Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (October) October 31, 2016
Posted by OromianEconomist in #OromoProtests .
trackback
VIDEO
VIDEO
Gincii, Amboo, Jalduu, Gudar, Giddaa Ayyaanaa, Mandii, Najjoo, Laaloo Assaabii, Jaarsoo, Gullisoo, Bojjii, Gujii, Dambi Doolloo , Gimbii, Naqamtee, Buraayyuu, sabbataa, Dirree Incinnii, Adaamaa, Harammayyaa, Mattuu, Baale (Robee), Madda Walabu, Walliisoo, Tulluu Boolloo, Sulultaa (Caancoo), Horroo Guduruu, Buuraayyuu, Dirree Dhawaa, Calanqoo, Ada’aa Bargaa, Baddannoo, Holootaa, Shaashee, Awaday (E. Harargee), Hara Qallo (Goro Dola, Gujii), Gaasaraa (Baalee), Bulee Hora, Jimmaa, Arjo, Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu, Ciroo, Dodolaa, Anfilloo (Mugii), Walqixxee, Diillaa, Bishooftuu, Finfinnee, Yuniversiitii Finfinnee, Geedoo, Asallaa, Shaambuu, Agaarfaa, Sibuu Siree, Kotobee, Wacaalee, Saalaalee, Machaaraa, Ammayyaa, Tokkee Kuttaayee, Innaangoo, Baabbichaa, Laaloo Qilee, Hiddii Lolaa, .Mugii, Arsi Nagallee, Baabbichaa, Shukutee, Baakkoo Tibbee, Jalduu, Gindoo, Buun’dho Beddellee, Grawwaa, Gaara Mul’ataa, Qarsaa, Qobboo (Dardar, Eastern Oromia), Sinaanaa (Baalee), Jimmaa Arjoo, Bojjii, Kombolcha, Aggaaroo,Tajji (Iluu), Qilxuu Kaarraa, Baabboo Gambel, Daawoo,Tulu Milki (Warra Jarso), Hirnaa, Xuulloo, Masalaa, Galamso, Bordode, Mi’esso, Waheel, Diggaa, Arjoo Guddattuu, Guraawa, waamaa Adaree, Shabee Somboo, Limmuu Saqaa, Amuruu (Agamsa), Daroo Labuu (Gaadulloo), Yaabelloo, Aliboo (Jaartee Jardagoo), Saasigga, Magaalaa Dafinoo, Dhumugaa, Daroo Labuu (Buraysaa) Begii (Kobor), Mardida Halo Guba (Daroo Labuu), Qassoo, Bonayyaa Boshee, Baalee (Dalloo Mannaa), Jimmaa Raaree (Magaalaa Gobaan), Nophaa (Iluu), Bordoddee, Togowacaalee, Dooguu, Metekel (Wanbara), Asaasaa, Waabee, Heeraroo, Doguu, Quufanziq (Dadar), Boku Luboma (Miyo, Borana), Eddoo, Dirree (Ada’aa), Qilxuu Kaarraa, Shebel town, Bate, Walanchiti, Warra Jiruu, Boolee Bulbulaa, Diilallaa, Gannat Haaraa (dodolaa) ……………
Gabaasa FDG Oromiyaa Sadaasa (November) 12, 13, 25, 26, 27, 28, 30, Muddee (December) 1, 2, 3, 4,5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13,14, 15, 16, 17/18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27,28, 29,30, 31…. 2015
Amajii (January) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13,14, 15, 16, 17,18,19, 20,21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29,30, 31……2016
Guraandhala (February) 1, 2, 3,4, 5, 6, 7, 8,9, 10,11,12,13, 14, 15, 16, 17,18,19, 20, 21,22, 23, 24, 25, 26, 27, 28,29………… 2016
Bitootessa (March) 1, 2, 3,4, 5,6,7,8,9, 10, 11,12, 13,14,15, 16,17, 18, 19,20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 2,28, 29, 30, 31 …………2016
Ebla (April) 1, 2, 3, 4, 5,6, 7,8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17,18, 19,20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30……… 2016
Caamsaa (May) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12,13, 14, 15, 16, 17, 18, 19,20, 21,22, 23, 24, 25, 26,27, 28, 29, 30, 31, 2016
Waxabajjii (June) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10,11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30 …………………………….2016
Adoolessa (July) 1, 2, 3,4, 5, 6, 7,8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30, 31……..2016
Hagayya (August) 1, 2,3, 4, 5,6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30, 31 ….. 2016
Fulbanaa (September) 1, 2, 3, 4, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30……. 2016
Onkoloolessa (October) 1, 2, 3, 4,5, 6, 7, 8, 9, 10, 11, 12, 13, 14, 15, 16, 17, 18, 19, 20, 21, 22, 23, 24, 25, 26, 27, 28, 29, 30, 31…… 2016
Gabaasaa qindaawaa armaan gadii kan nama balaa san irraa hafeen nuu dhihaate kana obsaan dubbisaa. Sana booda wanti kaleessa Hora Haarsadeetti tahe maal akka fakkaatu hubannoo gahaa horattu.
■■■■■■■■■■■■■■■■■
“Kan dhagaa darbaate ummata miti. Yeroo dheeraaf mormiin walitti fufinsaan deemaa ture. Waanuma godhan dhaban. Gubbaan helekoopitara nurra naanneessaa turan. Helekoopitarri marsaa duraa ergaa baga geessan jedhu gubbaa gad facaasaa ture. Sun kan akeekkameef ayyaana ummataaf yaadamee miti. Sodaachisaaf ture. Yeroo helekopitarichi nurratti gad siqee naannawuu umman guutuun harka wal qaxxaamursuun mallattoo didda itti agarsiisaa ture. Haalichi cimee itti fufe. Mormiin bifa adda ta’een deeme. Qeerroon guutummaan iddoo silaa Opdof isaan qabachiisu barbaadan dursite ganamumaan waan qabatteef kallattii dhaban. Karaa mormii ittiin qabaneessan dhaban. Midiyaaleen addunyaas ta’e isaan biyya keessaa bifa danda’aniin haalicha waraabaa turan. Guutummaan mormii waan tureef kallattiin dabarsu hin dandeenye. Fuuldura keenyatti faranjoota heedduu argaa ture. Waraabaa turan.
Midiyaaleen alaa carraa nu bira ga’uu hin arganneef malee gara ummata mormii irra jiruutti seenuun jiddu jidduun gaafiif deebii taasisaa turan. Qeerroon sodaa tokkoon alatti isaanitti himaa ture. Manguddoonnis akkasuma himaa turan. Mootumma shiftaa kana hin barbaannu,opdo hin barbaannu,ofiin of bulchina jechaanii ture. Ammas mormiin cimaa dhufe. Ummanni kallattii hundaan gara irreechaatti dhufu mormii dhaggeesisaa dhufa. Sagantaa gaggeeffachuu taasuma isaan hin dandeenye. Haalli kun hedduu isaan aarse. Ni boba’an. Naannolee adda addaatii qarshii kanfalaniif ummanni isaan geejibbaan fidatanis isaanitti gara gale. Mormiin liqimfamee mormitti seene. Woyaneen waan qabdee gad dhiiftu dhabde. Poolisoonni jidduu ummataa dhaabde hidhannoo hin qaban. Agaazii gara duubaatiin dhaabdee jirti. Booda irra as ba’an malee tasuma hin mul’atan ture.
Adaduma baayinni ummata gara horaa dhufu dabaluun mormiin haala duraanii caale cime. Dirreen irreechaa dirree mormii qofa taate. Kanatu isaan dhukkubse. Ummanni miliyoona heddu dirree irreechaa irratti bakka miidiyaaleen addunyaa baay’een argamanitti isaan salphise. Kanaaf maratan. Summii saamii irraan helekopitaraan gad roobsan. Ummata joonjesan. Sab booda dirreen aaraan guutamte. Agaaziin iddoo jirtuu as baate. Rasaasaan dha’amuu ummata arguu qofa taate. Boolla meetira 10-15 gad fagaatutu jidduu waraanaaf ummataa jira. Boolla kanatti baayee fixan. Lakkofsi ummata dhumee hedduu dabaluu danda’a. Rasaasa isaanii cinatti boollichis isaaniif tumseera.”
Yaya Beshir irraa
Risk Advisory: Ethiopia | Assessment of government stability amid ongoing protests
The Ethiopian government is looking increasingly unstable, and the security environment in Ethiopia is looking more dangerous.
A wave of protest in Ethiopia highlights the country’s history of exploitation and dispossession.
Click here to read Daily Maverick: Ethiopia Mourns– but mourns what, exactly?
VIDEO
FXG Onkoloolessa 31 bara 2016: Qeellam Wallaggaa naannawa Dambi Doollootti qabsaa’oti Oromoo weerartuu Wayyaanee haleelan.
Haleellaan kun naannawa QACCII, ALAKUU, NAANNOO HOLQA OLIIQAA DINGIIL jedhamu keessatti fudhatame.
Waraana ilmaan Oromoo bosona galaniifi Agaazii jidduutti ta’een Wayyaanonni jaha ajjeefamanii lama immoo madoo ta’aniiru.
Haleellaa kanaan qabsaa’oti Oromoo qaqqaalii sadii wareegamaniiru.
Qabsoon itti fufa!!
VIDEO
https://www.oromiamedia.org/2016/10/30/omn-oduu-onk-29-2016/
#OromoProtests global joint (Oromo, Ogaden, Afar, Gambella, Amhara) solidarity rally Minneapolis, Minnesota, 29 October 2016
Waamich Dirmannaa Xumura Fincila Garbummaa fi
Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO!
Haala yeroo irratti MGS-ABO fi itti gaafatamaa Birkii Diplmasii biyya alaa J/Dr.Shigux Galataa , Miseensa hoggana WBO Zoonii Kibbaa fi J/Seenaa Dhugaa miseensa hoggana Qeerroo Bilisumaa irra ibsaa ni kennama. Akksumsas haala qabsoo kenyaa irraa jiruu fi egereen qabsoo keenyaa irraatti marii bal’aan ni taasifama.
Kutaa ABO Scandinavia (Iskandiinaviaya) Guuyyaa Yaadannoo FDG wagga 11ffa bara kana bifa addaan yaadachuuf karoorfatee jira. Haala qabatamaan biyya keessatti raawwatamaa jiruu fi sadarkaa qabsoo keenya irra jiru xiyyeefanna keessa galchuun; wareegama ilamaan Oromoo kaffalaa jiran galmaan ga’uun dirqama Oromoota hundaa ti.
Kanaaf Miseensonni, Deegartoonnii QBO fi Oromoon sabboonummaa Oromummaa qabnu hundi gumaacha qabsoo nugaafatu keessa; addatti Tinnisa diingdee fi yaadaa gumaachuun yaadannoo guyyaa FDG bara kana akka kabajaan isni afeerra.
Akkasumsa Artistoonni Oromoo Kanneen akka Hirphaa Ganfuree, Tottobaa Taddasaa fi Dangaa Hayile- Iyessuus sirboota qabsoo fi warraaqsaan hirmaattota walga’ii kan bohaarsuuf qopha’anii jiru.
Oromoon hundi Wareegama Oromoonni qabsoo Abbaa biyyummaa fi Bilisummaa isaanii baasa jiran galamaan ga’uuf gumaacha qabsoon nugaafatu ba’uuf koottaa waliin Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO bira waliin haa dhaabbannu!
IUO!
Kotaa ABO Scandinavia!
Onkoloolessa 29 Bara 2016: ODUU GAMMACHIISAA
warraanni ethiopia somaaliyaatti qubatee ture, guyyaa jimaataa darbe kanattii ajajoota muraasaa sanyiiwwan TIGRE taate ajjeesuun meeshaa waraanaa hedduu waliin dhalatootnii saba OROMOO fii AMHAARAA ta’an gurmaahuun wal qabatanii mootummaa irratti garagaluun halleella itti banuuf sochii cimaa ofii xumuruun qabsoo uummataatti makamaniiruu.
Jajjabaadhaa qeerroo koo injifannoon keenna.
Dabalataf namoota achitti beektan yoo jirate bilbilaan qulqullefadhaa.
SBO: Oduun keeysa beeytoota Raayyaa Wayyaanne “Misraaq Iz “jedhamu. akka nuti himaniti torbaanuma kana keeysati Naannoo Harar, jijjigaa fi Awwadaay itti humna waraana qubate keeysaa lakkooysaan 200 kan tahan hidhanno wajjiin ABO MAKAMAN Via Gadaa Araaraa
Labasii Wayyaanee Hojii Irra Oolchuuf Jecha Godina Arsii Lixaa fi Arsii Bahaa Keessatti Waraanni Agaazii Wayyaanee Gaga’ama Ajjeechaa fi Hidhaa Ummata Oromoo Irra Gahe Daran Ulfaataa Ta’uu Qeerroon Saaxile.
Onkoloolessa 29,2016
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Nageellee Arsii irraa kanneen hidhamaan *335*, kan ajjeefaman *70*, kan dhabaman hin beekkamne.
2. Kofale irraa kanneen hidhaman nama *87*, kan ajjeefaman *6 *kan dhabaman hin beekkamne.
3. Shaallaa fi Ajjee irraa kanneen hidhaman *400*, kan ajjeefaman *85*, kan dhabaman hin beekkamne.
4. Adaabbaa irraa kanneen hidhaman *65*, kan ajjeefaman *3*, kan dhabaman hin beekkamne.
5. Dodola irraa kanneen hidhaman *77*, kan ajjeefaman *17*, kan dhabaman hin beekkaman.
6. Jaju irraa kanneen hidhaman *97*, kan ajjeefaman *5*, kan dhabaman hin beekkamne.
7. Saddiiqa irraa kanneen hidhaman *361*, kan ajjeefaman *16*, kan dhabaman hin beekkamne.
8. Munessa irraa kanneen hidhaman *345*, kan ajjeefaman *12*, kan dhabaman hin beekkamne.
9. Xiyyo irraa kanneen hidhaaman *180*, kan ajjeefaman *2*, kan dhabaman hin beekkamne.
10. Heeban Goljootaa irraa kanneen hidhaman *213*, kan ajjeefaman *2*, kan dhabaman hin beekkamne.
11. Digalu fi Xiijoo irraa kanneen hidhaman *235*, kan ajjeefaman *3*, kan dhabaman hin beekkamne.
12. Qoree irraa kanneen hidhaman *311*, kan ajjeefaman *25*, Isaan keessaa Fayyisoo Gammadaa Xabboo fa’aadha. kan dhabaman hin beekkamne.
13. Leemmoo fi Bilbilloo/Boqqojjii irraa kanneen hidhaman *300, *ajjeefamanii fi dhabaman hin beekkamne.
14. Shirka Xannaa irraa kanneen hidhaman 700, kan ajjeefaman 2, kan dhabamn hin beekkamne.
Continue reading →
Onkoloolessa 29,2016
Guyya kaleessaa Gimbii keessatti Loltoota Mootummaa Wayyaanee gidduutti walitti bu’insi jabaan uumamee jira.Walitti bu’insa Kanaan Qaamota uummata nagaa gooluuf bobbaafaman irraa namni 3 Wareegamuu akkasuma loltotta dhiiga Oromummaa qaban 6 humna Ittisa Uummata ta’uuf uummatatti makamanii jiraachuu maddeen keenya gabaasan.
Onkoloolessa 28,2016
Qeerroon Leeqaa yoomiyyuu afaan qawween buluun nuuf hin ta’u jechuun humna diinaa hidhannoo guutuun magaalaa Naqamtee weeraree jiru dura gootummaa jabaan Uummata Magaala Naqamtee waliin takaroo wal qabaa jira.Mormii guyyaa gara guyyaatti Mootummaa shororkaa Wayyaanee hudhee qabaa kan ture,guyyaa har’aa Magaalattii keessa bakka Boordii jedhamtutti humna diinaa ofirraa gaggeessuuf waloon itti bobbaa’ee ba’aa gala diinaa yaaddoo jala oolchee jira.Sababa Sochii warraaqsaa har’a finiinfameen uummatarra tokko wareegamuunis akkasuma hedduun hidhamaa jiraachuutu dubbatamaa jira.Uummati ammas gootummaan diina dura akka dhaabbatu Waloon akka falmatu wal hubachiisaa jira.
Baarentuu Gadaa Irraa
Diina waggoottan 25n darbaniif nu weerartee; nusaamaa, nujjeesaa fi biyyaa nu godaansisaa turtee fi jirtu wayyaanee akka kamittuu kaban qabsoo ummanni Oromoo taasisaa jirurraa baraaruun hin danda’amu. Ammaan achi eenyuyyuu dhufu wayyaanee fi ummata Oromoo walitti
araarsuu hin danda’u.
Wayyaaneen har’a qabsoo Ummata Oromootin baaragdee kan qabduu fi gadi dhiiftu wallaalaa jirti. Ilmaan Oromoo Kaan qaawween itti bobbaatee fixaa, kaan ammoo hololaan, kan hafe ammoo horiin burjaajeessuuf tattaaffin taasisaa jirtu amma hin qabu. Ibidda qabsoo Oromootin itti qabatee jiru, FXG ummanni Oromoo keessumaa qeerroon Oromoo itti qabsiisee jiru ofirraa dhaamsuuf asiif achi utaalaa jirti. yaalii ijibbaataa gaggeessaa jirti. Yaalii itti jirtu kana keessaa ammoo tokko ajjeechaa, hidhaa fi dararaa cinaatti holola yeroon itti darbe maqaa jijjiramaatiin OPDO fi ergamtoota ishii dhaaboolee bixxilte keessatti diraamaa hojjechuudha. Continue reading →
VIDEO
VIDEO
https://youtu.be/IXj4YtrEufg
Onkoloolessa 28,2016 . Fincilli kun otoo uummanni keenya dhumaa jiruu hamlee ittiin nyaata nyaannu hin qabnu jechuun, nyata lagachuun kan eegale yemmuu ta’u Humni AGI’AZII dirqamaan nyaachisuuf jecha barattoota kanarratti dhukaasa banen BARATAA ABDII ADULAA KAN JDHAMU BARATAAN INJINARING WAGGAA 2FFAA DHALATAAN Gujii battalumatti lubbuun darbuun gabaafameera.
Fincilichi ammas kan itti fufe jiru yemmuu ta’u, MOORAA KESSAA BAHUUNIS TA’E GARA MOORAATTI SEENUUN HUMNOOTA UF IRREE WAYYAANEEN UGGURAMEE JIRAACHUUNIS BARAMEERA.
Jiraattotni gandichaa toora mooraa sanaa irra illee akka hin baane dhorkamanii nami achiin darbuuf yaletti hoggusuu dhukaasni akka irratti banamus beekameera. Sababaa kanaan namootni hdduun qabamanii kan hidhamaa jiraniifi reebichaan ulfaataan irra gahuunis addaateera.
Bifuma wal fakkaatuun Aanaa Booseet ganda Boolee keesssaa Qeerroolee hidhannoo hiikkatan maanguddummaan deebisanii mana hidhaatti guuruuf namoota OPDO fi hogganootni Agi’aazii duula eegalanii jiraachuunis saaxilame.
Qeerroolee kunneen to’achuuff kan dadhabd wayyaaneen maanguddoota gandaafi bera q’eetii funante hudhaatti ukkamsaa akka jirtus ifa ta’ haaluma kanaan gandaa xiqqoo BOOLEEE jedhamtu keessaa qofaa namoota 110 ol hidhaa keessatti dararamaa jirachuufi Abbootiin Gadaa duula araaraa wayyaanee kana irratti hiriiruun dargaggoota kenya dabarsitanii diinaf lataa jirtan akka irraa uf qusattan feena dhamsa jedhus dabarsuu, Qeerroon gabaasee jira.
Kun kanaan otoo jiruu Aanaa Adulaalaa gandoota Dirree, Cuqqaalfi Gafaat keessatti Abbootiin Gadaa fi Qeesotni maqaa araaraan Qerroo dabarsitanii diinaaf lachaa jirtan akka irraa uf qusattan Qeerroon gad jabeessee isin akeekkachiisa!
Onkoloolessa 26,2016 Yuunibarsiitii Bulee Horaatti Waraanni Koomaandii Poostii Wayyaanee Loltoota Agaazii Barattoota irratti Bobbaasuun Barataa Oromoo Abdiisaa Duulee jedhamu ajjeesani. Barataan Oromoo Abdiisaa Duulee kan kaleessa galgala waraanaa Agaaziin Wareegamee, Yuunbarsiitii Bulee Horaatti Barataa FBE waggaa 2ffaa fi Bakki dhaloota isaa Godina Gujii ta’uu maddeen Qeerroo Yuunbarsiitii Bulee Horaa gabaasan. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Bulee Horaa Yakka ajjeechaa Barataa Oromoo fi Barattootaa Oromoofi uummata Oromoo Waliigalaa irratti rawwatamaa jiruu Sababeeffachuun guyyaa har’aa guutummaatti Nyaataa dhaabuun mormii isaanii itti fufanii jiru. Dirmannaan Uummata Oromoo biyyoota hambaa jiraanii akka jabaachuu qabuufi yakka waraanaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf iyyannoon mootummoota gamtoomanii fi jaarmiyoota mirga namummaa akka itti fufinsaan gaggeeffamuun gaafataniru Injifannoon Uummata Oromoof.
Gaazexeessitoonni Oromoo 3 Fana Broadcasting Corporation keessa hojjatan dabballoota TPLF’n hojiirraa ari’ataman.Isaanis
1. Gazexessituu Tsahaay Daamxoo(MA)
2. Gaz/sa Muktaar Jamaal
3. Gaz/sa Taaddasaa Tarrafaa yoo ta’an. Gocha kana Editaroonnii fi gaazexeessonni sagantaa Afaan Oromoo irratti hojjatan hundi kan lakkoofsaan 20 ol ta’an mormaa turanis fudhatama hinarganne. Gaazexessitoota buleeyyii woggaa heddu dhaabbata kana keessa hojjataa turanirratti ajaja kana Kan dabarse nuuf ibsaa woyta jedhanitti namichi Birhaanuu Hurrisaa jedhamu fi Hoogganaa kutaa kanaa ta’e immoo anatu kana raawwate jechuun ifatti dhaadachuun of himeera.
Gaazexeessituu Tsahaay Daamxoo haadha manaa Atileeti Addunyaa Leellisaa ti. Addunyaan immoo Obboleessa Atileeti Gooticha Oromoo Fayyisaa Leellisaati.
Dabballee fi Ergamaan TPLF Birhaanuu Hurrisaa Waggaa dabre Hacaaluu Hundeessaa sirba isaa ‘Maalan Jira’ jedhu Afaan Amaaraatiin facebook irratti qeequu dhaan Qeerroon Oromoo hedduun itti dhaadataa turan ta’uun kan yaadatamudha.Sababa Ergamtummaa isaa kanaan Hoogganaa Ol’aanaa dhaabbatichaatti guddatee har’as miidhaa biraa gaazexessitoota Oromoo irraan gahaa jira.
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Akkuma beekkamu sochiin Qeerroon biyya keessaa gaggeeysaa jiru hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaa akkasumas firaa fi diinaafiis ifa tahuun isaa beekkamaadha.Kuniis eega sochiin Qeerroo Bilisummaa bifa addaan Oromiyaa guutuu keessatti warraaqsa biyyoolessaa qabsiisuun faajjii ABO ol kaasee gaaffii hundeesiyaasaa ABOn durfamu aduunyaatti muldhisee booda diinni karaa sochii tana ittiin dadhabsiisuu mala adda addaa dhawaa jiraacchuun isaa ni hubatama. Keessahuun sochiin Qeerroo kan Onkololeessa bara 2016 kana keessa gaggeeffamaa jiru gurra adunyaa hunda hawwatuu fi diina naasisee labsii muddamaa akka labsu taasisuun isaatiis ifaa dha. Kanaaf diinni yeroo ammaa karaa jala deemtoota isaa akka qabsoo Oromootiif dhimmee of fakkeeysuun sochii qabsoo bilisummaa Oromoo kan ABOn gaggeeyffamaa jirtu dadhabsiisuuf hawaasa Oromoo kan baqatummaan biyyoota gara garaa keessa jiran dogoggorsaa jira.
Continue reading →
Gadaa Maccaa Irraa
Akki itti jirru,akkataan itti jirrus kan wal nama gaafachiisu miti! Kan wal gaafatanis miti!.Haa ta’u malee, dhimma sirni garboomfataa afaan faajjii uummata keenya taasisuuf yaalu irratti barreessuuf,afaan kobbee kootii saaqe!
Sirni garboomfataa kun salphina hin beeku,qaanii hin beeku,Gadaa hin beeku,caaccuu,bokkuu,siiqqee,dhaabata,alangaa hoodaa,meedhichaaf moggaasas hin beeku! Waraanni wayyaanee kun wanbadee badduu akka taate,murna kana keechaa qaamni ergamtuu dhalatte OPDOn illee xurree wanbadee kanaaf haala aanjessaa,mijeessaa ilmaan Oromoof qilee dhiphinaa qotuun Oromoon gaaga’ama hammana hin jedhamne keessa bu’eera!
Yeroo ammaa kana Oromoon diinaaf akka hin jilbeenfanne,biyyasaa akka hin saamsifneefi eenyummaa isaaf eegumsa fi jaalala guddaa akka qabu hubachuun diinaayyuu diina Uummata Oromoo boqonnaa dhoorgee jira!.Kanaaf Oromoon ammas waan isa barbaachisu mijeeffatee itti fufuu….biyya isaaf Bilisummaa,dachee isaaf walabummaa labata isaaf birmadummaa gonfachuun kanaafimmoo wareega hanga dhumaatti baaasuun dirqama
Haala qabsoo Oromoon amma irra ga’e kana gara fuuladuraatti nu tarkanfaachisuu danda’an irratti jabaachuun egeree Oromiyaa milkeessiif wantoota nu barbaachisan! Continue reading →
Damee Boruu irraa
Uummatni rakkina mataa isaa furachuu hin dandeenye rakkina ormi biraa wajjin qabu hikkachuuf ayyaana qabaachuu hin danda’u. Burqaan rakkinaa kan maddu walaalumaa irratti . Hawaasa keessatti harki guddaan isaa walaalaa fi doofa tahee yoo jirate namoonni qaroon fedhii isaanii bakkaan gahuuf kan tattaafattan namoota walaala kanaof of dura oofudhaan taha. Warri walaalan yaadni oofan kun mataa isaanii iyyuu boola keessa gashuuf yoo kan deemu tahe tahe naannesanii ilaaluuf beekumsa gahaa hinqaban. Kanaafuu isuma isaanitti himame qabatanii boola seenu malee of duuba deebi’anii maal hojjechaan jiraa? jedhanii of hin gaafatan. Warri ayyaana ilaallatoonni immoo uummatatti bahanii waan isaan dubbatan ifatti dubbatanii of saavila hin baasan. Continue reading →
Onkoloolessa 23/2016 Ergaa Labsiin Hatattamaa Wayyaaneen Labsiitee Humna waraanaan Biyyaa Shoroorkeessuu Eegaltee Oromiyaa keessaatti Yakki Waraanaa Daangaa hin qabnee Uummata Oromoo Waliigalaa irratti bifa armaan Gadiin Rawwatamaa Jira!!
Yeroo Ammaa Hoomaan Waraanaa hanga sadarkaa Gandaa, Maayibaasii, Aanaalee Oromiyaa, Godinaalee, Magaaloota Oromiyaa, fi Oromiyaatti Qubsiifamuun Uummata Ajjeesuu Saamuu, hidhuu, reebuu, yakkaa gudeeddii fi yakka duguggaa sanyiituu ifatti rawwaachaa jira.
Uummatni fi Qeerroowwaan sodaa Waraanaa qajeelfamaafi akeekaa wayyaaneen karaa waraanaa fi ergamtuu isaa OPDO dabarsuu hin fudhannuu jechuun akkuma wayyaanee irraatti fincilee jiruutti waadaa waliif galee wayyaaneen nurraa bu’uu qaba jechuun dideetti itti fufee jira.
Waraanni Wayyaanee humnootaa Ittisa Uummataa Tarkaanfii waraanaa Agaazii fi Roorriftuu irratti fudhachuun meeshaa hiikkachuun miliqanii jiran adamsaa jiraachuun cinatti dargaggoota Oromoo fi sabboontoota homaa hidhannoo of harkaa hin qabne bakkootaa hedduutti Oromummaa qofaan yakkuun dhukaasanii ajjeessuu ittuma fufanii yakka duguuginsa sanyii balleessuu rawwachaa jiru.
Oromiyaa Keessaatti Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi preparatory Guutummaatti 80% Cufamanii jiruu, mooraan manneen barnootaa waraanaan marfamee biyyattiin Raafama Guddaa keessaa waan jirtuufii Waraanni Wayyaanee dhukaasee ajjeesaa waan jiruuf maatiin barattootaas ilmaan keenyaa waraannii waan fixaa jiruuf manneen barnootaatti hin erginuu jechuun mormii waraanaa wayyaaneef qaban ibsatani.
Continue reading →
Damee Booruun
Waraanni Wayyanee guyyaa hundaa Oromoota sammuu qaban adamsee ukkaamsuu, ajjeessuu fi mana hidhaati dararuu irraa darbee uummata Oromoo nagaa dhowwachuudhaan akka goolaa jiru gabaasaa Qeerroo irraa hubachaa jirra. Keessattuu hammeenyi bartootaa Oromoo irra gahaa jiruu dhaga’uunu garaa nama hammeessa. Warri ukkamaman yaroo dhumasana akka ajjefaman mamii qabaachuu hin qabnu. Qoteebulaa, hojjetaa, barataa fi artistiin Oromoo uukkaman duba kan quba itti qabutu jira. Qubni cituu malee fala biraa hin qabu.
Qeerroon nagaa eegduu TPLF tokko shan diigee of ijaaree warra quba ilamaan Oromoo itti qabanii ficcisisaa jiran kana hubachuu ni dadhaba jedhee hin yaadu. Warra garaa malee sammuu hin qabnee kanaan ilmaan Oromoo dhumuu fi biyyi Oromoo saamamuun fudhatama hin qabu. Tooftaan TPLF inni duraa Oromoota qara tahan fixxuu dha. Warri qara tahan yoo dhuman isa hafe gowwosaniis tahe dorsiisudhaan hin bitna abdii jedhuu qabu. Kunis kan madduu tuffii fi oftulummaa Wayyaannee irraa akkeeka ka’e akka tahe ifa jira. Akka amma deemaa jiru kanatti yoo qabsoon kun kan itti fufu tahe humni injifachuuf deemu gara kamitti akka madaalaa deemu hubachuun rakkisaa miti. Continue reading →
Baqattoonni Oromoo Biyya Ugaandaa keessa jiraatan, sirna kabajaa ayyaana irreechaa fi Lammiilee keenya Oromiyaa, Ona Bishooftuu Hora arsadeetti dhumaniif, akkasumas sirni Biyya Itoophiyaa bulchaan jira jedhu, labsii hatattamaa mirga umamaa ukkaamsuu Ummata isaanii irratti lbsamee mormuun, Onkololessa 16, 2016 Magaalaa kaampaalaatti sirna ayyaana irreechaa, gaddaa fi yaadannoo gaggeessaniiru.
Qophii Koreen Waldaa Baqattoota Oromoo Mooraa Kominiitii seentaritti qopheessee kan eegalamee, Hawaasi Oromoo kominiitii seentaritti ega wal argee booda, gara Malkaa irreeffannaa ykn bakka kabakaa lake jedhamutti argamuun sirna Irreeffanna yk waaqa galateeffachuun ture.Hawaasi oromoo Ugaandaa/kaampaalaa jiraatuus, uffata Aadaa uffachuun, AADAA BOONSAA OROMOON qabu Ummata magaalaatti mul’isaa sirna irreeffannaa gaggeessaniiru.oduu-ayyaana-irreechaa-2016-kaampaalaa
VIDEO
OMN English News, October 22nd 2016
Central Oromia, in the county of Jarso, Selale zone, the Ethiopian government forces (Agazi) have been raiding homes asking residents to hand in their guns, residents informed the government forces that they have no guns to surrender.
The government forces have used this as an excuse to continue harassment, arresting and killings in this area. The residents when attacked have defended themselves and in result one military representative has been killed.
Family members have witnessed horrific abuses againts the prisoners in Kilinto Prison. This notorious prison is well known to imprison innocent Oromo and other political prisoners.
West Hararge in the county of Tullo, in the city of Hirna Agazi militants have targetted Oromo nationalists and have raided and exploited individual homes. The targeted individuals have been taken by the Agazi militants and there whereabouts are not known.
The Oromo community in Perth, Western Australia organised a rally to condemn the killings and human rights abuses conducted by the Ethiopian government. The Oromo community liased with other ethnic groups to hold a successful rally.
Haala kanaan kan yaadda’e gartuun abbaa irree wayyaaneen, labsii yeroo hatattamaa jechuudhaan baafateen dahatee loltoota amanamoo sirnichaa Oromiyaa keessa bobbaafatudhaan warreen waraana isaa keessaa bahuun QBOtti makamanii ummata isaanii falmaa haqaatti jiruuf aantummaa qaban dalagaan mul’isan irratti duulaa jira.
Akka kanaanis loltoota ‘Liyyuu Hayil’ jedhaman 400 ergama farrummaa kanaaf qopheeffaman keessaa 150ni Baha Oromiyaa Mi’eessorraan akkasuma 250ni ammoo Kibba-Baha Oromiyaa naannawa Madda-walaabuurraan Onkoloolessa 19 bara 2016 akka Oromiyaatti bobbaafaman barameera.
Humni mooraa QBOtti dabalame, qabsaawotaa fi ummata waliin tahuudhaan duula mootummaan wayyaanee waraana bobbaaseen irratti bane kana qolachuuf tarkaanfii fudhateen Madda-walaabuutti loltoota diinaa 4 ajjeesuu fi hedduu madeessuu akkasumas Mi’eessotti ammoo 2 ajjeesuun akka of duuba deebise ibsameera.
Bobbaa isaatiin kasaaraa haguuggatee kan of duuba deebi’e waraanni wayyaanee meeshaa guguddoo fi loltoota dabalataa waliin duula marsaa biraa banuudhaan Naannoo Somaalee keessatti of qopheessaa jiraachuunis bira gahameera.
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
Hiriira Mormii Ambootti Geggeessame, Jedhamee fi Himannaa Hidhaa; Ajjeechaa Arsii Nageellee Keessaa. Onkoloolessa 19, 2016.
Genocide: The person killed in Badessa, West Hararge this morning (19 October 2016) is identified as Koome. He is a businessman. He was arrested by Agazi this morning, forced to withdraw 900,000 birr from his bank account and executed him in the afternoon. Three more people who tried to lift his body were shot.
October 17, 2016 https://videopress.com/embed/JLM7FCM1?hd=0&autoPlay=0&permalink=0&loop=0
Mootumaa TPLF qomee demokraasii ufatee waggaa digdamii shan sirbaa baate Dhumaatiin Arsedee irraa molqee qullaa dhaabee jira. Dumaatiin ilmaan Oromoo ka mari’maan keenya waadu haa tahu malee dhuma aangoo Wayaanee tahuun isaa immoo jabina nuuf kenna. Onkololessa 2, 2016 kaase Wayaanee fi Uummatni Oromoo ifatti warra gumaa dhiigan duwwaa gargar bahuu danda’an tahee jira. Uummatni Oromoo haala keessa jiru kana keessaa kan bahuu danda’u injifannaan qofa tahuu murteefatee qabsoo hadhooftuutti akka seene kan hin hubanne jira hin fakkaatu.
Mootumaan TPLF tarkaanfii Uummatni Oromoo fudhachuu jalqabee kana waan sodaatteef labsii hattattamaa labsuuf dirqamtee jiri. Uummata Oromoof haalli kun injifannaa isa duraa ti. Biyyi Oromoo amma yoonaa humna waraanaan bulaa akka jiru eenyu jalaa iyyuu dhokataa miti. Waan haaraa itti tahu tokko illee hin jiru. Garuu Mootummaan kun maqaa demookraasiin biyya lafaa kadhatee akka lubbuu hin dheerefanne saaxila of baaftee jirti. Michoonni ishee warri kana dura badii Uummata Impaayera Itopiyaa maraa hoojjetamaa jiruu utuu arganii achi galgalanii gargaarsa itti hixatan hundi akka ofti qaana’aa isaanis saaxila baaftee jirti. Gargaarsi kam iyyuu mootummaa kana kufaatii irraa olshuu akka hin dandeenye eenyuufuu ifaa dha. Guyyaa awwaalamtu xiqqoo yoo achi buteef ni gaha. Mootummaan uummata bal’aa lolee mo’e tokko seenaa biyya lafaa keessatti amma yoona hin argamne. Duuti Wayaanee kan wal nama gaafachiisu yoo qabaate guyyaa isaa qofa. Continue reading →
Ilmaan Oromoo kun kaleessa (Onkoloolessa 17 bara 2016) Arsii Lixaa Aaanaa Kokosaa keessatti loltoota Wayyaaneetiin rashanamanii argaman. Namni Agaazii itti fidee qabsiise ergamtichaKadiro Kerroo jedhamu akka taheefi yeroo amma dargaggoota Kokosaa irraa baqatanii Shaashamannee galan qabsiisuuf garas imaluun beekameera. Irra of eegaa waan dandeessaniin dura dhaabbadhaa.
Genocide: Oromo youth murdered by fascist TPLF Ethiopia’s Agazi forces, in Oromia, Arsi, Kokosaa dstrict on 17 October 2016.
Scotiabank Toronto Waterfront half Marathon winner Kinde Asafa shown the#OromoProtests juster. #OromoRevolution. 16 October 2016.
Qabsoon Kara Maraan Itti Fufe Jira, Hactivistonni Oromo Marsarratti Dhabata Sabqunnamti Itiyoophiyaa Cabasu Isaanii Gabaasne Ture, Itti Aansun Kan Wajjira Barnoota Amma Immo Kan Dhabata Teliviziyinii Fi Radiyoo Itiyoophiyaa Cabsani Jiru! #OromoRevolution #OromoProtests Onkoloolessa (October) 16 bara 2016
Onkoloolessa 16,2016/ Akkuma beekamu sochiin naannoo kibbaa jiru daran jabaa kan tahe mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan FXG Oromiyaa keessatti
egalee jiru deggeruun fincila itti fufanii jiru.
Magaala Arbaaminci Geedoon fincila itti fufuudhaan waraqaa garagaraa dhaadannoo bittimsaa jiru waraqaan bittimsan fuula kana irratti kan argamuudha. Akkasuma sochiin paartilee mormitootaa kanneen akka SINEG walaghii addeemsisaa jiruun ijoolleen oromoo miidhama guddaa keessa jiru waan taheef nuti ijoolleen sidaamaas boo’icha finncila ijoollee Oromoo bira dhaabbachuu qabna wayyaanee kana ofirraa arihuu qabna kanaaf sochiin keenya jabaatee itti fufuu akka qabu jechuun walgahii adeemsisaani jiru.
Kan malees Miseennif hoggantoonni paartii Madrek naannoo kibbaa hadiyyaatti argaman mare taasisaniin ,obboleessi pro. Beyene Pheexroos Bezabih Pheexiross haala inni irra jiru mootummaan akka uummata beeksisuuf sochii godhaa jiraachuun dhaga’ame. Dabalataanis Deengessuu daangaa irratti bara 2000 aanaa Miidaa jala kan tuurte soqqeen guraageef akka kaennamtu kan godhe mootummaa kana kanaaf amma deebihuu qaba jechuun sochiin fincilaa eegaleejira.
Naannoo Sidaamaa walumaa galatti sochii Qeerrroon Bilisummaa oromoo taasisaa jiru deggeruudhaan mootummaa wayyaanee sirna isaa ofirraa
barbadeessuuf sochii isaanii itt fufaniitu jiru.
Onkoloolessa 16,2016, Godina Arsii bahaa aanotni shan Aanaa Roobee Diida’aa Aanaa Balee gasgaar Aanaa Amiinyaa Aanaa suudee Aanaa Xannaa baadiyyaaf magaalaanis caasaa mootummaatin ala jaarsolii biyyaatin bulaa jiru Aanaa Roobee Magaalaa Roobee diida’aa keessatti namni maqaan isaa Saadiqoo Kiyaaroo Jedhamu manguddummaaf ummataaf mootummaa walitti araarsa jechuun ummataaf mootummaa jidduu deemee waan ummanni hin barbaanne dalaguurratti bobba’ee jira.
Aanuma kana keessatti basaastonniifi milishoonni ganda Jiddaa Roobee KAN Maqaan isaanii Baahmud Ahmad fi Bunee Amaan jedhaman FXG tibba kana naannawa sanatti godhamaa jirurratti ummanni meeshaa irraa hiikkatee ture. haata’u malee jarri kun ammas gocha isaanii itti fufuun waraana agaazii magaalaa keessaa yaasanii uf jalaan deemun dargaggoota guursisaa jiraachunis dhagayameera Daandii Adaamarraa Roobee Diida’aa deemu laggeen Roobe fi Moorxuxaa jedhamanitti riqichi isaa ummataan addaan citee tures akkasumatti jira Agaazii ilikopteran gadi fidaa jiru.
#OromoRevolution #OromoProtests, Kofale responds to TPLF state of emergency in massive defiant rally. 15 October 2016.
“Miseensonni Sochii Fincila Xumura Gabrummaa damee Iluu fi Jimmaa kan magaalaa Riyaaditti argamnu Sochii qeerroon biyya keessaa gochaa jirani deeggaruuf tumsa goone irratti qarshii Itoophiyaa 250,000 oli walitti qabuu dandeenyeerra. Tumsi kana gochuuf kan nukakaase immoo goototni Aarsii lixaa Yeroo jarri fooxaa hafatanii qarshii rasaasa bitu walitti buusanu fb kee irratti erga arginee booda nuti atattamaan akka walgeenyee buusii goonu nutaasise.”
Joint candlelight vigil in Munich, Germany October 15, 2016
#OromoProtests. #OromoRevolution. Madda Walaabuu University. 12 October 2016
VIDEO
Onko,10,2016
WWWMY Beetel kan magaalaa Jimmaa dungoo yaadannoo uummata lubbuun darbee taasisee akkasuma kadhannaa kan nu miidhu nurraa kaasi jedhuun sagantaa akkaan barbaachisaa taate guyyaa kaleessaa taasisee jira.Daraaraa uumnatarraa gahaa jiru kun hanga uummata keenyarraa kaafamutti soomaan kadhannaa akka yeroo yerootti itti fufu,dabalatee utuu lammiin oggaayyuu gadda taa’uu farfannaa galataaf dhiichisaa qabuun sagantaan akka hin gaggeefamne walii dabarsanii jiran.Sagantaan akkanaa akka bakka hundatti itti fufu,Walgeelli garbuummaatti jiraachuu utuu hin taane Bilisummaa keenyaaf nuu laatame jechuun dhaamsa waldoota biraaf dabarsanii jiran.
Onkolooleessa 08,2016, Magaalaa sabbataatti kan argaman warshaa BMT,warshaa uffataa Arbaaminci,warshaa shittoo,dhaabbata DST,warshaa abaaboo dabalataanis manni jireenyaa tigirootaa ganda 02 fi 08tti argaman gubatniiru. Kana malee sochiin itti fufee diimaa bakka jedhamutti warshaa biiraa meettaa sheh alhamuddin warshaa uffataa siyaagil 2, warshaa uffataa arbaamincii, konkolaataa daandiirra turan wajjira gandaa 1,barbadeeffameera.
Konkolaataa warshaa ayikaa 14 caccabsaniiru. Onkoloolessa5,2016 magaalaa Alam Ganaa keessatti mana jireenyaa fi mana barumsaa diiguun,warshaa suuraa keentiri jedhamu gubuun lammileen Oromoo hin tahiin magaalitti lakkisanii akka bahan ta’ee jira.
Aaanaa Aqaaqii Qaallittiitti waajiirri poolisii walii gala tarkaanfiii humna addaatiin gubatee barbadeeffameetu jira. Arsii bahaa aanaa Limmuu fi Bilbiloo ganda Gimbichuutti daandii addaan kutuudhaan riqichi guddaan caccabee jira. Akkasuma aanaa mertiittimmoo waajjirri ganda fi warshaan cuunfaa Afriikaa jedhamu humna addaatiin gubatee jira.
Magaalaa Shaashamanneetti magaazanni xaa’oo fi midhaanii gubatee jiraattonni Oromoo hin tahiin akka magaalitti gadilakkisan taasifamaa jira keessasttuu ilmaan tigooraa. Ganda baadiyyaaatti immoo waajjirri ganda gubaniiru. Aana gadab asaasattis magaazanni midhaanii gubatee jira.
Daandiwwan kaleessaa kaasanii Arsi lixaa fi Arsii bahaatti akkasuma baalee fi harargetti guutummaadhaan cufameetu jira. Ammas humini addaa injifannoo kanaa oliif karoora bahe bakkaan gahuuf hanga dhumaatti itti fufeetu jira. Wayyaaneen sochii kana tasgabbeessuuf humna waraana fi meeshaa lolaa qopheessaa jirti.
#OromoProtests #OromoRevolution
Nuti barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa haala biyyaa keenya keessatti ta’aa jiru addatti humna shororkaa mootummaa abbaa Irreetiin uummata Oromoo irratti raawwataa jiru,keessattuu gocha uummata Oromoo waaqa Uumaa isaa kadhachuuf baherratti humna hidhannoo fayyadamee waraana lafoof waraana qilleensarra fayyadamuun ilmaan Oromoo egeree biyyattii ta’an qaqqalii kanneen lakkoofsaan 700 ol ta’an irratti dhukaasa banee lubbuu hanga kana daqiiqaa 30 gidduutti galaafachuu isaa gadi jabeessinee nii balaaleffanna,Akkasuma erga mormiin diddaa
Maaster Plaanii eegalee asitti qe’een Oromoo guyyaa tokkoof bohichaaf awwaalcha du’a suukanneessaa ilmaan isaa beektootaaf haayyootaa
bahanii galuu dadhaban dhabee hin beeku.Hidhaan uummata nagaarraa takkaa dhaabatee kan hin beekne yoo ta’u .Akkasuma gochaa duguuginsa
sanyii uummata Konsoorratti ganna darbe fudhatamee ilmaan uummata Konsoo barbadeessuuf waraana irratti labsamee lubbuun kumootaan
laakaahamu biyyaattii keessaa humna mootummaan of cinaa dhabuu keenyatti addatti gadda guddaan nutti dhaga’ama.Dabalataan uummata
Amaaraa irratti ajjeechaa raawwatamee hayyuuwwan qaroo biyya kana jijjiiruu danda’an barattoota adda duree of cinaa dhabuun keenya
godaannisa sammuu keenya keessa hin haqamne ta’uu jabeessinee hubachiisuu barbaanna.Gochi kun gocha addunyaarratti raawwatee hin
beekne ta’uu hubachiisuu feena.Mootummaa nama nyaataa Wayyaanee kana seenaan addunyaa akkuma Adolf Hitilar galmeessee jiru mootummaa
Dhiittaaf nama nyaataa ta’uu seenaa Addunyaa akka nuu bartu cimsinee nii gaafanna.
Continue reading →
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
VIDEO
#OromoProtests hit Ethiopia after #IrreechaMassacre. 3rd October 2016 . Crusader Journal.
(Independent, 3rd October 2016) : Violent clashes continued in Ethiopia as the relatives of dozens killed during a protest on Sunday flocked to the scene of the deaths, creating further tension. “Some people tried to come out en masse this morning to protest the deaths of holiday-goers on Sunday and also demand the release of people arrested during the celebrations,” Nimona Negash, a tuk-tuk driver in Bishoftu, told the Associated Press.
Wayyaaneen TPLF,Ayyaana Irreechaa bara 2016 gara Calanqoo fi Anoolee lammataatti geeddaruun uummata Oromoo 320 ol jumlaan galaafattee namoota 150 akka jabaa madeessuun Hospitaala seensiste.
Ganamuma “Ayyaana irreechaa baranaa UNSCO irratti waanan galmeessisuuf Alaabaa ABO qabattanii akkka hindhufne, nutis kan OPDO qabannee hin baanu…kan abbootii gadaa malee…” jechuun baasiilee miiliyoonotatti lakkaawamu baasuun Abbootii gadaa Hooteela Soodareetti walitti qabanii keeyyata qabxii 13 kan uf keessaa qabu baasan keessaa kan keeyyata 12ffaa irratti labsame uummatni alaabaa ABO qabatee akka irreecha kana irratti hin argamne kan akeekkachiisu yoo ta’u, uummatni xiiqiin guutame garuu alaabaasaa fannifatee soda tokko malee harkasaa ol qabee walirra qaxxaamursuun karaa nagaa qofa mallattoo Diddaa uummata Oromoo agarsiisaati gara irreeffannaatti seene.
Guutummaa Gabaasa Kanaaf:- ayyaana-irreechaa-bara-2016-wayyaaneen-gara-calanqoofi-anoolee-lammataatti-geeddaruun-uummata-oromoo-320-ol-jumlaan-galaafattee-namoota-150-akka-jabaa-madeessuun-hospitaala-seensiste
Onkoloolessa 3,2016
Uummanni Oromoo waggoota 6010 darban duraa eegalee Ayyaana guddaa Uumaa isaa itti galateeffatu ayyaana Irreecha Birraa qaba.Baroota darban keessatti gammachuuf jaalaalaan bahee wal gaggeessaa ture.
Guyyaa kaleessaa jala bultiirraa jalqabee uummanni tilmaamaan miliyoonotaan lakka’amutu fuula ifaa hawwii guddaan waaqa Uumaa galateeffachuuf magaalaa bushooftuu keessa ture. Ayyaanicha jaleewwaaniif mootummaan abbaa irrummaasaa addatti addunyaaf lallabu,Afarsa Siyyaasaa isaa taasifachuuf walitti qabachuun buchulloota isaanii.Kan naannoo sana qubatan Guyyaa har’aa ganama sa’a lama keessa oduu isaanii dubbatachuuf yoo ka’an Qeerroon mallattoo mormiif iyya dhageessisuun,akka hin waraabbanne taasisanii achii ari’anii jiran.Gootonnni Qeerroo ilmaan Oromoo diina isaanii hidhannoo guutuun itti dhukaasaa deemu,keessattuu dhukaasa Helekoptaraa irra keessaan jala warra lafoon irratti banamullee alaabaan barattoonni Oromoof Sabboontonni hedduun itti lubbuu isaanii dhabaa jiran Alaabaan ABO balali’ee oolee jira.
Helekoptarri dhufullee Uummanni jabaatee waltajjii Wayyaanee injifannoon diigee harka qullaa isaan lakkisee jira. Maaloo jedhanii jilbatti hanga kufanitti yoo kadhatanillee,gootonni dargaggoon Oromoo sagalee guddiftuu harkaa butuun sagalee guddaan mormiin gaggeefame aarii kanaaf jecha dhukaasi banamee qareeyyiin hedduun
lubbuun dabartee jirti. Continue reading →
Down! down! Down With Wayyanee! Down with Fascist TPLF. OromoProtests 2nd October 2016 at Irreecha. #IrreechaMassacre.
VIDEO
#OromoProtests 1st October 2016 in the eve of Irreecha in Bishoftu, Oromia.
Jalabultiin Irrechaa Kana Fakkata! Onkoloolessa 1 bara 2016.
VIDEO
Like this: Like Loading...
Related
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]
[…] Click here for #OromoProtests/ #OromoRevolution report 1 – 31 October 2016 […]