Advertisements
jump to navigation

Oromo nationalists have vision not only for those who are under the Ethiopian empire but also for unity of all African peoples July 23, 2018

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , , , , , , , , , , , ,
trackback

Odaa Oromoooromianeconomistfb367-alaabaanewOromia in the African Union


Oromo nationalists have vision not only for those who are under the Ethiopian empire but also for unity of all African peoples


Obbo Ibsaa Gutamaa


Remnants of old Nafxanyaa system are taking Habashaa people as idiots when they presented crime committed somewhere in Africa as if Oromo were massacring their compatriots. But the people have shown them wisdom and forced them to apologize. These Nafxanyaa system hopefuls are running around spreading rabies to contaminate people to people relations. Therefore, it is advised to distinguish those from the true Habashaa folks. Oromo enemies also try to present Oromo liberation movement as if it does not have vision for other nations and nationalities after destruction of the Imperial Nafxanyaa system. Priority for the liberation movement is set as independence of the Oromo nation. But the vanguard of Oromo liberation movement had a proviso starting from its initial program; “It will work to bring about where possible political union with other nations on the basis of equality, respect for mutual interests and the principle of voluntary association.” Oromo, starting from their name are visionary people. Oromo means “People” or Orma. They believe that humanity is one, but each people is created with own culture and language and given a definite territory and natural wealth. However, those unsatisfied with their own nature want to change that natural order. That is how colonization (maaqnat) of Oromiyaa and other neighboring independent countries occurred. It was with heavy guns against spears, arrows and clubs that the Habashaa led force subdued nations found to the south of their kingdom. Those soldiers that wielded guns at that time were called “Nafxanyaa” irrespective of their national origin. “Nafxi” literally means ammunition; Nafxanyaa thus means man of ammunitions. Though it does not mean Amaaraa, Amaaraa and Tigraaway were the majority fighters and leaders of the colonial force. Nafxanyism is a system then established over Oromiyaa and others. There are their remnants that have still nostalgia for that system and remain problems to people to people relations. In a simple language the essence of Oromo revolution is no outside force will be ruler over them without their expressed will. Oromiyaa will not be the first country in which aliens live among natives. Let alone after declaration of human rights on international level, Oromo had lived respecting them before that from time immemorial with guidance of their Gadaa politico-social system. Law had been supreme for all times in Oromiyaa. Be the Oromo or non-Oromo everybody is expected to live by the constitution and laws of that nation. Be it what or where alien that came by force or guests will never be allowed to curve out an island in Oromiyaa for their own. Oromo nationalists have vision not only for those who are under the Ethiopian empire but also for unity of all African peoples. Founders of the OLF were youth under the spell of Pan-Africanists like W. E. Dubois, Marcus Garvey, Kwame Nkrumah and others. Though Ethiopian governments well know that the Oromo question is the greatest of problems in maintaining their empire are afraid to address it. All of them have Nafxanyaa mentality of dominating other nations by force without their consent for glory and exclusive benefits from resources of their colonies. The “Qeerroo/Qeerrantii movement” is a continuation of more than hundred years of struggle against this. Oromo and all oppressed struggle shall continue until their sovereign right over their land and resources is recognized. Dr, Abiy is the leader of the reformist faction of EPRDF. There are organization rules against which he rebelled but there are also those that he has to retain to be legitimate. For this reason, he is still the leader of the ruling Ethiopian party. The office he occupies is the same old Ethiopian office and demands from him to maintain the dominant position of Ethiopia over Oromiyaa and all other colonies. That is what he has asserted over and over. Therefore, considering his government as an Oromo one is a failure of understanding relations of the very building blocks of EPRDF and Ethiopianism. Anyways he could be good for Ethiopia and the world if he could maintain supremacy of the law. That will also be good for Oromo for it will enable peacefully presenting their case. Oromo revolutionaries will not be distracted by Nafxanyaa hopefuls trying to smear Oromo name with fake demonstration; or be it when Oromo people are being massacred in all corners and their efforts to silence Oromo artist at such a time when the Doctor is calling for peace, love and “maddamar”. Let it be known that Oromo will no more remain subservient to alien rule. Oromo youth has shown them that they are not afraid of death when it comes to their right and the potentials they have to stop any aggressor. Oromiyaan haa jiraattu!



Harcaatuun sirna Nafxanyaa durii ummata Habashaa akka raatuutt fudhachuun yakka biyya Afrikaa tokkott tolfame akka waan Oromoon lammii saanii fixeett agarsiiste. Garuu umatni gamnummaa agarsiisuun akka dhiifamaa gaafatan isaan dirqeee jira. Abdattuun sirna Nafxanyaa kun olii gadi fiigaa nyaanyee facaasuun hariiroo ummataa fi ummata gidduu faaluu yaala jirti. Kanaaf isheef ummata Habashaa dhugaa addaan baasanii ilaaluutu gorfama. Diinoti Oromo kufaatii sirna Imperiyaal Nafxanyaa boodaa, sabootaa fi sabaawota empayerittiif sochiin qabsoo bilisummaa Oromo daaya (vision) hin qabu jedhanii dhiheessuu yaalu. Durfannoon sochii bilisummaa, walabummaa saba Oromo akka tahe lafa kaa’amee jira. haa tahu malee kallachi qabsoo Oromoo waan tahuu dandahu akka kaa’ett; “Bakka dandahamett sabaawota biraa waliin tokkumaa malbulchaa, walqixxummaa, fedha waliif kabajaa fi akeeka fedhaan waldaa ummachuun hundaawe irratt hojjeta” jedha. Oromoon maqaa saanii irra ka’ee ummata daaya qaban tahuun ifaa dha. Oromoo jechuun, ummata/Orma jechuu dha. Ilmaan namaa tokkuma jedhanii amanu. Garuu toko tokoon umataa aadaa fi afaan saa waliin uumamee, daangaa fi qabeenyi uumaa beekamaan kennameefii. Haa tahu malee kanneen uumaa saaniitt hin quufne sirna uumaa jijjiiruu barbaadu. Akkasitt koloneeffamuun Oromiyaa fi biyyoota ollaa walaba turan biro kan tahe. Qawwee gurguddaanitu humni Habashaa fi kan kalchaniif biyyoota walaba, Oromiyaa fi saboota kibba, eeboo, mancaa, xiyyaa fi shimala qofa hidhatan cabsuuf kan bobbahan. Loltooti yeros qawwee qabatanii itt duulan saba kam keessaayyuu haa dhufanii “Nafxanyaa” jedhamu turan. “Nafxii” jechuun rasaasa jechuu dha; kanaaf Nafxanyaa jechuun nama rasaasaa jechuu dha. Amaara jechuu yoo baateyyuu humna koloneeffataa sana keessatt heddumminaa loltummaa fi hogganummaan kan argaman Habashoota turan. Nafxanyumaan egaa, sirna koloneeffataa Oromoo fi kanneen biroo irra buufate. Harcaatuun saanii sirna sana yaadan, kan ummataa fi ummanni akka wal hin agarre rakko uuman jiru. Afaan salphaan, annisaan warraaqsa Oromoo, fedhaan ifsatan malee Oromiyaa irratt alaa dhufee bulchaa tahuu kan dandahu jiraachuu hin qabu jechuu dha. Oromiyaan kan halagooti abbaa biyyootaan walmakanii keessa jiraatan biyya isee jalqabaa miti. Sadarkaa sabgidduutt mirgi ilmaan namaa erga labsamee hafee isaan dura yeroo hin yaadatamneef masaka sirna Gadaa malbulchaaa fi hawaasomaan masakamanii kabajaani jiraatanii turanii. Bara hunda Oromiyaa keessatt seerrii olhaanaa tahee jiraate. Oromoo tahee Oromoomitiin heeraa fi seera sabichaa ulfeessanii jiraachuutu irra eegama. Waan fedhe, bakka fedhe haa tahu halagaa humnaan dhufe haa tahu kan keessummummaan dhufe Oromiyaa keessatt laaqii dhuunffaa Qoree baafachuun gonka hin hayyamamuufii. Sabboonoti Oromoo kanneen empayer jala jiraatan qofaaf utuu hin tahin tokkummaa ummatoota Afrikaaf daaya qabu. Dargaggoon Oromoo ABO bu’uursan kanneen irra marsa Pan Afrikessootaa akka, W. E. Dubois, Marcus Garvey, Kwame Nkrumah fi kanneen biroo jala turanii. Mootummaa saanii jiraachisuuf rakkinni guddaan qaban gaaffii Oromoo tahuu beekanuu, mootummooti Itophiyaa fala itt soquu ni sodaatu. Hundi saanii surraa fi bu’aa addatt argatanii jedhanii saboota biraa gad qabanii jiraachisuu kan fedhan sammuu nafxanyummaa kan qabani. Hamma lafa saanii irratt abbaan biyyuumaa saanii beekamutt Oromoo fi ummatooti cunqurfamoo hundi qabsoon saanii hin dhaabbatu. Dr. Abiy hogganaa murna haaromsaa EPRDF keessaati. Danbiileen dhaabaa inni irratt fincile jiru; garuu seerawaa tahuuf kan innii hambifates jiru. Kanaaf inni ammayyuu miseensa gola aangoo irra jirruu Itophiyaatii. Ergasuu, akeeki saa masakaa kan Itophiyaa dullattii, olhantummaa Itophiyaa, Oromiyaa fi fi kanneen biraa hunda irratt jabeessuu dha. Kanaaf motummaa saa akka mootummaa Oromoott fudhachun dhaabaa fi dagalee EPRDF qayyabachuu dadhabuu dha. Kan fedhe tahus olhaantummaa seeraa eegsisuu yoo dandahe Itophiyaaf dansa. Gaaffii saanii karaa nagaa dhiheeffachuu waan dandahaniif Oromofis gaarii dha. Yeroo Doktorichi nagaa, jaalala fi “maddamariif” waamicha godhaa jiru kana dogoggorsituun hedduu dha. Warraaqxoti Oromoo, yaalii abdattuun sirna Nafxanyaa, maqaa Oromoo balleessuun agarsiisa sobaa dhiheessuun; ummati Oromoo golee hallett halagaan itt rorrifamaa jiraachuu haa tahu, ogneessaa Oromoo ukkaamsuu yaaluu saaniitiin dagamanii karaa nagaa irra hin mittiqanii. Oromoon sii’achi hacuuccaa bulcha halagaa jala hin jiraatuu. Dargaggoon Oromoo waan mirga saanii ilaalu irratt soda du’aa akka hin qabnee fi buuba dhaabuuf humna riphaa qaban itt agarsiisanii jiru. Oromiyaan haa jiraattu!

Advertisements

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: