Adoolessaa 19/2017 Oromiyaa Lixaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqemtee Keessatti Guyyaa har’aa Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Duullii gabaa lagachuu, mormiin gibiraa fi qaraxa adda addaa dhorkachuu itti fufe. Qeerroon dargaggootni Magaalaa Neqemtee fi uummatni Daldaltootni Sabboontootni Oromoo guutummaatti mana daldalaa isaanii
✔manneen nyaataa fi hoteelotni cufamanii tajaajila dhaabaniiru
✔dunkanoonni (Suuqiiwwaan) daldaltootas hojii dhaa uun cufamaniru
✔Uummatni waliigalee qabeenyaa keenya gabaa hin baasnuu jechuun duula gabaa lagachuu itti fufuun mormii sirna abbaa irree wayyaaneef qabu ifatti argisiisuun diddaan daran jabaatee itti fufee jira.
Qeerroon dargaggootni Oromoo fi sabboontootni daldaltootni Oromoo hanga gaaffiin kabajamuu mirga abbaa biyyummaa uummata keenyaa kabajamuutti hacuuccaan kamuu nurraa dhaabachuu waan hin dandeenyeef qabeenyas keenyaafi gibira mootummaa garboomsaa wayyaaneef kanfallee diina of irratti hin goobsinuu jechuun guyyaa har’aa mormii Duula gabaalagachuufi diddaa gibiraafi qaraxa humnaa olii balaaleffachuun oromiyaa keessatti sochii FXG finiinaa jiruuf dirmannaa gochuun motummaa wayyaaneefi ergamtuu wayyaanee boqonnaa dhorkaa jiru.
Adoolessa 18/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Aadaa’aa Bargaa Mogor irraa Warshaan Simintoo DANGOTE Hojjattoota ilmaan Oromoo 417 Hojii irraa Dhorkee Jira. Hojjettootni Warshaa Daangootee Guyyaa 4ffaaf guutummatti hojii dhaabanii jiru. Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyas FXG daran jabaachuun Itti fufee oole.
Dhaabbatni Ejensii TZE kan warshaa DAANGOTE waliin hojjatu yeroo darbe yeroo dheeraaf mindaa hojjattootaa seeraan ala irraa murachaa kan tureefi tarkaanfii irratti fudhatameen eeyyamni dhaabbatichi qabu haqamee ture. Dhaabbatni kuni ilmaan Oromoo achi keessa hojjachaa turan 417 hojii irraa dhorkuun ibsame. Sababa kanaan waldiddaa guddaan warshichaafi hojjattota gidduutti muudachaa jira. Haaluma kanaan guyyaa har’aa :
✔Ambaassaddar Abduu Alii (Itti gaafatamaa dhimma warshaa DANGOTE ) Finfinnee irraa
✔Aangawootni Olaanoon OPDOfi
✔Kaabinootni Ergamtootni Wayyaanee Godina Shawaa Lixaa Shaggar Amboo irraa garas dhaquun hojjattoota kanneen mariisisaa turaniyyuu waliigaltee malee gargar bahani. “IMX’dhaan galmooftan malee hojiitti deebi’uu hindandessan. Kanaan alatti mindaas akka hingaafanne” Jechuudhaan beeksisa maxxansanii carraa hojjattota kanneenii cufaniiru.
Haa tahu malee, hojjattotni kaanis sababa diddaa kanaafi haalota ummatni Oromoo keessa jiruun walqabatee guyyaa 4ffaaf hojii dhaabaniiru. Rakkoo hojjattoota kanaa qaamni ilaallatus furuu waan hinbarbaadnef kisaaraafi badii warshicha eeggatuuf ittigaafatama kan fudhatu qaamuma ilmaan Oromoo irratti yakka raawwachaa jiru akka tahellee Qeerroo, Hojjattootni fi ummatni naannichaa dhaammataniiru!
#OromoRevolution Adooleessa 15/2017 Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Burraayyuutti Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran Jabaachuun Mormiin dachaa sadii(3) oliin dabaluu Gibiraa fi Qaraxa adda addaa uummata akkam kan dheekkansiise yoo ta’uu Qeerroon Dargaggootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu roorroon uummata keenyarraa dhaabbachuu qaba jechuun Magaalaa Burraayyuu naannoo Kattaa fi Ashawaa Meedaa jedhamutti Sochii Warraaqsaa finiinsuun konkolaataafi Taaskiiwwaan (minibus) ajajaafi tajaajila mootummaa wayyaaneetiin socho’anii fi konkolaataa manaa kan abbaan qabeenyummaa isaanii kan aangawootaafi ergamtoota wayyaanee kanneen ta’an irratti Tarkaanfiin irree Qeerroo Dargaggoota Oromoon irratti fudhatamee deerooftee jiraachuu maddeen keenya Burraayyuu irraa gabaasan. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa itti fufinsaan gaafachaa jirruuf deebiin qubsaa hanga nuukennamuttiifi Master Plan Finfinnee hanga haqamutti falmaa irraa hin dhaabbatnu jechuun Qeerroowwaan Naannoo Burraayyuu dhaamsa dabarfatan.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa sa’aa boodarraa eegaluun sochiin kun magaalaa Burraayyuu keessatti kan jabaate yoo ta’uu mootummaan wayyaanee humna poolisaa federaalaa fi komaandii poostii heddumminaan gara Burraayyuutti bobbaased uummata goolaa jiraachuun ifa ta’eera.
Magaalaa Amboofi Gudar Keessattis mormiin kan itti fufee jiruu yoo ta’uu Magaalaa Gudaritti Daldaltootni Guutummaatti dunkaanaa(Suuqii) isaanii cufuun mormii sirna wayyaaneef qabaniifi balaaleffaannaa daballii gibiraa mormaa jiraachuu ibsatan. Magaalaan Amboo dirree waraanaa fakkaatee muddama ulfaataa keessa jiraachuu maddeen Qeerroo ifa godhaniru. Gabaasaa dabalataan walitti deebina.
[…] QZ Africa: TAXING: Ethiopia’s troubled Oromia State has been hit with anti-tax protests. #OromoPr… […]