jump to navigation

BBC Afaan Oromoo: OFC: Mootummaan Itoophiyaas ta’ee paartiin biyyattii bulchaa jiru gaaffilee uummataaf deebii kennaa akka hin jirre paartiin Koongirasii Federaalistii Oromoo ibsan October 22, 2017

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , ,
trackback

OFC Press Release

Biyya qabna jechuun nu yaaddesseera – KFO

20 Onkololeessa/ October  2017


Obbo Mulaatuu Gammachuu miidiyaaleef ibsa yoo kennan

Goodayyaa suuraaBiyya qabna jechuun nu yaaddesseera, Kongirasii Federaalistii Oromoo

Mootummaan Itoophiyaas ta’ee paartiin biyyattii bulchaa jiru gaaffilee uummataaf deebii kennaa akka hin jirre paartiin Koongirasii Federaalistii Oromoo ibsa har’a miidiyaaleef kenneen beeksiseera.

Hirriirawwan tibbana adeemsifaman irratti lubbuun namaa darbuunsaa fi qabeenyi manca’uunsaa na yaaddeeseera kan jedhe paartichi mootummaan gaaffilee uummataaf xiyyeeffannaa kennuu qaba jedheera.

Akkaatuma hiriira irratti gaafatamaa tureenis, mootummaan hidhamtoota siyaasaa mara akka hiiku, buqqa’iinsi uummataa akka dhaabbatu fi kanneen dararaan irra gahee qe’ee isaanii irraa buqqaafamanis hattatamaan iddoo irraa buqqa’anitti deebi’anii akka dhaabbatan paartichi gaafateera.

Aangawoota mootummaa dabalatee shakkamtoonni ajjeechaa raawwatan seeratti dhiyaachu qabus jedha ibsi paarticha.

Hiriirawwan tibbanaa irratti namootni aasxaa yookan alaabaa paartii koongirasii Oromoo qabatanii bahuusaanii fi taatichi fedhii KFO akka hin taane dura taa’aa itti aanaan paartichaa Obbo Mulaatuu Gammachuu himaniiru.

Paartichi namootni asxaa/alaabaa Koongirasii Federaalistii Oromoo qabatanii hiriirawwan kunneen keessatti hirmaataa turanis malaammaltoota viidiyoo waraabuun fiilmii dokimantarii hojjechuu karoorfatan ta’uusaanii ragaalee argadheeras jedheera.

Rakkoon naannoolee daangaa Oromiyaa fi Somaalee gidduutti uummames “mala mootummaan gafilee uummata ukkamsuuf itti fayyadamedha” kan jedhe partichi “dhimmichi walitti bu’iinsa uummataa osoo hin taanee haleellaa humni mootummaa hidhate uummatarraan gahe dha,” jedheera.

Humnoota hidhataniin uummata irraan miidhaa geessisan kanneen gama dhaabsisuutinis mootummaan gahee isa irraa eegamu akkan hin baane fi mirga uummataa kabachiisuu dadhabuusaa himan dura taa’aan itti aanaa paartichaa Obbo Mulaatuun.

Taateewwan uummatni mootummaarraa abdii akka hin qabaanne taasisan uumamaa jiran biyya qabna jechuuf nu yaaddesseeras jedhaniiru.

Dhumarattis uummatni sabaaf sab-lammiilee biroo naannoo Oromiyaa keessa jiraniif eegumsa akka godhan paartichi waamicha dhiyeeseera.

 

 


The Oromo Federalist Congress Press Release
Oct 20, 2017
Finfinnee (Addis Ababa), Oromia, Ethiopia


Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: