Advertisements
jump to navigation

Oromia: Guyyaa Gootota Oromoo kan Bara 2016 Ilalachisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) April 13, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromia, Oromo Art.
Tags: , , , , ,
trackback

Odaa OromooGootota OromoOromia Oromiaoromia


 Ebla (April) 15: Oromo Martyrs Memorial Day- Guyyaa goototaa Oromo


 

Guyyaa Gootota Oromoo kan Bara 2016 Ilalachisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

OLF logo

Guyyaan Gootota (Wareegamtoota) Oromoo Ebla 15, 1980 irraa eegalee waggaa waggaan kabajamaa fi yaadatamaa yoona gahe. Gootota gaafa alagaan biyya Oromoo cabsuuf itti duule diina biyya ofii irraa ittisuuf jecha diddaa gabrummaa irratti wareegaman dabalatee qabsaawoti bilisummaa Oromoo bifa adda addaan hanga har’aatti wareegama baasan hunda guyyaa kana yaadatna. Kana waliin, guyyaan wareegamtoota Oromoo, guyyaa miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi uummati Oromoo bal’aan kaayyoo sab-boontoti Oromoo dabran wareegamaniif galmaan gahuuf waadaa seenan itti haaromsani dha.

Seenaa Oromoo keessatti Ebla 15, guyyoota kaan irraa wanni adda taasisu bara 1980 keessa guyyaa kana hoogganooti siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo akka qaroo ija Oromootti ilaalaman kiristaana Islaama utuu hin jedhin jumulaan wareegamanii tokkummaa saba Oromoo dhiiga isaaniin mirkaneessan ta’uu irraa ti. Sanaa asittis hoogganootaa fi miseensoti Adda Bilisummaa Oromoo, deggertootaa fi ummati Oromoo, qabsaawotni bilisummaa bifa adda addaan qabsoo keessatti qooda qaban walumaa gala sab-boontoti Oromoo xurree hoogganooti ABO gaafa duraa saaqan irra bu’anii mirga abbaa biyyummaa Oromoof osoo falmaa irra jiranii wareegaman kuma hedduutti lakka’amu. Har’as Waraanni Bilisummaa Oromoo, miseensotaa fi deggertooti qabsoo, addatti ammo qerroon (barataa fi dargaggooti Oromoo) walumaa gala uummati Oromoo bal’aan bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf wareegama ulfaataa baasaa jiru.

Guyyaa Wareegamtoota Oromoo kan bara kanaa wanni adda taasisu haala Warraaqsi bilisummaa Oromoo sirna gabrummaatti xumura gochuuf golee Oromiyaa hunda keessatti akka ibidda saafaa boba’aa jiru keessatti ayyaaneffatamaa jiraachuu isaa ti. Uummati Oromoo bakka hundaa kan yeroo kamii caalaa shiraa fi daba diinaatti dammaqee daangaa hanga daangaatti harka wal qabatee diddaa isaa mootummaa Wayyaaneetti agarsiisaa jira. Yeroon kun yeroo qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa ol aanaatti tarkaanfatee jiru dha. Yeroo uummati Oromoo ammaan booda cunqursaa, saamichaa fi hacuuccaa alagaa baachuu hin danda’u! na gahe! jedhee sirna roorriftuu alagaa of irraa dabruuf harka duwwaa diina meeshaa lolaa baranee hidhate dura dhaabbatee murannoon wareegama barbaachisu baasaa jirutti yaadatama. Oromoon bilisummaa yookaan du’a! jechuun laphee dhiibee du’atti adeemuudhaan seenaa haaraa galmeessuu irratti argama. . Oromoon akka sabaatti uummata hundaaf kabajaa qabu, goota, jagnaa fi uummata guddaa tokkummaa qabu ta’uu hawaasa addunyatti agarsiiseera, agarsiisaas jira. Tarkaanfii fi diddaa uummati Oromoo tokkummaan ka’ee agarsiisaa jiru kunis hawaasa addunyaa kan raajee fi diina rifaasise dha.

Kana malees qabsoon bilisummaa Oromoo karaa diplomaasii murna wayyaanee kopxeesuu fi deggersa qabsoo Oromoo horachuu irratti injifannoo galmeessaa jira. Sirni Wayyaanee uummata Oromoo siyaasaa fi dinagdee biyyattii keessaa alatti dhiibee akka moggeesse hawaasa addunyaaf ifa ta’eera. Kanaaf gaaffiin Oromoo gaaffii haqaa fi mirgaa ta’uun har’a eessatti iyyuu hubatnaa argataa jira. Akkasumas qabsoon Oromoo tumsa uummatoota ollaa horachuudhaan Tumsi Bilisummaa fi Dimokraasii Uummatootaa kan Addi Bilisummaa Oromoo qooda gahaa keessatti qabu mirkanaa’uun isaas injifannoo siyaasaa fi diplomaasii galmaa’an keessaa isa tokko. Gabaabaatti qabsoon bilisummaa Oromoo shaffisaan fuul-duratti tarkaanfaataa jira.

Gama kaaniin, har’a oggaa mooraan qabsoo Oromoo tasgabbaa’aa fi cimaa jiru kanatti mooraan diinaa unkuramaa fi hundeen raafamaa akka jiru ifatti mul’ata. Tarkaanfiin abdii kutannaa irraa fudhatu caalaatti hammaatee fi qabaan mirga namoomaa fi dimokraasiis dhiphifamee, lammiileen akka hin dubbannee fi hin sossooneef cancalamanii fi gaadi’amanii jiran. Hidhaa fi ajjeechaan daangaa dhabee biyyattiin biyya gaddaaa tatee jirti. Hallii keessa jirru haala GOOLII DIIMAA BARA DARGII waliin wal fakkata.

Mootummaan abbaa irree TPLF/EPRDF, qabsoo bilisummaa Oromoo finiiinaa jiruun baarragee tarkaanfii abdii kutannaa fudhachuu irratti argama. Daa’ima umurii waggaa 8 hanga maangudoo waggaa 70 dabalatee Oromoota 500 ol ji’a 4 keessatti ajjeese; Oromoota lakkoobsaan kuma hedduutti lakka’aman mana hidhaa /Xollayi, Hursoo, Dhedheessaa, Tigiray fi bakka adda tti guuree dararaa jira. Qe’ee fi biyya Oromoo gooluun tarkaanfii abdii kutannaa fudhachuu irratti argama. Daa’imaa fi dubartoota ulfa , jaarsaa fi jaartii utuu hin jedhin jumulaan uummata nagaa ajjeesee bakkeetti gatuu, hidhuu fi reebee naaffisuu, walumaa gala gocha faashistummaa seenaa biyyattii keessatti hiriyaa hin qabne Oromoo irratti raawwata. Gaaffii uummati Oromoo karaa nagaa dhiheesseef deebii inni kenne akka bineensaatti itti dhukaasee ajjeesuu qofa ta’e. Walumaa gala murni Wayyaanee ammaan booda uummata Oromoos ta’e biyyattii bulchuu akka hin dandeenye hunda biratti hubatamaa dhufeera. Caasaa mootummaa sirni Wayyaanee Oromiyaa keessatti diriirfate gadii hanga oliitti laamsha’eera. Oromiyaa suduudaan bulchiinsa waraanaa jala galchuudhaan uummata Oomoo seera waraanaatiin bulchuuf dhama’uun kufaatii siyaasaa guddaa keessa seenuu hubachiisa. Murni alagaa sab-bicuu keessaa dhufe uummata guddaa akka saba Oromoo dhiitee, reebee, caccabsee, ajjeesee fi hidhee bara baraan akkan barbaadetti bita jedhee yaadu kun murna shiftaa har’a ajjeesee saamuu malee kan fuula duraa hin yaadne dha. Uummati Oromoo tarkaanfii hammeenyaa alagaan irratti raawwataa jiruuf tasa hin jilbeenfatu. Gochaan faashistummaa sirna wayyaanees umurii bittaa sirnichaa gabaabsa malee hin dheeressu.

Addi Bilisummaa Ummata Tigraayi, TPLF, gaafa dhalate Tigraayiin bilisoomsuu fi dantaa Tigraay tiksuuf uumame hanga har’aatti maqaa fi bifa jijjiirratee fedhii murnaa fi ummatan dhaabbadheef jedhu guutuuf saamicha, cunqursaa fi hacuuccaa daangaa hin qabne uummatoota kaan irratti raawwata. Dimookraasii, sirna paartii-danuu, qabsoo karaa nagaafi kkf afaaniin lallabaa biyyattii ol aantummaa paartii tokkoo jalatti irreen bulchuu erga murteeffatee waggaa 25 caalee jira. Sirna gama tokkoon dimokraasii fi federaalummaa maqaaf heera ofii tume irra kaa’ee gama biraan ilaalcha dimokraasii warraaqaa fi maqaa mootummaa misoomaa jedhu of labsuun gubbaa irraa hanga gadiitti paartii TPLF/EPRDF qofti bulchiinsaa fi dinagdee empaayerattii akka to’atu taasise dha. Humnoota siyaasaa walaba karaa nagaa qabsoofna jedhan hunda humna waraanaa fi tikaatti gargaaramuun sochii isaanii ugguree biyyattii dhuunfaa ofii taasifate. Filmaata kijibaa geggeessuun qaanii tokko malee dhibbaa dhibba injifadhe jedhee labsate. Mootummaan Wayyaanee mootummaa dinagdee biyyattii waggaa waggaan lakkoobsa cimdiin guddisaan jira jedhee hawaasa addunyaa sobaa bahee dha. Imaaammata saamichaa hordofuun uummatoota qe’ee fi lafa isaanii irraa buqqisee beelaa fi iyuummaaf saaxile. Har’a ummati miliyoona 18 ta’u beela’ee waan nyaatu dhabee harka biyya alaa eeggataa jira; kaan lubbuun darbaa jira. Beelladi akka baala bonaa harca’aa jira. Walumaa gala rakkoo dinagdee fi hawaasummaa dhuma hin qabnetu uummatoota biyyattii keessaahuu uummata Oromoo qabatee jira . Mootummaan wayyaanee gargaarsa midhaan nyaataaf biyyoota alaa irraa argamu illee dantaa siyaasaa fi dhuunfaa ofiif oolfataa akka jiru ifatti mul’ata.

Addi Bilisummaa Oromoo mootummaan Wayyaanee karaa nagaa aangoo gadi dhiisa jedhee hin amanu. Uummati Oromoos mootmmaan abbaa irree mirga isaa beekee fi kabajeefii hojiitti hiikaa irraa hin eegu. Waan taheef murna ummatoota qawween ukkaamsee bitaa jiru of irraa darbuuf qabsoo bifa kamuu geggeesuun mirga, Murni Wayyaanee qawween aangootti dhufe humna uummataa fi qabsoo qofaan aangoo irraa bu’a. Kanaaf uummati Oromoo qonnaan bulaan, hojjetaan, Qeerroon (Daragaggoon) barataan, daldalaan walumaa gala murnooti hawaasa Oromoo hundi qabsoo bilisummaa Adda Bilisummaa Oromoo jalatti hoogganummaa jiru bifa qindaa’een daran cimsitanii akka itti fuftanii fi kufaatii sirna cunqursaa wayyaaneetti xumura goodhan waamicha dabarsa. Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi diplomaasii walitti qindeessee hoogganaa jiru daran cimsee kan itti fufuu fi sochii diddaa gabrummaa Oromoof hooggana barbaachisu akka kennus irra deebi’ee mirkaneessa. Addi Bilisummaa Oromoo sirna Wayyaanee hundeen buqqisee gatuuf kan yeroo kamii caalaa qabsoo hidhannoo akka finiinsu gadi jabeessee uummata Oromoof mirkaneessa.

Sochiin bilisummaa Oromoo sochii biyoolessaa saba Oromoo ti. Akeeka sabboontoti Oromoo kumaatamaan itti wareegaman galmaan gahuuf ittisaa fi qabsoo bilisummaa biyya ofii keessatti qooda fudhachuun mirgaa fi dirqama seenaa lammiiiwwan Oromoo hundaa ti.

Hanga ammaatti dhugaan dirrettii mul’ataa jiru Oromoon gargaarsa alagaan malee diina lolaa jira. Amantii , gosa, kutaa fi ilaalcha siyaasaan osoo wal hin qoodin wal maddii dhaabbatee sagalee isaa dhageessisaa fi jabina isaa diinatti agarsiisuu irratti argama. Kanaaf tokkummaan qabsoo finiinsuu saba Oromoo daran jabaatee akka itti fufu Addi Bilisummaa Oromoo irratti hojjeta. Addi Bilisummaa Oromoo dantaa biyyoolessaa Oromoo giddu galeessa taasifachuun mooraa qabsoo Oromoo gabbisuufis ni hojjeta. Murnoota siyaasaa Oromoo walaba tahan sirna wayyaanee morman, akka ilmaan biyya tokkootti mooraa Oromoo tasagabeessuuf waliin hojjechuu caarraaqqii isaa itti fufa.

Addi bilisummaa Oromoo waggootii dheeraaf wahillummaan dhaabota cunqurfamtootaa hedduu waliin hojjataa fi wal tumsaa bahe. Har’a Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Demokrasii waliiin ijaaruun waliin hojjatuu kana sadarkaa ol aanatti ceesisee jira. Tumsa kana bal’isuu fi nagaa waaraa, bilisummaa fi demokrasii naannoo keenyatti argamsisuuf jabaatee hojjata.

Gama biraanis dhaaboti siyaasaa biro biyya keessaa fi alatti mirgoota dimokraasii, mirga hiree murteeffannaa fi kabajamuu mirgoota dhala namaaf qabsaa’an hundi qabsoo haqaa uummati Oromoo finiinsaa jiru cinaa akka dhabbatan Addi Bilisummaa Oromoo waamicha dabarsa. Kabajamuun mirga Oromoo kabajamuu mirga uummatoota kaaniif wabii tahuu hiree kanaan hubachiisuu barbaada. Kanaaf uummatooti ollaa Oromoo moggaa dhaabbatanii sochii Oromoo daawwachaa jiran sochii Oromootti makamanii kufaatii sirna Wayyaanee akka ariifachiisan dhaamsa isaa dabarsaaf.

Dhuma irratti mootummooti aanga’oon biyya lafaa gaaffiin saba Oromoo gaaffii haqaa ta’uu osoo beekanii sirna abbaa irree wayyaanee maallaqa, dipplomaasii fi waraanaan gargaaraa jiran imaammata isaanii keessa deebi’anii akka sakatta’an, mootummaa abbaa irree gargaaruun dantaa uummatoota cunqurfamoo kan miidhu tahuu hubatuun komii seenaa jalaa akka of baasan ABOn gadi jabeessee gaafata. Hidhaa fi ajjeechaa mootummaan wayyaanee uummata Oromoo irratti raawwatu akka balaaleffatanii fi gochaan farra namoomaa kun akka dhaabbatuuf dhiibbaa barbaachisu akka taasisan hubachiisa.

Maayii irratti uummati Oromoo mirga politikaa, dinagdee fi hawaasummaa humna qawween irraa sabarbame wareegama barbaachisu baasee of harka galfachuuf dandeettii kan qabu tahuu hawaasa addunyaa hubachiiisuu barbaada.

Wareegamtooti bilisummaa Oromoo bara baraan yaadatamu!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Advertisements

Comments»

1. Oromia: Guyyaa Gootota Oromoo kan Bara 2016 Ilalachisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) – gamtaa - April 15, 2016

[…] Source: Oromia: Guyyaa Gootota Oromoo kan Bara 2016 Ilalachisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) […]


Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: