
– Jeeqamuun nageenya Oromiyaa nu hundaaf balaa hamaa akka qabu
– Mootummaa kana tumsuun cehuumsa kana bakkaan gahuuf murteessaa akka ta’e, hoggansi mootummaas dhaabbilee siyaasaafi qaamota biroo ofitti qabee gargaarsifachuun murteessaa ta’uu isaa.
– Dhaabbileen siyaasaa waliin mari’achuufi waliin dalaguun rakkoo nageenyaa furuufi tokkumma saba kanaa cimsuuf murteessaa ta’uu isaa.
– Mariin bifa kana akka itti fufuuf foramiin paartilee akka jaaramus waliif galameera.
Prez Lammaa Magarsaa kaka’uumsa kanaan as bahuu isaafii hogganoonni dhaabbilee hundaa hirmaannaa isaaniif ni galateeffanna. Hojiin kun cimee itti fufuu qaba.
Oromia: Mootummaan Itoophiyaa fi Addi Bilisummaa Oromoo Waliigalan August 7, 2018
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Oromo, Oromummaa OLF, Tokkummaa Oromo
1 comment so far
SBO: Ibsa Waloo Waliigalatee Mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Oromoo
Jila Mootummaa Itoophiyaa Pireezdaantii Naannoo Oromiyaa Dr. Lammaa Magarsaan durfamuu fi Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Dr. Warqinee Gabayyoo keessatti argamu, Jila ABO Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo Jaal Daawud Ibsaatin durfamu Jaal Ibsaa Nagawoo, Jaal Atoomsaa Kumsaa, Jaal Toleeraa Adabaa fi Jaal Gammachuu Ayyaanaa keessatti argaman Hagayya 7 bara 2018 Asmaraa Eertiraatti wal arguun marii araaraa kan hafuurri obbolummaa irraa calaqqise, wal amantaa guutuun gaggeeffameen wal tahiinsaa fi wal hubannoota armaan gadii irra gahame.
Gareen lameenuu dhimma Oromoo fi Oromiyaa akkasumas dhimma Itoophiyaa kan ilaalu irratti mariin waliin hojjechuuf wal tahan.
Lolli waggoota dheeraaf ABO fi Mootummaa Itoophiyaa jidduu ture dhaabbatee armaan booda haalli Itoophiyaa keessatti uumame ABOn biyya keessatti ifatti hojjechuu kan dandeessisu tahuu hubatamee, qabsoo isaa karaa nagaa akka itti fufu waliigalame.
Dhumarratti, dhimmoota irratti waliigalaman hojiirra oolchaa kanneen qormaataa fi yeroo gaafatan dhawaataan fixachuuf koreen itti fufee xumura itti godhu shaffisaan akka dhaabbatu wal tahan.
የኢትዮጵያ መንግስትና የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ስምምነት የጋራ መግለጫ
በኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት ፕሬዝዳንት ዶር. ለማ መገርሳ የሚመራውና የኢትዮጵያ የውጪ ጉዳይ ሚኒስትር ዶር. ወርቅነህ ገበየሁ የሚገኙበት የልዑካን ቡድን፣
በኦሮሞ ነጻነት ግንባር ሊቀ-መንበር ኣቶ ዳውድ ኢብሳ ከሚመራውና ኣቶ ኢብሳ ነገዎ፣ ኣቶ ኣቶምሳ ኩምሳ፣ ኣቶ ቶሌራ ኣደባና ኣቶ ገመቹ ኣያና የሚገኙበት የልዑካን ቡድን ነሃሴ 7 ቀን 2018ዓም በኣስመራ ኤርትራ በመገናኘት ወንድማዊ መንፈስ በተንጸባረቀበትና በሙሉ መተማመን በተካሄደ የእርቅ ውይይት ከዚህ በታች ያሉ ስምምነቶችና መግባባቶች ላይ ተደርሷል።
ሁለቱም ቡድን ስለኦሮሞና ኦሮሚያ እንዲሁም ኢትዮጵያን በሚመለከቱ ጉዳዮች ላይ በውይይት ኣብረው ለመስራት ተስማምተዋል።
ለረዥም ዓመታት በኦነግና በኢትዮጵያ መንግስት መካከል የነበረው ጦርነት ተገትቶ፡ ካሁን በኋላ በኢትዮጵያ ውስጥ የተፈጠረው ሁኔታ ኦነግ በሃገር ውስጥ በግልጽ ሊሰራ የሚያስችለው መሆኑ ከግንዛቤ ገብቶ፡ ትግሉን በሰላማዊ መንገድ እንዲቀጥል ከስምምነት ተደርሷል።
በመጨረሻም ከስምምነት የተደረሰባቸውን ጉዳዮች ስራ ላይ እያዋሉ ምርመራና ጊዜ የሚጠይቁትን ቀስ በቀስ ለመጨረስ በቀጣይነት ከፍጻሜ የሚያደርስ ኮሚቴ በኣስቸኳይ እንዲቋቋም ተስማምተዋል።
https://www.youtube.com/watch?v=MX-MCHq2ZvQ
ABOfi Mootummaan Itoophiyaa waliigalan, BBC Afaan Oromoo
Tokkummaa Tokkummaa Yaa Ilmaan Oromoo Tokkummaa: Oromo live concert in South Africa February 14, 2016
Posted by OromianEconomist in #OromoProtests, Muscians and the Performance Of Oromo Nationalism, Oromia, Oromo Music.Tags: Africa, Oromia, Oromo, Oromo music and Oromo identity, OromoProtests2016, South Africa, Tokkummaa Oromo, Tokkummaa Tokkummaa Yaa Imaan Oromoo Tokkummaa: Oromo live concert in South Africa, Wallee Tokkummaa Guyyaa WBO Nairobi 2016
add a comment
Tokkummaa for Development and Freedom June 14, 2011
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: African culture, Oromo cultural fashion show, Oromo culture, Tokkummaa Oromo
add a comment
You must be logged in to post a comment.