Haala Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) Deemaa Jiru Ilaalchisuun

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qeerroon Bilisummaa Oromoo haala waliigalaa ummanni Oromoo keessa jiru ilaalchisuun: duula mootummaan Wayyaanee kittillayyoota EPRDF jalatti ijaaratte waggaa 25 nu ajjeesaa fi samaa bahe qabatee daangaa Oromiyaatti kallattii hundarra bane dhumaatii suukaneessaa lammii keenyarraan gahaa jiru, qabeenya saamamee fi barbaadaawe, duula baname kanaan buqqa’uu lammiilee keenya 150,000 caalanii ilaalcha keessa galchuun; hidhamtoonni Oromoo murtii haqaa waakkatamanii bara-baraan hidhaa keessatti galaafatamuu fi gidirfamuun itti fufuurraa, walumaagalatti haallan kanneenii fi biroos ummanni Oromoo bulchiinsa suukanneessaa TPLF/EPRDF jalatti mudataa jiru mormuu fi ummata keenyaa fi addunyaa beeksisuuf akkasumas gaaffii mirgaa dhiyeeffatuuf Onkoloolessa 11,2017 (Onkoloolessa 11 bara 2010) hiriira nagaa waamuun keenya ni yaadatama.

Hiriira kanas gaafa waamame (Onkoloolessa 11, 2017) irraa kaasee magaalaalee Oromiyaa xixiqqoo hanga gurguddootti, gandeen baadiyyaa golee Oromiyaa hunda osoo hin hafne ummanni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa waliin ka’ee,  birmatee gaaffi isaa kan mirga abbaa biyyummaa fi birmadummaa mootummaa dhaa fi addunyaattis itti fufiinsaan dhageessifatee jira. Kunis injifannoo ol’aanaa xumura sirna gabrummaa irratti jalqaba bara kanaatti goonfatamee tahuun hundaaf labsina. Kanneen QBOf wareegamaa jirtanii fi ummata keenyas injifatnoo ol aanaa kanatti milkaawuu keenyaaf gammachuu keenya ibsina. Ummmata keenyattis boonnaa.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo milkii fi injifannoo guddaa argame kana keessatti hirmaannaa sabboontota OPDO keessaa kumaan lakkaawamanii kana hirmmaannaa isaanii guddoo dinqisiifatu ibsaa, akkasuma aantummaa Poolisootni Oromiyaa bakkoota hedduutti agarsiisan, ummata keenya ittisuu fi hiriira kanarratti nageenya hiriirichaa jeequurraa bal’inaan of qusatuu isaaniif dinqisiifannaa qabnuss ibsanna. Hireen keenya tokko tahuu hubatuudhaan warraaqsa biyyoolessaa gaggeessa jirrutti xumura gochuun mirga abbaa biyyummaa harkatti galfatuuf akka waliin sochoons waamicha keenyaa haaressinee hundaaf dhiyeessina.

Hiriira nagaa haala kanaan nagaan gaggeeffamaa ture mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa humnoota waraanaa itti duulchisuun Shaashamannee, Iluu Abbaa Booraa, Kaaba Shaggari fi Baha Oromiyaa dabalatee bakkoota hedduutti lammiilee hiriira nagaa gageessan irratti dhukaasa roobsuun lubbuu namoota galaafatuu isaa guddisnee balaaleffanna. Hiriira kana jeequufis Naqamte, Shashamannee, Waliso, Kaaba Shawaa fi bakkoota adda addatti tikoota isaa bobbaasee balaa geessisuu yaalee fi geessises balaaleffatna. Fuula duratti Qeerroon bilisummaa fi ummatni keenya shira garaa jabinaa tikni Wayyaanee bara baraan gaggeessuu kana of irraa tohatee maseensuu irratti akka dammaqinsaan hojjatu hubachiifna.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo hiriirri gaaffii mirgaa dhiyeeffatuuf karaa nagaa guutummaa Oromiyaa keessatti bal’inaan deemaa ture haala aanjaa argatuu fi yeroo barbaachisetti  daran bal’atee akka itti fufu dhaamaa, naannolee humnoonni hidhattootaa mootummaa jiranitti wal dura dhaabbannoo taasisuurraa akka of qusatamu hubachiisna. Sochiin mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo wareegama qaalii baasee gaggeessaa jiru ammallee bifa itti fufiinsa qabuun finiinuu akka itti fufuu fi murna samtotaa TPLF-tti xumura gochuuf akka irree guutuun dhaabbataan sossoonu dhaamsa dabarsina. Kanuma waliin sochii itti fufinsaan godhamu kana keessatti ummatni keenya lubbuu fi qabeenya sivilii kamiifuu eegumsa akka godhu walumaan hubachiifna.

Maayiirratti mootummaan faashistiin kun haala nagaatiin:

  • Hidhamtoonni Oromoo hundi hatattamaan akka hiikaman
  • Kanneen bara-baraan ummata keenyarratti yakka dalaganii fi dalagsiisan seeratti akka dhiyaatan;
  • Humnoonni waraanaa fi poolisa federaalaa waggoota dabran hunda nurratti lola labsaa jiran kun akka nurraa ka’an;
  • Ajjeechaa, hidhaa fi saamichi akkasuma buqqa’iinsi ummata Oromoorra geessifamaa jiru daddaffiin akka dhaabbatu;
  • Gaaffiin mirgaa karaa nagaa dhiyeessie deebisaa akka argatu irra deddeebinee gaafannus deebisaa waakkatamuu keenya hubachiisaa,

Ummanni keenya ajaja amma irraa kaasee caasaa mootummaa gabroomfataa diriirsee waanjoo gabrummaan hidhee jiru kana of irraa caccabsuu irratti akka hojjatu waamciha gadi jabeessinee dabarsina. Kanaaf bifa kamiinuu ajaja mootummaa irraa kennamu akka hin fudhannee fi hojiirras hin oolchine, hariiroon bifa kamuu caasaa mootummaa waliin akka dhaabbatu gadi jabeessinee dhaamatna.

 Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti!

Injifannoo Ummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Finfinnee.

Onkololessa 20, 2017