Advertisements
jump to navigation

ADWUI: BAQSUU MOO DIMOKRAATESSUU WAYYA? Jawar Mohammed October 17, 2019

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: ,
add a comment

ADWUI: BAQSUU MOO DIMOKRAATESSUU WAYYA?

Tibba dabre kana walgahii ‘Maddamar’ ilaalchisee Bishooftutti guyyoota lamaaf adeemsifame irratti hirmaadhee ture. Walgahii kanarratti barruulee dhiyaataniifi haala itti adeemsifamee irratti illaalchaafi gorsan qabu battalatti himeen jira. Kan hafes barrudhaan warra dubbiin ilaallatuuf nan erga. Ammas dhimma tokko kan fuulduree sabaafi biyya keenyaaf akkaan murteessaa ta’e irratti yaada, yaaddoofi gorsa dhiheessuun barbaada.

Xumura walgahii kanaa irratti MM Abiy Ahmad argamuun haasaa goolabbii taasasinii jiru. Haasaa kana keessatti dhimmi keessa keessa dubbatamaa ture tokko mirkaneessanii jiru. ADWUI’n diigamee paartiin haaraan akka dhaabbatu. Kana jechuun dhaabni amma gamtaa jaarmayoota saba irraa ijaaramaniin biyya bulchaa jiru diigame dhaaba qeenxee ( unitary) ta’een bakka buufamuuf qophiin akka xumurameedha. Tarlkaanfiin kun ODP, Oromoofi Itoophiyaaf faaydaa qaburra miidhaatu caala yaada jedhun qaba. Kanas akka armaan gadiittin tarreessa.

RAKKOO BU’URAA

Jaarmaa ADWUI/EPRDF fi EPP amma dhaabachuu hedu jidduu garaagarummaa gurguddaa lamatu jira. Kan duraa EPRDF tumsa ( alliance/ coalition) yoo ta’u amma tumsi sun walitti baqee/ diigamee/ gara dhaaba qeenxee tokkotti jijjiirama. Kan jechuun dhaabbileen EPRDF irraa jaarame kanneen akka ODP, ADP diigamanii ( dIssolve) dhabamu. Hin jiraatan jechuudha. Garaagarummaan lammataa EPRDF keessatti miseensummaan gareedhaan / sabaani. Kana jechuun jaarmaalee dursee saboota irraa ijaaramantu walitti dhufee tumsa tolfate. Kana jechuun dura akka sabaatti gurmoofteet san booda tumsa walii jaarratta. Kara biraatiin ibsuuf EPRDF keessatti miseensummaan gareen/ sabaan yoo ta’u EPP keessatti dhuunfaa/ matayyaani. Fakkeenyaaf Gammadaan dhaaba Oromoo ODP jedhamutti miseensa ta’eet san booda ODPn EPRDF keessatti Gammadaa bakka bu’a. Gammadaafi Tolaa, Hagos fi Gidey, Difaabachew fi Caanneen dura akka sabaatti ijaaramaniit, jaarmaan sun dantaa isaanii EPRDF keessatti bakka bu’aaf.Dantaa isaaniis akka Oromo, Tigreefi Amaaratti EPRDF keessatti falamatu. Amma garuu Gammadaa, Gidey fi Caanneen suduudaan miseensa EPP ta’u. Achittis dantaa dhuunfaa malee kan waloo bakka hin bu’an. Sababnis akka duritti waloon gurmaa’anii bakka bu’ummaa sabaa fudhatanii waan hin dhaqneef. Gammadafi Tolaan dantaa dhuunfasa isaa malee kan sabaa gareen dhiheessuu hin danda’u.

Jijjiramni EPRDF irraa gara EPP godhamu kun falmaa siyaasaa biyya kana waggota 50f unkuran keessaa gara tokko gora…gara ejjennoo dhaabbileen siyaasaa Amaaraa yeroo dheeraaf qabatamnniitti. Gaafa sirna cunqursaa irratti qabsoon eegale irraa kaasee akkamitti yoo gurmoofne sirna diomokraatawaafi walqixummaa uumna kan jedhu ijoo falmiiti. Akkamitti gurmaayuutu wayya kan jedhu kanaaf yaada lamatu dhiyaachaa ture. Gareen tokko, ummanni biyya kanaa akka walootti cunqurfame. Waloon yoo gurmaa’ee socho’e mirgaafi dantaa waloo san deeffachuu danda’a jedha (There is collective repression. Solution to be sought through collective action towards collective emancipation.). Yaadni lammataa, Itoophiyaa keessatti namoonni gareen/ sabaan osoo hin taane dhuunfaadhaan cunqurfaman, kanaafuu sabaan osoo hin taane dhuunfaadhaan walitti dhufanii jaaramuun mirga namuutuu eegsisuu danda’u kan jedhuudha. Kanneen keessaa qabsoon Oromoo isa duraa fudhattee as geesse. Akka sabaatti cunqurfamne. Akka sabaatti gurmoofnee, akka sabaatti bilisoomna. Yoo tumsa barbaanne ummata cunqurfamee akka sabaatti jaarame waliin guuza waliif baanee humna dabalanna kan jedhuudha. Saboonni cunqurfamoon biyya kanaa hundi yaada gurmaa’ina waloo kana fudhatanii soch’aa as gahan. Kan dhuunfaadhaan gurmaa’uu kana kan dhaadhessu warra Amaaraa ykn Amaarayee ture. Hanga ammaa…

Bu’urri ( foundation) sirna federaalizimii biyya kanaas mirga, dantaafi hariiroo waloo/ gareeti malee kan dhuunfaa miti. Heerri Mootummaa biyyaattii ‘Nuti Sabaafi sablammoonni ummatoonni’ Itoophiyaa jedhee kan calqabu waa malee miti. Yaada ka’uumsaa sirnichaatu sani. Sabaafi sablammoonni boortaa qawweetiin weeraramanii humnaan oggolanii mirga ofiin of bulchii sarbamanii mootummaa Itoophiyaa jalatti galfamanii waan turaniif fincilan. Fincilanii sirna jiddugleessawaa ( centralized administation) diiganii, sirna naannoo isaanii akka ofiin bulchaniifi biyya ammoo waloon bulchan hayyamu, saboonni kun fedhiin walitti dhufanii jaaran jedha yaadni sirni federaalizimii kanaa. Kanaafuu paartiin biyyoolessaa saboonni osoo hin taane namoonni keessatti bakka buufaman yaada bu’uraa sirna federaalizimii biyya kanaa kan faalleessuudha. Kanarratti deebiin kennamaa jiru mootummaafi paartiin adda adda waan ta’uuf ( government and party will be separated) paartiin qinxee ta’us hojmaata bulchiinsa federaalawaa hin miidhu jedhu. Kun dhugaa miti. Biyya amma cehuumsarra jirtu dhiisii kanneen dimokraatawaa ta’anittuu aangoofi caasaa paartii biyya bulchuu kan mootummaa irraa adda baasuun ulfaataadha. Biyya keenyatti ammoo paartiifi mootummaan walitti hirkachuufi makamuu waggoota kurna as deemuuf ittuma fufu. Kanaafuu paartiin jiddugaleessawaa ( centralized) ta’e biyyatti gara bulchiinsa giddugaleessawaatti dhiibuun waan hin oolle. Akkasumas paartiin naannoo bulchu tokko paartii jiddugaleessaa irraa walabaummaa ( autonomy) yoo hin qabaannee bulchiinsa naannoo bifa of dandada’een ( autonomous) geggeessuu hin dnda’u. Autonomy paartii tokkoo autonomy bulchiinsa nnaannoof murteessaadha. Biyya kana keessatti Oromoon akka chaampiyoonaa mirga sabootaafi federaaliziitti laalala. Paartii bu’ura ofiin of bulchuufi federaalizimii faalleessu gaafa qabatee as bahu shakkiifi komaa hamaa kaasuun waan hin oolle.

Falmaan gareen gurmaa’uu moo dhuunfaadhaan jedhu kun kan Itoophiyaa keessaa qofa miti. Warra Lixaa keessas jira. Asiifi achittis warri cunqurfame ( saboonni, dubartoonni, hojjattoonni) gareen gurmaayuu filatu. Sababni isaas mirgi isaanii akka walootti waan sarbameef mirga san deeffachuuf ammoo dhuunfaadhaan humna waan hin qabneef waloon gurmaayanii guuza waliif bahuufi. Warri ol’aantummaa siyaasaafi diinaggee qabu ammoo dhuunfaadhaan/matayyaan gurmaayuu filata. Sababni isaa lama. Kan duraa akka dhuunfaatti qabeenyaafi aangoo guddaa waan qabuuf adeemsa siyaasaa irratti hiyyeessafi cunqurfamaa caalaa salphatti dhiibbaa gochuu danda’a. Kan lammataa siyaasni biyya tokko dhuunfaa qofaan kan gurmaa’amu yoo taate, hiyyeessaafi cunqurfamaan guuza waliif bahee jirbii wal taate arba hiitu waan hin taaneef, humna dureessaafi abbaan aangoon walgitu/morku horachuu hin danda’an. Haala kanaan siyaasaa biyyaa keessatti olaantummaan isaanii akkuma eegametti itti fufa jechuu dha. Kanaafuu atakaaroon mirga waloofi dhuunfaa, waloon gurmaa’uufi dhuunfaan jaaramuu dubbii haasaa qofaa /theory/ miti. Kan dantaati. Filannoon kee hawaasaafi sirna siyaasaa san keessatti gita diinaggeefi aangoo irra geesse irratti hundaa’a. Qabeenyaafi angoon ol’aantummaa yoo qabaatte dhuunfaan gurmaayuu filatta. Qabeenyaafi aangoon dhiibamtee yoo jiraatte waloon filmaata keeti.

OROMOOF

Kanarraa kaanee bakka amma Oromoofi Itoophiyaan keessa jirtutti waloon gurmoofnee dantaa teenya deemsifachuu moo dhuunfaadhaan/matayyaan socho’uutu nu baasa? Oromoon diinaggeefi siyaasaan gartuulee isaan dorgomaniin wal qixxaayee jiraa?” Gaafileen Oromoon qabatee ka’e, kan eenyummaa, abbaa biyyummaa, Afaaniifi diinaggee deebi’anii jiruu? Yoo deebi’uu baatan gurmaa’ina dhuunfaatiin deebisuu dandeenyaa? Ana natti hin fakkaatu. Oromoon har’as yoo tarii saamichi waggaa 150 sun irraa laaffateera tahe malee qabeenya isaa irratti abbummaa guutuu horatee, biyyattii keessatti dorgomaa hin taane. Akka hin taanef ammoo sirna, adeemsaafi caaseffama gitabittootaaf haala mijeessuuf tolfametu ammas akka diriiretti jira. Caaseffama kana jijjiiran malee diinaggeen dorgomaa tahuun hin danda’amu. Caaseffama shiraa kana diiguuf ammoo waloon socho’uun dirqama. Gaafii Finfinnees ta’ee kan Afaanis tattaaffii Gammadaafi Gammachuun mata mataan godhaniin osoo hin taane humna waloo Oromootin deebi’uu danda’a. Ammas taanaan Oromoon of diigee akka Itoophiyyaatti jaaramuun faaydaa argatu irra miidhaatu caala.

Adeemsi waloon jaaramuu irra dhuunfaan warra kaanitti makamuu kun miidhaa biraas qaba. ODP akka jaarmaattifi Oromoos akka sabaatti atakaaroo haaraya keessa galchuun humna nu harcaasa. Qoqqodamni bifa kanaa gaafa qabsoon dhalaturraa eegaltee nu miidhaa jirti. Fiigichi Oromoo baqaqsanii kan biraatiin walitti hodhuuf godhamu amma duras baay’ee nu miidhe, ammas hin milkaayu. Dura keessoo ofii cimsanii tokkummaan jaaraniit orma waliin guuza walii bahan.

Jaarmayoota sabaa diiganiii kan namoonni dhuunfaa keessatti miseensoman dhaabuun warra adeemsa seenaa keessatti ol’aantummaa ijaarrateef haala mijeessaaf. Kana jechuun ummatoonni seenaa keessatti cunqurfaman ( historically disadvantaged) jaarama haaraa kana keessatti kanuma haga ammaa qabanuu dhaban malee waan dabalatan hin qabu. Kan faaydaa irraa argatu tokkoffaa gartuu Amaaraati. Akkuma armaan olitti jenne Oromoon akka chaampiyoonaa sirna federaalizimiifi mirga sabootaatti beekama. Paartii biyyooleessaa bu’ura federaalizimii faalleessu kanaan gadi bahuun Oromoo kan hin fayyadne ta’uu qofa osoo hin taane saboota kaawwaniinis walitti nu buusa. Ammaahuu gara Kibbaafi bahaatii komiifi mamiin mumul’achaa jira.

ODPf

Walitti baquun EPRDF kun dhaabbilee hunda caalaa ODPf rakkoo cimaa qaba. Kan duraa ODPn ammaa/ OPDOn duraanii mooraa qabsoo Oromootti ija shakkiifi jibbiinsaan laalamti. Hamma tokko kan ummata biratti fudhama argatte erga hoggansa Obboo Lammaa Magarsaa jalatti qabsoo Oromoo dhugeeffattee sabboonummaa leellisuu eegaltee asi. Waggoota sadan dabre jaarmaan kun qola durii san muuxatee adda duree qabsoo Oromoo hamma ta’uutti maqaa ofii haaromsuu /rebrand/ of gochuu danda’ee ture. Amma yeroo akka dhaabaatti diigamtee matayyaan jaarmaa biraatti makamtu sabboonummaa Oromoo laaffisuun Itoophiyummaa leellisuuf dirqamte. Kun ammoo Oromoo irraa ishii fageessaa deema. Kunis ODP dhiibbaa gama lamaa itti fiduun garaa sabboontotaafi Itoophiyaanotaatti adda baqaqsa. Yoo tokkummaa eeggattee dhaaba ODP diigdee warra kaaniin walitti baqxe ammoo ammoo ummata ( constituency) ishii irraa adda baasee warra biraatti akka maxxantu godha. Kana jechuun maxxantummaa Tigree irraa gara maxxantummaa Amaaraatti ceeti jechuudha.

Kan lammataa miseensonni ODP hanga ammaa akka sabaatti jaaramanii waan jiraniif EPRDF keessatti akka dirra/block/ tokkoo socho’u. Kun ammoo akka dhaabaattis, akka naannoofi sabaattis dantaa ofii waloon dhiibuuf isaan gargaara. Erga walitti baqanii booddee namuuu dhuunfaan miseensa Koree Hojii Raaw’achiiftuu ykn Jiddu Galeessaa ta’a. Waloon socho’uun hin jiraatu. Rakkoon sadaffaa ishii mudatu filannoodha. ODPn akkanaanuu akka paartii waggoota 27f ummata miidhee waggaa 1 kana amaanaa cehumsaa itti kenname bakkaan gahuu dadhabde filannoo itti aanurratti moo’achuuf hireen ishii dhiphaadha. Gaaf baqxee Oromumaa ofirraa mulqite ammoo daranuu ummata keessaa tufamti. ODPn baqxe Oromiyaa keessatti filannoo dorgomtee moo’achuu dhiisii akka duriitti hatteetuu miliquu hin dandadeessu. Dhaabbilee Oromoo biroo waliin tumsa tolfachuufis ishii rakkisa. Sababnis dhaabni Oromoo kamuu kan dhaaba Oromummaa mulqatee waliin walitti dabalamuuf ummata sodaata. Warri ODPn ammoo erga Itoophiyaanomanii booda dhaaba maqaa sabaan socho’u waliin michoomuun warra kaan muufachiisa. Rakkoon biroo harca’insa humnaa uumamuudha.

Siyaasa cehuumsaa milkiin geggeessuuf dhaaba hogganu qofa osoo hin taane deeggartoota jijjirama hunda mooraa tokkotti walitti qabanii humna cimsachuu gaafata. ODPn humna namaa dandeettiifi fudhatama gahaa qabu akka hin qabne beekkamaadha. Yeroo amma kanatti ajandaa miseensotuma ishii afaanfajjeessufi diigu as baasurra kan humnoota jaarmaya ishiitin ala jiran Oromummaa jiddugaleessa godhattee hawwattee humna ishii ittiin cimsattu ture. Yaadni walitti baquu garuu Oromoota hanga amma ishii gargaaranis kan irraa dhiibuufi dhaabuma san keessaayyuu sabboontota kan moggeessuudha.

Walumaagalatti ODPn akka dhaabaatti walitti baquu kanarraa kasaaraa malee faaydaan argattu hin jiru. Kanaafuu yaadni ODP baqsanii dhaaba Itoophiyaa jaaruu kun dantaa Oromoos ta’ee kan ODP kan jiddu galeessa godhatee miti. Hawwiifi fedhii Muummicha Ministeeraa qofaadha. Siyaasaan uumaa ishiitti dalagaa walooti malee kan dhuunfaa miti. Mul’anniifi ciminni hogganaa barbaachisaa ta’us tarsiimoofi akeekni lafa kaayame dantaa hawaasa ( constituency ) isaa jiddu galeessa godhatee deemuu baannaan fagoo hin tarkaanfatu. Ba’aa itti ta’ee jabinuma hogganaa saniituu laamshessa.

Namni mootummaa kana keessa hoggansarra ture tokko dhiyoo tana osoo waa haasofnu akkana jedhe. “Imammanni, tarsiimoonifi seeronni biyya kanaa hundi nama tokko kan gubbarra jiru san jiddu-galeessa godhatanii bocamu. Namni sun ammoo akka waan hunda beekuufi waggaa 1000 jiraatutti yaadama. Bara TPLF waa hundi fedhiifi hawwii Mallasaa irratti tolfame. Gaafa inni du’u akkuma mana utubaan cabeetti wanni jaaramaa bahe hundi diigamuufi harca’uu eegale” jedhe. Yaadni ODP baqsuu kunis ciminaafi hawwii nama tokkoo kan jiddugaleessa godhate malee dantaa dhaabaa, sabaafi Oromiyaa kan ilaallate natti hin fakkaatu. MM Abiy Ahmad siyaasaa Oromoof haaraadha. Ummanni hanga kanaayyuu kan isa fudhate sababa Obboo Lammaa Magarsaatini. Jechootaafi gochoota erga aangotti dhufee deemsisuunis shakkiin guddaan irratti umamaa jira. Gaafa ODP irraa Oromummaa mulqee deeme shakkiifi hamiin dhugoomaa dhufa. Gaafas saba keessaa of baasa. Biyya sabdaneessaa keessatti Hogganaan ummata keessaa dhufe /constituency/ isaa wayyabaa of cinaa hin hiriirsine biyya bulchuu hin danda’u. Ummata keessaa dhufe /constituency/ isaa kana deebisee dhuunfachuuf humnaan hacuucuuf dirqama.Sun ammoo mukarra taa’anii jirma isaa qottoon of jalatti muruu dha. Mukni jiguu mala. Garuu kophaa miti. Abbichas qabateeti.

ADWUI/ EPRDF

Dhaabni ADWUI/EPRDF kun waggoota 28 darbeef biyya bulcheera. Kana jaarame adda durummaan dantaa TPLF deemsisuuf akka ta’e shakkiin hin jiru. Amma haaromuun ykn kan biraan bakka bu’uun dirqama akka ta’e wal nama hin gaafachiisu. Gaafa kuffisuurra cehuumsa kana dhaabnummaan kun akka geggeessu godhamus mudaalee isaa wallaallee miti. ADWUI/EPRDF kuffisuun biyya jigsuu fiduu mala jedhamee waan sodaatameefi. Abdiin ture ADWUI/EPRDF cehumsa kana yeroo geggeessutti ofis haaromsaa deemaadha. Kanaafuu tarkaanfiin ADWUI/EPRDF haaromsuuf godhamu sirriidha. Akkamittiin dhaaba kana haaromsuun barbaachisa kan jedhu garuu sirritti laalamuu qaba. Ka’uumsi isaa rakkoon EPRDF maali? kan jedhu laaludhaan tahuu qaba. ADWUIn Rakkoo bu’uraa 3 qaba. Kan duraa ol’aantummaa garee tokkoo jala jiraachuudha. Kan lammataa abbaa irruumaadha. Kan sadaffaa paartilee naannolee 4 bulchan malee kanneen hafan 5 alatti hambisuudha. Kan ol’aantummaa garee tokko sun jijjirama kanaanuu hamma tokko cabeera. Guututti sirreessuuf paartileen hundi akkaataa constituency isaanitin akka bakka bu’ummaa qabaatan ( proportional representation) gochuudha. Kan abbaa irrummaas amma akka haaratti as deebi’uu eegale malee wayyaayee ture. Furmaanni waaraa dirree siyaasaa bal’ate heeraafi seeraan taliganii filannoo bilisaatti cehuuni. Kan saboota moggaatti dhiibamanii sunis laafaadha. Paartileen naannolee shanan bulchan miseensomanii bakka bu’ummaa baay’ina ummata isaanitiin walgituun sagalee guutuudhaan akka hirmaatan taasisuudha.

Adeemsa ADWUI/EPRDF dimokratessuufi haaromsuu ( democratize & rebrand) bifa salphaadhaan godhamuu danda’u kana dhiisanii gara baqsuutti deemuun tumsa kanaafi dhaabbilee miseensotaafis balaa qaba. Miidhaa dhaabbilee miseensotaatiif qabu ODP akka fakkeenyaatti fudhannee laallee jirra. Yaadni EPRDF walitti baqsuu amma itti deemamaa jiru sabboonummaa sabootaa laaffisanii siyaasaa jiddugaleessummaa ( centrist ) gaggeessuudha. Garuu ammoo sirna federaalaa sabdaneessaa keessatti yeroo abbaan irrummaa jigee dirreen siyaasaa babal’atu sabbonnummaan ukkaamame ture ni dhooha. Kanaaf filannoo yeroo cehuumsaatti jaarmayaalee sabboonummaa dhaadhessantu hiree moohachuu qaba. Keessattuu gaafa dhaabbileen miseensota EPRDF maqaa sabaa ofirraa mulqan sareen sooqiddaan isaan nyaattu hin argamtu. Dadammaqiinsi ummataa cimaan waan jiruufi cehuumsaan humni mootummaa waan laaffatuuf dandeettiin filannoo hatanii injifannoo labsuu hin jiraatu. Yaaliin akkasii jeequmsa hamaa uumuudhaan kufaatii paartii biyya bulchuu yoo saffisiise malee aangoo hin haaromsuuf.

Partii walitti baqfamee amma uumamuuf yaadamu kana dhaabni ABUT/TPLF akka hin seenne beeksiftee jirti. Laaftutti yoo Ilaalan paartiin saba bicuu takka keessaa hafteef homaa hin uumamu fakkaachuu mala. Akkuma naannolee shanan ammaan duraa san ‘agar party’ jedhamtee itti fuftis fakkaachuu mala. Dhugaan akkas miti. Erga jijjiramni kun dhufee TPLF Maqaletti godaantee naannoo Tigray mootummaa federaalaa irraa fageessaa jirti. Wanti Tigraay fi mootummaa federaalaa walitti hidhu ADWUI dha. Gaafa kana keessaa baate wanti walitti hidhu sun cite jechuudha. Ishiinis baatee adabattee hin teessu. Dantaa jiddu galeessaa qabdu eegsifachuufi warra ishiitti roorrisu dadhabsiisuuf humnoota siyaasaa biroo waliin hariiroo cimsiti. Kana ammoo ifaafi lafa jalas ( clandestine) godhuun jeequu dandeessi. Gaafas mootummaan federaalaa Tigray akkamiin too’atee bulchuuf yaada? Akkaminis sochii TPLF humooota siyaasaa biyya keessaafi ollaa waliin gootu dandamachuun danda’ama. Humnaan jilbiifachiifnaan waan hin fakkaanne. TPLF dogongora hoggansi federaalaa raaw’ate fayyadamuun akka ummanni Tigraay hundi balaaf saaxilamee fakkeessuun bifa haaratti fudhatama cimaa horattee jirti. Kanaafuu aggaammii TPLF irratti godhamu kamiyyuu ummanni guutumaan guututti dura dhaabbata. Humna Raayyaa Biyyaan rukunnaanis hin ta’u. Akka odeeffamu osoo hin ta’in RIB ammas olaantummaan harka jaraa jira. Warra gubbaatu tuqame malee jiddugaleessi isaanuma. San qofa miti. Meeshaan waraanaa gurguddaan RIB qabu guututti sadarkaa jedhamutti Tigraay jira. Yaaliin baasuuf godhames TPLFin fashalaayee jira. Kanaafuu mootummaan Geetachoo Asaffaa qabuu dadhabe TPLF humnaan moo’adhee Tigray nan too’adha jechuun waan hin fakkaanne. Kanarra TPLF tumsa paartii biyya bulchuu keessaa baasanii waanuma qabuu hin dandeenyeef jala fiigurra, asuma keessatti dhiibbaa ishii hirdhisaa karkarsaa deemuutu wayya. Inumaatuu TPLF tumsa biyya bulchuu keessa turuun ishii miidhaarra faaydaatu caala. Maalif? TPLF jiraachuun dhiibbaa gara Amaaraan jiru walmadaalchisuuf fayyada.

Saboonni dura moggaatti hambifaman amma paartii baqu kanatti dabalamu jedhameera. Dansaadha. Garuu paartileen kun naannoolee yeroo dheeraaf cunqurfamaniifi saamaman irraa dhufu. Gaafiin isaanii paartii biyya bulchutti haa makamnuu qofaa miti. Naannoo isaanirratti walabummaan ( autonomous) bulchuufi sadarkaa federaalaatti qooda isaaniin malu arkachuudha. Dantaa kana lamaanuu kan eegsisuuf paartii akka sabaatti jaarratanii qaban osoo hin diigin tumsa ( coalition) biyya bulchu keessatti qooda isaanin malu fudhachuudha. Walabummaa isaaniis eegsisanii qooda federaalaas hirmaatu. Gaafa baqan garuu walabummaan akka naannotti qaban kan durii caalaa laaffata. Sadarkaa federaalaatti qondaalonni muraasi aangoon dabalamuufis humni dantaa saba isaniif falmachuu ( bargaining power) ni hirdhata. Kanaafuu dhaabni haaraan baqee EPP tahuuf deemu mirga ofiin of bulchuu saboota kanaa daran laaffisa malee ol hin guddisu. Kun ammoo saboonni yeroo dheeraaf nu waliin cunqurfamanii aantummaa keenya abdachaa turan akka nu komataniifi diinomfatan godha.

RAKKOO SEERAA ( constitutional crisis)

Wanti miseensonnifi hogganoonni ODP sirritti hubachuu qaban tokko gaafa EPRDF dhaamsa tumsaa irraa baqsuun gara dhaaba tokkotti jijjiramu, dura dhaabbilee miseensotaa seeraan diiguun dirqama. Hojamaata EPRDF fi dhaabbilee miseensaa akkasumas heera paartilee biyyatti irraa akka hubannutti, koreen hoji raaw’achiiftuufi koreen jiddugaleessaa dhaabbilee miseensota mari’atee yaada dhaaba diiguufi baqsuu kanarratti yoo waliifgale gara Yaa’ii Dhaabaaf ( General Assembly) dhiheessa. Yaa’iin qaama ol’aanaa dhaabaati. Yaa’iin yaadicha yoo fudhate dhaabni isaanii guyyaa sanirraa eegalee akka diigameefi hoggansis paartilee biroo waliin walitti baqee dhaaba haaraa akka jaaru aangawuu isaa beeksisuun boordii filannoo beeksisa. Gaafa murtiin dabre irraa kaasee dhaabni ODP jedhamu hin jiraatu jechuudha. Filannoo dabre kan sagalee wayyaba qabachuun bulchiinsa gandaa hamma Caffeetti mootummaa jaare Dh. D.U.O/ ODP ta’uun beekamaadha. Amma yeroo dhaabni sun seeraan diigamu hamma dhaabni haaraatti filannoon maanaa ummataa fudhatee mootummaa ijaaru as bahutti mootummaan banaa ta’a jechuudha. Banaa kana cufuuf bulchiinsa itti fufsiisuuf filannoo ariifachiisaa ( snap election) godhuun dirqama. Falli biraa moo mormitoota waliin waliif galanii mootummaa amaanaa ( caretaker government) jaaruudha. Filannoon ariifachiisaa gochuunis ykn mootummaa amaanaa jaaruun xaxaa guddaa qaba. Hubadhaa, dhaaba walitti baqe ijaaruuf kan diigamuu qabu ODP qofa osoo hin taane dhaabbilee naannoolee saglan bulchan cufa. Kana jechuun naannolee saglanittuu takkaa filannoo ariifachiisaa ykn mootummaa amaanaa jaaruun dirqama. San qofa miti. Sadarkaa federaalaattis rakkoo heeraatu uumamuu mala. EPRDF yeroo ammaa tumsa bulchiinsaa (governing coalition) dha. Jechuunis OPDO, ANDM, TPLF fi SEPDM mata mataan naannoo isaanitti sagalee wayyabaa moo’atanii federaalaatti sagalee argatan walitti dabaluun harka wayyabaa ya’enii mootummaa federaalaa bulchuuf aangoo fudhatan. Gaafa dhaabbileen diigaman irraa kaasee hanga dhaabni isaan walitti baqanii dhaaban haarayni filannoo moo’atuutti ammas sadarakaa federalaattis banaa bulchiinsaa ( vacuum) uumama. Kanaafu takkaahuu filannoo ariifachiisaa taasisuu ykn ammoo mootummaa amaanaa jaaruun dirqama ta’uuf deema. Kun ammoo xaxama ( complexity) fi gaaga’ama ( crisis) akkamii uumuu akka malu tilmaamuun nama hin dhibu.

FALLI

Adeemsi ODP baqsanii dhabamsiisanii paartii Itoophiyaatti liqimsiisuu kun dhaaba saniifi ummata Oromoos akka hin fayyadane, akkasumas paartii biyya bulchuufi biyya kanaafis faaydaa qaburra balaan akka caalu agarsiisuu yaaleen jira. Saboota moggaatti dhiibamanii naannoo ofiirratti mirga ofiin of bulchuu guutuu federaalatti ammoo qooda isaanin malu argachuuf hawwanis daran kan miidhu akka ta’e kaayeera. Maarree falli maali gaafiin jedhuuf ammoo:

Hunda dura ODPn waan ishii miidhuraa of qusachuun humna jabeeffachuudha. Tokkummaa keessoo dhaabaa cimsuun, sabboonummaa ummata ittiin hawwatte jabeeffachuu, humna namaa barateefi fudhatama qabu ( credable) ofitti dabalachuun jabaattee bahuu qabdi. Itti aansuun mooraa Oromoo keessatti walhubannoo ( consensus) uumuun siyaasaa Oromiyaa tasgabbeessuu barbaachisa. Kana keessaa akkuma ammaa Gaaddisa Hogganoota Oromo jalatti jalqabametti filannoon osoo hin dhufin dura mormitoota waliin bu’aan filannoo sanii kan hunda fayyadu ta’uu waliif galuu qabu ( negotiated election and power sharing). Kun ammoo Oromiyaa qofatti osoo hin taane dhaabni naannolee biroo bulchaniifi mormitoonni isaaniis akka raaw’atan jajjabeessuu feesisa. Kun filannoon kan tokko guutuu moo’atee kuun moo’amu ( absolute winners and losers) osoo hin taane kan namuu keessaa waa argatu akka ta’u godha. Kun ammoo jeequmsa filannoo duraafi boodaa hambisuuf fayyada.

EPRDF baqsuu osoo hin taane dimokraatessuutu wayya. Kana jechuun paartileen 4 amma keessaa jiran dabalatee kan naannolee shanan hafanii bifa bakka bu’ummaa ummata isaaniin walgituun ( proportional representation) tolchuudha. Hojmaataafi ilaalcha /ideology/ paartichaa fooyyeessuun akka sirna dimokraasii waliin deemu taasisuudha. Paartileen hundi akka baay’ina ummata bakka bu’anii ( proportional representation) akka hirmaatan gochuun dhaabbilee akka TPLF biraa mormii kaasuu mala. Mormiin akkasii kan dimokraasummaafi walqixummaaf diddaa isaan qaban waan saaxiluuf yaadaan moo’achuun salphaadha. Yeroo ammaa garuu yaada paartilee walitti baqsuu kana walabummaa ( autonomy) dhaabaafi naannoo sarba jedhanii waan dhiheessaniif mormiin isaanii Tigraay qofa osoo hin taane naannolee biroottis naatoofi deeggarsa argachaa jira. Kana dhabsiisuuf EPRDF baqsuu dhiisanii dimokraatessuuttii deebi’uun waa hundaaf fala gaariidha.
Fuulleffannaan ammaa paartii jiru diiganii, paartii haaraa lafaa kaasanii jaaruuf yaaluun xaxama hamaa keessa of galchuun yeroo, humnaafi leeccalloo qisaasurra filannoo itti aanu tokkummaan akkamitti injifanna kan jedhurratti fuulleffachuutu wayya. Kana gochuuf dhaabbilee Oromoo jiddutti waliigaltee uumuun Oromiyaatti filannoon hubaatii tokko malee akka geggeeffamu gochuu; naannoleefi saboota qabsoo keenyaaf firaa keessattis filannoon bifa walhubannaatiin akka geggeeffamu tumsa barbaachisufi gochuufiidha. San booda humnoonni walqixxummaa sabootaatti amananan filannoo nagayaa geggeeffatanii naannoofi federaalaattis sagalee wayyabaa argatu. Paartileen Oromoo sadarkaa nannootti aangoo waliif hiru; federaalaatti firoota qabsoo keenyaa waliin kaadhimamaa tokko dhiheeffatu. San boodas jijjirama heera mootummaas yoo barbaachise sagalee wayyabaa guddaa ( absolute majority) qabatanii itti deemuun fedhiifi dantaa sabaafi sablammootaa guututti cehuun danda’ama.
ODPn paartii qeenxee jaarutti deemnaan dantaa saba keenyaafi wabii umuufi sirna federaalizmii qabsoo ummatootaan jaarame tiiksuun mala biraa dhahuun dirqama. Gaaga’ama siyaasaafi xaxama heeraa mudtauu malu keessatti Oromiyaan jeequmsatti akka hin seenneefi cehuumsi akka hin gufanneef qaama furmaataa ta’uuf ammumaan qophaayuu qabu. Kana jechuun filannoon ariifachiisaan godhamuu malus ta’ee mootummaan amaanaa jaaramu hirmaannaafi hayyama mormitootaa waan gaafatauuf, hirmaannaan kun ammoo jeequmsa osoo hin kaasiin targabbiin akka hojjatamuuf of qopheessuun barbaachisaadha. Filannoo itti aanu irratti dantyaan sabaafi nageenyi biyyaa akka hin miidhamneefis , dhaabbileen siyaasaa Oromoo saffisaan agoobara takka jalatti deebi’uun( walitti baquunis ta’ee tumsa tolfachuun) tarsiimoo filannoofi bulchiinsaa bocachuun humna filannaa ( alternative force) bahuu qabu. Dhaaba akka haaraatti jaaramuwaliinis hariiroo akkami qabaachuu qabna kan jedhu gaaddis Hoggansa Oromoo keessatti mari’achuun ammumaan kallattii kaayuun feesisaadha.

GOOLABBII
Barruu kana keessatti hangan beekuufi yaada’u irratti hundaayuun qindeessuu yaaleen jira. Barruu kana ergan qopheessee ji’a darbeera. Barreessuu durattiifi boodas qondaalotaafi deeggartoota ODP mari’achiisera. Hogganoota paartilee miseensota EPRDF fi kanneen naannolee shaniis dubbiseera. Wanti nama ajaa’ibu namni yaada dhaabbilee sabaa diiganii baqsanii dhaaba qeenxee kana ijaaruu deeggaru qubaan lakkaayama. Garuu hedduun isaanii mormiif fedhiifi ejjannoo waan hin qabneef caldhisanii ilaaluu jiru. Waan dogongoraa tokko osoo arganii maaltu na dhibeen yookin hogganaa muufachiisuu diddaaf caldhisanii ilaaluun hoggansa san miidhuu malee fayyaduu miti. Yoo danda’an gorsanii karaatti wal deebisuu takkaahuu yaada qaban ifatti dhiheessanii sirreessuuf yaaluun bor gaabbii nama hanqisa. Kanaafuu anis waanin yaadu barruu kanaan dhiheesseera. Yaada kana ifatta maxxansuurra maaf keessaan hin hoggansaaf hin ergine gaafin jedhu ka’uu male. Yaada kana hoggansa dhimmi ilaalu kallattiin ibseefiin ture. Amma ammoo miseensi dhaabaafi ummanni keenya dhimmicha irratti hubannaa gahaa akka argatuuf biraan gahuun barbaachisaa ta’ee natti muldhannaanin maxxansuuf murteesse. Hoggansi ODP mariirra jiru dhimma kana bilcheessee akka laalu abdiin qaba. Waggota muraasa injifannoo itti goonfachaa deemne kana walgorsaa, fi walmormaas ta’u waldhaggeeffachaa as geenye. Waltuffachaafi gurra walirraa cufaa osoo deemnee as hin geenyu ture. Ammas gurra walii laachuuma santu fala natti fakkaata.

Jawar Mohammed
Onkololeessa 17, 2019

Advertisements