Oromia: #OromoProtests:#OromoRevolution: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2017 (July) July 31, 2017
Posted by OromianEconomist in #OromoProtests .
Tags: #OromoProtests , #Oromovolution , Africa , Ethiopia , FXG , FXG Oromiyaa , Oromia , Oromo , Social movements trackback
https://videopress.com/embed/Kv0UV52t?hd=0&autoPlay=0&permalink=0&loop=0
VIDEO
VIDEO
Gincii, Amboo, Jalduu, Gudar, Giddaa Ayyaanaa, Mandii, Najjoo, Laaloo Assaabii, Jaarsoo, Gullisoo, Bojjii, Gujii, Dambi Doolloo , Gimbii, Naqamtee, Buraayyuu, sabbataa, Dirree Incinnii, Adaamaa, Harammayyaa, Mattuu, Baale (Robee), Madda Walabu, Walliisoo, Tulluu Boolloo, Sulultaa (Caancoo), Horroo Guduruu, Buuraayyuu, Dirree Dhawaa, Calanqoo, Ada’aa Bargaa, Baddannoo, Holootaa, Shaashee, Awaday (E. Harargee), Hara Qallo (Goro Dola, Gujii), Gaasaraa (Baalee), Bulee Hora, Jimmaa, Arjo, Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu, Ciroo, Dodolaa, Anfilloo (Mugii), Walqixxee, Diillaa, Bishooftuu, Finfinnee, Yuniversiitii Finfinnee, Geedoo, Asallaa, Shaambuu, Agaarfaa, Sibuu Siree, Kotobee, Wacaalee, Saalaalee, Machaaraa, Ammayyaa, Tokkee Kuttaayee, Innaangoo, Baabbichaa, Laaloo Qilee, Hiddii Lolaa, .Mugii, Arsi Nagallee, Baabbichaa, Shukutee, Baakkoo Tibbee, Jalduu, Gindoo, Buun’dho Beddellee, Grawwaa, Gaara Mul’ataa, Qarsaa, Qobboo (Dardar, Eastern Oromia), Sinaanaa (Baalee), Jimmaa Arjoo, Bojjii, Kombolcha, Aggaaroo,Tajji (Iluu), Qilxuu Kaarraa, Baabboo Gambel, Daawoo,Tulu Milki (Warra Jarso), Hirnaa, Xuulloo, Masalaa, Galamso, Bordode, Mi’esso, Waheel, Diggaa, Arjoo Guddattuu, Guraawa, waamaa Adaree, Shabee Somboo, Limmuu Saqaa, Amuruu (Agamsa), Daroo Labuu (Gaadulloo), Yaabelloo, Aliboo (Jaartee Jardagoo), Saasigga, Magaalaa Dafinoo, Dhumugaa, Daroo Labuu (Buraysaa) Begii (Kobor), Mardida Halo Guba (Daroo Labuu), Qassoo, Bonayyaa Boshee, Baalee (Dalloo Mannaa), Jimmaa Raaree (Magaalaa Gobaan), Nophaa (Iluu), Bordoddee, Togowacaalee, Dooguu, Metekel (Wanbara), Asaasaa, Waabee, Heeraroo, Doguu, Quufanziq (Dadar), Boku Luboma (Miyo, Borana), Eddoo, Dirree (Ada’aa), Qilxuu Kaarraa, Shebel town, Bate, Walanchiti, Warra Jiruu, Boolee Bulbulaa, Diilallaa, Gannat Haaraa (dodolaa) ……………
Amajjii (January): 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30, 31 ……2017
Gurraandhala (February) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28…..2017
Bitootessa ( March): 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30, 31……..2017
Ebla (April): 1, 2, 3, 4, 5, 6,7, 8, 9,10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30…… 2017
Caamsaa (May): 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30, 31 ……….2017
Waxabajjii (June): 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30……….2017
Hadoolessa (July): 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30, 31……….2017
The full USA’s House Foreign Affairs Committee voted to advance a resolution, authored by Rep. Chris Smith (R-NJ), highlighting the human rights violations of the Ethiopian government, and offering a blueprint to create a government better designed to serve the interests of the Ethiopian people.
The resolution, which passed without objection, also calls on the U.S. government to implement Magnitsky Act sanctions, targeting the individuals within the Ethiopian government who are the cause of the horrific abuses.
New York Times journalist says Ethiopia faces dangers due to oppression of majority
http://www.thethiopianmedia.com/article_read.php?a=121
New York Times journalist, who worked as the paper’s East Africa Bureau chief for a decade, says the oppression that the majority, especially Amharas and Oromos, suffer under the minority government is a danger for the future of the country.
Jeffrey Gettleman, who won the most coveted journalism award, the Pulitzer Prize in 2011 for his work focusing on East Africa, said in an exclusive interview with ESAT that building infrastructure is important but not an excuse to kill, jail and torture innocent civilians.
“Infrastructure is really important in Africa right now. But if you are very repressive you are jeopardizing everything because you are creating this anger and resentment and volatility. We have seen that in the last couple of years, more volatility, violence and political upheaval in Ethiopia than there has been since the 1990s,” he said.
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
#OromoRevolution #Didne_Didaa Adoolessa 25/2017 Godina Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuutti guyyaa kaleessaa warraaqsii FXG daldaltootnifi uummatni waliigaluun Manneen daldalaa suuqii(dunkanoota) isaanii Cufachuun duula gabaa lagannaa , diddaa gibiraafi gidiraa dhageessisa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama, har’a Immoo OPDO ergamtuun wayyaanee Manneen daldalaa uummataa irra adeemuun Saamsameera jechuun waraqaa irratti dhoobaa jiraachuu Maddeen Qeerroo Magaalaa Shaambuu gabaasan. Manneen daldalaa diddaa gi iraafi gidiraa akkasumas waamicha duula gabaa lagannaaf cufaman irra adeemtee Samsameera jechuun wayyaanee OPDOf furmaata kan hin taanee ta’uu hubachiisuun diddaa fala fidaa keenya qabsoon fulduratti jechuun ejjennoo isaanii jabeessa jiraachuu dhaammatan. Qeerroo News
Adoolessa 28,2017/ Godina Harargee Bahaa Aanaa Masalaatti wayyaaneen Ummata Dirqamaan akka hojii eegalsiiftan jechuun Milishoota fi Poolisoota Walitti qabdee dirqama itti kennaa jiraachuun dhagayame.Magaalaa Masalaa fi gandoota magaalichaa hunda keessatti namoota dukkaana banaa jedhamanii banuu didan qabdanii akka mootummaaf dhiyeessitan warrior ummata jeequmsaaf kanaan duras ummata kakaasaa ture isaanii jechuun ummata hidhatti guuruf karoorfattee ka’uun guyyaa har’aa wal gahirra jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Gabaasanii jiru Continue reading →
Qeerroo News
Adoolessa 28,2017 /Godina Harargee bahaa Santa Qarsaatti Wayyaaneen Ummata Dirqamaan biqiltuu dhaabsisaa jiraachuu maddeen Keenya gabaasanii juru. Aanaa Qarsaa fi Gandoottan baadiyyaa hunda keessatti mootummaan wayyaanee Ummata dirqamaan yaasee biqiltuu dhaabun naannoo keessan magariisa gochuu qabdu jedhee roobaf aduun ummata rakkisaa jiraachuun dhagahame.maqaa biqiltuu dhaabutiin ummata walitti qabee kaabinoota isaa warra Afaan isaanii siyaasaa kijibaatin qaratan bobbaasee ummata waa’ee misoomatiin walitti qabe siyaasaa isaa kan kijibaa waggaa 26 guutuu ummataaf liqimfamuu dide san ummataan dirqamaan liqimsaa jechaa jiraachuun ummata shororkaa itti naqaa jiraachuu maddeen keenya gabaasanii jiru. Continue reading →
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Adoolessa 24,2017/ Magaalaa Buraayyuu irra lukkeelee wayyaanee ummata burjaajeessun mana jireenyaa fi lafa bakka mana jireenyaa sini keennina jechuun dhugaa fakkeessani,kijibaan ummata kan saamaa turan soba ta’u ifa baasan.
Odeeffannoo naannoo Sana akka addeessutti ummannii fi Qeerroon akka addeessutti kana dura nama uunfaa tokko tokkoorraa qarshii kan guuraa turan deebidhanii haaluun lafti sinif kennamu hin jiru jechuun beeksisa maxxansan odeensi gama sana ,waanti kun kan raawwate gandoota buraayyuu maratti,ganda lakkuu kattaa,ganda Buraayyuu,Ammee Diimaa,Gafarsaa…fi kknf keessatti lukkeleen wayyaanee ummata saamaa kan turan haaluu isaani qeerroon naannoo Sana addeessan,odeeffannoo biraa dudduubaan…
VIDEO
VIDEO
Adooleessa 22/2017/ Daldallii karaa Sukkaaraaf Zayiitaan mootummaan taasisu iratti magaalaalee irraa qabee hanga baadiyyaatti uummannii hiriiraan akka bitataa tureef sanuu tibbaa irraa kutaa turan ibsaa turuun keenya nii yaadatama. Haala kana keessatti biyyattiin saatii kufaatii dinagdee keessa seenaa jirtutti mootummaan waa maraan uummata saamaa jiraachuun akkaan mufachiise jira. Daballii Sukkaaraaf Zayiitaa kana keessatti miidhamaan uummaataan ala Namoonni miseensa ta’an yeroo gara yerootti Zayiitaa, Sukkaaraaf Kaardiin manatti akka dhaquuf baramee jira. Koompoonii gurgurtaa mi’oota kanneeniis uummataaf tokko kan laatan jaleewwaan mootummaa lamaaf isaa olfudhachuun gaafa uummanni bittaaf dhaqu akka dhume himuun hawwaasa balaa keessa galchu. Haallan kana keessattu uummataarraa Zayiitaa, Sukkaaraaf kaardii kutuun uummata gidirsaa jira. Namoota maatii danuu qabaniif kaneen namoota muraasa qabaniifis hangi gurguramtu sunuu xiqqaa ta’uuf irrattuu gatii dabaluun dubbatame.
Adooleessa 21 _2017 Kutaa finfiinnee magaalaa buraayyuutti amma ganama kana lukkeelee wayyaanee uummata nagaan deemu tumaa ykn reebaa jiraachuu qeerroon addeessan,naannooma sana kattaa bakka jedhamutti duulli gabaa lagannaa akkuma itti fufetti jira gabaasa biraa dudduubaan..
VIDEO
VIDEO
Adoolessa 20_2017
Godina Wallagaa aanaa Gudayyaa Biilaa irraa,ummaanni gudayyaa biilaa sababa lukkeelee Sirna nama nyaataa mootummaan wayyaanee mirga hiree namummaa fi qabeenya uunfaa ofiitti fayyadamu sarbamnee murtoo balleessanii baduurra geenyeerra jedha qeerroon gudayyaa Biilaa.
Ummanni gudayyaa Biilaa jiraachuuf gutummaa guutuutti mirgi keenyaaf sarbameera,Ifaa erga arginee bara hin qabu ofumaa muka poolii qofaatu dhaabata,qabeenya Rabbi in nubaadhaase hedduu otoo qabnuu mirgi hiree jiraachuu keenyaa Jala kaattuu mootummaan wayyaaneef jecha jiraachuu jibbinerra.hubadhaa kanoo kaani:midhaan nyaataallee bakka itti daakkaannu dhabnee uummanni umaatti jira.dhakaan midhaan daaku kan humna ibsaan tajaajila Kennu sababa Ifaa gutummaa guutuutti balleessaniif ummanni tajaajila hin arganne,kan bobaadhaan midhaan daaku immoo badiyaa keessa darbee darbee jira,isa namni kamuu akka hin fayyadamne orkamanii jiru,sabaabni orkamuusaas yoo ummanni rakkoo beelaa keessatti kufe dirqamaan kaffaltii gibiraa humnaan olii kana kaffaltu jechuun lukkeelee wayyaanee Warreen burjaajooftu uummata irraa dhalatte doorsisaa jiraachuu qeerroon gudayyaa addeessan.
Continue reading →
jalatti Argaman keessatti lagannaan gabayaa itti fufeeti jira Qobbootti Lagannaan gabaa roga hundaan godhamaa kan jiru yoo ta’uu wayyaanen daldaltoota walitti qabdee dirqamaan gara hojii keessanii akka deebitan jettee doorsisaa jirti.daldaltoonnis gibirri humnaa ol nutti fe’ame kan doorsisa kamuu kan nu sodaachisuu miti.nuti waan waggaa kudhanitti dalagannee hin arganne waggaa tokkotti mootummaadhaaf kaffaluu maaltu fide osoo hin hojjanne jiraachuu ni dandeenya jechuun ergamtoota wayyaanee ufirraa oofaniiti jiru. Continue reading →
Magaalaa Shaashamannee keessattis galgala kana barruulen waamicha FXG Gabaa lagannaatin godhamuu naxxanfamaa jira.
Adoolessa 19,2017/ GODINA Arsii Aanota hedduu keessatti Barruulen waamicha FXG Gibiraan wal qabatu bal’innaan facaafamaa jiru.Magaalota Akka Roobee Diida’aa, Siree, Soloist, Seerofta, Boqqojjii, Lemmuuf Bilbiloo, Xannaa(Xiicho) Wandoo Gannat, Eddoo, Dheeraa, Itayya, Asallaa, Sagureef Magaalota hedduu keessatti maxxanfamaa Fi facaafamaa kan jiru yoo ta’uu guyyoottan Itti aananis bifa gara garaatin Ummataaf waamichaa kan godhu ta’uu Qeerron Aanota Garagaraa irraa qophii xummurachuu gabaasee jira Continue reading →
Adoolessaa 19/2017 Oromiyaa Lixaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqemtee Keessatti Guyyaa har’aa Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Duullii gabaa lagachuu, mormiin gibiraa fi qaraxa adda addaa dhorkachuu itti fufe. Qeerroon dargaggootni Magaalaa Neqemtee fi uummatni Daldaltootni Sabboontootni Oromoo guutummaatti mana daldalaa isaanii
✔manneen nyaataa fi hoteelotni cufamanii tajaajila dhaabaniiru
✔dunkanoonni (Suuqiiwwaan) daldaltootas hojii dhaa uun cufamaniru Continue reading →
Adoolessa 18,2017/ Godina Wallagga magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa barruuleen fxg guutummaa magaalaa Naqamtee keessa facaafamaa akka jiran Qeerroon gabaase.
Sirni gabroomfataa Wayyaanee kan afaan hololaa fi kijiba diimokiraasiin biyya Oromiyaa kan saamaa ture itti xiqqaannaan ittuu diinummaa isaa addunyaatti mullisuuf maqaa saamicha gibiraan daa’effatee uummata saamaa akka jiru hundu quba qaba.Haaluma kanaan gootowwan Qeerroon magaalaa Naqamtees diddaa sirna wayyaaneef qabanirraa ka’uun guutummaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa barruulee warraaksaa kan diddaa kaffaltii gibiraan wal qabatu facaasaa akka jiran madi oduu Qeerroo leeqaa gabaase. Continue reading →
VIDEO
VIDEO
Godina Arsii.
Adooleessa 18,2017/Godina Arsii Aanota hedduu keessatti guyyoota lamaan har’aaf kaleessa lagannaan gabaa kan taasifame yoo ta’uu Suuqonni daldalaa magaalota akka Seeruu,Balee, Geersaa, Shaashamannee,Adaabbaa, Dodola,Roobe,Saddiiqa, Waabee, Eddoo, Kofalee, Nageellee, Ajjee keessatti Gibira Wayyaanen Ummatarratti feete mormuun gabaa lagatanii jiru. Tajaajilli Geejjibaas dhaabbateera Konkolaachiftoonni fi Abbootin qabeenyaa sabaan Oromoo hin ta’in muraasni isaanii dalagaa isaanii didanii kan itti fufan yoo ta’uu. Diddaa kanatti akka makaman karaa adda addaatin Qeerron ergeefii kan jiru yoo ta’uu gaaffii isaanif dhiyeessine kana fudhachuun gara ummataa hin goran yoo ta’e Qeerron tarkaanfii Qabeenya isaanii irratti akka fudhatus hubachiisee jira. jedhu Gabaasaalen Qeerroo magaalota adda addaa irraa nu gahaa juru.
kana malee Continue reading →
Adoolessaa 18/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii Keessatti Qeerroon Dargaggootni Oromoo Sochii Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG daran jabeessuun finniinsaa jiruu, Warraaqsii kun yeroo amma sagalee dhaadannoo jabaa dhageesisuun itti fufani jiru. Continue reading →
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Adoolessa 17_2017/Wayyaaneen TPLF bifa kasaaraa dinagdee dhibbantaa 85% keessa galee jiru suphachuuf jecha ummata Oromoo irratti gibira gara malee fe’uun beekamaa dha haalli kun gibiraan uummata saamu mormuun Qeerroon Jalduu hardha guyyaa guutuu FDXG finiinsaa ooluun mootummaan Wayyaanee fi lukkeelee isa muddama keessa oolcheera.muddama kanaan kan kadhe lukkeelee isaani konkoolaachiftootaa fi imaaltoota konkoolaataa irraa harcaasuun reebichaa fi saamicha gaggeessa oluusaani Qeerroon addeessa. Continue reading →
# OromoRevolution Adoolessaa 17/2017 Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo Keessaatti Sochiin Warraaqsaa FXG tajaajila geejjibaa taskiifi bajaajiin hojii dhaabuun mormii sirna nama nyaata wayyaaneef qaban jabeessani itti fufan. # gibirri fi # qaraxni adda addaa guutummaatti labsiin bahee hanga akka humna uummatatti sirreeffamuutti,fi gaaffiin migaa abbaa biyyummaa mootummaan abbaa irree teessoo afaan qawween ijaarrate irraa gadi bu’ee hanga deebiin kennamuuf bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’uutti mormiin wal irraa hin citu.
Adoolessa 16/2017 Galgala keessaa sa’a 2:50 irraa eegalee Magaalaa Amboo Keessatti Dhukaasni cimaan kan waraana wayyaanee irraa uummatatti baname , gara naannoo Mooraa Yuunibarsiitii Amboottii Waraanni Wayyaanee dhukaasaa guddaa uummata sivilii irratti banuun dargaggoota Oromoo Lama Wareeguun Ibsame jira, Kanneen madeeffaman hanga gabasni kun nu gaheetti adda kan hin baanee ta’uu maddeen Qeerroo Magaalaa Amboo addeessaan. Magaalaan Amboo galgala kana caalaatti gara dirree waraanaatti waan jijjiiramte fakkaatti , gabaasaa dabalataan walitti deebina. Continue reading →
Adoolessa 16,2017/ Uummanni Shaggar lixaa rakkoo guddaa keessa jiraachuu Qeerroon naannoo Sana’a addeessan.akka gabaasa qeerroo naannoo sanaatti rakkoowwaan jireenyaa ilma namaaf barbaachisan kan akka,tajaajila Daandiin, Ibsaa,Bishaan fi kkf guutummaatti surni nama nyaataa mootummaa wayyaanee ummatarraa kuteera uummanni rakkoo guddaa keessatti argama.
Kun kanaan osoo jiru uummanni dalagee jiraachuu hin dandeenye,tajaajila uummanni argaachuu qabu kutuun gibira humnaan olii nurratti fedhuun mirgaa fi haamilee keenyaa cabsaa jira jechuun uummanni quba nyaachaa jira.sirni nama nyaataa mootummaan wayyaanee kun ilaalcha gad aanaa waan qabuuf hanga kana duraa karaa hedduun duguggaa Sanyii nurratti raawwaachaa ture ammammoo karaa gibiraa uummata keenyaa biyya mancaasuuf waan kadheef sabni Oromoo dammaquu qaba.qaamni sagalee guddaa qabu akka qeerroo kutaa maraa gurra nubuusan nudhaama jechaa jiru qeerroon naannoo sanaa. Continue reading →
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Adoolessa 15,2017. Godina Arsii Aanaa Siree keessatti Guyyaa har’aa Suuqonni cufaa oolanii jiru. Tilmaama gatii kan galii gibiraa jechuun waajjirri Galii Aanichaa maxxanseen wal qabatee daldaltoonni hojii dhaabanii jiru Waraanni wayyasnees magaalicha keessa deemee ummanni dirqamaan akka suuqii daldalaa isaanii banan furqamsiisuf tattaafachaa jiraachuu maddeen keenya magaalaa Siree gabaasanij jiru. Continue reading →
Adoolessa 15,2017/ Godina Buunnoo Beddelleetti gibirri humnaa olii uummata keenya irratti gatamaa jiru biyya keenya sodaa keessa galchee jira.Bu’uuruma kanaan magaalaa Beddelleetti hoteela tokkotti gibirri murtaa’ee jiru waggaatti 4,000,000 (miliyina afur). Continue reading →
VIDEO
#OromoRevolution Adoolessaa 13/2017
Gidduugaleessaa Oromiyaa Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG Kanfaltiin gibiraa dachaa guddaan Uummatarratti dabalamuu waliin walqabatee daran jabaachuun Mormii Guddaan Qeerroo Dargaggoota Oromoo, Daldaltoota fi Uummata Hundaa kan Hirmaachise Warraaqsii Finiinaa jira. Continue reading →
Adoolessa 13,2017
Godina Shaggarlixaa aanoota jiran keessatti rakkoon hirdhina xaadhoo waan mudateef,qonnaan bultoota yaaddoo guddaa keessa galchee jira jedha gabaasni Qeerroo gama sanaa.
Qotee bultoonni naannoo sana,mirga jiraachuu waan dhabaniif ,nuti sabni oromoo hanga yoomitti waan hundaan midhaamna ,hanga yoom mirgi keenyaa mulqamnee mirga Waaq- nuuf kenne uummata xinnoo waaqa hin beekne kanaan sarbamna jechaa aadachaa jiraachuu ykn quba nyaachaa jiru.
Continue reading →
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan Oromoo mirkanaawuutti wareegama baasuun waan dhaabbatu hin ta´u.
Sabboontotni Oromoo hedduu golee Oromiyaa mara keessatti falmaa mirga abbaa biyyummaa isaani deebifachuuf diddaa godhaniin wareegama qaqqaalii baasanii jiru. Seenaan bara baraan isaan yaadatti, warri diddaa abbaa biyyummaa Oromoo irratti wareegaman bara baraan yaadatamaa jiraatu.
Bara 2001 keessa Gootooti barattooti Oromoo murtii dabaa wayyaaneen dhimma Finfinnee irratti dabarsite fi lukkeen hojiitti hiikuuf tattaafatte mormuun gaaffii kaasan, maanguddoon Oromoo kan Waldaa Maccaa fi Tulamaas hiriira nagaa bahaniif deebbiin isaaniif kenname reebicha, gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa ture, Gaaffii kana waliin wal qabatee goototi barattoota Oromoo hedduu wareega qaalii lubbuu itti baasanii jiru, isaan keessaa warra dhimma kanaaf mana hidhaatti gidirfamaa fi rasaasaan rukutamanii ajjeefaman kumaatamaan lakkaawamu! Continue reading →
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Adoolessa 11,2017/ Godina Arsii Aanota hedduu keessatti Wayyaaneen Gaaffii Ummanni gaafachaa ture karaa hundaan deebisuuf kaane jechuun Taappeellaan Afaan Oromootin sirnaan haa barreeffamu jetti.Ergamtuun Wayyaanee OPDOn waggoottan 26 guutuu Ummata Oromootif hojjachaa turre akkuma jettee kijiba gadi naqaa turte Dagattee akka waan amma hirribaa ka’aa jirtuu godinaalee Arsii fi Baalee keessattiContinue reading →
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Like this: Like Loading...
Related
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution Report 1-30 July 2017 […]