IMG_20150309_101911Gabaasa Qeerroo Naqamtee,Bitootessa 9,2015, Dhaabbanni Ethio Telecommunication jedhamu Oromiyaa godinoota adda addaa fi naannoolee Beeneshangul Gumuz tajaajila bilbilaa dhorkachaa jira. Addatti Wallagga lixa keessaa fi naannoon Beeneshangul gum, tajaajila bilbilaa fi bittaa SIM akka hin arganne guutummaatti dhorkaa jira,haalli kunis uumanni Oromoo technology fayyadamuun mootummaa irratti wal kakaasaa jira sababaa jedhuun jiraattoti bilbilaa fi SIM kaardii argatanii akka hin bitannee sababaa dhorkeef jecha jiraattoti konkolaataan hamma magaalaa Naqamtee deemanii akka bitatan taasifamaa jira.

Haala kanaan hiriitti tajaajila bilbila bituu daran hammaachaa jira,jiraatoti godina adda addaa irraa gara magaalaa Naqamtee dhufuuf illee geejjibi gahaa akka hin jirre Qeerroon addeesse.

Wal Quunamtii Uummata Jidduu Kutuuf Jecha Dhaabbati Tajaajila Bilbila Itiyoophiyaa Godinoota Oromiyaa fi Beneshangul Gumz Tajaajila Bittaa Siim Kaardii Dhorkataa Jira.