Muddee 1, 2015 Arjoo Wallagga

Arjo (Jimmaa Arjoo), Wallagga Bahaa, Oromia, Qarree Arjoo irraan  Dachaa Nageessoo Gara Nuunnuutti

 In Jimmaa Arjoo, W. Oromia,  people are resisting the land grabs of Tabba (Qarree) Arjoo.

Qeerroon Jimmaa Arjoo akka hubachiisetti waliitti bu’iinsi kun kan uumamuu danda’eef sababa BOSONA TABBA ARJOOTI jedha.

Bosona Tabba Arjoo bosona uumamaatti dabaluun kan dhaabe uummata naannoo tabba kanaa jiraatu yeroo ta’u, bulchiinsi magaalaa Arjoo immoo kaartaa pilaanii Magaalaan itti qaba jechuun,bosonicha gurgurate Wayita uummanni Bosonni Oromiyaa guutuu mancaasaa jirutti callisnee hin ilaallu jechuun bosona Arjoo ciramaa jirutti ba’an bulchiinsi Jimmaa Arjoo kana girguruun nu ilaala jechuun bulchiinsa magaalattifi uummaticha wajjin wal dhabuutu himame.

Uummatichi yeroo ammaa kana Bosonni tabba Arjoo gonkumaa hinciramu jechuun mormii jabaa dhageessisaniin achuma aanicha keessa bakka leenjii humna waraanaa wayyaaneetii loltuu bobbaasuun uummaticha ba’aaf gala dhorkachaa fi uummaticha akka jeeqa jiran beekameera

Uummatichis humna loltuu kana jalaa utuu hin dheeffin,mee muki tokko bosona kana keessaa haa cittu jedhee eeggachaa akka jiru qeerroon gabaaseera.

Aanaa Abbaay Coomanitti abbootii Warraa 3000 buqqisuuf qophaa’an.

Abbaay Cooman, Horroo Guduruu Wallaggaa, Oromia

 In Abbaay Cooman, Horroo Guduruu Wallaggaa, Oromia, 3000 indigenous Oromo families to be evicted from their native land.

(OMN:Oduu Sadaasa 30, 2015): Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Abbay Coomanitti abbootiin warraa, kuma sadii gahan  akka qe’ee isaanii gad dhiisuun bakka  biraa qubatan ajajni darbe.

Jiraatonni aanichaa gama isaaniin bakka deemnu hin qabnu jechuun mormaa akka jiran OMN tti himan.

Godina Horro Guduruu Wallagaatti jiraataan aanaa Abbay Coomman Magaalaa Kuyyisaa tokko akka OMN tti himanitti warshaan shukkaara Finci’aa waan babbalataa jiruuf jiraatooni Aaanichaa kuma sadii gahan akka bakka biraa qubataniif yemmuu mariisisuuf yaalametti ummanni waltajjii dhiisee bahuu himan.

Gaaffiin jiraatoota kanaa bakka  itti  qubbattu  jedhame sana  bu’uuraaleen misoomaa waan hin jirreef  akkamiin jiraanna kan jedhuu dha.

Umamnni Magaala Kuyyisaa fi naannawa ishee jiraatan walgayii sana irratti yaada kennaniin hanga Mootummaan bakka itti quubatan kennuufitti akka qe’ee isaanii irra hin buqqaanne beeksisuun walgayii sana dhiisanii akka bahan jiraataan kun OMN tti himaniiru.

Alamaayyoo Qannaatiin.