Walaloo BAQQALAA GARBAA mana hidhaa Qilinxoo irraa erge August 16, 2017
Posted by OromianEconomist in Baqqalaa Garbaa.Tags: Africa, Because I am Oromo, Bekele Gerba, Ethiopia’s secret genocide, Free Bekele Gerba, Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Baqqalaa Garbaa's peom from Qaalitti, ofc, Walaloo BAQQALAA GARBAA mana hidhaa Qilinxoo irraa
trackback
Walaloo BAQQALAA GARBAA mana hidhaa Qilinxoo irraa erge
Daandiin keenya qoreen guutee
Duugdi keenya ulee quuftee
Abdiin osoo hin dhalatin
Ifa hin argin
Nurkaa duute.
Haata’uyyuu malee ni deemnaa hin dhaabbannu
Miilli nu bututes nuti abdii hin kutannu
Biyya hawwa keenyaa
Hin hankaaknu hin geenya
Karaa dheeraa sana
Bu’aa ba’ii sana
Dheebotaa beela’aa
Kukkufnee kaka’aa
Imimmaan lolaasaa
Dhiiga dhangalaasaa
Dukkana kaleessaa qabsoodhaan ibsinee
Ifa boruu arguuf har’arra dhaabbannee
Kunoo ilaalaa jirra biiftuu ba’uuf jirtu
Urjiin bilisummaa yommuu calaqqiftu.
[…] Walaloo BAQQALAA GARBAA mana hidhaa Qilinxoo irraa erge […]