jump to navigation

Waaqa Garaa Gurraachaa. #Oromia #Oromo December 25, 2014

Posted by OromianEconomist in 10 best Youtube videos, Africa, African Beat, African Literature, Culture, Mammaaksa Oromoo, Oromo Culture, Qaallu Institution, Safuu: the Oromo moral value and doctrine, Seera Yaayyaa Shananii, The Oromo Theory of Knowledge, Waaqeffanna (Oromo ancient African Faith System).
Tags: , , , , , , , , , , , ,
add a comment

O

 

Waaqa Garaa Gurraachaa

Dhufeeraa Birraasaa irra

@ Finfinne Tribune,  Gadaa.com

Waaqa garaa gurraachaa, tokkicha maqaa dhibbaa jechuun abbootii fi haadholii keenya taranii fi jiran gidduutti beekamaadha. Garuu Oromoon keenya heedduun baroottan dhihoon asitti ‘Waaqa garaa gurraachaa’ jecha jedhu lagatee akka Waaqa tolfamaatti utuu abaaruu nidhageenya.

Waaqayyo tokkichuma, maqaansaa garuu heedduudha. Oromoof ‘Waaqa garaa gurraachaa’ jechuun ‘Waaqa garaa qulqulluu’ jechuu waliin walqixxeedha. Fakkeenyaaf:

1. Ani bishaan gurraacha malee wanta tokkollee hindhugne
2. Irra deebi’een ija gurraachaan ilaala
3. Daa’ima garaa gurraachaa hinsookka’in

Kanaafuu ‘Waaqa garaa gurraachaa’ keessatti ‘garaa gurraachaa’ kan jedhu eenyummaa Waaqayyoo kan ibsuudha malee Waaqa tolfamaa miti.

Waaqa Garaa Gurraachaa

Gaaffii sammuu namaa Waaqa dhibdee furu
Kan sooressaaf deegaan itti hirkatee bulu
Hiyyeessi fala dhabe kan itti kufee ‘ncabne
Waaqa garaa gurraachaa qulqulluu dhibee ‘nqabne

Waaqa ‘bbaa kootii, abbaa Qajeelaaf Margaa
Abbaa Tulluuwwanii, abbaa Malkaa
Qulqulluu ta’uu kee kaanaafan faarfadhe
Ibsa maqummaa kees kaanaafan jaalladhe

Warra hinbeeknetu haxxummaa nacaalee
Ija beekumsa koo ukkaamsee awwaale
Hinbeektu jennaanan barnoota eegale
Gowwummaa jaraatu natti galagale

Yemmuu hongeen horii koo akka malee qunciste
Bokkaa kee naaroobsitee daa’imakoo guddiste
Waaqa ‘nbeektu jedhanii maaliif sammuu najeequ
Tokkicha maqaa dhibbaa akkamittan sihinbeeku?

Aannan, itittuu, cuukkoo fi caccabsaa
Ancootee, marqaa, cumboo fi burqumsaa
Akkuman warra koorraa Waaqummaa kee baradhe
Gaarummaa keen raja kanan qabu qabadhee

Mana koorraa deebisi awwaaldiigessaaf fuutuu
Karaa kee maalan dhabe yaabbaa hundumaan guutuu
Kan ati biqilchite hojii harka kee keessaa
Irreessa koo qabadheen galata siidhiheessa

Abjuu gadhee baqii hirkatanii mugu
Garaa ofii shakkii heexoo itti dhugu
Garaa koo caalaayyuu angaraa kee fedhee
Waaqa garaa qulqulluu kanaafan siin jedhe

………………………………………………………………………………….

………………………………………………………………………………………..

Dhufeeraa Birraasaa irra

@ Finfinne Tribune,  Gadaa.com

http://finfinnetribune.com/Gadaa/2014/12/dhufeeraa-birraasaa-waaqa-garaa-gurraachaa/