Source: SBO
SBO (OLF Radio) status update from Adami Tulu, E Shoa Jan. 5, 2016:
An agriculture complex owned by a TPLF higher official is destroyed by “Special Force” on Dec. 31, 2015 in Adami Tulu District [Woreda], E Shoa. Among destroyed are:
– 5 water tanker trucks,
– 1 tractor,
– 1 corn peeling machine,
– 5 iron (qorqoorroo) houses
Tiki Olaanaan Wayyaanee Gochaa Yakkaa Bakkoota Adda Addaatti Ilmaan Oromoo Irratti Raawwachuun Beekamu Magaalaa Harar Keessatti Humna Addaa WBOn Ajjeefame
Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn gartuun Humna Addaa Godina Bahaa Amajjii 03, 2016 magaalaa Harar keessaa bakka Dakkar jedhamutti basaasaa fi tika olaanaa gartuu abbaa irree wayyaanee kan ta’e Haayluu G. Tsaadiq kan lammummaan Tigree ta’e irratti tarkaanfii xumuraa fudhateen ajjeesuu Ajaji WBO Godina Baha Oromiyaa beeksise.
Tiki wayyaanee kun waraqaa eenyummaa (ID) kan Itophiyaa, Jibuutii, Somalilandii fi Puntland kan qabu oggaa ta’u, biyya keessa dabalatee biyyoota kanneen keessa naanna’uudhaan ilmaan Oromoo Oromummaan ykn miseensota ykn deggertoota ABO ti jechuun akka hidhaman, ukkaamfamanii fi ajjeefamaniif yakka hiriyaa hin qabne kan raawwataa ture ta’uun beekameera.
Humni Addaa WBO Godina Bahaa tika olaanaa wayyaanee Haayluu G. Tsaadiq irratti kan tarkaanfii fudhate konkolaataa inni ittiin deemaa ture dhaabsisuun oggaa ta’u, shugguxii tokkoo fi maallaqa Itophiyaa 9000s irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.
Gama biraan Humni Addaa WBO Godina Bahaa Amajjii 04, 2016 guyyaa kaleessaa naannoo Qobbootti tarkaanfii hidhattoota wayyaanee irratti fudhateen 4 ajjeesuun injifannoo galmeessuu isaa Ajaji WBO Godinichaa ifa godhee jira. Tarkaanfiin diinaa fi basaasota diinaa irratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uus hubachiiseera.
Godina Baha Shawaa Ona Adaamii Tulluu Keessatti Qabeenyaan Angawaa Olaanaa Mootummaa Wayyaanee Tokko Gartuu Humna Addaan Daareffame.
Godina Baha Shawaa Ona Adaamii Tulluu ganda Aneenoo Shiishuu keessatti kan argamu qabeenyi maallaqa hedduutti shallagamu kan qabeenyummaan isaa kan angawaa wayyaanee olaanaa tokkoo ta’e Mudde 31, 2015 gartuu Humna Addaan tarkaanfii irratti fudhatameen barbadeeffamuu oduun SBO dhaqqabe hubachiise.
Angawaan wayyaanee olaanaan kun ummata irratti haalaan roorrisaa kan ture oggaa ta’u, qabeenyi isaa meeshaalee gara garaa of keessaa qabu maasii misooma qonnaa Musxafaa Geraanyi jedhamu keessatti argamu tarkaanfii Humna Addaan guutuutti barbadeeffameera.
Gartuun Humna Addaa waardiyoota maasii qabeenyaa angawaa olaanaa mootummaa wayyaanee kanaa eegaa turan erga ukkaamsee to’atnaa jala galcheen booda, meeshaalee maasicha keessatti argaman Taankera Bishaanii 5, Tiraakteera qonnaa 1, Maashina Boqqolloo falfalu 1, Doqdoqqee (Motorcyklii) 1, manneen qorqorroo 5 fi maallaqa callaa kan biyyattii 100,000 olitti shallagamu waliin guutuutti gubuun akka barbadeesse oduun kun ifa godha.
Tarkaanfii Humna Addaa kanaan kan baarage mootummaan faashistii wayyaanee waraana isaa baay’inaan naannoo kanatti bobbaasuun sakattaa geggeessuu itti fufee kan jiru oggaa ta’u, abbootiin qabeenyaa wayyaanees sodaan liqimfamanii qabeenya qaban mara waraanaan eegsisaa akka jiran hubatameera.

Qabeenyi qondaala wayyaanee tokko barbadaa’uun gabaafame.
Naannoo magaalaa alamganaatti kan argamu warshaan oomishaa meeshaalee ijaarsaa kan obboo Gabruu walda amaanu’el kan jedhamu barbadaa’uun isaa oduun amma as bahe ni hima. Kan hafes haa gubatu
Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 05, 2016 Har’a Ganama Ona Xuulloo Keessatti Lola Waraana Gabroomfattuu Wayyaanee Waliin Taasise Irratti Loltoota Diinaa 13 Ol Hojiin Ala Godhe.
Mirga Abbaa Biyyummaa fi Bilisummaa Oromoo deebisuuf falmaa hadhawaa gochuu irratti kan argamu gootichi WBO, Amajjii 05,2016 guyyaa har’aa ganama Lixa Harargee Ona Xuulloo naannoo Masalaatti waraana gabroomfattuu wayyaanee kan ummata keenya gaaffii mirgaa finiinsaa jirutti roorrisaa ture haleeluun 8 yeroo irraa ajjeesu, 5 ol ammoo akka madeesse Ajaji WBO Godina Bahaa ifa godheera.
Humni WBO lola kana geggeesse diina irraa meeshaalee gara garaa akka booji’es gabaafameera.
Tarkaanfiin diinaa fi farreen QBO ta’an irratti fudhatamu karaa hundaan haala kennate mara keessatti ciminaan kan itti fufu ta’uu Ajaji WBO Godina Bahaa mirkaneesseera.
You must be logged in to post a comment.