Oromia (Finfinnee): Maasaanuun daangaa qabdi August 4, 2019
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Finfinnee, Finfinnee Karri Shani, SAY NO, Why do the Oromo Resist the Finfinnee (Addis Ababa) Master Plan?
trackback

Jawaar Mahaammad: ‘Kaayyoon ‘Master Plan’ jalqabaas quubsuma uummataa jijjiiranii naannicha alagoomsuudha’
BBC Afaan Oromoo, Bitooteessa 8 Bara 2019

Magaalaan kamiyyuu daangaa mataasaa qabaachuun dirqama jedha xiinxalaan siyaasaafi rogeessi Obbo Jawaar Mohaammad.
Obbo Jawaar Mahaammad yeroo Maaster Pilaanii Qindaa’aa Finfinnee hojiirra ooluuf yaalame keessa mormii ture keessatti tarkaanficha mormuun nama qooda guddaa qabu ture.
Akkaataa Maaster Pilaanichaatti magaalaa Finfinnee babal’isuuf jecha seeraan ala magaalicha irraa fageessuun manneen jireenya ijaaramaa turan jedha.
Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaa waan taateef, babal’inni ishee akkamitti seeraan ala jechuu dandeenya kan jedhu ilaalchisee Jawaar waan jedhu, ”Dhimmichi waldhabdee naannolee lamaanii osoo hin taane, magaalan kamiyyuu daangaa mataasaa qabaachuu waan qabuuf,” jedha.
Magaalotumti Oromiyaa keessa jiran kamiyyuu daangaa qabu jedhee, fakkeenyaaf magaalaan Adaamaa Walancitii deemee mana ijaaree qooduu hin danda’u jedha.
”Maasaanuun daangaa qabdi.”
Dhimmi amma raawwachaa jiru seeraa fi heera kan hin eeggannee fi qonnaan bulaa buqqaasuuf jecha waan raawwachaa jiru jedha Jawaar.
”Quubsuma uummataa jijjiiranii naannicha alagoomsuun, booda adeemsa keessa immoo Finfinnee naannoo biraatiin waliiti qabanii Oromiyaa bakka lamatti muruun; karoora master pilaaniidhaan lafa kaawwame sana hojiitti hiikuuf kan yaadamedha,” jedha xiinxalaan siyaasaa kun.
- Jawaar Mahaammad hamma jedhe gahe
- Imala OMN Minisootaa hanga Finfinneetti
- ”Mirgi abbaa biyyummaa bilisummaa dhugaa qofaan kabajama” ABO
Aanga’oonni naannoo Oromiyaa tokko tokko Finfinneen iyyuu kan keenya daangaa nu hin barbaachisu ejjennoo jedhu akka qaban dubbata.
Haa tahu malee Jawaar inni akkuma jirutti tahee Finfinneen magaalaa amala addaa qabdu fi qonnaan bulaa buqqisaa babal’ataa bultudha jedha.
Dabalataan ajandaa siyaasaa guddaas waan taheef daangaa itti gochuun dirqama jedha.
Gaaffii uummatni dhiyeessaa ture cinatti dhiisuun manneen ijaaramaan kennuun seeraan ala waan taheef ammas mormiin jalqabe jedhan.
Gaaffii abbaa biyyummaa
Gaaffiin abbaa biyyummaa Finfinnee gaaffi qabsoo Oromoo keessaa isa ijoodha jedhanii garuu cehumsi kun nagaa fi tasgabbiin haa gaggeefamu jedhameeti gaaffiin kunii fi Afaan Oromoo yeroodhaaf akka bulu kan taasifamee ture jedhan.
Uummannis garaan isaa osoo aaruuti mootummaan gaaffii keenya suuta nuuf deebisa jechuun kan ture kan jedhu Jawaar mootummaan garuu deebisee karoora master pilaanii waan irratti yaaleef uummanni dallanee hiriira bahe jedhe.
”Hiriirrii fi gaaffiin ammaa kun kan ijaarsa manneetii qofa natti hin fakkatu, gaaffii abba biyyummaa Finfinnee kan inumaayyuu alagaan Finfinnee hin seentan jedhee mataa raasuu fi mootuymmaanis irra dibee darbaa jiru furuuf waan godhamu natti fakkata.”
Haalli kun yoo yeroodhaan hin furamne jijjirama siyaasaa amma biyya keessa jiru irratti dhiibbaa qabaachuu danda’aa gaaffii jedhu Jawaar uummanni ammas jijjiramicha deeggaraa jira jedhee uummannis tasgabbaa’ee karaa nagaa qabuun gaaffii isaa dhiyeessuu qaba jedhe.
Mootummaanis deebisee madaa isaa tuttuquu dhiisee gadi taa’ee tasgabbiidhaan uummata kana waliin mari’atee deebii itti kennuutu furmaata jedha Jawaar.
Mootummaan micciireen humnaan deebisuuf kan yaalu yoo tahe garuu uummata waliin wal dhabuun gatii akkamii akka nama kaffalchiisu fi eenyu akka injifatu waan beekamudha jedhee sadarkaa kana irra garuu gaha jedhee hin yaadu jedha.
Related, Oromian Economist sources:

“Finfinnee irratti abbaa biyyummaa Oromoo kan kabajsiisu Oromoo dha malee ODP yookiis paartii siyaasaa kamuu miti. Qabsoon Oromoo Finfinneedhaan finiinti, Finfinneedhaan furamtis. Kun diinaafis firaafis ifa tahuu qaba. ODPiif dhaamsi qabnu ‘Yaa soogiddaa ofii jettu mi’aaahii…’ dha. Ummata Oromoo waa meeqa obsee jara jajjabeessuu filate mufachiisanii humna jibbaa fi abaarsa dunuunfiitiin dachii jala jara dabarsuu fedhuuf dhugaa galchuu/gammachiisuu filatan taanaan filannoon kanuma jaraa ti.
Ummata keenyaaf wantin dhaamu waan tokko qofa. Kaleessas paartii siyaasaatiin osoo hin taane akka ummataatti qabsooftee dhiibdee dhuftee as geesse. Har’a garuu sagaleen kee dhokatee sagalee waca humnoota siyaasaatu lafa qabataa jira. Nagaadonni siyaasaa kamuu dantaa keetti qabatanii si ganuus tahee siin nagaduu malu. Dammaqinsaan ofirraa eegaa injifannoo kee dhiigaan asiin geesse ammas qabsoo haalli si gafatu kamiinuu kabasiisuuf of qopheessi.” – Yaya Beshir
Comments»
No comments yet — be the first.