Advertisements
jump to navigation

Oromia: Duula hidhaa fi master planii Finfinnee September 10, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , ,
add a comment

???????????Say no to the master killer. Addis Ababa master plan is genocidal plan against Oromo peopleTigrean Neftengna's land grabbing and the Addis Ababa Master plan for Oormo genocide

 

 

Mootummaan abbaa irree wayyaanee maaster  pilaanii  Finfinnee bara haaraa Habashootaatti hojiirran olcha jedhee dhaadataa jiruun dura Barattoota Oromoo ummata  narratti  kakaasuuf  jiran jedhee shakku    hidhaattii naqaa jira.

hidhaa

 

 

 

 

 

 

 

 

Maaster pilaanii Finfinnee Oromiyaa cicciruu fi ummata Oromoo qe’ee isaa irraa buqqaasuuf mootummaa wayyaaneen karoorfame bara haaraa Habashootatti hojii irra akka olfamu sirnichaan dhaadatamuun wal qabatee mormiin ummata Oromoo irraa yeroo lammaffaaf akka ka’aa jiru bal’inaan mul’achaa wayta jiru kanatti, mootummichi sabboontota Oromoo ummataa fi barattoota qindeessanii na irratti kakaasaa jiru kan jedhuun hidhaattii naqaa akka jiru maddeen SBO mirkaneessaniiru.

Akka maddeen SBO ifa godhanitti, bara haaraa Habashootaatti maastar pilaaniin magaalaa Finfinnee hojii irra olfamuun dura, mootummaan abbaa irree wayyaanee Oromiyaa bakkoota adda addaatii ilmaan Oromoo ummataa fi Qeerroo dargaggoota barattoota Oromoo narratti kakaasuu dandahan jedhee shakku isin hojii ABO fudhattanii jeequmsaaf deemaa jirtu jechuun dharaan yakkee hidhaatti  guuruu eegaleera.

Akka kanaan barattooti Oromoo 9 ol tahan Ona Horroo Jimmaa Gannatii, magaalaa Amboo fi magaalaa Finfinnee naannoo Sabbataa irraa maqaa isin ABO waliin taatanii ummata nurratti kakaasuun akeeka maaster pilaanii Finfinnee jeequmsaan fashalsuuf jirtu ittiin jechuun hidhaatti darbanii dararaa akka jiranii dha maddeen keenya kan ifa godhan.

Haaluma kanaan Ona Horroo Jimmaa Gannatii irraa Fulbaana 03,2015 barattooti Oromoo shan Nugusee Biraanuu, Iyyaasuu Tashoomaa, Miimmii Guddataa, Namee Dhadhaloo fi Garramuu Fayyeeraa jedhaman waajjira poolisii Onichaatti, magaalaa Amboo irraa barattooti Oromoo Tarreessaa Nagarii fi Firoomsaa jedhaman gaafa Fulbaana 05,2015 waajjira poolisii magaalaa Ambootti akkasumas magaalaa Finfinnee naannoo Sabbataa irraa barattooti Oromoo Taayyee Harqinaa fi Mangistuu Sarbeessaa jedhaman Fulbaana 08,2015 mana hidhaa magaalaa Finfinnee “Sostanyaa poolis Xaabiyaa” jedhamutti hidhamuun kanneen dararamaa jiran keessatti akka argaman beekameera.

Duula hidhaa kanas Oromiyaa bakkoota gara garaatti jabeessee itti fufuun maaster pilaanii Oromiyaa bakka adda addaatti kukutuu fi Oromoo lafa dhable taasisee aadaa, seenaa fi eenyummaa isaa dhabamsiisuuf akeekkate kana sirnichi humnaan hojii irra oolfachuuf dhaadatus, ummatni Oromoo akkuma bara 2014 dirreetti bahee biyyaa fi mirga isaaf wareegama baasee fashalse, ammas diddaa isaa jabinaan itti kan fufuu fi dura dhaabbatu ta’uu sabboontotni Oromoo hubachiisaniiru. Wareegama baafametti firii gochuuf ummatni Oromoo biyya abbaa isaa fi mirga isaa waliigalaa harka isaatti galfachuuf diddaa Master Pilaanii Finfinnee hojii irra oolfamuuf dhadatamaa jiru kana dura keessaa fi alaan gamtaan akka dhaabbatu Qeerroon Bilisummaa Oromoo yaamicha lammummaa ummata Oromoof dabarsuunis kan yaadatamuu dha.

Advertisements

Oromia: BBC’n Afaan Oromootiinis akka tamsaasu waamichi dhihaate: BBC: Consider Afan Oromo for your new radio-broadcasts to Ethiopia/Eritrea, as a matter of priority September 10, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , , ,
12 comments

???????????kemetic alphabet (Qubee)The six widely spoken languages in Africa

Awash Post: BBC’n Afaan Oromootiinis akka tamsaasu waamichi dhihaate

BBC’n Afaan Oromootiin akka tamsaasuu waamicha kan dhiheessan Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Girmabbaacabsaati

BBC’n tamsaasa Itoophiyaafi Eertiraa irratti fuulleffate akka eegaluuf deemu Fulbaana 7, 2015 labsee jira. Sababni BBC’n barbaachisummaa tamsaasa kanaaf dhiheesse ukkaamamiinsa miidiyaalee wolabaan wolqabatee hir’inni ykn hanqinni dimokraasii biyyoota lamaanuu keessatti bal’inaan mul’ataa jiraachuu isaati. Egaa kallattiin xiyyeeffannaa BBC qaawwala uumame kana cufuufi rakkoo argame kanaaf furmaata barbaaduudha. Ummataa beela odeeffannoo qabu kana odeeffannoo haqaafi madaalawaa ta’e sooruudha, kaayyoon BBC.

BBC’n tamsaasa eegaluuf karoorfachuun alatti afaan tamsaasni isaa ittiin darbu afaan kam kam akka ta’uuf deemu ammatti wanti ibse hinjiru. Kan fuulleffate Itoophiyaafi Eertiraa irratti waan ta’eef Amaariffaafi Tigriffi nihafa jedhee kan yaadu hinjiru. Jidduu kanatti kan dagatamuuf jiru, akkuma ummata isa dubbatuu, Afaan Oromooti.

Rakkoon BBC’n nifura jedhee yaadu kanniin irra jireessatti kan dhadhamaa jiru Oromoodha. Oromoon kan dubbatuufi kan qajeelatti hubatu afaan isaati. Kanaaf BBC’n rakkoo furuu ykn qaawwala cufuuf deemu san qajeelatti cufuu fedha yoo ta’e, bifa kamiinuu Afaan Oromoo dagatuun irra hinjiraatu. Afaan Oromoo afaan BBC’n ittiin tamsaasu ta’uun kan fayyadu Oromoofi kanniin Afaan Oromoo dubbatan qofaa miti. Kaayyoon BBC’s akka salphatti galma gayuu ykn milkaayuu kan danda’au tamsaasnin yaadame kuni Afaan ummanni miliyoona 40 olitti tilmaamamu dubbatutti yoo dhimma baye. Afaan Oromoo dhiisanii afaan lamaan qofaan tamsaasuu jechuun garaacha gara alaa miicanii isa gara keessaa dhiisuu wolfakkaata. Miicuun yoo hinoolle luf godhaniiti.

BBC’n Afaan Oromootiin akka tamsaasuu waamicha kan dhiheessan Dr. Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Girmabbaacabsaati. Sodaa ykn shakkii BBC’n Afaan Oromoo nidagata jedhu ta’uu hinoolle kan Dr. Birhaanamasqal faa gara murtii dursanii waamicha dhiheessuutti isaan geesse. Hirmaannaan hunda keenyaa Afaan Oromoo gara BBC’tti fiduu akka danda’u hinshakkinaa. Tamsaasa Afan Oromoo BBC irraa darbu kan dhagayuu hawwu hundi waamicha godhameef kana awwaachuu qofa kan isarraa eeggamu. Waamicha BBC’f godhame irratti hirmaachuu kan feetan as bira cuqaasa.

BBC’n afaan Hawusaa, Kiswaahilii, Somaalee, Kirundiifi Kinyaruwaandaan tamsaasa isaa ummata Afrikaa kallattii adda addaatti argamu biraan akka gayu nibeekama. Afaan Hawusaafi Kiswaahiliin alatti hundi dubbattoota Afaan Oromoo qabuu gadi hedduu xiqqaa ta’e qaban.

SHARE  (WALII DADDABARSAA)

Related:-

Ethiopian Oromo campaign for BBC language service

Emmanuel Igunza

BBC Africa, Addis Ababa

Ethiopian Oromos have started a petition asking the BBC to consider the Afan Oromo language for proposed news services for Ethiopia.

“This language is spoken as a first language by more than 30 million Oromo and neighbouring peoples in Ethiopia and parts of northern Kenya,” it says.

On Monday, the BBC announced it was proposing to introduce a news service for Eritrea and Ethiopia on medium- and short-wave radio – but gave no further details.

It would be ideal if the BBC decided to broadcast in three languages spoken in Ethiopia – Amharic, Tigrigna and Afan Oromo – the campaigners said.

http://www.bbc.co.uk/news/live/world-africa-34104064?ns_mchannel=social&ns_source=twitter&ns_campaign=bbc_live&ns_linkname=34209041%26Ethiopian%20Oromo%20campaign%20for%20BBC%20language%20service%2611:30&ns_fee=0#post_34209041

Yep, power to developing countries as simple as that September 10, 2015

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags:
add a comment

???????????solar energy

hypergeometric

No tanker trucks needed, no pipelines, no roads, no utilities, no security forces to defend them, and no government back-room-deals with oil and gas companies.

Hat tip to Eco inventos for the original inspiration.

View original post