Shukrii Jamaal: ‘Ammayyaa Bulloo Boshee’: New Oromo Music Premier July 19, 2016
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa, Artist Shukriii Jamaal: Oromo music, Kemetic Africa music, Music, Oromia, Oromo music, Oromo music and Oromo identity, Weellisaa Shukrii Jamaal
1 comment so far
Ammayyaa Bulloo Boshee
Kuulanii koo,
Bareedduu xiqqoo rosee.
Manaa hin baatu jedhanii
Gabaa hin baatuu jedhanii
Koo yaa hintaloo,
Kan si eegu gutuntumaa
Namaa hin naatu jedhanii
Maal wayyaa koo
Kan odeessan dhuguma moo
Sifan kophaa gunguma anoo.
Arjoo fi Begii Naqamtee,
Shaambuu fi Horroon imaltee,
Waan ofii koo maaloo,
Lafa qeerroon dhaadatuu,
Waan barbadde si bitaa,
Wanta feete si bitaa,
Ati tiiyya taanaan isa yaanni jaallatuu.
Ichilbee daarii Gobbuu,
Maroolee koo maaloo,
Ya sinnaara sararaa,
Sitti obsee kee na godhuu,
Waan ofii koo maaloo,
Waltaana baranaa.
Jaarsi sawwan yaafatee,
Maroolee koo,
Dirreetti ooffatee dheechisaa,
Wayi nama wal jaallatee,
Waan ofii koo maaloo,
Ija irratti beeksisaa.
Ammayyaa Bulloo Boshee
Kuulanii koo,
Bareedduu xiqqoo rosee.
Maal wayya magaaltittii,
Najjoo irraa moo Ginbitti si eegaa,
Eessatti naaf dhuftaa,
Barrisii na koottuu,
Yoo tiyya taatee,
Maaliif na dhibsitaa………..
……………………
Related:-
Oromia: OBS:Harka Fuune, Weellisaa Shukrii Jamaal November 25, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa Beat, Artist Shukriii Jamaal: Oromo music, Harka Fuune, Music of Oromia, OBS, Weellisaa Shukrii Jamaal
add a comment
You must be logged in to post a comment.