Oromia: KFOn Raayyaan Ittisa Biyyaafi hidhattoonni uummata keessaa faca’anii jiran akka dachaafaman gaafate January 3, 2019
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Ethiopia, KFO, ofc, Oromia, Oromummaa, Tokkummaa Oromo
add a comment
KFOn Raayyaan Ittisa Biyyaafi hidhattoonni uummata keessaa faca’anii jiran akka dachaafaman gaafate
BBC Afaan Oromoo, Amajjii 2 Bara 2019

Ibsa haala yeroo irratti baaseen paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFOn) Mootummaafi Addi Bilisummaa Oromoo waldhabdee gidduu isaanii jiru atattamaan furanii Raayyaan Ittisa Biyyaafi hidhattoonni uummata keessaa faca’anii jiran akka dachaafamaniif gaafate.
Waliigaltee qaamoleen kunneen gidduutti raawwatame uummanni akka beekuufi hojiirra akka ooluufis hubachiiseera ibsa isaa kanaan.
KFOtti Damee Liigii Dargaggootaatti Itti-gaafatamaan Sab-qunnamtii Obbo Addisuu Bullaalaa ibsa paartiin isaanii baase kana irratti BBC Afaan Oromootti akka himanitti, murni ykn jaarmiyaaleen adda addaa injifannoo qoodachuuf jecha akka hin taanetti karaa irraa waan maksaa jiraniif nutti dhaga’ama jedhan.
Dubbiii ijoon ibsa kana akka baasaniif isaan kakaases, “Haalli kun bayyee nu yaaddessa, uummanni keenya guddaan, nutis, paartiin keenyas gatii guddaa itti kaffaleera waan ta’eef kunuunfachuu qabna waan jennuufidha. Injifannoo arganne kanas cimsinee sirna ijaarrachuu qabna waan jennuuf ibsa kana baasne,” jedhan.
Qabsoon Oromoon waliin ta’ee tokkummaan yeroo bu’aa argamsiisuu jalqabe irraa kaasee karaa adda addaatiin uummata kana irratti bobba’amee jira jedhan Obbo Addisuun.
Uummata waliin jiraataa turre sabaafi sablammilee waliiti buusuudhaan saba kana buqqisuun, ajjeesuun, qabeenya isaa barbadeessuun waggoota darban keeessa deddeebiyee mul’achaa tueera jedhan Obbo Addisuun.
Isa sana jala dabarree gaafa jennu ammoo yeroo ammaa kana ifaafi ifatti mootummaan biyya kana bulchu raayyaa ittisa biyyaa akka hin taanetti uummata keessa sochoosaa jira kan jedhan Obbo Addisuun, kanaan alatti ammoo hidhattoonni karaa adda addaatiin uummata keessa faca’anii jiru.
“Waraana Adda Bilisummaa Oromoo haa ta’uutii ta’uullee haa dhiisuutii sana eger gargar bahuu danda’a. Garuu qaamni hidhate kamiyyu kan WBO haa ta’u kan raayyaa ittisa biyyaa yeroo uummata keessa deemanii walitti bu’an kan gidduutti miidhamu uumata haarsaa kaffalaa ture, qote bulaa, daa’imman, barattootaa, dubartootaafi jaarsoliidha,” kanadha.
Kanaaf kun sirrii waan hin taaneef humnoonni kunneen uummata keessa hidhattoota keessaa akka baasaniifi kaampiitti akka deebifatan gaafanneera jedhan.
Ibsi KFO kun dabalataan yeroo ammaa kana naannoo Oromiyaa bakka adda addaa keessatti walitti bu’insi Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota gara garaa gidduutti mul’ate uummata goolaa akka jiru kaasee, fakkeenyaaf yeroo darbe Godina Gujii Lixaa ganda Fincaa’aa jedhamutti humni mootummaa kan itti shakkamu meeshaan guddaan dhukaafamee lubbuu namoota 13 galaafachuu addeessa.
Itti dabalees, hidhattoonni naannolee biroo gara naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa, Boornaa, Gujiifi Harargee keessa seenuudhaan uummata Ororomoo ajjeesaa, saamaafi buqqisaa akka jiran qaamolee adda addaa dabalatee mootummaanis amaneera.
Uummanni Oromoo injifannoo aarsaa guddaan argate eeggachuuf sababii walitti bu’insaa kaniif tikfachuufi firii isaalle dhamdhamachuu dadhabuu qofa osoo hin taane, isa itti aanu kallattiii qabsoo misoomaafi guddinaatti ce’uuf gufatee uummanni boo’ichaafi gadadoo biraatiif saaxilameera jedha ibsichi. Caalaatti as tuqaatii BBC Afaan Oromoo irraa dubbisaa
More from Oromian Economist sources:-
Mootummaa Itoophiyaatiif Waamicha Godhe!
Uummati Oromoo injifannoo aarsaa guddaan argate sababa walitti bu’insa haaraa ABO fi Mootummaa gidduutti dhalateetiin injifannoosaa eeggaachuu fi tifkachuu akkasumas firiisaa dhandhamachuu dadhabu qofa utuu hin taanee, isa itti aanutti kallattii qabsoo misoomaa fi guddinaatti ce’uun gufatee ummati keenya booyichaa fi gadadoo biraatiif saaxilamuun isa gadda guddatu nutti dhage’ameera. Keessattu dhiya Oromiyaa godinalee Wallaga afranii fi kibba Oromiyaa godinalee Gujii fi Booranaatti gochi dhiyeenya kana raawwatamee ammas aarsaa biraatiif kan nu affeeruu fi qisaasama Hawaasi-Diinagdee nutti fidu kan dande’uusa ni amanna. Rakkoolee asiin olitti caqafaman akka itti hin fufnee fi kan caalutti akka hin galleef KFOn tarkaanfii asii gadi hatattaamaan akka fudhatamu waamicha godha.
1. Mootummaa fi Addi Bilisummaa Oromoo waldhabdee isaan gidduu jiru hatattaamaan furanii Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Hidhattoota uummata keessa faca’anii jiran akka uummata keessaa dachafatanu cimsee gaafata. Waliigalteen qaamolee kunneen gidduutti raawwatame ummati akka beeku fi hojiirras akka oolu ni hubachiifna.
2. Mootummaan Federaalaa hidhattoota kutalee biraa irraa naannoo Oromiyaa seenanii uummata ajjeesaa, saama fi buqqisa turani fi jiranu akka dhaabsisu cimsinee gaafanna.
3. Hawaasooti Itiyoophiyaa, qaamoleen amantaa, maanguddooti biyya fi addunyaa rakkoo ummataa keessa jiru hubatanii qaama furmaataa fi araaraa akka ta’anu kabajan gaafanna.
4. Mootummaaleen naannoo Oromiyaa fi federaalaa akkasuma haawasi biyya keessaa fi biyya alaa lammiilee buqqa’anii fi saamamaniif deeggarsaa akka godhanu maqaa ummata miidhamaniin ni gaafanna.
5. Qeerroon uummata Oromoo akkuma asiin duraa eennuyyuu odoo hin loogiin uummata isaa cina dhaabbatee injifannoo aarsaa isaatiin argame akka tiksu adaraa jechuun waamicha goona.
6. Mootummaan Itiyoophiyaa uummata humnaan bulchuun faallaa dimookiraasii ta’uunsa akkuma beekamu ta’ee, mootummaan kun rakkoo biyya kanaa qophaa hiiku akka hin dandeenye beeke paartii taayita irra jiru dabalatee qaamoleen dhimmi ilaalu hundii kan keessatti qooda fudhatu Mootummaan Waliigalaa Biyyoolessa (National Consensus Government) akka hundeeffamu irra deebinee ni gaafanna.
Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Muddee 23, 2011
You must be logged in to post a comment.