jump to navigation

Oromo Films: Amensisa Ifa wins ‘Best Director’ at the first Tom Film Awards March 7, 2016

Posted by OromianEconomist in African Beat, African Music, Oromo Art, Oromo Artists, Oromo film andDrama, Oromo films.
Tags: , , , , , , ,
add a comment
Odaa Oromoo
Amensisa Ifa wins ‘Best Director’ at the first Tom Film Awards
Gibe.Tube, 6 March 2016

Amensisa Ifa producer of “Maalan Jiraa?” and many other movies & TV Series, wins Best Director at the first Tom Film Awards! Amensisa Ifa have been working with TVO & ETV(EBC) as an Editor. Currently He is working with BBC Media Action and editing a TV series drama  DHEEBUU, which is about of 80 episodes, broadcast on TVO.

Amensisa Ifa wins ‘Best Director’ at the first Tom Film Awards

 

I’m excited to win Best Director at the first Tom Film Awards! Thank you everyone for your continued support!  Amensisa Ifa


 

Anaaf Amansiisaan Qeerransa!

Aadaafi Aartiin Oromoo yeroo ammaa maalirra jira, garamittis arreedaa jira? Guddina amma irra ga’eef artistoota keenya gameeyyii kan akka Alii Birraafi Admaasuu (Abbaa Lataa) fa’aa yoo kaasne, dhaloota keenya har’ammoo eenyuunfaa haa jennu?. Isinumti ofiif itti guuttadhaa…! Guddina Aartii keenyaa dudduubas daarekteerotaafi gulaaltota(editors) fiilmii immoo milkaa’ina aartii keenya kanaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiranis qabna.

Keessumaa yeroo guddinni aartii Oromoo boqonnaa harawaa eegale kanatti dargaggoota Oromoo dhaloota qubee ogummaa ykn kennaa adda addaa qabanitti cichanii qeerransa ta’an hedduu Waaqni nuuf kenneera.
Kennaafi ogummaa Waaqni kenneefitti cichee aartii sabasaa guddisuuf onnatee, homaa utuu hin ko’oommatiin bu’aa ba’ii ba’ee, sirba Haacaaluu “Maalan jiraan” tokko jedhe.

Sirbi kun ga’umsa ogummaasaan ummanni Oromoo baddaa hanga gammoojjiitti beekamtii itti kenneef isa duraa haa ta’u malee, fiilmiiwwan dokumenterii hedduufi diraamawwan TV kannen akka DHEEBUU editarummaan ykn gulaaluudhaan hirmaachaa jira. Ogummaan daarekterummaa (qajeelchuu) yaaddawwan barreessitonniifi weellistootni qopheessanii lubbuu itti godhanitti foon horuun/ijaaruun argaa dhageettii daawwattootaa qalbii fuudhudha. Ogummaan kun artistoota Oromoo hedduu qabnu keessatti baay’inaan kan hin mul’anneedha. Gama kanaan Amansiisaa Ifaa dargaggoo onnataa jabana kanaa Waaqni Oromoof kaase.
Dhabbanni leenjii Vidiyoogiraafiifi Footoogiraafii Toomii sanbata darbe badhasa ‘Tom Film Awards’ jedhamu yeroo jalqabatiif sadarkaa biyyaatti qopheessee ture. Sirna kanarratti fiilmiwwaan 12 ol ta’an akka biyyaatti filatamanii gosoota dorgommii 7 morkatameera.Badhaasa kanas bu’aa dhaloota qubee kan ta’e dargaggeessi qaroo Oromoo Amansiisaa Ifaa mo’achuu danda’eera. Dorgommii kanarratti Amansiisaan Daayirekteera Cimaa bara 2015 ta’uudhaan filatameera. Kana keessaa eegaa daayirekteera cimaa bara 2015 jedhuun ilmi Oromiyaan miixuu cimaan deesse, gadadoo fi rakkina cimaan dadhabdee asiin geesifatte Amansiisaan 1ffaa ta’uudhaan badhaasa qophaa’eef olaantummaan fudhachuu kan danda’e.

Filmiin Amansiisaan garee isaa waliin fudhatee dorgommiif dhiyaate waa’ee faalama qillensaa irratti kan xiyyeefate yoo ta’u, turtii daqiiqaa 5 fi sekoondii 45 qaba ture. Akkuma beekamu hojiin filmii gareedhaan kan hojjetamu yoo ta’ullee, daayrekteerummaan ija fiilmii tokkootti murteen isaa fiilmii sana bareechuus balleessuus danda’a. Amansiisaan immoo dhimma akkanaa irratti iji isaa qarameera. Kanarra ka’uudhanis badhasaaf ga’e.

Sirni badhaasaa kun Bitootessa 5, 2016 magaalaa Finfinnee galma tiyaatira Biyyoolessaatti kan raawwatame yoo ta’u, keessummoonni ogummaa filmii adda addaa qaban biyyitti keessaa jiran filmiwwan dhiyaatan irratti guyyoota dheeraaf gamaagama erga geggeesanii boodee guyyaa dhumaas ammoo vidiyoo gabaabaa filmiwwanii erga dawwatanii kana irrattis yaadni kennamee booda ture Amansiisaan ummata sana hundumaa amansiisee mo’achuu kan danda’ee uummata Oromoof ammoo ilma ittin boonan ta’e.
Amansiisaan mallattoo qulqullina aartii Oromooti, sababiinsaa hojiiwwan hanga ammaatti hojjetee ummataan ga’e keessatti xiyyeeffannoo guddaa kennudhaan qulqulliinaa fi injifannoodhaan xumureera. Amansiisaan sirba Hacaaluu “Maalan Jiraa?” jedhu irratti yaadaa fi qalbiii uummataa Oromoo seenee; itti aansuun sirba weellisaa angafaa fi beekamaa Zarihun Wadaajoo “Hin Oolu” jedhu irratti ammoo dhama aartii isaa lammaffaa nu dhandhamachiise. Itti aansuudhaan hojii weellisaa Kamaal Ibraahim fi Shukurii Jamaal “Dubbii Lafaa…” jedhuun ammoo ogummaa isaa deebisee mirkaneesse.

Kana malees dookumantarii gababaa waa’ee Irreechaa irratti xiyyeefate ‘Irreechaa: Color & Treasure of Oromo’ jedhuun tokkummaa uummata Oromoo fi miidhagina Oromoo agarsiisuu danda’eera. Amansiisaan hojiiwwan isaa kanneen fakkeenyummaa guddaafi artiistoota, daayirekteeroota fi weellistoota birootiif barnoota kan kennedha.

Katabbii koo kanaan hojiiwwan Amansiisaan aartii Oromoo keessatti gumacheefi gumaachaa jiru isiniif himuuf utuu hin taane, injifannoon kun kan uummata Oromoo ta’uusaa isin hubachiisuufi. Oromoo marti dargaggoo kanaan boonuu qaba. Dargaggoonni dhaloonni qubee ammoo qeerransa keenya kanaa faana dha’uun kallattii irratti bobba’ee hojjechaa jirurratti cichee qeerransa ta’uu qaba.

Hojiiwwan isaa armaan gadii Youtube Chanaalii isaa irraa dawwadhaa dawwadhaa!
Linkiin Kunooti
Malaan Jiraa
Hin Oolu

Dubbii Lafaa
Irreecha: Color & Treasure of Oromo

Anaaf Amansiisaan Qeerransa!
Horaa Bulaa Deebanaa
Gadaan Gadaa Bilisummaatti
Gammadaa Olaanaa

 

 

 

Oromians pay tribute to their artist icon and Comedy genius: Hayyuun Sabaa fi Jaallatamaa Kennaa Addaa Kan Qabu Artist Admaasuu Biraanuu Magarsaa (Abbaa Lataa) Boqochuun Ibsame February 18, 2016

Posted by OromianEconomist in Oromo, Oromo film andDrama.
Tags: , , , , , ,
add a comment

Odaa OromooOromo artist icon and Comedian Biraanuu Admasuu ( Abbaa Lataa)

Oromo artist icon and comedic genius, Admaasuu Biraanuu  Magarsaa (Abbaa Lataa), 1956 – 2016.

Biyyoon Isatti Haa Salphatu.

May His Soul Rest In Peace.

 


 

Oduu Gaddaa: Hayyuun Sabaa fi Jaallatamaa Kennaa Addaa Kan Qabu Artist Admaasuu Biraanuu Magarsaa (Abbaa Lataa) Boqochuun himame.

Artistii Beekamaa fi jallatamaa Admaasuu Biraanuu Magarsaa Guraandhala 14 bara 2016 galagala summ’ii diinann du’e reeffii Isaa mana isa keessaa argamuun ibsame. Matii Isaa fi Uummata Oromoo maraaf Hayyuu Dhabneef Waaqayyo Jajjabina Isaa Nuu Haa Kennu.


 

The Measure of a man: Not – “how did he die” But – “how did he live” Not – “what did he gain” But – “what did he give” These are the units to measure the worth of a man, as a man, Regardless of birth.


 

Artist Admaasuu Biraanuu Magarsaa: Pioneer and an icon of  Oromo  art, film, comedy and drama has passed away. He had played a leading role in almost all major works of Oromo films and drama and had been entertaining people for many years. Admaasuu was an amazing artist and comedian. His timeless  wonderful works will continue to entertain the generation to come. 

OMN: Oduu Gurraandhala 15,2016

 

 


 

NAGAYAAN BOQODHU

Ni boqatte jedhu
Dhugaadhaa? Abbaa Lataa
Amanuu dadhabee
Lammiin si gaafata!
Diraamaamoo fiilmii
Akkamiin amanna?
Ciistee hafte jedhu
Dhibee si mudate
Mee eenyuun gaafanna!?
Saba si jaallatuuf
Maa Garaa jabaatte?
Halkan dukkanumaan
Kan deemtee fagaatte!
Nama umurii guutuu
Aadaasaaf jiraate
Aartii isaa guddisuuf
Dabarsee of laate
Akka Nama tokkoo
Qixxee namaa duute!
Garaa jabeettittiin
Duuni maal saalfatti
Cimaa akka keetiis
Isa yaraas nyaatti
Si dhukkuba jechuu
Ani homaa hin dhageenye
Niboqatte jennaan
Amanuu hin dandeenye!
Egaa ati hin deebitu
Tarii nutu dhufa
Guca ati qabsiiste
Ifee itti fufa
Dhalachuufiin duuni
Wal qixxee jiraata
Garuu kankee kuni
Garaa nama nyaata!
Atis kunoo egaa
Qixxee namaa ciistee
Diraamaafiin baacoos
Hundumasaa dhiistee !
Lubbuukeef jannata
Maatiif jajjabina
Nuyis sabni keetii
Siin dhabuuf gaddina!



Barreessaan Roobeeraa Hinsarmuu
Yaadannoon Abbaa Lataaf


 

 

 

BORU NUUF BIQILA


(Walaloon kun artistii keenya kabajamaa fi jaalatamaa ” Admaasuu Birhaanuu/Abbaa Lataa” yaadannoo haa taatu)



Mana murtii deemee dhaddachatti ba’ee
Afaan oromoo bara yakkamaa ta’e
Yeroo kan ofiin dubbachuun nutti taate qaanii
Bara dhangaa keenya dhoksan cuqqaaluudhaan gaanii

Nuti duruu miti sanyii warra badii
Afaan oromoo qooqa eenyuu gadi?
Aartii keenya kuusuun walitti itichaa
Nu boonsiteetta hayyuu oromtichaa

Diraamaa dheeraa fi baacoo gaggababaa
Safuu oromoo fi duudhaa biyyaaf sabaa
Dhangaa lammii keetiif kaleessa arjoomte
Maqaa dhahuu laata kan sammuun yaadate?

Waaqa uumaa ibsuuf kalaqa kee addaa
Isa kaan gammoojjii warra kaaniin baddaa
Tokko sooromsitee kaan hiyyoomsaa hin turree
Mana sin bulchu abbaa hojiin burree

Nooruu yaa du’a abbaa wal qixxeessaa
Ijoollee koo ka’aa irbaata qopheessaa
Bishaan miilaas fidaa daddafaa ho’isaa
Duti murtee malee hin beeku doorsisa

Kan kee raajuma bar Ayyaantuus fakkaattee
Hucuu jaartii keetii gad baaftee uffattee
Diriirfattee teessee qaama kee hurguftee
Ana Abbaa Dumburree jechuun foffoolatte
Haati manaan kees yoo sana garmalee sodaattee
Iccitii hundumaa fuutee gadi baaftee
Mala kanaan kunoo siifis araaramte

Diraamaa kee hedduu biyyi raajeffate
Handaaqqoo fi sangaa dhaaba horii baaftee
Walitti bitadhaa adda hin baasu jettee
Nus daawwattoota kee kolfaan nu ajjeefte

Mucaa xiqqaa wayiin Luuccee jettee waamte
Obboleettuma kee tiksee seetee dhaante
Hojiin kee hundumtuu bar baraan jirata
Nagaadhaan boqodhu artist abbaa Lataa

Admaasuu Birhaanuu mootii artistootaa
Utubaa aartii qaroo oromootaa
Kan ati facaafte lammiin haamee nyaata
Kan ati hojjateen seenaan si yaadata

Lubbuu itti horte aartii oromootaa
Bakka ati hin jirre qophiitu dhaamota
Uummanni oromoo kanaaf si jaalata
Lubbuudhaan jiraadhu walakkaa jannataa

Uummanni Oromoo lakkoofsaan kitila
Bakka kee kan bu’u boru nuuf biqila



Jan 15/2016
Kaanenus Kaasaa Baayisaa tiin

New Oromo Film/Drama Premiere: DAMBALII, New Afan Oromo Drama Series on OBS, Opens in Finfinnee At Waltajjii Oromoo (Oromo National Cultural Centre) with Huge and Spectacular Ceremony July 6, 2015

Posted by OromianEconomist in Oromo Art, Oromo film andDrama.
Tags: , , , , , , , , ,
1 comment so far

???????????

DAMBALII, a new Afaan Oromoo drama series on Oromia Broadcasting Service (OBS), premiered on 28th June  2015, in Finfinnee  at Waltajjii Oromoo ( Oromo Cultural Center). Here are PREVIEW of  DAMBALII  on OBS and some pictures of  the beautiful  event.

Fiilmiin (Draamaan) Afaan Oromoo haaran Dambalii jedhamu Waxabajjii 28 Finfinnee galma Waltajjii Oromootti eebbifame. Eebba Dambalii irratti uummanni Oromoo heddumaan waan irratti  qooda fudhateef galma guutee irraa hafe. Ummanni Oromoo  Finfinnee artistoota Oromoo fi aartii Oromoo amma biqilee dagaagaa jiru deeggaruuf akkanatti qooda irratti fudhachuun isaanii kan hedduu  nama boonsu dha. Itti dabaleesi sab quunnamtii adda addaatiin namoonni hedduun eebba kana caqasuun haala kanatti akka hedduu itti gammadan hubatamee jira.

  Oromo film (drama) Priemere, Dambalii pictureOromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)1Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)2Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)3Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)4Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)5Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)7Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)8Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)9Oromo film (drama) Priemere, Dambalii opened at Waltajjii Oromoo (Oromo National Centre), Finfinnee)10