Oromiyaa, Official Music,Isqiyaas Mazammir November 10, 2018
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa Beat, Africa music, Music, Oromo music
add a comment
Saliha Sami: New Oromo Music: Jennaan Jenne Malee Diinni Fira Hintahu May 13, 2017
Posted by OromianEconomist in Muscians and the Performance Of Oromo Nationalism, Music, Saliha Sami.Tags: Africa Beat, Diinni fira hintahu, Music, Music of Oromia, Oromo, Oromo artist Saliha Sami, Oromo music, Oromo music and Oromo identity, Saliha Sami
add a comment
Nuti Oromooni: New Oromo Music By Guddinaa Mulunaa, Yai Gulalle Film May 2, 2016
Posted by OromianEconomist in Oromo Music.Tags: Africa Beat, Guddinaa Mulunaa, Nuti Oromooni: New Oromo Music By Guddinaa Mulunaa, Oromo music, Oromo music and Oromo identity, Yai Gulalle Film
add a comment
Oromo Films: Amensisa Ifa wins ‘Best Director’ at the first Tom Film Awards March 7, 2016
Posted by OromianEconomist in African Beat, African Music, Oromo Art, Oromo Artists, Oromo film andDrama, Oromo films.Tags: Africa, Africa Beat, Amensisa Ifa wins ‘Best Director’ at the first Tom Film Awards, Oromia, Oromo film and Drama, Oromo films, Oromo music, Oromo music and Oromo identity
add a comment

Amensisa Ifa producer of “Maalan Jiraa?” and many other movies & TV Series, wins Best Director at the first Tom Film Awards! Amensisa Ifa have been working with TVO & ETV(EBC) as an Editor. Currently He is working with BBC Media Action and editing a TV series drama DHEEBUU, which is about of 80 episodes, broadcast on TVO.
I’m excited to win Best Director at the first Tom Film Awards! Thank you everyone for your continued support! Amensisa Ifa
Anaaf Amansiisaan Qeerransa!
Aadaafi Aartiin Oromoo yeroo ammaa maalirra jira, garamittis arreedaa jira? Guddina amma irra ga’eef artistoota keenya gameeyyii kan akka Alii Birraafi Admaasuu (Abbaa Lataa) fa’aa yoo kaasne, dhaloota keenya har’ammoo eenyuunfaa haa jennu?. Isinumti ofiif itti guuttadhaa…! Guddina Aartii keenyaa dudduubas daarekteerotaafi gulaaltota(editors) fiilmii immoo milkaa’ina aartii keenya kanaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiranis qabna.
Kennaafi ogummaa Waaqni kenneefitti cichee aartii sabasaa guddisuuf onnatee, homaa utuu hin ko’oommatiin bu’aa ba’ii ba’ee, sirba Haacaaluu “Maalan jiraan” tokko jedhe.
Sirbi kun ga’umsa ogummaasaan ummanni Oromoo baddaa hanga gammoojjiitti beekamtii itti kenneef isa duraa haa ta’u malee, fiilmiiwwan dokumenterii hedduufi diraamawwan TV kannen akka DHEEBUU editarummaan ykn gulaaluudhaan hirmaachaa jira. Ogummaan daarekterummaa (qajeelchuu) yaaddawwan barreessitonniifi weellistootni qopheessanii lubbuu itti godhanitti foon horuun/ijaaruun argaa dhageettii daawwattootaa qalbii fuudhudha. Ogummaan kun artistoota Oromoo hedduu qabnu keessatti baay’inaan kan hin mul’anneedha. Gama kanaan Amansiisaa Ifaa dargaggoo onnataa jabana kanaa Waaqni Oromoof kaase.
Dhabbanni leenjii Vidiyoogiraafiifi Footoogiraafii Toomii sanbata darbe badhasa ‘Tom Film Awards’ jedhamu yeroo jalqabatiif sadarkaa biyyaatti qopheessee ture. Sirna kanarratti fiilmiwwaan 12 ol ta’an akka biyyaatti filatamanii gosoota dorgommii 7 morkatameera.Badhaasa kanas bu’aa dhaloota qubee kan ta’e dargaggeessi qaroo Oromoo Amansiisaa Ifaa mo’achuu danda’eera. Dorgommii kanarratti Amansiisaan Daayirekteera Cimaa bara 2015 ta’uudhaan filatameera. Kana keessaa eegaa daayirekteera cimaa bara 2015 jedhuun ilmi Oromiyaan miixuu cimaan deesse, gadadoo fi rakkina cimaan dadhabdee asiin geesifatte Amansiisaan 1ffaa ta’uudhaan badhaasa qophaa’eef olaantummaan fudhachuu kan danda’e.
Sirni badhaasaa kun Bitootessa 5, 2016 magaalaa Finfinnee galma tiyaatira Biyyoolessaatti kan raawwatame yoo ta’u, keessummoonni ogummaa filmii adda addaa qaban biyyitti keessaa jiran filmiwwan dhiyaatan irratti guyyoota dheeraaf gamaagama erga geggeesanii boodee guyyaa dhumaas ammoo vidiyoo gabaabaa filmiwwanii erga dawwatanii kana irrattis yaadni kennamee booda ture Amansiisaan ummata sana hundumaa amansiisee mo’achuu kan danda’ee uummata Oromoof ammoo ilma ittin boonan ta’e.
Amansiisaan mallattoo qulqullina aartii Oromooti, sababiinsaa hojiiwwan hanga ammaatti hojjetee ummataan ga’e keessatti xiyyeeffannoo guddaa kennudhaan qulqulliinaa fi injifannoodhaan xumureera. Amansiisaan sirba Hacaaluu “Maalan Jiraa?” jedhu irratti yaadaa fi qalbiii uummataa Oromoo seenee; itti aansuun sirba weellisaa angafaa fi beekamaa Zarihun Wadaajoo “Hin Oolu” jedhu irratti ammoo dhama aartii isaa lammaffaa nu dhandhamachiise. Itti aansuudhaan hojii weellisaa Kamaal Ibraahim fi Shukurii Jamaal “Dubbii Lafaa…” jedhuun ammoo ogummaa isaa deebisee mirkaneesse.
Katabbii koo kanaan hojiiwwan Amansiisaan aartii Oromoo keessatti gumacheefi gumaachaa jiru isiniif himuuf utuu hin taane, injifannoon kun kan uummata Oromoo ta’uusaa isin hubachiisuufi. Oromoo marti dargaggoo kanaan boonuu qaba. Dargaggoonni dhaloonni qubee ammoo qeerransa keenya kanaa faana dha’uun kallattii irratti bobba’ee hojjechaa jirurratti cichee qeerransa ta’uu qaba.
Hojiiwwan isaa armaan gadii Youtube Chanaalii isaa irraa dawwadhaa dawwadhaa!
Linkiin Kunooti
Malaan Jiraa
Hin Oolu
Dubbii Lafaa
Irreecha: Color & Treasure of Oromo
Anaaf Amansiisaan Qeerransa!
Horaa Bulaa Deebanaa
Gadaan Gadaa Bilisummaatti
Gammadaa Olaanaa
Oromia: OBS:Harka Fuune, Weellisaa Shukrii Jamaal November 25, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa Beat, Artist Shukriii Jamaal: Oromo music, Harka Fuune, Music of Oromia, OBS, Weellisaa Shukrii Jamaal
add a comment
Iyyaasee: Firaol Debere, ‘Iyyaasee’ New Oromo/ Oromia Music October 16, 2015
Posted by OromianEconomist in Uncategorized.Tags: Africa Beat, FRAOL DEBERE, Iyyaasee, Oromia in music, Oromo music, Oromo music and Oromo identity
add a comment
World Premiere | Seenaa Solomoon’s Single Oromo Music: “AKKAMIIN DIINA GOMBISU?!” June 15, 2015
Posted by OromianEconomist in African Beat, African Music, Inspirational Oromo Women, Musicians and the Performance of Oromo Nationalism, Oromo Music, Seena Solomon, Viva Oromia.Tags: Africa, Africa Beat, AKKAMIIN DIINA GOMBISUU, Musicians and the Performance of Oromo Nationalism, Oromia, Oromia’s lyrical stanza: Haacaaluu Hundessaa’s music video:“Maalan Jira …?, Oromo, Oromo culture, Oromo music and Oromo identity, Seena Solomon
add a comment
Oromia’s lyrical stanza: Haacaaluu Hundessaa’s music video:“Maalan Jira …?”:Diiganii gaara sanaa, gaara diigamuu hin mallee, nu baasaan addaan baanee, nuu addaan bayuu hin mallee June 9, 2015
Posted by OromianEconomist in Africa, African Beat, Haacaaluu Hundeessaa, Muscians and the Performance Of Oromo Nationalism, Oromo Artists, Oromo Culture, Oromo Music.Tags: Africa, Africa Beat, African Studies, Artist Hacaaluu Hundessaa, Musicians and the Performance of Oromo Nationalism, Oromia, Oromia's lyrical stanza, Oromo music and Oromo identity, Oromo people, Oromummaa
add a comment
Laal Galoo too,
Gullaalleen kan Tufaa
Laal Galoo too,
Gaara Abbichuuti turii
Laal Galoo too,
Galaan Finfinnee maar….. seeee
Laal Galoo too,
Silaa akka jaalalaa wal irraa hin fagaannuu
Laal Galoo too,
Jarati nu fageessee……!!!
………………………………………………………………….2x..
Diiganii gaara sanaa, Gaara diigamuu hin-mallee,
Nu baasaan addaan baanee, nuu addaan bayuu hin-mallee.
…………………………………………………………………….
Soorettii haadha sooree, irbaanni-rra-buusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii, kan gar gar nu baasan jaraa—yii
………………………………………………………………………
Koo Galaanee tiyyaa,
Qotiyyoon abbaan didaa, yaa didaa harqootaa keessaa,
Koo Galaanee tiyyaa,
Qorra baraan dadhabee, morma kee jalattan dheessaaa…!!
Koo Galaanee tiyyaa,
Sululta loon hin tiksuu darabaatti galchiisaa,
Koo Galaanee tiyyaa,
Yooman dhufee si argaa ani si irraa fagoon jiraa.
…………………………………………………………………………………
Maalan jiraa, maalan, jiraa, maalan jiraa,
Yaa Gaa-laa-nee
Maalan jiraa maalan, maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa
Ani hin jiruu… Ani hin jiruu,
Yaa Gaalaane,
Kukkutee na nyaate xurii
Qotee qotee namichi qotee namichi sanyii darbatee
Yaa Gaalaanee,
Qotee qotee namichi qotee qotee sanyii darbatee
Yaa Gaalaanee
Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee,
………………………………………………………………………………….
Koo Galaanee tiyyaa,
Farda siidaaf kaafanii, siidaa dabaliif suurii
Koo Galaanee tiyyaa
Erga nu dangeessanii barri turee buubbulee
Koot Galaanee tiyyaa,
Woddeessi ciraa gubee, Amboo irraa calaaqqisee
Narraa fagaattee jedhee si yaaduun kiyya yoom hafee??
……………………………………………………………………………….
Maalan hafee, maalan…hafee, maalan hafe
yaa Gaalaanee..
Maalan hafee, Caccabsee na nyaate lafee…….!!
Ani hin jiruu, ani, hin jiruu, Ani hin jiruu, Anii
Yaa Gaalaane
Kukkutee na nyaate xurii
Yaa Gaalaane
Cuwwaa cuwwaa jettii, simbirrooni halkanii,
Yaa Gaalaanee,
Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii
Nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii
Yaa Gaalaanee
Maalan jiraa maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa…..2x
Ani hin jiruu, Ani hin jiruu.. yaa Gaal-aanee
Ani hinjiruu maalan jira kukkutee na nyaatee xurii…
Qotee qotee namichi,
yaa Gaalaane,
Qotee qotee namichi sanyii darbatee
Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee….
Yaa Gaalaanee
Maalan jiraa, caccabsee na nyaatee jiraa….
30 Still Frames (Photos) from Haacaaluu’s “Maalan Jira …?” Music Video by Director/Editor Amansiisaa Ifaa & Cinematographer Tasfaayee Afuwarq
In addition to the lyrical and melodic richness of the recently released Haacaaluu Hundessaa’s “Maalan Jira …?” Oromo music video, imagery has also played a powerful role in making the music video become an instant hit. The following are the cinematographically rich 30 still frames (screen captures) from the music video by Director/Editor Amansiisaa Ifaa and Cinematographer Tasfaayee Afuwarq.
You must be logged in to post a comment.