Gabaasa Sagalee Bilisummaa Oromoo
Impaayera Itoophiyaa keessatti imaammata dabaa murni wayyaanee hordofaa jiru irraa kan kahe hoongee fi gogiinsi uumame lubbuu lammiilee fi beeyladaa balaa ulfaataaf saaxilaa jira. Keessumaa ammoo dacheen Oromiyaa jiidhinaa fi badhaadhinaan beekkamtu imaammatuma gartuu abbaa irree kanaatiin ontee fi gogdee lammiileen kumootaan nyaata dhabuun leeccalloo isaaniis hurgufatanii hiraara argaa jiru. Mootummaan wayyaanee wayta rakkoon kun uumamu ummata nan bulcha jedhuuf birmatee nyaataan dhaqqabuu fi hegereefis akka rakkinichi hin uumamneef hojjechuu mannaa, inumayyuu hammeessaa jiraachuu gabaasaaleen godinaalee Oromiyaa adda addaarraa nu dhaqqaban ni ibsu.
Akka odeessa godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa nu gahe kanaatti saamichaa fi manca’iinsa qabeenya bosonaa wayyaaneen geessiserraa kan kahe dacheen qullaatti haftee rooba dhabuudhaan hoongeen uumame midhaan facaafamee fi beeyladoota miidhaaf saaxileera. Ummannis kanarraa beelaan hubamaa fi qayee dhiisee godaanaa akka jirutu ibsame.
haala-qilleensaa-fi-beela-oromiyaa-keessaa-2015-ed
Comments»
No comments yet — be the first.