jump to navigation

Oromo Films: Amensisa Ifa wins ‘Best Director’ at the first Tom Film Awards March 7, 2016

Posted by OromianEconomist in African Beat, African Music, Oromo Art, Oromo Artists, Oromo film andDrama, Oromo films.
Tags: , , , , , , ,
trackback
Odaa Oromoo
Amensisa Ifa wins ‘Best Director’ at the first Tom Film Awards
Gibe.Tube, 6 March 2016

Amensisa Ifa producer of “Maalan Jiraa?” and many other movies & TV Series, wins Best Director at the first Tom Film Awards! Amensisa Ifa have been working with TVO & ETV(EBC) as an Editor. Currently He is working with BBC Media Action and editing a TV series drama  DHEEBUU, which is about of 80 episodes, broadcast on TVO.

Amensisa Ifa wins ‘Best Director’ at the first Tom Film Awards

 

I’m excited to win Best Director at the first Tom Film Awards! Thank you everyone for your continued support!  Amensisa Ifa


 

Anaaf Amansiisaan Qeerransa!

Aadaafi Aartiin Oromoo yeroo ammaa maalirra jira, garamittis arreedaa jira? Guddina amma irra ga’eef artistoota keenya gameeyyii kan akka Alii Birraafi Admaasuu (Abbaa Lataa) fa’aa yoo kaasne, dhaloota keenya har’ammoo eenyuunfaa haa jennu?. Isinumti ofiif itti guuttadhaa…! Guddina Aartii keenyaa dudduubas daarekteerotaafi gulaaltota(editors) fiilmii immoo milkaa’ina aartii keenya kanaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiranis qabna.

Keessumaa yeroo guddinni aartii Oromoo boqonnaa harawaa eegale kanatti dargaggoota Oromoo dhaloota qubee ogummaa ykn kennaa adda addaa qabanitti cichanii qeerransa ta’an hedduu Waaqni nuuf kenneera.
Kennaafi ogummaa Waaqni kenneefitti cichee aartii sabasaa guddisuuf onnatee, homaa utuu hin ko’oommatiin bu’aa ba’ii ba’ee, sirba Haacaaluu “Maalan jiraan” tokko jedhe.

Sirbi kun ga’umsa ogummaasaan ummanni Oromoo baddaa hanga gammoojjiitti beekamtii itti kenneef isa duraa haa ta’u malee, fiilmiiwwan dokumenterii hedduufi diraamawwan TV kannen akka DHEEBUU editarummaan ykn gulaaluudhaan hirmaachaa jira. Ogummaan daarekterummaa (qajeelchuu) yaaddawwan barreessitonniifi weellistootni qopheessanii lubbuu itti godhanitti foon horuun/ijaaruun argaa dhageettii daawwattootaa qalbii fuudhudha. Ogummaan kun artistoota Oromoo hedduu qabnu keessatti baay’inaan kan hin mul’anneedha. Gama kanaan Amansiisaa Ifaa dargaggoo onnataa jabana kanaa Waaqni Oromoof kaase.
Dhabbanni leenjii Vidiyoogiraafiifi Footoogiraafii Toomii sanbata darbe badhasa ‘Tom Film Awards’ jedhamu yeroo jalqabatiif sadarkaa biyyaatti qopheessee ture. Sirna kanarratti fiilmiwwaan 12 ol ta’an akka biyyaatti filatamanii gosoota dorgommii 7 morkatameera.Badhaasa kanas bu’aa dhaloota qubee kan ta’e dargaggeessi qaroo Oromoo Amansiisaa Ifaa mo’achuu danda’eera. Dorgommii kanarratti Amansiisaan Daayirekteera Cimaa bara 2015 ta’uudhaan filatameera. Kana keessaa eegaa daayirekteera cimaa bara 2015 jedhuun ilmi Oromiyaan miixuu cimaan deesse, gadadoo fi rakkina cimaan dadhabdee asiin geesifatte Amansiisaan 1ffaa ta’uudhaan badhaasa qophaa’eef olaantummaan fudhachuu kan danda’e.

Filmiin Amansiisaan garee isaa waliin fudhatee dorgommiif dhiyaate waa’ee faalama qillensaa irratti kan xiyyeefate yoo ta’u, turtii daqiiqaa 5 fi sekoondii 45 qaba ture. Akkuma beekamu hojiin filmii gareedhaan kan hojjetamu yoo ta’ullee, daayrekteerummaan ija fiilmii tokkootti murteen isaa fiilmii sana bareechuus balleessuus danda’a. Amansiisaan immoo dhimma akkanaa irratti iji isaa qarameera. Kanarra ka’uudhanis badhasaaf ga’e.

Sirni badhaasaa kun Bitootessa 5, 2016 magaalaa Finfinnee galma tiyaatira Biyyoolessaatti kan raawwatame yoo ta’u, keessummoonni ogummaa filmii adda addaa qaban biyyitti keessaa jiran filmiwwan dhiyaatan irratti guyyoota dheeraaf gamaagama erga geggeesanii boodee guyyaa dhumaas ammoo vidiyoo gabaabaa filmiwwanii erga dawwatanii kana irrattis yaadni kennamee booda ture Amansiisaan ummata sana hundumaa amansiisee mo’achuu kan danda’ee uummata Oromoof ammoo ilma ittin boonan ta’e.
Amansiisaan mallattoo qulqullina aartii Oromooti, sababiinsaa hojiiwwan hanga ammaatti hojjetee ummataan ga’e keessatti xiyyeeffannoo guddaa kennudhaan qulqulliinaa fi injifannoodhaan xumureera. Amansiisaan sirba Hacaaluu “Maalan Jiraa?” jedhu irratti yaadaa fi qalbiii uummataa Oromoo seenee; itti aansuun sirba weellisaa angafaa fi beekamaa Zarihun Wadaajoo “Hin Oolu” jedhu irratti ammoo dhama aartii isaa lammaffaa nu dhandhamachiise. Itti aansuudhaan hojii weellisaa Kamaal Ibraahim fi Shukurii Jamaal “Dubbii Lafaa…” jedhuun ammoo ogummaa isaa deebisee mirkaneesse.

Kana malees dookumantarii gababaa waa’ee Irreechaa irratti xiyyeefate ‘Irreechaa: Color & Treasure of Oromo’ jedhuun tokkummaa uummata Oromoo fi miidhagina Oromoo agarsiisuu danda’eera. Amansiisaan hojiiwwan isaa kanneen fakkeenyummaa guddaafi artiistoota, daayirekteeroota fi weellistoota birootiif barnoota kan kennedha.

Katabbii koo kanaan hojiiwwan Amansiisaan aartii Oromoo keessatti gumacheefi gumaachaa jiru isiniif himuuf utuu hin taane, injifannoon kun kan uummata Oromoo ta’uusaa isin hubachiisuufi. Oromoo marti dargaggoo kanaan boonuu qaba. Dargaggoonni dhaloonni qubee ammoo qeerransa keenya kanaa faana dha’uun kallattii irratti bobba’ee hojjechaa jirurratti cichee qeerransa ta’uu qaba.

Hojiiwwan isaa armaan gadii Youtube Chanaalii isaa irraa dawwadhaa dawwadhaa!
Linkiin Kunooti
Malaan Jiraa
Hin Oolu

Dubbii Lafaa
Irreecha: Color & Treasure of Oromo

Anaaf Amansiisaan Qeerransa!
Horaa Bulaa Deebanaa
Gadaan Gadaa Bilisummaatti
Gammadaa Olaanaa

 

 

 

Comments»

No comments yet — be the first.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: