Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (May) May 31, 2016
Posted by OromianEconomist in #OromoProtests , Africa , Oromia , Oromia News , Oromo .
Tags: #OromoProtests , Africa , Human rights , Human Rights violations against Oromo People , Oromia , Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa , Oromo trackback
Gincii, Amboo, Jalduu, Gudar, Giddaa Ayyaanaa, Mandii, Najjoo, Laaloo Assaabii, Jaarsoo, Gullisoo, Bojjii, Gujii, Dambi Doolloo , Gimbii, Naqamtee, Buraayyuu, sabbataa, Dirree Incinnii, Adaamaa, Harammayyaa, Mattuu, Baale (Robee), Madda Walabu, Walliisoo, Tulluu Boolloo, Sulultaa (Caancoo), Horroo Guduruu, Buuraayyuu, Dirree Dhawaa, Calanqoo, Ada’aa Bargaa, Baddannoo, Holootaa, Shaashee, Awaday (E. Harargee), Hara Qallo (Goro Dola, Gujii), Gaasaraa (Baalee), Bulee Hora, Jimmaa, Arjo, Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu, Ciroo, Dodolaa, Anfilloo (Mugii), Walqixxee, Diillaa, Bishooftuu, Finfinnee, Yuniversiitii Finfinnee, Geedoo, Asallaa, Shaambuu, Agaarfaa, Sibuu Siree, Kotobee, Wacaalee, Saalaalee, Machaaraa, Ammayyaa, Tokkee Kuttaayee, Innaangoo, Baabbichaa, Laaloo Qilee, Hiddii Lolaa, .Mugii, Arsi Nagallee, Baabbichaa, Shukutee, Baakkoo, Shukutee, Baakkoo, Jalduu, Gindoo, Buun’dho Beddellee, Grawwaa,Gaara Mul’ataa, Qarsaa, Qobboo (Dardar, Eastern Oromia), Sinaanaa (Baalee), Jimmaa Arjoo, Bojjii, Kombolcha, Aggaaroo,Tajji (Iluu), Qilxuu Kaarraa, Baabboo Gambel, Daawoo,Tulu Milki (Warra Jarso), Hirnaa, Xuulloo, Masalaa, Galamso, Bordode, Mi’esso, Waheel, Diggaa, Arjoo Guddattuu, Guraawa, waamaa Adaree, Shabee Somboo, Limmuu Saqaa, Amuruu (Agamsa), Daroo Labuu (Gaadulloo), Yaabelloo, Aliboo (Jaartee Jardagoo), Saasigga, Magaalaa Dafinoo, Dhumugaa, Daroo Labuu (Buraysaa) Begii (Kobor), Mardida Halo Guba (Daroo Labuu), Qassoo, Bonayyaa Boshee, Baalee (Dalloo Mannaa), Jimmaa Raaree (Magaalaa Gobaan), Nophaa (Iluu), Bordoddee, Togowacaalee ……………
Gabaasa FDG Oromiyaa Sadaasa (November) 12, 13, 25, 26, 27, 28, 30, Muddee (December) 1, 2, 3, 4,5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13,14, 15, 16, 17/18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27,28, 29,30, 31…. 2015
Amajii (January) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13,14, 15, 16, 17,18,19, 20,21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29,30, 31……2016
Guraandhala (February) 1, 2, 3,4, 5, 6, 7, 8,9, 10,11,12,13, 14, 15, 16, 17,18,19, 20, 21,22, 23, 24, 25, 26, 27, 28,29………… 2016
Bitootessa (March) 1, 2, 3,4, 5,6,7,8,9, 10, 11,12, 13,14,15, 16,17, 18, 19,20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 2,28, 29, 30, 31 …………2016
Ebla (April) 1, 2, 3, 4, 5,6, 7,8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17,18, 19,20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30……… 2016
Caamsaa (May) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12,13, 14, 15, 16, 17, 18, 19,20, 21,22, 23, 24, 25, 26,27, 28, 29, 30, 31, 2016
AI: Heading the Wrong Way: The Ever Closing Political Space in Ethiopia
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/05/24/ai-heading-the-wrong-way-the-ever-closing-political-space-in-ethiopia/
Pulse: Oromo protests
The Oromo people in Ethiopia have long complained of being marginalized. Addis Ababa expansion plans which sparked fresh protests have been scrapped but the conflict continues to simmer.
http://www.dw.com/en/pulse-oromo-protests/av-19247699
Researcher says Canadian government should be more vocal in its criticism of the Ethiopian crackdown
http://www.cbc.ca/player/play/2688887492/
New Report from State Department Details Widespread Human Rights Abuses in Ethiopia
http://www.oaklandinstitute.org/new-report-state-department-details-widespread-human-rights-abuses-ethiopia
Dispatches: Using Courts to Crush Dissent in Ethiopia
The Human Rights League: Ethiopia: Endless Injustices against Oromo Nation in the Name of Law Enforcement. #OromoProtests
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/05/08/the-human-rights-league-ethiopia-endless-injustices-against-oromo-nation-in-the-name-of-law-enforcement-oromoprotests/
Ethiopia must release opposition politician held for Facebook posts
Oromia (#OromoProtests) :Shirri Xaxamuu fi Ololli Geggeeffamu Falmii Bilisummaa Fi Mirga Abbaa Biyyummaa Finiinaa Jiru Hin Dhaabu!
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/05/01/oromia-oromoprotests-shirri-xaxamuu-fi-ololli-geggeeffamu-falmii-bilisummaa-fi-mirga-abbaa-biyyummaa-finiinaa-jiru-hin-dhaabu/
Press Statement: The United States is deeply concerned by the Government of Ethiopia
Freedom for Bekele Gerba and all political prisoners in Ethiopian prisons
U.S. Senators Amy Klobuchar and Al Franken condemned the lethal violence used by the government of Ethiopia against hundreds of Oromo protesters. #OromoProtests
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/29/u-s-senators-amy-klobuchar-and-al-franken-today-condemned-the-lethal-violence-used-by-the-government-of-ethiopia-against-hundreds-of-oromo-protesters-oromoprotests/
Ilhan Omar denounces crimes against humanity being committed in Ethiopia
http://www.ilhanomar.com/news/2016/4/25/ilhan-omar-denounces-crimes-against-humanity-being-committed-in-ethiopia
U.S. Senators Condemn Ethiopia’s Crackdown on Civil Society
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/21/12-u-s-senators-condemn-ethiopias-crackdown-on-civil-society/
Human Rights league: The TPLF Hidden Agenda of Reducing the Oromo Population Must be Stopped
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/19/human-rights-league-the-tplf-hidden-agenda-of-reducing-the-oromo-population-must-be-stopped/
Date: Tuesday, April 19, 2016 – 11:00am
Location: 2255 Rayburn House Office Building
Announcement
Please join the Tom Lantos Human Rights Commission for a briefing on the current human rights situation in Ethiopia.
https://humanrightscommission.house.gov/events/hearings/human-rights-ethiopia-update-0
IPS: Ethiopia’s (Fascist TPLF) Smoldering Oromo. #OromoProtests
https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/04/11/ips-ethiopias-fascist-tplf-smoldering-oromo-oromoprotests/
#OromoProtests 31 May 2016: Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXG haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira. Sochii warraaqsaa eegalame hanga fiixaan baasnutti duuba hin deebinu kan jedhu sagaleen gurmuu barattootaa gidduudhaa dhaga’amaa ture. Haala sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan. Akkuma qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo gobiin lafa dhiitaa jiran.
Godina Hargee baraa aanaa malkaa baloo mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi qophina keesatti FXG itti fufee jira.
Akkasuma godina Booranaa Magaalaa Yaabelloo Keessatti FXG Gootota Oromoo Qeerroon bakka hundaati Itti Fufee Jira.
Ethiopian 12th grade/ University entrance exam has been leaked and national exam has been cancelled. #OromoProtests 30 May 2016.
Caamsaa 30,2016 Qormaatni Biyyooleessaa Seensa Yuunibarsiitiif barattoota kutaa 12ffaa kennamuu egaalee Addan Citee jira ,Warraaqsii FXG kallattii hundaan itti fufe!! Qormaatni Kutaa 12ffaa kun Barattootni Oromoo utuu hin baratiin akka Qoraman waraanaan dirqisiifamuun wal qabatee sabboontootni fi hayyootni Oromoo Qormaatni utuu barattootni oromoo hin baratiin kennamu kun haqamuu qaba jechuun qormaatni utuu hin eegalamiin qormaatichaa fi deebii qormaatichaa marsaalee social media irran facaasuun qormaatichi guutummaatti addaan cite jira. Qormaatni kutaa 12ffaa kun barattootni oromoo torbee Tokkoof illee daree barnootaa nagaan seenaanii ta’aanii utuu hin baratiin dirqamaan qormaata kutaa 12ffaa akka fudhataan waraana agaaziin dirqisiifamuun wal qabatee Qorumsichi Qormaata seera qabeessaa utuu hin Ta’iin ta’ee jedhamee Barattoota Oromoo Ittin Kuffisuuf kan yaadame ta’uu irraa ,Sabboontootni Beektootni Oromoo fi hayyootni shira diinaa kanarratti dammaquun Qoramatichi utuu hin eegaliin marsaalee Social media irraan tamsaasuu fi deebii qormaaticha hojjechuun medialee irra facaasuun Qormaataa mootummaan Abbaa irree afaan Qawween dirqisiisee Barattoota oromoo ittin kuffisuufii bay’ina barattoota Oromoo Dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii seenuu danda’ani gadi xiqqeessuun ittin saba Oromoo miidhuuf karoorfatee fashaleessan Qormaatni kutaa 12ffaa Kun Guutummaatti saaxilamee Dirree Social midea Cufaa Uwwisee waan jiruuf Yeroo amma kanatti Abbaan irree wayyaanee Qawwee fi Waraanaan oromiyaa qabee jiruu waan qabee gadhiisuu wallaaluub Qormaaticha akka Guutummaa Biyyattiitti kennuu eegalee jiruu Addaan kutee jiraachuun baramee jira. Murtii Qormaata biyyooleessa kutaa 12ffaa ilaalchisuun kennamu jala buunee kan gabaafnu ta’uu isin hubachiifna!!
Caamsaa 30,2016
Baha Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXG haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira,sochii warraaqsaa eegalame hanga
fiixaan baasnutti duuba hin deebinu sagaleen hedhu gurmuu barattootaagidduudhaa dhaga’amaa ture haala sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan,Akkuma qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo gobiin lafa dhiitaa jiru
Caamsaa 30,2016 Oduu Ammee Godina Shaggar Kaabaa Salaalee Aanaa Kuyyuutti Goototni barattootni Oromoo Mana M/B Garba Gurraachaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Warraaqsa Biyyoolessa Oromiyaa FXG marsaa 5ffaa daran jabeessuun Qormaatni kutaa 12ffaa Oromiyaa keessatti utuu guyyaa tokkoof Illee hin baratiin qoramuun miidhaa uummata Oromoof jecha kan yaadamee malee uummataa biyyattis fayyaduuf mitii dursa gaaffii mirga abbaa biyyummaa oromoof Deebiin kennamuu qaba jechuun Warraaqsaa finiinsuun yeroo amma kanatti Goototni Uummtni Oromoo gabra gurraachaa Barattoota isaaniif dirmachuun dhaadannoo Warraaqsaa FXG sagalee guddaan Salaalee keessa dhageessifama jira. sagalee dhaadannoo fi iyya guddaatu magaalaa Garba Gurraachaa sochoosaa jiruun walqabatee Mootummaan abbaa irree Waraana guddaa Godina Salaalee irra qubsiise jiru Uummata mirga isaaf falmachaa jiru irraatti dhukaasaagaasii Summaa’aa boombii ija keessa imimmaan nama naquu dhoosuun uummata gooluu irratti argama. yeroo amma kanaa warraaqsaa ummataa dhaadannoo guddaa fi sagaalee dhukaasaa guddaatu Godina salaalee garba Gurraachaa irraa dhagaa’ama jira, goototni barattootni Oromoo kutaa 12ffaa 4’ human waraana Agaaziin qabamuun ittumaa Uummata Oromoo Aanichaa warraaqsaaf akka dirmatan godhaa jiraachuu gabaasaan nu qaqqabe addeesee jira.
Caamsaa 29,2016,Godinaalee Arsii keessatti barreeffamoota warraaqsaa maxxansuun kan itti fufan yoo ta’u barruulen kunniin Magaalaa Saguree keessatti kan maxxanfamaniidha, kanumaan wal qabatee wayyaanen Aanaa loodee heexosaa keessatti ummata dararuu itti fuftee jirti magaalaa Jimaata loodee keessatti isintu Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)haada elektiriikaa irratti fannise jedhanii namoota hedduu achuma aanaa Loodee Heexosaa magaalaa Hurutaa jedhamtutti guuranii hidhamaa kaka jiran Qeerroon gabaase.
Caamsaa 29,2016
Dhimma filannoo peresedaantii barataa irratti,gocha mooraan raawwachaa jirtu FXG dhoosuuf sababa guddaa uumaa jira. Peresedaantii Barattootaa ka ture barataa #Dabalee Asaffaa haqummaan waan hojetaa ture qofaaf hanga jiraachu isa dhorkanitti ka deemaa jiran. Barattoota Oromoo mooraa Jimmaa hunda keessatti quuqamaaf aarii jabaa uumaa jira.Kanarratti guyyaa har’aa walga’ii dirree taphaa Xiqaa (min-studium) taasifamaa tuterratti barattoonni gamtaan akka ta’anitti dabaleef sagalee dhageessisaa turanii jiru.
Haa ta’uu malee mirgi barataa ammallee eegamaa kan hin jirre ta’uu,Haala filannoo hoganaa barattootaarratti icciitiin gadi baate kan mul’iftu,Dabalee Asaffaa dirqamaan akka Filannoorraa haqamu ka jedhuuf,Dhaabnisaanii mugduun OPDO nama amanattu nama Guyyoo jedhamu barataa jedhamu filuuf qophii akka xumuranii jiran icciti achii baate nii ibsiti. Miseensa OPDO kan ta’e Guyyoon Hojii basaasummaarratti dammaqinaan nama hojjeta ture yoo ta’u,Barataa hedduu galaafachiisaa akka tureen beekama.Kanaaf Guyyoon ka Filannoo darbu taanaan Barataa Oromootiif mirgi lubbuun jiraachuu kiyyoo jabaa keessa galti.
VIDEO
#OromoProtests 28 May 2016 at Bordoddee, Oromia: Oromoo tuuta kanniisaa biyya ifii maaltu gadhiisaa
https://youtu.be/Ets3AEoqtUw
#Oromo protests 28 May 2016: Togowacaalee biyyaa jaanini somaliyaa fi Ethiopia jiduu
https://youtu.be/ix32CCffyzQ
ODUU
OMN: Oduu Caamsaa 28, 2016
https://www.oromiamedia.org/2016/05/28/omn-oduu-caamsaa-28-2016/
#OromoProtest, May 28, 2016:
Caamsaa 28,2016 Godina Wallagga Lixaa fi Wallagga Bahaatti ayyaanni Ginboot 20 wayyaanee Qeerroodhaan feshelaa’uun Qeerroon ganama kana gabaasee jira.
Odeessa Qeerroo godinoota kanneen lamaan irraa nu qaqqabeen akka ibsutti har’a ganamaan humnaa fi dirqamaan uummata dirqisiisuudhaan ayyaana irratti hirmaachisuuf yaalii gooteen Qeerroon godinaalee kanneenitti keessattuu aanotaa fi magaalota garagaraatti FXG fi dhaadannoodhaan irra aanuun bakka adda addaatti ammoo waraqaalee garagaraa irratti halluu alaabaa diimaa magariisa diimaa tolchuudhaan ayyaanicha fesheleessuun Qeerroon gabaasee jira.
Godina adda addaattis bifuma kanaan ayyaanni ginbot 20 wayyaanee Qeerroodhaan kan feshalaa jiru yoommuu tahu godina Harargee, Arsii, kaaba shawaa fi kkf keessattis sodaa jeequmsaan ayyaanni wayyaanee jalqabumaa kan hafaa jiru tahuun gabaafamaa jira.
Barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoon yuuniversitii fi koollejjii adda addaa keessattuu yuuniversitii Haromayyaa, Adaamaa, Mattuu, Amboo keessaa mooraadhan alatti qabamanii ukkaamfamaa jiru.
Akkasumas basaastoni hedduun mooraa barnoota ayyaana ginbot kanaan wal qabsiisuudhaan dhaabbilee barnootaa keessatti ramadamuun saaxilame.
Godinaalee adda addaattis namoota miseensa ishee qofaan kan gaggeeffataa jirtu tahuun ishee gabaafamaa jira.
Dimshaashatti godina baha oromiyatti FXG itti fufeera.
http://https://youtu.be/Oj0mP0rfoEk
https://youtu.be/Oj0mP0rfoEk
Caamsaa 27, 2016 Fincilli xumura garbummaa guyyaa har’aan kana Kolleejjii Barsiisotaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti daran jabaatee itti fufee jira.Fincilli kun kan jalqabe mooraa kolleejjichaa keessatti yemuu ta’u fincilli kun baballachuun irraan kan ka’e uummanni naannoo sanaa itti dabalamuun guutummaan naannoo sanaa raafamaa jirti.
Mootummaan gabroonfataan wayyaanees fincila kanaan sodaa guddaa keessa seenuun waraana isaa gara baratoota kanaatti erguun baratoota nagaa irratti aara ija imimaanessu darbachiisuun baratoonni heeduu irraan miidhaa guddaa geesisuun maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.
https://youtu.be/DMj_Feyq3t8
#OromoProtests – (Caamsaa/ May 26, 2016) Godina wallagga bahaa aanaa Kiramu ganda Horoo Addisaalem jedhamutti FXG finiinsuudhaan milishootaa fi qabeenyaa diinaa garagaraa irratti tarkaanfiin ummataan fudhatamu itti fufee jiraachuun beekamee jira.
#OromoProtests, Caamsaa/ May 26, 2016: Universitii Adama keessatti eerga waraqaan kun mooraa keesaa raabsame guyyaa hara’ kana Agaziin baayinaan mooraa keesaa fiigaa ooltee, barattotas dorsiisaa oolte.
Humni WBO fi Miseensoti ABO Shaambuu fi Amboo Seenan Jechuun Wayyaanen Raafamte(Caamsaa 26,2016) Godina wallagga Horro Guduruu Aanaa Shaambuu magaala Finca’aa fi Shawaa Lixaa Amboo Humni Addaa WBO fi miseensotni ABO garagaraa seennan jechuudhaan akkasumas leenjii dargaggootaaf ABOn biyya keessatti kennaa jira ka jedhuun wayyaaneen sakatta’aa fi yaaddoo keessa seentee jirti.FXG kan qindeessuudhaanmootummaa kuffisuuf dhufe kun Qeerroo ABO dhaan hoogganamu waan tahef seelii ykn miseensotni ABO walgayii garagara dahoo godhachuudhaan FXG Qeerroo Bilisummaatiin qindeessee amma gara FXGtti seenaa jiru. Haaluma kanaan FXG ammaa kun haalaan sodaachisaa tahus diinni sodaatee dubbatee jira.Barattooti Yuniversitii Amboo barana kan eebbifaman T-shirt hojjechiissifatan irratti kan ABO fi Qeerroo leellisu tolfachuun gamatti, manneen barnootaa garagaraattis qormaati akka hin fudhatamne kan gochaa jirus ABO dha; caasaan ABO guutudhan biyya keenya keessa seeneera jechaa jirti diinni rifaasuu diddaa sirna gabrummaa ummataOromoon.Marsaa 5ffaan FXG amma gaggeeffamaa jirus daran mootummaa abbaa irree kan yaaddessee jiruu dha. Barsiisonni manneen barnootaa kutaa 8ffaa,10ffaa fi 12ffaa barsiisaan aanaalee hedduu irraa ukkaamfamaa jiraachuunis Qeerroodhaan gabaafamaa jira.Wayyaaneen aangoo ishee irraa bu’uu soda keessa seentuskan isheef hin hafne ta’ee mul’aa kan jiru haala kam keessattiyyuu FXGn kan itti fufuu dha jechuun Maddi Oduu Qeerroo (MOQ) beeksiseera.
Camsaa 26/2016 Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti Mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufuun Diigumsii manneen jireenyaa keenyaa mootummaan nurratti raawwataa jiruun uummatni kumootaan Lakka’aman kutaa Boolee bulbulaa irraa dahoo jireenyaa dhjabuun dararaa argaa jiraachuun hubatame jira.Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa Fayyadamuun Manneen jiraattoota Cunqurfamoo fi Maatii abbaa Qa’ee fi abbaa Lafaa Uummata Oromoo human waraanaan dirqisiisuun doozeraan diigumsi manneen jireenya jiraattoota itti fufee jira, Haalli Magaalaa Finfinnee Kutaa boolee Bulbulaa warraa Gannuu irratti rawwatamee Magaalota Finfinnee fi naannawaa Finfinnee Duukam, Qaallittii, Aqaaqiii, Burraayyuu, Sabbataa, sulultaa, Laga Xaafoio Laga Daadhii fi guutummaa biyyatti keessattuu Magaalota oromiyaa fi finfinnee Irratti Xiyyeeffachuun diigumsii seeraan alaa human waraanaa fi Doozeraan fayyadamuun itti fufee jira. Labbiileen biyyatti hedduun dahoo dhabuun balaa ulfaataaf saaxilama jiru.
Qeerroon bilisummaa Oromoo Yeroon gamtaan dhaabbatanii mirga ofii kabachiisuuf falmataan amma jechuun Goototni, Dargaggootni barattootni, sabboontootni Oromoo , uummatni Oromoo fi uummattootni biyyattii sabaa fi sablammootni cunqurfamoon harka wal qabachuun haa falmannuu hanga abbaa irraa aangoo irraa qaarisnee mirga keenya gonfannutti falmaan itti fufa jechuun barruulee warraaqsaa bittinneessuu fi uummataaf waamicha sochii waarraaqsaa jajjabeessu gochaa jiraachuu hubachise.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
OromoProtests, 26 May 2016. Fascist Ethiopia’s regime has been conducting ethnic cleansing against Oromo people. This picture is from Finfinnee, Boolee Bulbulaa, Warraa Gannuu where Oromo residents have been invaded by TPLF fascist Agazi forces. The fascist forces so far destroyed over 6000 Oromo houses. The fascist forces are attacking residents, conducting imprisonment and killings. Such systematic ethnic cleansings against Oromo people is going on all over Oromia. https://oromianeconomist.wordpress.com/2016/05/01/oduu-maaster-plan-hararii-fascist-tplf-ethiopias-regime-has-engaged-in-ethnic-cleansing-of-oromo-people-from-city-of-harar-and-surroundings-oromo-land/
Godina Arsii, magaala Loodee Jimaataatti alabaan bifa kanaan haada elektirikaa irratti baatee fannifamtee jirti. Milishaaleen gandaa Agaazii waammatanis akkuma agartan kanatti haada elektirikaa irraa buusuu sodaatanii dhaabbatanii laalaa jiran. Hanga ammaa baaraganii oliif gad fiigaa jiran. Kan alaabaan qofti hangana wayyaanee shoorarkeessitu maalayyaa qabsoo cimtuu.
Loltoonni mootummaa wayyanee Alaabaa Oromoo ykn Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo (OLF) kan ta’ee shiboo ykn sarara humna ibsaa irrati Qeerroo ykn saboontota Oromoo ittin fannifamee jiru irrati Agaazonni tplf dhukaasa itti banuu ishii dhagahamee jira. Kana ta’uun dura akkuma suura armaan olii fi gadii kana argaa jirtanitti tattaafiin cimaatu ture Alaabaa kana bakka itti fanifamee ykn rarraafamee jiru irraa gad busuudhaaf yaaliin godhamee harkaa fashalla’ee ture. Kaadroon aanaa sanaa dhufanii yeroo muka dheeraadhaan gad buusuuf yaalaniitti itti hin milkoofinne. Kanumaan kanka’ee Alaabaan Adda Bilisummaa Oromoo (OLF) shiboo kana irraati faniffamee jiru sun dhiiga fi lafee loltoota ilamaan Tigre wayyaanotaa guggubeefi cacabisee boqonaa dhowwee akka itti dhukaafamuu taasisee jira.
OLFDhukaasa kana gara rasaasa 30 ta’ee itti dhukaasanii illee Alaaban kun achii bu’uu hin dandeenyee. Sababa dhukaasa kanaatin ibsaan naannoo sana jiru tasuma akka bade jiraattoni dubatanii jiru.
Gochii loltoonni ilmaan Tigre raawwachaa jiran sammuun isaanii ammam akka ta’ee dur caala akka dhiphachaa dufeefi waan tokko akka nama itti waa xinxaluun keessa isaanii hin jirre agarisiisa. Kan hubatamuu qabu tokko sarara kana irrati faniffamee jiru Alaaba dha malee namani wajjin fanifamee hin jiru rasaasa ykn Xiyyitii akka bokaa itti roobisuun. Otuuma illee ta’ee hojjatoota humna ibsaa waamanii Alaabaa kana bakka sana irraa buusuu ni danda’uu ture. Egaa ummata sammuun isaani balidhisee hin yaanneefi dandeetti hin qabinnen Oromian bitamaa ykn bulaa jirti.
Oduun gamachiisa tokko moo Alaaban Adda Bilisummaa Oromoo (OLF) dhiigaafii lafee ilmaan Oromoo nu hundaa keessa faca’ee jira. Namoota hedduutu illee gaafa du’aan boqotan reenfii isaanii Alabaa kana faana akka awwaalaman otuu lubbuun keessa hin bahiin dhaammatu. Alaabaan kun namoota Oromoo hin taane irraa seexana ykn jinnii isaan illee bakkaa addaa addatti akka irraa baasaa ture beekamadhaa. Bakki Alabaan Oromoo jiru itti jinniin hin jiru. Namoonni tokko tokko illee amma tokko hubannoon isaanii dabalaati jira irraa fayyaa jiru. Kun moo kabaja fi jaalallii qeerroowwan fi loltoota Adda Bilisummaa Oromoo akkasumas ilamaan Oromoo lubbuu isaanii itti dhabaniif ykn itti wareegaman maraaf haa ta’uu yaadannoon bara bara. Kun salphaa mitti Alaabaa kana bakka sanatti fannisuun jechuun harsaa guddaa gaafata.
Karaa tokkoon garuu loltoonnii wayyanee Alaabaa Oromoo tokko irrati qe’ee dhuma keenyaa keessati fannifanne dhukaasa banuu jechuun ammam akka nuf kabajaa hin qabinne agarisiifa. Jibbins keenyaafi falmii keenya daran laafissuu hin qabinnu. Ammuma qabisoon jabaachaa deemaa jiru humn tplf qabidus gad laafaa deema waan ta’eef itti jabachuu qabinna. Kana qofa illee mitti si’achii akka durii sanatti akka barbaadanitti nu bulchuun abdii irraa waan kutataniif dhiibinnee Oromia keessaa achii ha’uu qofatu hafa.
Camsaa 20,2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti Sochii Warraaqsaa FXG Gootota Barattoota Oromoo M/B Kombolchaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaan daran jabaatee itti fufe jira. Goototni barattootni Oromoo Aanaa guduruu Mana barumsaa qopha’inaa fi sadarkaa 2ffaa Gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatneef deebiin nuuf haa kennamuu, sagalee keenya humni waraanaa ukkamsuu hin danda’u, baatii 6 guutuu waraanaan hiraarfamaa utuu jirruu utuu torbee tokkoof iyyuu barumsa takkaa hin argatiin akkamitti Qorumsaa fudhachuu dandeenya? Gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebiin nuuf kennamuu qaba, Oromoo hidhuun Ajjeesuu fi waraanaan hiraarsuun nurraa haa dhabbatu, waraanni biyya keenya gadhiisee gara mooraa waraanatti deebi’uu qaba jechuun mormii isaanii jabeessuun itti fufauun har’a ganama barii irraa eegaluun sagalee dhageesisuun waraana Wayyaanee waliin wal dura dhaabbatan. Waraanni agaaziii fi poolisiin kora bittinneessa jedhama barattoota Oromoo hiraarsuu itti fufee jira.
Caamsaa 18/05/2016 Guyyaa kaleessaa jechuun Roobii galgala halkan irratti godina Wallaggaa bahaa magaalaa Naqamtee keessatti kan argamu gamoon bulchiina magaalaa Naqamtee walakkaa ol kan ta’u gutummaa guutuutti human hin beekamneen akka caccabe gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
OromoProtests 18 May 2016 : We all Oromo people stand with Haramayaa Universty students who are still continue be tortured and killed by fascist/ TPLF Agazi forces.
https://www.oromiamedia.org/2016/05/18/omn-oduu-caamsaa-18-2016/
https://www.oromiamedia.org/2016/05/18/omn-oduu-amma-nu-gahe-breaking-news/
Caamsaa 19,2016/ Magaalaan Boolee fi naannnoon ishee humna waraana Wayyaanee komaandoo jedhamaniin marfamtee jirti. Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo doorsisaan qabeenyaa isaa saamaa fi lafa isaa irraa guurratee gurgurataa ture amma kun hafee uummanni oromoo meeshaa diinni ittiin doorsisuuf utuu hi jilbeenfatin lafa isaa dura dhaabbatee falmii fi FXG gaggeessaa jira.
Yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun manneen uummata oromoo naannowaa Finfinnee diigsisee abbaa qabeenyatti gurguratuuf yaalii taasisuun isaa ammaa kaasee kan itti hin milkkoofne tahuu FXGn feshelataa dhufeen uummanni naannoo Boolee Bulbulaa jiraatan mana isaani yeroo dheeraa irra jiraataan Wayyaaneen waraana isheetiin dirqisiistee diigsisuuf yaalii taasistee turteen har’a FXG uummata naannichaan dhoween dhukaasni uummata lafa isaaf bahee falmate irraatti dhuka’een namootni 3 wareegamuun kaan madawanii akka jiranii fi tarkaanfiin uummataanis waraana Wayyaanee irratti fudhatamuudhaan lafa keenya nurraa fudhachuufuu miti aangookeerrayyuu si gaggeessina jechuun uummanni FXG galgala kana finiinsaa jira. Kanneen du’an yeroof maqaa isaanii kan hin arganne dhukaasni yeroo dheeraa uummata iratti dhuka’een magaalaan Boolee fi naannon ishee Garji fi Boolee Bulbulaan walumaa galatti FXGn
hudhamtee waraanni Wayyaanees keessa bololi’aa jira.
Gama biraatiin yuuniversiti Haromayyaatti dhukaasni barattoota irratti banamee jira. Mooraa yuuniversitii keessaa tarkaanfin diina fi waraana
irratti fudhatames jabaatee itti fufeera. FXG Haromayyaatti marsaa 5ffaa dhowee jiruun kan duubatti hin deebine tahuu diinnis hubatuudhaan soda guddaan wayyaanee qabatee jira.
Caamsaa 18/2016 Diddaan Uummataa Magaalaa Finfinnee kutaa Bulchiinsa Boolee Bulbulaa bakka warra Gannuu jedhamuun beekamutti jabaatee itti fufuun uummatni mirga isaaf jedhee qe’ee koorraa hin buqqa’uu doozeriin mana nurratti diiguun haa dhaabbatu jedhee falmatee waan dideef mootummaan abbaa irree waraana poolisii Federaalaa itti bobbaasuun lubbuun jiraattoota mormii dhageesisaa turanii keessa nammootni sadii (3) ol lubbuun yoo wareegaman, hedduu madaa’uu fi poolisootni lama akka malee madeeffamuun ibsame.
Haaluma walfakkatuun Sochiin warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG’ Marsaa 5ffaan daran Jabaachuun galgala kana bifa adda ta’een Mooraa Yuunibarsiitii harammayyaa keessatti gaggeeffamuun wal qabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee dhukaasaa barattoota Oromoo irratti baneen Mooraa Yuunibarsiitii harammayyaa gara dirree waraanatti jijjiree jiraachuun gabafame jira. Gabaasa baldhinaan Walitti
deebina.
Caamsaa 19,2016/ Magaalaan Boolee fi naannnoon ishee humna waraana Wayyaanee komaandoo jedhamaniin marfamtee jirti. Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo doorsisaan qabeenyaa isaa saamaa fi lafa isaa irraa guurratee gurgurataa ture amma kun hafee uummanni oromoo meeshaa diinni ittiin doorsisuuf utuu hi jilbeenfatin lafa isaa dura dhaabbatee falmii fi FXG gaggeessaa jira.
Yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun manneen uummata oromoo naannowaa Finfinnee diigsisee abbaa qabeenyatti gurguratuuf yaalii taasisuun isaa ammaa kaasee kan itti hin milkkoofne tahuu FXGn feshelataa dhufeen uummanni naannoo Boolee Bulbulaa jiraatan mana isaani yeroo dheeraa irra jiraataan Wayyaaneen waraana isheetiin dirqisiistee diigsisuuf yaalii taasistee turteen har’a FXG uummata naannichaan dhoween dhukaasni uummata lafa isaaf bahee falmate irraatti dhuka’een namootni 3 wareegamuun kaan madawanii akka jiranii fi tarkaanfiin uummataanis waraana Wayyaanee irratti fudhatamuudhaan lafa keenya nurraa fudhachuufuu miti aangookeerrayyuu si gaggeessina jechuun uummanni FXG galgala kana finiinsaa jira. Kanneen du’an yeroof maqaa isaanii kan hin arganne dhukaasni yeroo dheeraa uummata iratti dhuka’een magaalaan Boolee fi naannon ishee Garji fi Boolee Bulbulaan walumaa galatti FXGn
hudhamtee waraanni Wayyaanees keessa bololi’aa jira.
Gama biraatiin yuuniversiti Haromayyaatti dhukaasni barattoota irratti banamee jira. Mooraa yuuniversitii keessaa tarkaanfin diina fi waraana
irratti fudhatames jabaatee itti fufeera. FXG Haromayyaatti marsaa 5ffaa dhowee jiruun kan duubatti hin deebine tahuu diinnis hubatuudhaan soda guddaan wayyaanee qabatee jira.
Caamsaa 19,2016/ Magaalaan Boolee fi naannnoon ishee humna waraana Wayyaanee komaandoo jedhamaniin marfamtee jirti. Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo doorsisaan qabeenyaa isaa saamaa fi lafa isaa irraa guurratee gurgurataa ture amma kun hafee uummanni oromoo meeshaa diinni ittiin doorsisuuf utuu hi jilbeenfatin lafa isaa dura dhaabbatee falmii fi FXG gaggeessaa jira.
Yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun manneen uummata oromoo naannowaa Finfinnee diigsisee abbaa qabeenyatti gurguratuuf yaalii taasisuun isaa ammaa kaasee kan itti hin milkkoofne tahuu FXGn feshelataa dhufeen uummanni naannoo Boolee Bulbulaa jiraatan mana isaani yeroo dheeraa irra jiraataan Wayyaaneen waraana isheetiin dirqisiistee diigsisuuf yaalii taasistee turteen har’a FXG uummata naannichaan dhoween dhukaasni uummata lafa isaaf bahee falmate irraatti dhuka’een namootni 3 wareegamuun kaan madawanii akka jiranii fi tarkaanfiin uummataanis waraana Wayyaanee irratti fudhatamuudhaan lafa keenya nurraa fudhachuufuu miti aangookeerrayyuu si gaggeessina jechuun uummanni FXG galgala kana finiinsaa jira. Kanneen du’an yeroof maqaa isaanii kan hin arganne dhukaasni yeroo dheeraa uummata iratti dhuka’een magaalaan Boolee fi naannon ishee Garji fi Boolee Bulbulaan walumaa galatti FXGn
hudhamtee waraanni Wayyaanees keessa bololi’aa jira.
Gama biraatiin yuuniversiti Haromayyaatti dhukaasni barattoota irratti banamee jira. Mooraa yuuniversitii keessaa tarkaanfin diina fi waraana
irratti fudhatames jabaatee itti fufeera. FXG Haromayyaatti marsaa 5ffaa dhowee jiruun kan duubatti hin deebine tahuu diinnis hubatuudhaan soda guddaan wayyaanee qabatee jira.
#OromoProtests continues in Haramaya University, 18 May 2016
Caamsaa 18/2016
Yuuniversitii Haramayyaatti FXG barattoota mooraa kaampaasii garagaraatti itti fufuu kaleeysa gabaasuun keenya ni yaadatama. Qeeyroon har’a Caamsaa 18/2016 gabaasen kaampaasii ganda Jeetti wayita koreen barattootaa walgahii taasisanitti “BARATTOOTNI OROMOO UTUU AJJEEFAMANII FI HIDHAATTI GUURAMAA JIRANII LAFA OROMIYAA KANA IRRATTI SUUFII UFFACHUUN HIN BARBAACHISU””jechuun barattoonnti kutaa isaan taa’anii mariyatanitti ciimbilii(haguuggii fuulaa) uffatanii ol itti seenuun dhagaa fi uleedhaan tarkaanfii koreewwan barattoota moorichaa irratti fudhatuun miidhaa guddaa irraan geessisuun gabaafame poolisiini fi waraanni wayyaanee naannichaas naasuu guddaadhaan barattoota moorichatti seenuudhaan sabboontota kan tahan adamsaa fi hidhaa jiraachuun gabaasni addeessa.
Dabalataanis barruun warraaqsaa” YEROO AMMAA MOOTUMMAAN ITOOPHIYAA GARRAAMUMMAA TOKKO MALEE LAMMII OROMOO FI LAMMIILEE QULQULLUU AJJEESAA FI HIDHAA JIRA” jedhu afaan Oromoo fi Amaaraan barraa’ee mooricha keessa bittimfamee jira. Barattootni har’a FXG finiinsuun kaayyoo mootumama gabroonfataa kana dura dhaabbatanii jiru. Akkasuma warawaan beeksisa barattoota, barsiisotaa fi hojjetoota hundaa ilaallatus bittimfameetu jira.
Caamsaa 18,2016, Yuunversiitii Wallaggaa keessatti humni federaalaa baratoota bahuuf galuu dhorkaa jira.Torban kana keessas mootummaan gabroonfataan Wayyaanee humna qawween biyya bulchaa jiru sodaa guddaa keessa seenuun mooraa yuunversiitichaa keessa bombii seensitan maqaa jedhuun baratoota nagaa irratti sakata’iinsa geggeessaa jira.Seensa Yuunversiitichaa irratti sakata’iinsa jabaan geggeefamaa jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban eeraniiru.
Caamsaa 18/2016 halkan edaa godina Wallaggaa lixaa aanaa Najjoo keessatti barruuleen warraaqsaa facaafamaa bulanii jiru.Haaluma kanaa halkan edaa magaalota kaneen akka Najjoo akkasumas magaalaa Warra Jirruu fi kaneen biroo keessatti baruuleen warraaqsaa heeduun Qeerroo magaalattiin facaafamaa akka bulan maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.Kanumaan kan wal qabateen guyyaa har’aa kanas mootummaan gabroonffataan Wayyaanee sodaa guddaa keessa seenuun humna federaalaa uummata naannoo sanaa irra fidee qubachiisuun uummata goolaa jiraachuu maddeen keenya achirraa nu qaqaban ifa godhu.
OMN: Oduu Caamsaa 17, 2016
https://www.oromiamedia.org/2016/05/18/oduu-caamsaa-17-2016/
Oromo protests 17 May 2016 :Continues in Asabot, West Hararagee, Oromia.
Guyyaa arraa galgala kan caamsa 17/2016 Harargee Lixaa magaalaa Asaboot keessatti mormii bifa haarawan arraa eegalee jira. Waraanni Agaazii konkolaataa lamaan dhufee magaalaa too’achuuf yaalaa jira. Qeerroon magaalaa Asaboot sodaa tokkoo malee qabsoo itti fufna jechun dhaadataa jiran!
https://youtu.be/ZcKu_h5aPvo
The main Road from Najjoo to Beneshangul has been blocked by OromoProtests.
Daandin guddichi magaala Najjoo irraa gara Beneshangul fudhatu Qeerroodhaan cufame. Wallagga lixaatti eda halkan caamsaa 8/2016 Qeerroo aanichaan daandii guddaan gara naannoo Beneshangul geessu cufamee jiraachuu har’a Qeeroon gabaasee jira. Daandiin cufame turtii guyyaa tokkoo booda humna waraana wayyaaneetiin akka banamu tahe.
Akkasuma godina wallagga bahaa magaala Naqamteettii Alaabaan keenya (ABO) fannifamee halkan edaa buleera. Akkasuma waraqaaleen adda addaa haluu alaabaa irraa qophaaween fi mukarraas hojjetame magaala magaala Naqamtee keessa faca’uu Qeerroon gabaasee jira. Wayita kana
barattootni manneen barnootaa keessatti dhaadannowwan
– BILISUMMAAN GEESSETTI
– YAA OROMOO MAALIIF TEESSA KA’I BILISUMMAAKEE GONFADHU
– QABSOON KEENYA YOOMILLEE HIN DHAABBATU
Jedhanii guyyaa guyyatti sa’a mana barnootaa seenanitti gurraa uummataa dhageesisuudhan kaasuu fi diina dura dhaabbatanii FXG kana galmaan gahuuf cichoominaan barataan murteeffatee itti jiraatuu odeessaan Qeerroo addeessa. Wallagga bahaa fi wallagga lixaatti daandiiwan konkolaataa garagaraa cufamuudhaan kara darbaa diina dhorkataa jiraatuun uummataa fi Qeerroo gabaafamaa jira. har’as haaluma kana fakkaatuu fi jabeessuun itti fufuun gabaafame. Naannoo Amaaratti godina kaaba Gondoritti naannowwan adda addaatti tarkaanfii waraana wayyaanee irratti fudhatuu fi uummannis mootummaa wayyanee hin barbaannu jechuun walgahii fi gibira kaffaluu dhaabaniiru.
Hidhattootni mootummaas yeroodhaa yerootti naannoo Amaaratti tarkaanfiin irratti fudhatamuun FXG oromiyaa keessatti adeemsifamaa
jiru fakkeenya fudhachuun naannoo Amaaraas ji’ootaan kan lakkaawan itti fufanii jiru.
OROMIYAA GODINA HUNDAATTI FXG WAAN ITTI FUFAA JIRUUF WARAANNI WAYYAANEE MEESHAA GURGUDDAADHAAN OROMIYAA KEESSSA AKKA SAREE MARAATUU TAATEE OFLII FI GADI FIIGAA JIRTI INJIFANNOON QEERROON GALMEESSAA JIRU
HANGA BILISUMMAATTI KAN JABAATEE ITTI FUFU TAHUUN SHAKKII HIN QABU.
Dargaggoonni Aanaa Doobbaa mormii isaanii itti fufanii oolan.
OMN:Oduu Caamsaa 17,2016 Dargaggoonni Godina haraghee lixaa aanaa Doobbaa maagaalaa caaffee Baantee gocha mootummaa TPLF balaalleefachuun sagalee isaanii dhaggeessisa oolan.
Dargaggoonni godina Haraghee lixaa aanaa doobaa magaalaa caffee baantee kunneen,gocha gara jabeenyummaan mootummaan Itoophiyaa TPLF nurratti rawwatu jiru haa dhabbattu jechu bira darbe, dhadhannoowwaan qabeenyaan oromiyaa, sabaa oromoof haa mirkaannahu jedhus of keessatti akka qabuus namni nuyi dubbisne OMNtti himeera.
Namni kuni akka jedhutti, sarbaminsi mirga namooma isaanii irratti rawwacha jiru haalaan jabaate akka jiru dubbata
Namni kuni dhuma irrattis, dargaggoonni oromoos tahe sabni bal’aan oromoo tokkummaa’uun umurii bulchiinsa TPLF gabaabsuun murteessadha jechuun dhaamsa isaa dabarseera.
Namni kuni akka jedhutti, biyyitti keessaa qaamni sabaa fi sab-lammiilee bulchu akka hin jire himuun, sabni oromoo mirga ofiin of bulchu isaa mirkanneeffachuuf, irree tokkoon dhaabbachuuf yeroon amma kuni egeree oromoo fi oromiyaa mirkanneesssu keessatti shora ol’aanaa qabaachus dubbata.
Itichaa Guddataatiin.
https://www.oromiamedia.org/2016/05/17/dargaggoonni-aanaa-doobbaa-mormii-isaanii-itti-fufanii-oolan/
Oromo child murdered by Fascist TPLF Ethiopia forces in Jimma, Oromia on 16 May 2016.
Oduu gaddisiisaa magaala Jimmaa naannoo qocii jedhamuutti motummaa nama nyaata Itoophiyaa saroota isaattiin muccayyoo buna magaala irraa nannofte gurgutate jiratu rasasaan sammuu rukkuttan Ajjeesan madaa gabaasaa keenya qeerroo bilisummaa Oromoo magaala Jimmaatti.
VIDEO
OMN:Oduu Caamsaa 13,2016 Barattoonni yuuniversiitii Haramaayaa kaampaasii Teekinoloojii halkan kalleessa hiriira bahuun sagalee isaanii dhaggeessisuun cinatti basaastoota mootummaa TPLF mooraa isaanii irratti tarkanfii fudhachuun himame.
Barattoonni yuuniversiitii Haramaayaa kaampaasii Teekinoloojii, eda galgala caamsaa 12, 2016 dhitamiinsa mirga namoomaa, sabaa Oromoo irratti rawwatama jiru dhaabbachu qaba jechuun, mormii isaanii dhaggeessisa bulan.
Barattoonni kunneen wayta hiriira bahanitti, mootummaan namoota isaaf amanamoo ta’an itti bobbaasuun akka mormiin kun bifa jijjiratu yaalaa ture.
Barattoonnis basaasota mootummaan bobbasee ufirraa dhoorguun karaa nagaan mormii isaanii geggeessan.
Sochii fi mormiin sabaa Oromoo akka hin dhugoomnef, warreen gufuu tahan, ufirraa ittisuun bilisummaa ummatichaa dhugoomsuu keessatti shora olaanaa qabas jedhaniiru.
Barataan yuuniversiitii kana akka jedhutti, dhadhannoo gara garaa dhaggeesisuun cinaatti, barreeffamoonni miidha sabaa Oromoo irratti gaha jiru, irratti fulleeffatan,// mooraa kana keessatti bal’inaan rabsamuus hima.
Itti dabaluun, barataan kun, namni tokko kan baratu, roorroo sabaa isaatti dhufu fuldura dhaabbachuun dhugaaf falmudha malee, sabaa isaa dabarsee alagaaf kennuu hin qabu jedheera.
Kana males ummanni Oromoo tokkummaan waliin dhaabbachuun, Oromiyaa keessatti mirgi wal qixxummaa ummattootaa akka kabajamuuf irratti hojjachuu qaban jedha.
Barataan kun dhuma irratti saboonni fi ummattoonni cunqurfamoonni biyyatii hundi, mormii sabaa Oromoo tumsuun sirna bulchiinsa miidhaa dhaqqabsiisaa jiru umurii gabaabsuu akka qaban dhaamsa dabarfatee jira.—–sb——
Achuma yuniversiitii Haramayatti ji’oota shan dura mormii geggeeffamee tureen abrattoon afur gara jabeeyyii loltoota mootummaan bobbaaseen ajjeefamuun kan yaadatamuudha.
Itichaa Guddataatiin.
OMN:Oduu Caamsaa 13,2016 Godina Wallagga lixaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii ganda Waamaa Tobbaraa keessatti bulchitoonni aanichaa wayta wal gahii geggeessaa jiranitti mormiin isaan muudachuun hiamme.
Kanarraa ka’uun namoonni jahatama hidhamuu isaanii hojjataan qaama mootumama tokko dubbatan.
Godina Wallagga lixaa magaalaa Mandii ganda Waamaa Tobbaraa keessatti, jiraattota walitti qabuun, wal gahii qondaalonni mootummaa geggeessa jiran mormiidhaan hudhamee jira.
Sababani wal gahiin kun geggeeffamaa jiruuf, tibba kana keessa qondaalota aanichaatiin xaa’oo akka fudhatan jiraattoonni yoo dirqisiifaman, jiraattoonnis osoo barattoonni keenna hidhaamaa jiranii xaa’oo keessan hin fudhannu jechuun mormii isaanii geggeessaa jiru.
Kanarraa ka’uun wal gahiin guyyoota lamaaf itti fufee jira. Wal gahiin kunis mormiidhaan waan haguugameef bulchitoonni aanichaa namoota qabanii hidhaa jiran.
Hojjataan qaama mootummaa tokko akka jedhanitti, bulchitoonni aanichaa akka jirattota kana amansiisnu dirqama nutti kennanii jiru.
Jiraattoonni ammoo mirgi abbaa biyyummaa fi abbaa qabeenyummaa keenna nuuf haa kabajamu. Barattooonni hidhaman nuuf hiikkaman malee qaama mootummaa kam waliinuu hin haasofnu jedhan.
Kanaan wal qabatee nuti akka hojjataa mootummaatti rakkoo keessa jirra jechuun akkasitti dubbatan.
Namni kun akka nuuf himanitti, qaamota mootummaa aanaa irraa dhufanii fi jiraattota jiddutti wal falmiin itti fufee jira.
Bulchitoonni aanichaa kun jiraattota amansiisuu waan hin dandeennef isin ilaalcha biraa qabdu jechuun yoo xiqqaate namoota hedduu qabanii hidhuullee namni kun ibsaniiru.
Namni kun akka jedhanitti, sababa jiraattoonni mormii isaanii geggeessaa jiraniif isinitu jiraattota kana duuba jira jechuun qondaalonni aanaa irraa dhufan nu doorsisaa jiru jedhan.
Gaaffiin ummanni gaafataa jiru sirriidha kan jedhan hojjataan mootummaa kun, garuu qaamonni mootummaan bobbaase deebii kennuu dhiisanii namoota hidhuu fi doorisuu itti fufanii jiru.
Akka isaan jedhanitti, bulchitoonni ergaman kun, osoo beekanii deebii deebisuu dhiisanii ija isaanii dunuunfatanii ergama mootummaan itti kenname qofa hujii irra oolachaa jiru.
Hogganoonni gubbaa irraa dhufan akka nuti dirqamaan jiraattota kana amansiifnu yoo nu tasisan jiraattoonni ammoo waan nuti jennu didaa jiru.
Guyyaa kaleessaa irraa jalqabee wal gahiin geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, jiraattoonni wal gahii san irratti mormii isaanii waan dhageesisaniif wayta ammaa kana humni waraanaa hedduun gamasitti bobbaafamuullee namni kun himan.
Hojjataan qaama mootummaa kun akka jedhanitti, jiraattoonni wal gahii kanarratti hirmaatan, yaada bulchitootaa waajjira aanaa irraa ergaman dura dhaabbachuun, gootummaa isaanii itti agarsiisaa jiru.
Wal gahiin kun ammas kan itti fufee jiru yoo ta’u, haga ammaatti furmaanni argame tokkos hin jiru jedhan.
Itti dabaluun guyyaa boruutis wal gahiin kun kan itti fufuuf jiraatu ta’uu himanii, garuu maaltu akka uumamuu malu ammaaf wanti beeknu hin jiru jedhan.
Usmaan Ukkumeetu gabaase.
Caamsaa 12/2016 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa Amboo Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Ambootti Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee Humnoota Tikaa dhalootaan TPLF ta’anii fi dabballootaa amanamoo sirna gabromsaa bobbaasuun Barattoota Oromoo arii’acha jira.
Mootummaan fashistii abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO human waraanaa guddaa magaalaa Amboo keessa qubsiisuun uummataa Waraanaan gooluun cinatti humnoota tikaa sirnichaaf amanamoo ta’anii fi dabbaaloota isaa bobbaasuun barattoota Oromoo hordofee barnootarraa arii’achuun ukkamsee hidhatti guuruuf jedhee barattoota Oromoo wareersaa jiraachuun saaxilame. Gidduu kanas barattootni Oromoo mana barumsaa Amboo Qophaa’inaa fi Sadarkaa lammaffaa irraa barnoota isaanii irraa guutummaatti akka hin baranneef dhorkamani jiran keessa:
1. Barataa Yeroos Hayii barataa kutaa 12ffaa
2. Barataa Fayisaa Mixaafaa kutaa 12ffaa,
3. Barataa Sanmaraa Fayisaa kutaa 12ffaa
4. Barataa Diinaa Hisarmuu kutaa 11ffaa kanneen keessatti argaman Oromummaan Yakkamuun barnoota isaanii irraa ugguramanii akka hin barannee humnoota tikaa wayyaanee fi dabballee basaasa wayyaanee kan ta’ee, Director Mana barumsaa yeroo amma nama maqaan isaa Anbassee Tulluu jedhamuun shirri ulfaataan barattoota Oromoo mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina irratti rawwatamaa jirachuun ibsame.
May 14, 2016
FXG mannen barnootaa Oliyaa, koollejji Rift Vally, Yuniversitii Adaamaa fi manneen barnootaa garagaraa magaala Adaamaa keessa jiru keessatti guyyaa har’aa gaggeeffameen waraanni magaalatti dhunfatee jira.
Akkuma beekamu guyyaa har’aa magaala Adaamaatti eebba kitaaba Imimmaan hin Qoorre kan Abdii Luucceen barreeffame sirni eebba kitaabichaa kan har’a gaggeeffamuu fi akkasuma barattootni yuuniversitii Adaamaa yeroon kun yero FXG fiixaan baafannuudha jechuudhaan hucuu halluu tokko kan uffatanii fi sagale isaanii dhageesisaa turan irratti walumaa gala barataa dargaggeessaa mooraa fi magaalaa kan eebba kitaabaaf magaalichatti wal gahe waliin wal simatuudhaan FXG dhowe humna diinaa fi meeshaa diinaaf osoo hin jilbeenfatiin fincila finiinsuu Qeerroon gabaasee jira. kanatti fufees koollejjii Rift Valley fi mannii barumsaa Abdii Boruu walitti dhufuudhan dhaadannoowan qabatanii FXG finiinsanii jiru.
Magaali Adaamaa dhaadannoo Qeerroo fi sirboota qabsoon kan hoo’ite yoommuu tahu humni waraana agaazii magaalicha keessa qubate doorsisa barattoota irratti baneen addatti barattootni yuuniversitii Adaamaa keessaa hedduun ukkaamfamuun gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
Halkan kana magaalli Adaamaa waraana wayyaaneen ka hudhamtee jirtuu fi Qeerroon FXG soda malee fininsaa jiraachun halkan kanas itti fufee
jiraachuu odeessan ibsa.
#OromoProtests marks 6th month om May 12, 2016
#OromoProtests
marks the first non-stop six months of uprising today. As the stand off between fascist TPLF’s Agazi and peaceful protesters continues unabated.
Baatiin Ja’affaan Jalqabbii Hiriira Mormii Oromiyaa Keessaa Har’a Duula Miidiyaa Hawaasummaan Yaadatame
http://www.voaafaanoromoo.com/a/jia-6ffaa-hiriira-mormii-oromiyaa-itti-jalqabe/3327745.html
#OromoProtests continues Gurawa, Dirre Gammaachuu, 12 May 2016
Caamsaa 12 bara 2016 godina Harargee Aanaa Gurawaa Araddaa dirree Gamaachuu keessatti FXG itti fufee oole.
#OromoProtests 14 May 2016: Hundreds of students at the Business and Economics College in Asallaa are being beaten and jailed for peacefully presenting the demands to college admins.
#OromoProtests: Students of Business and Economics College in Asella continue to protest, 12 May 2016.
Barattoonni Yuunivarsitii Adaamaa Mooraa Asallaa Qormaata addaan kutan.
(OMN:Oduu Caamsaa 11,2016) Barattoonni yuuniversiitii saayinsii fi Teekinoloojii Adaamaa irraa gara yuunivesiitii Arsii kampaasii Asallaatti haa barataniif bara barnoota darbe achitti jijjiiramaan maqaa yuuniversiitii kanaan hin eebbifamnu jechuun qormaata addaan kutaan bahu barattoonni dubbatan.
Barattoonni yuuniversiitii Arsii kampaasii Asallaatti baracha jirani; yeroo garaagaraa gaaffii yuuniversiitii haarawaa kana jala hin eebbifamnu jechuun kaasa turan; qaamni bulchiinsa yuuniversiticha gurraa ittiin dhaggahu dhaabe, kunoo barattooonni guyyaa qormaata hanga gaaffii keenya nuuf hin debineetti qormaata hin fudhannuu jechuun qormaata dhiisuun mormii isaanii dhaggeessisa oolan.
Bulchiinsi yuuniversiitii arsiis barattoonni faakaltii business fi ikonomksii bara kana eebbifamaan dafan akka barnoota isaanitti deebi’an fi qormaata fudhattan gaafatuus; barattoonnii akuma isin gaaffii keenya dhagahu didani nuyis gurraa ittin isin dhaggeenyu hin qabnu jechuun bulchiinsa yuuniversitiicha dhiphisa jiru.
Pireezidaantiin yuuniversiitii arsii Dr.Tolaa Bariisoo gama isaaniin; barattoota kana marisiisuuf yaalaniis ; barattoonni haasaa isaanii dhaggahuuf qophii akka hin taane beeksisaniru.
Gaaffii barattoota kana furuuf itti aanaan pireezidaantii Akkaadaamii yuuniversitiichaa fi gamtaan barattoota yuuniversiiticha waliin tahuun yeroo garaagaraa ragaa waraqaa eebbaa barattoota kanneen; yuuniversiitii saayinsii fi teekinoloojii adaamaa akka kennaniif gaaffii dhiyyeessani illee yuuniversitichi barattoota barsiisee hin xumursiisnef ragaa digirii hin kennuu jechuun dhowachus beeksisni barattoota kanneennif bahe ni mul’isa.
Yuuniversiitii Arsii gaaffii barattoonni kunneen gaafachaa jiran karaa nagaan deebisuu osoo qabu; barattoota gaaffii kana dhiyyeessanifiis tahe barattoota dhimmicha addaa durummaan hordofa jirani ari’uuf akkekkachise akka jiru barattoonni moora kanaa OMNtti himaniiru.
Mooraan yuuniversiitii kanaas yeroo amma kana giddu gala barnoota osoo hin taane giddu gala dirre waraanaa fakkate humnaa waraanaan weeraramee akka jiru ragaan iddoo kanarra argannee ni mul’isa.
Itichaa Guddataatiin
(OMN:Oduu Caamsaa 11,2016) Naannoo sabaa fi sab-lammiilee ummattoota kibbaatti ummanni konsoo gaaffii mirga ofiin of bulchu isaanii gaafacha wayita jiranitti mootummaan biyyattii bulcha jiru hidhaa fi ajjeessaa akka jiru ummanni koonsoo himan.
Gaaffii ummanni koonsoo mirga ofiin of bulchu gaafacha jiru mootummaan biyyitti bulcha jiru TPLF; karaa nagaan deebisu osoo qabu; maqaalee garaagaraa nuti mogaasuun; gaaffii keenyaaf gurra kennu didhuudhaan hidha fi ajjeecha nurratti raawwacha jira jechuun ummanni koonsoo komatan.
‘’Ummaticha gaaffii isaanii irraa deebi’uun wayita gaafachuu itti fufa jirani ti; mootummaan biyyitti bulchu jiru gaaffii hirkattoota kanneen akka farraa nageenyaa paartii saamayawaa akkasumaas gaaffii ABOtti jechuun maqaa nuti moggaasa jira. Dhimma kana waliin wal qabsiise gaaffii namoonni gaafataniin namoota hedduu hojiirra ari’a jira, aangoo irraa kaasera.sadarkaa mana mareettiis dhimmi kuni yeroo garaagaraa dhiyaate jira.’’
Itti gaafatamaan bulchiinsaa godina ummattoota yetegen; obbo Daawiit Kufiyaa dhalata koonsoo tahani; imaana ummata isaanii nyaachuun mootummaa TPLF waliin ijajuun; sagalee ittiin sabaa keessaa dhalatani dhagahu dhaabuun hedduu kan isaanii aarse tahuu namni nuyi dubbisne OMNtti himaniru.
Itti gaafatamaan bulchiinsa godinnicha; jalqabaa gaaffiin kuni yeroo eeggalu ummata walitti waaman marii eeggalani ture; Garuu qaamni naannoo bulcha jiru dhimma akkas akka ummata kan hin marisiisne jedhe waan itti himeef; ummata waltajjiif dhufe irraa darbani dhiisan adeeman.
Ergaa guyyaa sanatti bulchiinsa godina guyyaa tokko dhimma kana marisiisani hin beekan kanarra kan kahe ummatichiis bakka bu’aa isaanii bakka bu’uunsa irraa kaasani waan taheef garaa aariidhaan ummaticha reebsisaa fi ajjeessisa jira.Yeroo darbe iddooma kanatti namoonni lama haala sukkanneessaan ajjeeffaman kan hidhamaan mana hidhatti dararamaa jiranis muraasa miti.’’
Namni kuni dabaluun; mootummaan Itoophiyaa gaaffii ummataa koonsoo; ofiin of bulchuun aadaa, seenaa, duudhaa fi maalummaa isaanii beeksisuudha jechunis dubbattu.
Mootummaan biyyitti qajeelfama heeraa biyyitti irratti barreeffamaan tahe qabatamaatti hiikuun; akka mirga ofiin of bulchuu keenya nuuf kabajamuuf sabaa fi sab-lammiileen biyyitti akka nu waliin dhaabbatani jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniru.
Itichaa Guddataatiin.
(OMN:Oduu Caamsaa 11,2016) Godina Haraghee bahaa aanaa Gooroo Guutuu magaalaa Kaarramillee keessatti wal dhabdee namoota dhuunfaa giddutti uumamee ture hordofuun, korri bittinneessaa fi loltoonni Agaazii namoota reebuu fi hidhuu itti fufan.
Jiraataan magaalaa Kaarramillee tokko akka nuuf himanitti, tibba kana keessa wal dhibdee namoota dhuunfaa jiddutti dhalate sababeeffachuun wayta ammaa kana loltoonni Agaazii fi humnootiin kora bittinneessaa reebicha geggeessaa jiru.
Tibbuma kana keessa bulchitonni magaalaa wayta jiraattoota walitti qabanii wal gahii geggeessaa turanitti, ummatichis mormiidhaan dura dhaabbachuu isaanii namni kun dubbatan.
Namni kun akka himanitti, waajjiraaleen mootummaa kan magaalaa Kaarra Millee hedduun akkuma cufamanitti jiru. Akkasumas waajjiraaleen mootummaa hundi humnoota waraanaatiin eeggamaa jira.
Rakkoo magaalaa isaanii keessatti dhalateen, manniin daldalaa hundi hujii isaanii dhaabanii jiru. Akkasumas manniin barumsaa keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu dhaabatee jira.
Namoonni magaalaa keessa socho’aa hin jiran. Magaalattii keessa naannayaa kan jiru, humnoota kora bittinneessaa fi loltoota Agaazii qofa akka ta’e namni kun himanii jiru.
Kana males loltoonni Agaazii namoota nagaa akka reebaniif qondaalonni mootummaa tokko tokko manniin namaa itti agarsiisaa jiru jedhan.
Akka namni kun jedhanitti,wayta ammaa kana haalli magaalaa Karramillee keessa jiru baay’ee rakkisaadha.
Loltoonni Agaazii mootummaan bobbaase, walitti bu’iinsa namoota dhuunfa kana sababa tasifachuun, jiraattota reebuu fi hidhuu itti fufan.
Itti dabaluun namni kun akka dubbatanitti, Mootummaan humnaan biyyattii bulchaa jiru, qaawwa argame hundatti fayyadamuun, namoota nagaa irraan miidhaa dhaqqabsiisaa jira jedhan.
Usmaan Ukkumeetu gabaase.
https://youtu.be/Yt7wVzZddZU
https://www.oromiamedia.org/2016/05/10/omn-oduu-caamsaa-9-2016/
OromoProtests 10 May 2016, Beddellee (in Ilu): Mormii yeroo 5ffaa oromiyaa keessati egalame guyyaa har’aa Iluu Abbaaboor magaalaa Baddallee keessatti giodhame. Barattoonni manneen barnootaa garagaraa irraa walitti bahan hiriiraan magaalatti bahuun reebicha ummatarratti geggeeffamaa jiru balaaleffataa oolan.
#OromoProtests, Caamsaa (May) 10, 2016
#OromoProtests “Arra Hawaasni Magaalaa Dadar [Harargee Bahaa] yeroo gootonni keenya kanneen mooraa waraanaa turan dhufanii magaalaa seenan hawaasni mrti ililbee fi gammachuun qeebalanii jiran. Birmannaa basaasaa kanaan kan nahe mootummaa wayyaanee Agaaziin marsee hawaasa eegaa ture.”
OromoProtests, Hararghe, Baddannoo, Oromia, 10 May 2016
Godina Harargee bahaa Aanaa Baddannoo sabboontonni ilmaan Oromoo kan mooraa Xawallaay keessatti wayyaaneedhaan hiraarfamaa turan gara manaatti yeroo galan ummanni haala kanaan ililbee fi dhiichisaan simatan.
#OromoProtests in Qarsaa district, Hararghe, Oromia, 10 May 2016: Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti sabboontonni Oromoo mana hidhaa Xoolayitti hiraarfamaa turan yeroo gara qe’eetti deebi’an ummanni bifa kanaan ilibeefi dhiichisaan simate.
Caamsaa 10,2016/ Godina Arsii Doldolaa keessatti mormii ummataa jimaata darbe gaggeeffamerraa waraanni Agaazin mana manarra deemun dargaggoota soddoma(30) kan mana hidhaatti guuraman yoo ta’u kanneen keessaa dargaggoo Muhaammad Haaji Bullinaa kan jedhamu miidhaa tumaa agaazii irraa kan ka’e du’aaf jiruu keessatti yommuu argamu Hospitaala goobbatti yaalamaa jira.
Caamsaa 9,2016, Mootummaan kun karaa horaa baacaarraa ka’ee gara ganda nagaa Hawwiitti geessu isiniif baasna jechuun uummatarraa qarshii funaanaa ture; dabalataanis lafa qotee bulaan qabu fuudhee namoota dhuunfaaf kennuun uummanni waan irratti bareef nagayee Fi dookimentoota balleessuuf, qabeenya maqaa misoomaatiin saame diinumantii ofumasaa bulchiinsa gandaa gubuun isintu gube jedhee namoota 20 ol gara waajjira poolisii aanaa Nuunnuu tti fiduun hidheera.
Namoota Kanas arguus ta’e haasofsiisuun waan dhorkameef maqaan adda baasuun hin danda’amne. Namoota hidhaa jiran keessaa tokko hojjetaa waajjira qonnaa, tokko immoo ogeessa fayyaa(mid wifery) akka ta’an barameera. kanneen Hafan hunduu qonnaan bultoota gandasanaa akka ta’an ni himama.
VIDEO
OromoProtests 9 May 2016: These are some of the over 5000 Oromo political prisoners in Tolay Concentration camp.
Caamsaa 9 Bara 2016: Hidhamtoota Oromoo mooraa waraanaa Xoollay keessatti hiraarfamaa jiran keessaa muraasa.
May 9, 2016 By Qeerroo : Caamsaa 7/2016 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa irraa Ilmaan Oromoo 4500 Olitti lakkaa’aman waraana Wayyaanee agaazii jedhamuun beekamuun ukkanfamanii mooraa Leenjii waraanaa Xoollaayi jedhamutti hidhaman mootummaan Wayyaanee leenjii haaromsa fi qalbii jijjiirraanna fudhachiisee gadhiisuuf karoorfatee shira dalaguuf yaaluus goototni ilmaan Oromoo Warraaqsaa FXG’n duraa dhaabbataa jiraachuu odeessi Xollaayi irraa miliqee bahaa jiruu saaxilee jira.
Goototni ilmaan Oromoo to’annaa waraana wayyaanee jala Xollaayitti argama Waraanaa wayyaaneen ukkaanfamuun Xollaayitti hidhamaan Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn ofii balleessinerraa jechuun TV propagandist Wayyaanee EPRDF/TPLF kan ta’ee EBC -TV irratti bahuun uummataan dhiifama nuuf godha jechaa, human waraanaan nu ukkamsuun asitti nu hidhuun gaaffii uummataa keenyaaf deebii ta’uu hin danda’uu, nuti balleessa hin qabnu, mirga keenyaaf gaaffii mirgaa gaafachuu qofaa fi Oromoo ta’uu keenyaa qofaan yakkamaa taanee, lafa
maatii keenyaa fi uummatni nu arguu hin dandeenyetti hidhamne; kanaafuu tarkaanfii barbaaddan nurratti fudhadhaa malee akeekaa keessan hin fudhannu jechuun diddaan dura dhaabbata jiraachuu odeessii lootee ba’aa jirtuu ifa gotee jirti. Kanaafuu Uummaatni Oromoo, dargaggootni Qeerroon, Qarreen, barattootni Oromoo, barsiisotni, dafqaan bulaan, hojii dhabaan, Qotee bulaan, daldalaa fi hojjetaan irree tokkoon kaanee hidhamtoota ilmaan Oromoo cufa cina dhaabbachuu fi hiksiisuu,Sochii keenyaa kan wareegama qaalii akkaan ulfaata ta’ee itti baafne kanatti xummura gochuun firii keenyaa dhumaa kan hanga bilisummaa fi walabummaa keenya gonfannutti jettuu irraa takkaa duubbatti akka hin deebinee dhaammataa warraaqsaa keenyaa FXG marsaa 5ffaa eegalamee jiruu daran jabeessuun lammii keenyaaf dirmachaa eenyummaa keenyaa immoo diinatti argisisuun yeroon gamtaan dhaabbannee falmannuu ammaa Oromoo bakka jirtaan maratti qalbiin wal hubannee wal duukaa hiriirree falmachuutti beeknu haa jabeeffannu!!
Caamsaa 9_2016
Gootonni barattoonni Harargee mana barnoota qobboo kutaa 10ffaa qormaata moodeelii hin qoramnu jechuun addaan kutanii mooraa gadhiisanii bahaa jiru.
Qeerron Qobboo waraqaa qormaataa sababa godhachuun osoo hin baranne hin qoramnu jechuun tokkummaan qormaata dhiisanii galaa jiru.
Akkana kutannoon dhiiraa.
Fincilli xumura garbummaa guyyaa har’aa jechuun caamsaa 08/05/2016 daran jabaachuun godina Wallaggaa Lixaa aanaa Najjoo bulchiinsa magaalaa warra Jirruu keessatti itti fufee jira.Humni federaalaas magaalaa kana keessa oliif gadi deemuun uummata nagaa goolaa jiraachuun beekamee jira.Magaalaa kana keessatti mootummaan gabroonfataan wayyaanee uummata gandaaf gandaan qoqqooduun uummata walitti buusaa jiraachuu maddeen keenya achirra nu qaqaban eeraniiru. Haaluma kanaan mootummaan aangoo isaatti fayyadamuun biyya bulchaa jiru Magaalota kaneen Goorii fi warra jirruu jedhaman gidduutti dhimma aanaan wal qabateen gandoota kana gidduutti walitti bu’iinsa uumaa jiraachuu maddeen keenya gabaasu.
May 8, 2016 #OromoProtests rally in Hirna town, West Hararge, Oromia. Several people have been arrested.
Caamsaa 8 bara 2016 Harargee Lixaa Magaalaa Hirnaa keessa mormiin godhamee oole. Namoonni hedduunis hidhamanii jiran.
Caamsaa 7,2016 Yuunibarsiitii Haroomaayaatti Barataa Muummee ‘Hydraulics and Water Resource Engineering’ waggaa 3ffaa kan ta’e Bilisummaa Gonfaa Birraatuu ganama har’aa humna tikaa mootummaa wayyaaneetiin ukkaamfame. Bilisummaa Gonfaa kanaan dura bara 2014 mormii dhimma ‘master plan’ Finfinneetiin walqabatee ka’erratti humna tikaan qabamee mana hidhaa ‘Maa’ikalaawwii’tti dararamaa ture. Barataan kuni dararama hamaa yeroo sana mana hidhaatti irra gaheen miidhaawwan fayyaa hedduuf saaxilamee ture. Yeroo dheeraaf achi keessatti dhukkubsachaa waan tureef dhumarratti miidhaan irra gahe lubbuuf sodaachisnaan gadi lakkisan. Barataan kuni ammas akkuma duraanii adamfamee humna tikaan ukkaamfameera.
Booraanaa Abarraa, Oromo student from Dilla university was kidnapped by fascist Ethiopia’s regime forces and his whereabouts is unknown.
Namni asii gaditti argitan kun Booranaa Abarraa jedhama. Barataa yuunibarsiitii Diillaa muummee Mechanical Engineering waggaa 3ffaati. Bakkii dhalootasaa Godina Sh/Lixaa magaala Dirree Incinniti. Barataan kun sababa FDG mooraa yuunibarsiitichaa keessatti ka’een wal qabatee ji’aa laman dura Humna tika wayyaaneetin uukkaamfamee erga as buuteen isaa dhabamee kunoo guyyoota lakkoofsisee jira.
Barataa Booranaan yeroo mana baruumsa sadarkaa lammaffaa Dirree Incinnii tureettis yeroo heedduuf mana hidhaatti dararamaa fi barnoota irraa ari’amaa tureera.
Free Booranaa Abarraa and all Dilla Universty Students kidnapped with Booranaa.
VIDEO
https://www.oromiamedia.org/2016/05/07/omn-gabaasa-addaa-caamsaa-7-2016/
https://www.oromiamedia.org/2016/05/06/omn-oduu-caamsaa-6-2016/
Caamsaa 4/2016 Godina Addaa Nannawaa Finfinnee bulchiinsaa magaalaa Sulultaatti mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii warraaqsaa FXG uummataa Oromoo keessaa harka qabduu jechuun “malaamaltummaas dalagdani” jirtuu jechuun kabbinootni bulchiinsaa magaalaa Sulultaa kan keessaatti argamaan namootni 25 poolisii Federaalan qabamuun mana hidhaatti darbaman. Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa marsaa 5ffaaf gaggeeffamaa jiru keessatti Uummatni Oromoo jiraattootni Magaalaa sulultaa fi qonnaan bultootni nannawaa Magaalaa Sulultaa lafti isaanii irra fudhatamee diddaa cimaa gochuun lafa isaanii deebisanii qabachuu fi lafa qotee bulaa bulchiinsa magaalatti jala qalfamees uummanni warraaqsaa cimaa godhee itti yaa’ee kan waliif qoodee ta’uu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Ilmaan Oromoo sabboontoota ta’aan kanneen lafti uummataa seeraa alaa saamamuun sirrii miti jedhan har’a malaamaltummaan himatamanii namootni ilmaan Oromoo 25 fi kan kaabinootni Bulchiinsaa magaalaa sulultaa illee keessatti argamaan hidhatti darbamani jiru.
Kaabinootni Bulchiinsaa Magaalaa Sulultaa gaafa uummatni bahee fincila gochuun lafa waliif hiraa ture utuu argitanii beekaa dhiisatanii akka uummatni hirmaatu gootan jedhamuun doorsifama kan turan yoo ta’uu yeroo amma kana mootummaa wayyaanee gooftolii isaaniin qabamani
hidhatti darbamani jiru.
Kana malees mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban kanneen dhaaba ergamtuu wayyaanee OPDO keessatti argamaan malaamaltummaan sobee himatee hidhatti naqaa jiraachuu odeeffannoon Oromiyaa bakkoota garaagaraa irraa nu qaqqabaa jiru ifa godhe jira.
Kanaafuu ilmaan Oromoo sabboontota taatan kanneen hojii ogummaa keessaniin sadarkaa garaagaraa irraa hojjechaa jirtaan dammaqinsaan duulaa Oromummaa diinni banaa jiruu dura akka dhaabattanii uummataa keessan waliin falmattanii fi akkeeka farrummaa diinaa irraa of eeggannoo akka gootaan dhaamsa isiniif dabarsina.
Caamsaa 3/2016
Godina Shaggar lixaa aanaa Ada’aa Bargaa ganda Rajii mana barumsaa sadarkaa 2ffaatti Caamsaa 1/2016 FXG kaasanii itti fufanii jiru. Guyyoota lamaan kana FXG manneen barnootaa godina shawaa lixaa garagaraatti finiinaa jira.Faaruu alaabaa irrattis alaabaan biyyatti akka ol hin kaafamne fi kan naannoo oromiyaa qofti yeroodhaaf akka olkafamu qindeessitootni Qeerroon manneen barnootaa kanneenii Caamsaa 1 irraa kaasee ejjenno isaanii jabeesuun FXG jabeessani itti fufanii jiru. Waamichi warraaqsaa barruulee balaliituun Shaggar lixaa magaalaaAmbootti bittamfame. Waraanni Wayyaanees olii fi gadi kaachuutti kaate. FXG marsaa 5ffaa oromiyaa keessatti bakka hundaatti itti fufuu waraqaaleen warraaqsaa Qeerroodhaan magaalota kanneen keesatti bittimfanii jiran.
Wareegamtoota keenya yaadachuudhaan gumaa isaanii baasuu qabna kan jedhus waraqaan godina Shaggar lixaatti faca’ee jira. FXG wayita kana Oromiyaa keessatti marsaa 5ffaadhaan qindoomina adda taheen kan itti fufee jiruudha. Daandileen gurguddaan ammas bifa haaraadhaan shawaa kaabaa fi shawaa bahaatti itti fufuu Qeerroon gabaasee jira.
https://www.youtube.com/watch?v=hRw-hv2gJlQ
VIDEO
Qonnaan bultoonni naannawaa Hararii buqqifamaa jiran.
https://www.oromiamedia.org/2016/05/02/qonnaan-bultoonni-naannawaa-hararii-buqqifamaa-jiran/
OMN:Oduu Caamsaa 02,2016 Naannoo Hararii Magaala Harar Aanaa Shonkor Keessatti Mootummaan qotee bultoota qe’ee isaanii irraa buqqaasuun lafa Isaanii Maqaa Investmentitin Uummattoota Harariif laachaa Jiraachuun Himame.
Jiraattota nuti dubbifne akka jedhanitti Karoorri Mootumaa uummata Harari Jogol keessa Jiraatu Jogol keessaa baasanii lafa Oromoo ballaarra qubachisuuf kan akeekamedhaa Jedhu.
Tibba Darbe – Aanaan Shonkor akkuma Jirtutti buqa’aa turtee Jedhu nama nuti Magaalaa Harar irraa dubbifne. Qotee bulaa naannoo sanarra qubatee Jiru dhibbootaan lakka’aman torban tokko keessatti qe’ee isaani irraa buqa’uuf Dirqaman akka Namni kun jedhanitti// Lafti Qotee bulaan Oromoo irraa buqa’e kun// Maqaa Investmentiitin uummata Hararif laatamaatti jira.
Qotee bulaa lafa sanarraa buqa’e beenyaan tokko hin laatamneef. Isaan kun baasi ofi isaaniitin bakka firoottan isaanii biroon jiran barbaadani qubataa jiruu kan jedhan namni kun// Namootan beeku hedduun gara gaara Mul’ataatti deemaa jiruu jedhan.
Mootummaan kana kan gochaatti jiru itti yaadee uummata Oromoo diguu fi lafa dhabsisuudhaa kan jedhan namni kun, naannoodhuma qotee bultooti Oromoo irraa buqa’aatti jiran kana Oromooti abbaa qabeenyaa hedduun otuu jiranii, lafa Oromoorra abbooti qabeenyaa uummata biraa barbaadanii karooraan irra qubachisuun Misoomaaf yaadamee otuu hin taane, sirritti ergama ofii isaa qabaa jedhan. Mootummaan kun Oromoo diiguu, laamshessuu fi humna dhabsiisuuf kan karoorfatee ka’e har’a Miti kan jedhan namni kun itti dabaluunis, maqaa Oromoon kan Dhaabbate Dh.D.U.O ‘n illee Bulchinsa Hararii kana keessaa otuu gahee guddaa qabuu, qotee bultoota Oromoo seeraan ala qabeenya isaaniirraa buqa’aa jiran kanaaf dubachuu akka hindandeenye kan isaan nuu himan.
Namni kun akka jedhanitti Karoorri Mootumaa uummata Harari Jogol keessa Jiraatu Jogol keessaa baasanii lafa Oromoo ballaarra qubachisuuf kan akeekamedha. Torban dhuftu kanas yoo xiqaate manneen 150 tti siqan Digamuuf qopheetti Jiruu jedhan.
https://www.oromiamedia.org/2016/05/02/qonnaan-bultoonni-naannawaa-hararii-buqqifamaa-jiran/
Caamsaa 1/2016 Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa Barataa Abdiisaa Guutamaa waggaa tokkoof barnoota irraa dhorke.Mooraan Yuunibarsiitii
Jimmaas Caalmaatti Eeggichaa Waraana agaazii jala galte.
Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa bara baraan harka mirgaa mootummaa Wayyaanee tahuun kan tajaajilaa jiru, Barataa Oromoo Abdiisaa Guutamaa barataa ‘Nursing’ waggaa 2ffaa mormii gaaffii abbaa biyyummaa keessatti hirmaattetta jechuun waggaa tokkoof barnoota irraa adabeera.
Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa gochaa hammeenyaa fi gara jabeenyaa barattoota Oromoo irratti yeroo hunda kan bahu, Barattoota humnaa tikaatti dabarsee dararsiisuu fi barnoota irraa ari’uun tahuu eenyumtuu hin haalu.Yaa ta’u malee, mootummaa Wayyaanee kufaatii irraa
oolchuu kan hin dandeenye tahuu baree bulchiinsi yuunibarsiitichaa gochaa kanarraa of qusachuu qaba.
Nutis qeerroon barattootni Oromoo gama keenyaan ajjeechaa, hidhaa fi dararri, barnoota irraa ari’amuu qabsoo Oromoo duubatti kan hin deebisne tahuu ni hubachiisuun Warraaqsii FXG marsaa 5ffaan bakka hundatti jabaatee akka itti fufu dhaammanne!!
VIDEO
Caamsaa 1,2016
Dhalootaan nama Baddellee kan ta’e fi abbaa waarshaa daakuu Furnnoof kalameellaa kan ta’e akkasuma lafa hedduu mootummaan walii galuudhaan laga dhedheessarraa kan qotataa ture Yitibaarak guyyoota muraasa darban keessa Naanno laga Dheedheessarraa warqii lafa keessa argatee bafachuuf Mootummaan walii galee osoo soquu Biyyoon irra galagaltee lubbusaa baaste
Caamsaa 1,2016
Mootummaan gabroonfattuu Waayyaanee saamicha lafaa yeroo gara yerootti gaggeessaa jirtuun kan milkoofte itti fakkaatullee warraqsaa
dachaan fardiseesee jira.Laga waamarraa biyyoo gabbataaf bineensota hedduu kan qabdu ta’ullee saamicha waayyaaneerraan kan ka’e bosonni
ciramee gara Investment yaada jedhuun bineensota hedduu goodaansaaf saaxilee jira.
Qabeenya bineensaa waamaa dhiyootti dhabde keessaa,Leenca,Gafarsa,Warrabboo yoo ta’an har’allee dawwoo taatee kan hafuuf jettu laga waamaa karaa Nooraa Bonayyaa Facaaseef Qassoo wal qunnamsiisu kan Bonayyaa keessatti argamu Ciramee barbadeeffamaa jira. Bosonni waamaa ciramus gaaffiif quuqqaan badii Waayyaanee kun Uummata Teesisaa Kan hin jirre yoo ta’u.Waamaa karaa Oliitiin lafa Waayyaaneen gurguratte deebifachuu Namoonni Bakka Galatee jedhamtu keessa jiraatan gamtaadhaan itti duuluun namni kudha saddeet dheedicha looniii gurguramte deebifachuu Waarraqsa jabaa taasisaa jiru.Kanumaan wal qabatee bulchitoonni aanaa namoota18n kanatti himata itti banuun erga mana murtii godinaatti dabarsanii booda Manni Murtii Godina Wallagga Bahaa Hidhaa Waggaa Lama Lamaa fii Qarshii Kuma Lama Lama akka adabaman Namoota kudha sadeetitti murteesse.Himata kana Ol iyyata fudhachuun lafichi dheedicha loonii akkasuma bosona guddaa ta’uusaa n
Ol iyyataan mutii dinni itti murteesse Fashala’ee jira.
Achuma Luugoo waamaa naannoo Baanqootii Qabiyyee Firrisaa Waakkennee itti dabaluun humni gabroonfataa humnaan erga Luugoon walitti qabee gurguree Waggota lamaa ol lakkoofsisee jira.Uummannis jechuun Namoonni laftisaanii irraa fuudhame hortee Firrisaa Waakkeenneef ollaan isaanii wal gargaaruu nama Oyruu saamee dhuunfachuuf dhufe ofirraa gaggeessanii laficha deebifatanii jiru.
Bosonni Waamaa Gurguramuuf erga karoorfamtee kaatee gurgurtaanshee hanga har’atti kan jiru ta’ullee uummati daran mootummaa Hattuu of irraa gaggeessuuf hunduu walii galanii jiru.Yeroo dhiyootti warra Karaa Nooraa ciranii barbadeessaa jiran akka qolatanii gaggeessan abdii guddoon jira.
Caamsaa 2, 2016
Murni gita bittuu TPLF fi OPDOn uummati nu waliin hiriiree jira jechuun sodaaf naasuu isaanii of suphuuf malee Waan jiru wal’anii miti.Keessattu akka Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassootti Walgahii Waayyaaneen waamtu uummanni lagatee ka jiru yoo ta’u ittu ,Torbee darbe kana keessa Uummata Walitti bobbaasanii gaaffiwwan jajjaboo uummati gaafatu deebisuu dadhabuurraa kan ka’e yeroo hedduu fashala’eera.Gaaffiiwwaan hawwaasi Qote bulaa akka lammii hubate tokkootti kaase keessa,Isin warra nama saamuuf warra nama nyaatu taatanii hanna harka lafa jalaatiin kashalabboota biyyaa keessaatti hidhachuun nu saamsisaa jirtu.Osoo qaama mootummaa, Keessaayyuu hoggansarra nama jiru taatanii jirtani.Unu haawwasa dafqa illee lamaan baasee Sanga Bitatu hachisiisaa jirtu.Kanaaf mootummaa hattuu waliin
yeroon jiraannu waan hin jirreef isini hin feenu jechuun ija jabinaan gamtaan ka’anii gaafatanii jiran.Deebii jalee fi lukkeen Diinaa OPDOn keeniteefis erga nu waliin hin hiriirtan ta’ee Xaa’oo isiniif raabsuu dhiisna jechuun sodaachisuuf yaaltullee,Haawwaasi murtoo jabaa kafaadha nuti Xaa’oon silaa, qonnee haramnee isiniif daldalaa turre kanaaf yoo nu dhowwatanis ba’aa keessan of irraa lafa ka’uu waliin wal hin caalu jechuun erga Qaama Mootummaatiif Uummata gidduutti jeequmsi ta’ee Walgahiin diinaa fashala’e. Haawwasnis Sirna Gadaa duriitiin Wal hogganuuf Waamicha waliif taasisaa jira.
#Oromo Protests: Oduu maaster plan Hararii
1st May 2016
Naannoon Hararii master plan Harar kan jette yeroo dheeraadhaaf karoorfatte haala mijiaawaa ittin eeggachaa turtee karoorfattee ajandaa dhokataa kan oromoo lafa saatirraa godaansisuudhaan sab-lammii Hararii biyya keeysa kan jiruu fi kan biyya alaati kolgaltummaan jiru Dollar ergee mana jaarsifatu qubachiisuuf karoora baafatte guyyaa 27/4/016 irraa eegalte hujirra oolfachu jalqabde jatti oduun nu geeyse.
Haaluma kanaan lafa baadiyyaa magaalaati dhiihaate arkamu Manneen kuma lama tahan kan Oromoon Oyruu sirrati Ganna 10 dura ijaarratte guyyaa kamisa dabree fi jimmata kana abbooti fi joollee dhiiraa eega mana hidhaati galchan booda Ganda Bubbee fi Shankoori je’umti humna polisii hamma funyaaniti hidhachifte ummatarrati bobbaafte manneen diigu jalqabde jirti
Ganda Bubbee qofati manneen 90 guyyaa kamisaa qofati diigame jira. tan eega ilma deessee guyyaa 16 daa’ima deeyse wajjiin mana irrati diigani jiran.
Guyyuma san ummanni dirmate fincila kaaseen dhukaasni akka roobaati gadi bu’ee namoonni 4 akka malee madaawani jiran namoinni 200 ol hidhamani jiran. fincillii ummataa humna polisi ol waan taheef federaal polisi dirmannoo yaammatani diiggaa manneen itti fufani jiran.
naannoo Araddaa shanki fincillii ummataa haalaan waan hammaateef haga ammaati humni polisii araddaa san seenu hin dandeenyee.
Kan baayyee nama gaddisiisuufi Oromoo lafarraa buqqaasani saba adaree qubachiisuuf tahu kan ragaa bahuu. namoota Adaree tahaniifi firoota prezdantichaa kan tahan muraasaaf yoo maqaa dhooyne namoota maqaan isaani Jorjoo fi Afandi jedhaman manni irraa hin diigamne. akkuma jiruutti kan oromoo qofti diigamaa jira.
Akkuuma kanaan durati tokkummaan roorroo saba keentarrati gayaa jiru ittisuuf waliif lallabne dirmannuti Orimoon martii jalaa gubbaan kaabaa kibbaan bahaa dhihaan dhimma kana quba qabaatani waliif dirmachuudhaan akka falmitanii dura dhaabbatanii fi akka mormitan jenna.
waliif dabarsaa share godhaa.
Agazi forces kidnapped the following students of Haromaya University.
1.Chala Lamessa
2. Chala Abdulkrim
3. Samuel meskele
4. Alemu Deriba
5. Birhanu Taye
Ebla 30,2016 Yuunibarsiitii Haroomaayaa Mooraa Teeknoolojii ( Gandaje Campus) irraa barattootni Oromoo shan (5) galgala kana sa’aa 5:00 irratti humna tikaa wayyaaneetiin ukkaamfamuun barameera. Barattootni kunniinis:
1. Biraanuu Taayyee… Muummee Hydraulics and Water Resource Engineering waggaa 3ffaa
2. Caalaa Lammeessaa..Muummee Hydraulics and Water Resource Engineering waggaa 3ffaa
3. Caalaa Abduukariim…Muummee Hydraulics and Water Resource Engineering waggaa 3ffaa
4. Alamuu Dirribaaa…Muummee Hydraulics and Water Resource waggaa 3ffaa fi
5. Faamii (maqaan abbaa hin qaqqabne)…Muummee Hydraulics and Water Resource waggaa 3ffaa yommuu ta’an, yeroo ammaa kanatti barattoota biroo hafan ukkaamsuudhaaf humni tikaa bakka bulmaata barattootaa irra naanna’aa jiraachuu ibsaniiru.
Hidhaa, dararaa fi ajjeechaan gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo hin deebisu, mootummaa wayyaanees kufaatirraa hin hambisu!
Kanaafuu, FXG finiinee jiru daran jabeessinee mootummaa abbaa irree ummata keenya gidirsaa jirutti xumura haa goonu!
Great Post